FOR BETTER OROMIA

MAQAALEE KIRISTINNAA LAFA OROMOO

                                                                                          Taammanaa Bitimaa irraa

SEENSA

Mee amma waanan kanaan dura barreeffata kiyya tokko keessatti jedheenin isa harraa kana jalqaba.”Biiftuun ni baati; ni dhiiti. guyyaan guyyaatti fufeeti, torban taha. Torban immoo afur taheeti ji’a tokko guuta. Jiini sun walduraa duubaan itti-fufeetoo 12 guutuun waggaa taha. Geengoon yeroo kun itti-fufuun bardhibbee fi barkumee baay’ee qaxxaamuruun otoo hin dhaabatin gara fuulduraatti xuruura. Kana keessa  dhalli namaa dhalatee, guddatee, gayeessomee, jaarsomee, raagee du’a. Akaakuun abaabileetti, abaabileen akaakayyuutti, akaakayyuun abbaatti, abbaan ilmatti — dabruun wal-horeetoo: qeyee, ganda, laga, lookoo, aanaa, koonyaa, godinaa fi biyya guuta. Akkuma dhaloonni dhalootatti dabree deemu, akkuma barri baratti dabreetoo sokku, geeddaramni hawaasaa, mirkanaawaa deema. Kana keessa beekumsi ilmoo namaa dabalaa, dilbaawaa deemuun saayinsii fi teeknolojiin irra-caala addunyaa dhuunfachuun jiruu fi jireenya dhala namaa wayyeessaa garum fuulduraatti xuruura. Kun dhugaa waaraa waan taheef, namni kana haalullee waan jiru natti hin fakkaatu.”

Haatahu malee, sammuu fi yaanni gitoota bittee Habashaa fi kan dabtaroota isaanii kunoo otoo hin geeddaramin: barkurnee, jaaraalee fi bardhibbee hedduu qaxxaamuruun nu bira gayee jira. Tahus waan geeddaramni seera uumaa fi uumamaa taheef, isaanis gaaf tokko ni geeddaramu.

Barreeffanni harra isiniif dhiyaate kun waggaalee 30 dura kan barreeffameeyyu. Dubbiin barreeffanni kun oggaa san irratti xiyyeeffateetoo ka’e, jechuun dubbiin maqaalee lafaa kan Oromoo fi kan uummatoota Kuush fi kan warra kaanii Amaaromsuun ammallee ittuma-fufeetoo jira. Kan biraa dhiisii OPDO-n “keenya“-llee maqaalee Oromoo isaan bara mootota Amaaraa geeddaraman san gara maqaalee ganamaa, gara kan Oromootti deebisuu hin dandeenye. Dhugaa dha; OPDO-n “Adaamaa, Bishooftuu, Finfinnee, Hoolota, Hara maayaa, Adoolaa” faa jedhee barreessa, dubbata.

Ammoo, nafxanyoonni “isaa” warri Amaaraas, warri Tigrees: “Naazireet, Dabre zayit, Addis Ababaa, Gannat, Alam Maayaa, Kibra Mangist” faa jedhaniiti barreessu, dubbatu. OPDO-n “keenya” ishii tanallee gooftolii isaatiin “maal taatan abboo!”, jechuu sodaate jechaa dha. Hayyoonni Habashaas kan warra Amaaraas tahee, kan warra Tigree akkuma nafxanyootaa fi dabtaroota isaanii jarreen dubbattaafoo saniitti barreessu, dubbatusi. Maali maqaalee Oromoo fi kan warra Kuush gara kan Amaaraatti geeddaruun waan uummata Amaaraatii waa fidu itti-fakkaate moo? Amma otoo Oromoon gara baddaa Gondoritti olbayeetoo maqaalee lafaa kan isaanii geeddaruun: ”Dabra Maarqoos“-in “Laaftoo“, “Bahir Daar“-in immoo “Dambal” jedheenii ni jaalatuu? Waayee kanaa irratti callifnii fi akkuma nafxanyoota isaanii itti-fufiifni maqa-balleessii jabana mootichaa fi dargichaa kun mammaaksa Oromoo isa: “keessa keessa aduree keessi bineensa“, jedhamu tokko nama yaadachiisa.

Barreeffanni kun otoo hin kitaabeffamin hamma tokko yeroo dheeraa sammuu kiyya keessatti baatamee ture. Yeroo duraaf, akkan kana irratti waa barreessuu kan na tuqe, walmarii beektotaa fi jaarsolii Oromoo ti. Bara san Hayila Sillaaseen waan uummanni Oromoo kan naannoo Walisoo itti-ka’eef, akka jaarsoliin biyyaa jedhanitti “Waliso inni hin jaallanne sana“, “Waliso inni ekeraa Habta-Goorgisii fi ekeraa Garasuu Dhukii sodaatu sana” doowwachuuf magaalaa Walisoo seene. Oggasi kan magaalattiin “Asgorii” yookaan immoo “Asgorii Abeebee” irraa addaan-baasuuf kan “Asgorii Bachoo” jedhamutu, tan maqaan ishii jijjiiramuun kiristinaa kaatee: “Dabra Gannat” jedhamte. Asgoriin tun handhuura magaalaa Shaggar, Birbirsa (Piyaassaa) irraa kiloometira 60 fagaachuun wiirtuu Bachoo irratti argamti.

Bara san keessa gaaf tokko jaarsoliini fi gamnoonni Jahan Bachoo, Sadeen Sooddoo fi Afran Walisoo magaalaa Tullu Boolloo, mana aaddee Jifareetti walarganii waa nyaachaa, waa dhugaas akkuma amala isaanii walitti qoosaa waayee biyyaa fi waayee aadaa Oromoo haasawu ture. Booda waayeen maqaalee Oromoo geeddaruu kun kaafamee, gariin isaanii aaridhaan dubbatani. Achumaan namoota Afran Walisoo keessaa Damboobaa Cunnuggee, kan uummataan “Abbaa Likkeessaa” jedhameetoo beekamu, kan tulluu duubatti beeka jedhamu, inni gamna bara durii Biicee Maammadoo wajjin walbira qabamuuyyu: “Yaa Oromoo jarri kun jedhanii jedhanii ammammoo maqaa abbootii keenyaa geeddaruutti ka’anii?” jedhee, oggaa dubbatuun dhagaye. Damboobaa Cunnuggees tahee, namoonni gosaan Oromoo Afran Walisoo tahan, kanneen harra lakkoofsaan yoo xiqqaate, gara kuma dhibba shanii (500 000) tahan qaccee (diroo) ofii lakkaawwatanii mana 12 , 14 yookaan 16 irratti: Aabbu Walisoo, Walee Walisoo, Muunyoo Walisoo yookaan Leemman Walisoo irratti dhaabu. Kanaaf, maqaan handhuura biyya Afran Walisoo, magaalaan Walisoo “Giyoon” jedhamee bantiiwwan nafxanyootatiin jijjiiramuun, Oromoota naannoo kanaa Oromoota naannolee biroo caala kan aarsetoo isaan gube. Kan Oromoota biroo kan geeddarame maqaalee lafa isaanii callaa yoo tahu, kan Oromoota Afran Walisoo maqaa abbaa isaanis dabalata. Oromoon naannoo kanaa takkaa magaalaa Walisootiin “Giyoon” jechuun waamee hin beeku.

Akkanuma Oromoonni Torban Kuttaayee, Noonnoo fi Calliyaa faa Amboon takkaa: “Hagara Hiywoot“, Oromoonni Ada’aa, Galaanii fi Gimbichuu faa Bishooftuun “Dabra Zayit“, Oromoonni Afran Qalloo Hara Maayaan “Alam maayaa“, Oromoonni Ituu Ciroon “Asaba Tafarii“ jedhaniitoo hin beekaniiyyu. Bishooftuun warruma Amaaratiinuu kan “Dabra Zayit” heddumminaan jedhamuu jalqabde, erga Darguun “Awwaala Jagnoota” isaa, jechuun Bishooftuu Oromoo: araddaa bishaanii, araddaa jiidhinaa, waltajjii aadaa fi amantii Oromoo, dachee eebbaa xureessuun kaabbaa (lafa awwaalaa) ofii ishii taasisee asiiyyi.

Egaa ani ergan dubbii aarii isa gamnoonni Oromoo kan akka: Damboobaa Cunnuggee, Margaa Heey’ii, Guutamaa Waarii, Bitimaa Soondhessaa, Dabbabaa Gammachuu, Badhaatuu Magarsaa, Dilgaasaa Sobbooqaa, Baqqalaa Bantii, Aanaa Olqabaa faa dhagayee asiiyyi, waa barreessuuf kan summuu kiyya keessatti waa rimaaye. Booda barumsa biraatii ijoolleen baay’een magaalaa Walisoo irraa gara dira Shagaritti dabarre. Kunis ijoollee Walisoo, Bachoo, Sooddoo, Caboo fi Ammayyaa qofa otoo hin taane, oggas akka waan Waliso magaalmataa Toopphiyaa isaanii taheetti ijoolleen kutaa saddeet xumurte: Biyya Hadiyyaa, Biyya Kambaataa, Biyya Guraagee fi dabaleesoo Biyya Oromoo keessaa, Salaale irraa Ficcee faa, Meettaa Hoolataa irraa Ejeree (“Addis Alam“) fi Meettaa Aabbuu irraa immoo Sabbata irraayyi gara Walisootti ergamu turani.

Nuti akkuma Shaggar dhufnee kutaa itti-ramadamne seenneen (kutaa 11-ffaa) barsiisaan keenya kan Afaan Amaaraa nu barsiisu: “ka’aatii maqaa keessan, magaalaa irraa dhuftanii fi mana barumsaa irraa dhuftan himaddhaa” nuun jedhe. Ijoolleen dabaree dabareen kaatetoo akkuma inni jedhe sanitti, bakka irraa dhufte himatte. Booda dubbiin nu warra magaalaa Walisoo irraa dhufnee namticha san afaanfajeesse. Waan ijoolleen gariin: “Raas Goobana Daaccii Abbaa Xigguu, mana barumsa sadarkaa Lammaffaa, Waliso irraan dhufe” jetteef, waan immoo gariin “Raas Goobana Daaccii Abbaa Xigguu, mana barumsa sadarkaa Lammaffaa, Giyoon irraan dhufe” jetteef namtichi sunitti dubbiin dukkanoofte. Nuti ijoolleen Oromoo otuma walii hin galin akka waan walmariyanneetti “Waliso“ yoo jennu, ijoolleen Amaaraa immoo hundumtuu “Giyoon” jette. Booda barsiisaan sun: “maal dubbiin? Kaan Giyoon kaan immoo Waliso jedhaa, magaalaa takka irraa mitii kan dhuftan?”, jechuun nu gaafate. Ani harkaa baaseen hayyama dubbachuu argannaan: “uummanni Waliso malee, kan biraa hin jedhu. Warri gaazexaammoo Giyoon jechuun barreessa“-n jedheeni. Otoon ani dubbii afaanii harcaafaddhee hin raawwatin: “arag ahun nagaruu gabbaany, Amaaraa Amaaraaw Giyoon yilaal, Gaallaa Gaallaaw dammoo Walisoo yilaal – Ahaa amma dubbiin naaf galte. Amaarri Amaarri Giyoon jedha, Gaallaa Gaallaanimmoo Waliso jedha.”, nuun jedhe.

Ani Shaggar uummata keenyaan akkasitti jaalatamuu fi faarfamu san mucummaa kiyya irraa kaaseen beeka. Uummanni Oromoo guddichii fi gamnichi akka Shaggaritti warra Habashaatiin “Gaallaa” jedhumu, yommuun Shaggar baye hundaan dhagayaa guddaddhe. Ammoo, anaan namni kallachumatti “Gaallaa” naan jedhe barsiisaa gaafa saniiti ture. Ani Walisotti, Tullu Boolootti, Tajiitti, Giinciitti, Ambo faatti “Gaallaa” jaraa kana dhagayee hin beeku jechuutu dandayama. Nama Gondor irraa dhufeetoo biyya arrabsu, fakkeenyyaaf: abbootiin biyyaa kan magaalaa Walisoo: Baqqalaa Bantii Beellamoo Roggee faa, Hasfaaw Tasammaa Jiruu Beellamoo Roggee faa mala ittiin adaban qabuuyyu. Kunoo gaafas waan akkuma uummata keenyaa “Waliso” jenneef, dachee jagnicha Oromoo qeyee Tufaa Munaatti “Gaallaa Gaallaaw” jedhamneetoo arrabsamne. Egaa arrabsoo akkanaa faatu, otoon homaayyuu waayee qorannoo wayii hin beekin, akkan waayee kanaa duukaa-bu’u na taasise.

San booda ergan koleejii seeneen, maqaalee naannolee Oromiyaa tanneen biroos gaggaafachuun walitti qabuuf yaale. Booda immoo oggaan baqataa tahee Biyya Sudaan, Kaartum turen, isan sammuu kiyya keessatti walitti qabaddhe san waraqaa irratti facaasuu jalqabe. Kanaa achi akkuman ardii Oroppaa dhufeenan barattoota Oromoo fi kanneen biroollee gaggaafachun akkamitti akkan gadi baasu, mala dhawuu eegale. Dursee akkan gara kitaabee “Tiglaachin” jedhamtuutti ergu, kan na gorsee fi kan na jajjabeesse lubbuu isaa haa maaruu, obboo Dr. Hayilee Fidaa ture. Yeroo san uftuulummaan iliitotaa fi hayyoota Habashaa akka harraa ruuda (samii) waan hin tuqneef, baasufillee rakkoon tokkollee hin turre. Haatahu malee, akkuma qabsoon saba Oromoo fi kan uummatoota Kuush warra kaanii cimaa dhufe, oftuulummaa fi bineensummaan gita-bittee Hababshaa fi kan illiitotaa isaanii ol-tuulamaa dhufe. Mee waan hundaafuu, barreeffata kana akka sanadiitti (“document“) ilaaluun, yoo yeroon isiniif hayyame duukaa-bu’aa!

QAAMA BARREEFFATICHAA

Barreeffanni kun “Waldaa Barattoota Toopphiyaa Addunyaalessaa: (“International Ethiopian Students Association“), Damee Waldaa Barattota Toopphiyaa kan Oroppaa“, Fulbaana – Onkoloolessa bara 1973 (Sep. 1966 A.L.A.), kitaabee TIGLAACHIN jedhamtu irratti, Afaan Amaaratiin kan maxxanfamee baye ture.

Barreeffanni kun maquma kiyyaan kan baye yoo tahu, mataduree “MAQAALEE KIRISTINNA: Cunqursaa Afaanotaa fi Uummatoota Toopphiyaa Kibbaa Irratti Adeemaa Jiru” (“Ya-Simooch Kiristinnaa: Ba-Dabuub Itiyoopphiyaa Quwaanqaawoochinnaa Hizbooch Laay Ya-Mikkaahed Ciqqonaa“ jedhamu jalatti, kan dhiyaate ture. Barreeffama kana ennaa dubbiftan waan hedduu isin yaadachiisuu dandaya jedheen abdaddhaa, kunoo kanaa gaditti isiniif dhiyaatee jiraa mee ilaalaa! Barreeffamni armaan gaditti argamu kun gara Afaan Oromootti hiikamuu malee, wanni itti-dabalames, wanni irraa hirdhates hin jiru.

CUNQURSII AFAAN UUMMATOOTA TOOPPHIYAA KIBBAA IRRATTI ADEEMU*

Yeroo ammaa kana mootummaan cunqursaa Toopphiyaa maqaalee bahaa, lixaa fi kibba Toopphiyaa jiranii jijjiiruu irratti argama. Jijjiirraan maqaalee uummata hundaa caala, maqaalee uummata Oromoo balleessuu irratti bobbayaa jira.

Akkuma “Haati-manaa bulguu bulguu-dhuma” jedhamu, jalqabumaan Finfinnee isa dur irraa kaasee bakki kun ittiin waamamaa ture, gara “Addis Ababaa“-tti tan geeddarte Xaayituu turte. Kanatti aansee faashistichi, Hayila Sillaaseen maqaalee Oromoo gara maqaalee Amaaraatti geeddaruu itti-fufe. Dhugaa dubbii yoo tahe, uummanni Oromoo maqaalee isaa qofa miti kan dhabe. Qabeenya isaa, amantii isaa, aadaa isaa, afaan isaa, mirga isaa, walumaa-galatti uummanni Oromoo bilisummaa isaa bulgicha namaa, Minilikiin erga dhabee kunoo waggaalee 80 tahuuf adeema. Saboonni Toopphiyaa keessa jiran maqaalee ofi dhiisuun, ijoollee ofiitii maqaalee Amaaraa basuu irra jiru. Gartokkeen immoo maqaa isa dur bayeef gara kan Amaaraatti jijjiiruu irratti argamu. Dhugaa, ”maaliif akkana godhu?” jenneetoo gaafachuun barbaachisaa dha. Yeroo ammaa kana cunqursiin Toopphiyaa keessaa akka malee hammaatee jira. Waajjiroonni Amaara yoo tahe, yookaan akka Amaaraa yoo tahe malee, kan nama mindeessanii hin hojjachiifnetu baay’atu. Kanaaf: “maqaa koo kanaan kan ka’een, hojii dhabuun narra hin jiru“, jechuun maqaa ofii jallisuu jalqaba. Maqaa isaa jallifachuu kan hin dandeenye immoo maqaa kiristinnaa ofii filata; yookaan maqaa haaraa ofumaan ofiif baasa.

Fakkeenyaaf: Dheeressaa – Darrasa, Iddoosaa – Addis, Nagaraa – Naggara, Lammeessaa, Lammaa, Waaqoo – Waqqaa — jechuun jallisaniitoo jijjiirratu. Kan biraa hafee, mana barumsaa keessattillee barsiisaan barreessumsa (ogbarruu) yoo ijoollee qoru ijoollee maqaaleen isaanii: Raggaasaa, Hagoos, Mahaammad, Takasta,  Ramaxoo, Andaamoo, Baduggaa, Abashir — faa tahan qabxii Taamraat fi Balaachaw qixxee hin argatani. Unibarsitii Hayila Sillaassee keessatti baratan Oromoo kan Afaan Amaaratiin cimaa tahe tokko, ogbarruu Afaan Amaaratiiin ‘C’ argannaan: ”sirriittan hojjaddhewoo akkamittan kana argaddha? “, jedhee gaafannaan barsiisichi: “nabsa-abbaatummaa Gaallatii yoom daaqoniin hanqate?”, jedhee deebiseefi.

Jijjiirraan maqaalee uummatota cunqurfamoo biroo fi kan Oromoo maqaalee namaa qofa jijjiiruu irratti hin dhaabanne. Maqaaleen: magaalaa, lagaa, gaaraa, haraa, gandaa faa jijjiiramuu irra jiru. Bara dabre (1964 A.L.A.) magaalaa Dirre Dhawaa keessatti gandeen (“safaroota“) maqaalee Oromoo qaban, kan geeddaru waajjirri mootummaa tokko ijaarameeti ture. Wanni akkanaa kun boru gara Finfinnee dhufee, Finfinnee keessatti iddoolee maqaa Oromoo qabatanii harra gayan kan akka: Gafarsa, Eekkaa, Gullallee, Qabbannaa, Aqaaqii, Kolfee, Kotobee, Boolee faa jijjiiruun hin olu.

Harra cuubamuudhaan (kiristinnaa ka’uudhaan) magaalaawwan Oromoo kan maqaalee Israa’eel yookaan kan Amaaraa qaban keessaa gariin kanaa gaditti dhiyeeffamanii jiru:

Maqaa durii                Maqaa ammaa                   Kutaa

1   Ciroo                             Asaba Tafarii                          Harargee
2   Hara Maayaa              Alam-Maayaa                       Harargee
3   Ejersa Gooroo            Beetaliheem                         Harargee
4   Adoolaa                       Kibramangist                        Sidaamoo
5   Qooqaa                        Galiilaa                                    Shawaa
6   Adaamaa                    Nazireet                                  Shawaa
7   Bishooftuu                 Dabra Zayit                           Shawaa
8   Finfinnee                    Addis Ababaa                       Shawaa
9   Hoolota                      Gannat                                     Shawaa
10  Asgorii                      Dabra Gannat                        Shawaa
11  Waliso                        Giyoon                                     Shawaa
12  Ambo                        Hagara Hiwoot                      Shawaa

Maqaalee lafaa geeddaruun kan Oromoo qofaa irratti hin dhaabanne. Fakkeenyaaf: Kambaataa irraa Hoosaa’inaa, Sidaama irraa Yirgaa Alam, Gimiraa irraa Mizaan Tafarii faa kaasuun ni dandayama. Oromoos tahee uummatoonni warri biroo harqoota gabrummaa kan isaan irra jiru kana ofirraa darbachuuf, qabsaawuutu isaan irra jira. Bilisumaaa fi mirga abbaa biyyummaa argachuuf, qabsoon hadhooftuun isaan eegaa jirti. Qabsoo hadhooftuu adeemsisuuf immoo tokkummaa saboota cunqurfamootu barbaachisa. Uummatoonni cunqurfamoon diinni isaanii sirna cunqursaa Amaaraati malee, uummata Amaaraa: qotee-bulaa Amaaraa fi hojjataa Amaaraa akka hin taane, beekuun barbaachisaa dha. Qotee-bulaa fi hojjataan Amaaraa miiddhaa isa irra gahuu fi uummattoota biroo irra gahu mancaasuuf, uummatoota cunqurfamoo duukaa hiriiruutu irraa eegama.
Cunqursii fi saamichi Toopphiyaa irraa gaafa badan uummatoonni Toopphiyaa: afaan ofii, aadaa ofii, safuu ofii, amantii ofii faa guddifachuu dandayu. Uummatoonni Toopphiyaa cunqurfamoon tokkummaan ka’anii, fiwudaalummaa Toopphiyaa isa tortore kana duguuganii bakka isaa ofumaan mootummaa ofii hundeeffachuutu irraa eegama.

XUMURA-DUBBII

Dubbiftoota jaalatamoo fi kabajamoo, kunoo kanaa olitti waayee kiristinnaa ka’uu maqaalee lafa Oromoo hamma tokko agartanii jirtu. Barreeffata kanatti: isa “seensa” fi isa “xumura-dubbii” jedhamutu amma dabalamee malee, inni kaan akkuma oggas bayetti dhiyaate. Habashoonni meeshaa waraanaa fi ogeeyyii waraanaa humnoota Oroppaa oggaa sanii: Biritaaniyaa Guddoo, Biyya Xaaliyaanii, Faransaa fi Rusiyaa Durii irraa maqaa Kiristaanummaatiin argataniin uummata keenya dirree waraanaatti mowuun, biyya keenya qabatani. Haatahu malee, isaan waan hundaa humnoota alaa irraa argatanillee uummataa fi saba Oromoo yeroo gabaabaa keessatti jilbeeffachiisuu hin dandeenye. Waraanni Minilik Oromoo Abbichuu isa bara dheeraa ofirraa-faccisaa ture san, cabseetoo kan qabate bara 1868 keessa. Waraanni Habashaa kun biyya Oromoo keessaa gara dhumaa irratti kan qabate Boorana kibbaati. Kunis bara 1899 keessa ture. Dura-dhaabannoo fi ofirraa-faccisa uummata keenyaa irraa kan ka’een, Minilik Oromiyaa guutuu koloneeffachuuf waggaalee 31 irraa fudhate jechaa dha.

Habashoonni harka-muraa fi harma-muraa bowwaa Annoolee-tti adeemsisan, isaan gooroo Calanqoo dhiiga Oromootiin jiisan sun, isaan baddaa Darraa fi Gullalleetti Oromoota lafarraa duguugan, isaan jala Sooddoo fi baddaa Walisootti qaama dhiiraa mummuratan sun, isaan baddaa Guumaatti jagnoota Oromoo kan akka Firrisaa Abbaa Foggii faa akka gaararraatti rarraasan sun erga biyya keenya of-jala galchaniiyyis sa’aa-nama gorra’uu, margaa-midhaan gubuu faa hin dhabnee ittuma fufani. Kana irratti idayamuun dhibeen garagaraa kan isaan hordofee dhufe loonii fi nama fixee uummanni Oromoo garri kumaatama (miliyoona) shanii dhumuu dandaye. Lafti Oromoo irraa sarbamee uummanni Oromoo gabbaarii fi ciisii isaanii tahe. Jarri kana hundumaa bira dabruun: aadaa Oromoo, amantii Oromoo fi Afaan Oromoo lafa irraa balleessuuf, akka diina isaanii isa hangafaatti lafa kaawwatani. Qeesonni Amaaraa isaan fannoo fannifatanii, taabota baatanii ennaa Raas Daargee fi Minilik Aannoleetti harmaa fi harka Oromoota Arsii keenyaa cirsiisan cinaa turan sun, erga Oromiyaan miila isaanii jala buutee, lafti Oromoo harki 30 (bataskaana Ortodoksiitii qofaaf jechaa dha) isaanii kennamee asii, lafaa-nama bishaan cuubanii kiristinnaa kaasuutti gadi-taa’ani. Maqaalee Oromoo kan namaas tahee, kan lafaa gara kan Amaaraatti geeddaruuf, saganteeffatanii taabotaa fi ayyaanota isaanii kanneen biroo daboo waammatanii olka’ani. Maqaalee Oromoo kan namaa fi kan lafaa bira dabranii maqaalee bineeyyii-llee Amaaromsuutti gattaa’ani! Fakkeenyaaf, gadamsa-baddaa gara “yaMinilik dikkulaa” jedhamuutti geeddarani.

Kunoo, maqaaleen Oromoo kanneen bara Minilik irraa kaasee, hamma bara Darguutti geeddaramaa turan sun, ammallee ee bara “warraaqxota fi tarkaanfatoota Wayyaanee“-llee gara maqaalee isaanii kan ganamaa sanitti hin deebifamne. Mootummaan nafxanyoota Wayyaanees akkuma nafxanyoota Amaaraa maqaalee kiristinnaatiin: “Addis Ababaa, Naazireet, Dabra Zayit, Alam Maayaa, Asaba Tafarii, Gannat, Alam Ganaa, Addis Alam” faa jechuun waama. Sirumaayyuu keessa kutee: “Gilgal Gibee” jechuun Gibe Qaldhaa kiristinnaa kaasee jira.

Maqaaleen kan namaas haa tahuu, kan lafaa wanneen eenyummaa nama tokkoo fi saba tokkoo muldhisan keessatti argamu. Maqaaleen Oromoos akkanuma wanneen eenyummaa Oromoo tokkoo/ takkaa, dabrees eenyumma saba Oromoo agarsiisan keessatti ramadamu. Aadaa Oromoo keessatti maqaan bakka olaanaa tahe qaba. Oromoon wanneen inni malaaleffatu (dinqeeffatu) keessaa inni tokko hiikkolee maqaalee ti. Maqaan Oromoo immoo kan lafaas haa tahuu, kan namaa hiikkoo mataa-ofii dandaye qaba. Hawaasa Oromoo keessatti namaa fi lafa dhiisitii loonii fi fardeenuu maqaalee qabu. Aadaa fardeeniif maqaa baasuu kana Habashoonniyyuu: warri Amaaraas, warri Tigrees Oromoo irraa ergifatanii jiru.

Akkuma kanaa olitti jedhame, maqaaleen keenya eenyummaa keenya ibsa. Waanneen Oromummaa keenya akka bakkalcha bariitti muldhisan keessatti argama. Kanaaf, nuti amma waayee kanaa irratti callisuu dhiifnee diddaa cimaa adeemsisuu qabna! “Maal isa kana yommuu bilisoomne diibifannaa” jechuun, beellama gara boruutti dabarusuu hin qabnu. Beellamni akkanaa qabsoo keessatti gonkumaa hin argamu. Maqaalee keenya geeddarachaas, geeddarsiifachas qabsoofna! Qabsaawaas maqaalee keenya deebifanna jechaa dha!Kanaaf, gayeen gayee-dhaa karaa maraan hidhannee oljechuu dha malli isaa!

_____________    Hubachiisa Miiljalee ______________

*Barreeffata isa duratti Afaan Amaaratiin baye san gara Afaan Oromootti kan naaf geeddare, obboleessa kiyya obboo Baalchaa Abdiisaa Margaa Guyyaa ti. Inni karaa kanaan waan na gargaareef, hedduun isa galateeffaddha!

Emailiin Obboo Taammanaa Bitimaa: Gurree@web.de

6 thoughts on “MAQAALEE KIRISTINNAA LAFA OROMOO

  1. Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa qilleensa irraan bakka jirtanitti isin haa gahu sabboonaa oromoo seenan isin barreessitan kun kan dhaloota boruutif ergaa guddaa qabu waan ta’eef anis erga guyyaa barreeffama kana arge irraa jalqabee amma yeroo ammaa kanatti yeroo baayy’ee irra deddeebi’een dubbisaa jira.seenan kun seenaa haalan barbaachisaa ta’e waan ta’eef yeroo baayyee otuu website dhuunfaa keessanii irratti yeroo hunda otuu maxxaansitan baayyee namatti tola.jiraadhaa waaqayyo lubbuu isin haa dheeressu.ani ilma oromoo tokko ta’ee nama akka keessanii kana wajjin lammii tokko irraa dhalachuu kootif ergan seenaa kana dubbisee booda baayyeen ofitti gammade.tole baayyee nama gammachiisa namas boonsa.kanaaf hojii guddaa kana hojjachuu keessaniif galatni keessan bilisummaa isiniif haa ta’u.jechuun yaada koo gababsa.garuu akka naaf barreessitan anis yeroo hunda akkan isiniif barreessu waadaa isiniif seena seenaa kana guutuu isaa argachuu waanan barbaaduf keessumatti seenaalee naannoo walisoo kan gooticha oromoo”Garasuu dhukii” sirritti baruun barbaada waan ta’eef naaf barreesssaa

  2. Haa Gahu nagaan koo kan onnee koo irraa madde sabboonaa oromoo waa.ee seenaa saba keetiif kan dhiphattu deebitee ammoo bilisummaa sabaa kan barsiiftu waa,een ati as gubbaa irratti barreessite kun keessa dhalataa oromoo tokkootti kan dhaga.amuudha Garuu keessa habashaatti sabboonummaatu dhagayama.nu,i ilmaan OROMOO tiif garuu daandii qabsooti.SABBOONAA OROMOO NAGAAN WAAQA OROMOOTAA SI WAJJIN HAA TA.U NAGAATTI.

  3. Ani nama amma kana seenaa ofiisaa beeku argachuutti gammachuu guddaatu natti dhaga.ama.Eebbifamaa!Itti dabaluun nuti har.a kana hin kaanu taanaan bor maal ta.uuf akka jiru nama yaaddessa.Adaraa,yaa sabboonaa barreeffamoota akkatti yaada namaa kakaastu kana barreessuu keessan addaan hin kutiinaa! Rabbi isin wajjin haa ta.u jabaadhaa!GADAAN GADAA BILISUMMAATI!!!!!!!!

Leave a comment