FOR BETTER OROMIA

WAA’EE UUMMATA OROMOO QUBA QABDUU

=======================================

1. Warri Awurooppaa saba Oromoo ilaalchisee akkas jedhanii akka barreessan:“Sabni Jarmanii qaroomina Awurooppaatiif gahee guddaa gumaacheera, akkasumas sabni Oromoo guddinaa fi qaroomina Afrikaatiif gahee guddaa taphateeera”.

2. Umuriin sirna Gadaa dimookraasii Giriik waggaa 3500 oliin caaluusaa.

3. Sirna guddifachaa kan jalqaba uumee fi addunyaa kan barsiise Oromoota ta’uu isaa.

4. Sirna gaadanii diinaan loluu (goruella fighting) kan fide saba Oromoo ta’uusaa.

5. Seenaa Maraatoonii keessatti dhiiranis ta’ee dhalaan ardii Afrikaa fi biyya kana yeroo jalqabaaf iddoo bu’anii kan mo’atan Oromoota ta’uu isaanii.

6. Bara durii mootiin Jarman tokko bareedina shamarree Oromootiin booji’amee akka fuudhe, isheenis Bilillee ykn Mahibuubaa ta’uushee.

7. “The highlanders of Oromo horse men played an international game in Adawa victory” jedhamee akka barreeffame.

8. Yeroo jalqabaaf kan bunni biyya isaatti margee fi akka bunni dhugamuu ykn qalamu kan baree fi barsiise saba Oromoo ta’uusaa.

9. Saba addunyaa kana keessaa yeroo Herreega urjiitiin Oromoon, “Dhaha Dhahuu” jedha. Kan dandeettii kana qaban saba Oromoo, Chaayinaa, Hindii fi Maayaa qofa ta’uusaa.

10. Akka Oromoon itti bulu, akka seera uumamaa eegee jiraatu, akka daa’ima itti guddisu, akka diina itti ofirraa lolu, akka itti wal kabajee jiraatu fi kkf…. Seera kan baase Oromticha Makoo Bilii ta’uusaa.

11. Seenaa Olompiikii keessatti dhiiranis ta’ee dhalaadhaan meetira 10,000 fi 5,000 yeroo tokkotti lamaaninuu kan mo’atan atileetota Oromoo ta’uu isaanii (Qananiisaa fi Xurunash).

12. Yeroo jalqabaaf akka Minilik mana fincaanii qotee itti fayyadamuu kan barsiise mootii Oromoo Jimmaa (Abbaa Jifaar) ta’uusaa.

13. Oromtichi Proofeesar Gabbisaa Ejjetaa yeroo dhiyoo kana sanyii bishingaa (boobee) irratti qorannoo gaggeesseen nama badhaafame yoo ta’u ardii Afrikaaf nama lammaffaa ta’uusaa.

14. Yeroo jalqabaaf xiyyaara biyya kana dhufe paayiletiin balaliise Oromoo ta’uusaa.

15. Seenaa Maraatoonii addunyaa keessatti yeroo jalqabaaf miila qullaa fiigee kan mo’ate Oromticha, Abbabaa Biqilaa ta’uusaa.

16. Fiigicha maraatoonii yeroo jalqabaaf biyya kanas ta’ee ardii Afrikaa bakka buutee Kan moo’atte Oromtittii (Faaxumaa Roobaa) ta’uushee.

17. Abbaa Bilisummaa Afrikaa Kibbaa Nelson Mandeellaa kan leenjise Oromticha Jeneraal Taaddasaa Birruu ta’uusaa,

18.Namni yeroo jalaqabaaf Afaan Oromootiif qubee bocuu yaale Sheek Bakirii Saaphaloo ta’uusaa,….

Leave a comment