FOR BETTER OROMIA

Finfinnee durii hangam beeknaa laata?

Finfinneen magaalaa guddittii Oromiyaa ti. Magaalaan seena qabeettii kun magaalaa guddoo garboomfattootaa taatee tajaajilaa jirti. Kana malees yeroo ammaa kana magaalaan kun magaalaa guddittii fi handhuura teessoo Gamtaa Afrikaa kan dhaabbileefi eembaasiwwan biyyoolessaa   keessatti argamaniidha.

Magaalaan kun garuu, waggoota 100 dura magaalaa xiqqoo akka turte seenaa kaleesaa ni mul’isa. Finifinneen handhuura Oromiyaa waan taateef  maqaan ganamaa eenyummaa Oromoo waliin hidhata guddaa qaba.  Magaalaan kun bara garbummaan dura maqaa gandoonni magaalittii  ittiin waamamaa turte qabdi ture.  Haa ta’u malee, maqaawwan gandoota  kanneenii  dhiibbaa fi loogii srinaatiin jijiiramuu dandaéera. Garuu, maqaan kaleessaa sun amam ilee seenaa keessaa akka armaan gadiitti yaadatama.

  • Mana Abbichuu  – (kan yeroo ammaa Faransaay Lagaasiyoon jedhamuun beekkamu
  • Dildila,  Tulluu Xiixaa – ( kan yeroo ammaa Inxooxoo jedhamuun beekkamu)
  • Madaaroo- -( kan yeroo ammaa  Ayyar Xeenaa jedhamuun beekamu)
  • Araadaa- Piyaassaa Harbuu  –   (kan yeroo ammaa   Kaazaanchis jedhamuun beekamu)
  • Tulluu Daalattii- (kan yeroo ammaa    Araat Kiiloo jedhamuun beekamu)
  • Hora Finfinnee-  (kan yeroo ammaa   Fliwuhaa jedhamuun beekamu)
  • Caffee Tumaa- (kan yeroo ammaa   Siddisti Kiiloo jedhamuun beekamu)
  • Laaftoo Tumtuu-(kan yeroo ammaa   Nifaas Silki jedhamuun beekkamu)
  • Tulluu Fihee- (kan yeroo ammaa Shagolee jedhamuun beekamu)
  • Kara’aloo- (kan yeroo ammaa  Hayilee Mangad  jedhamuun beekamu)
  • Karaa Miixxee-(kan yeroo ammaa  Gojjaa Mangad jedhamuun beekamu)
  • Karaa Akaakoo-Daandii Bishooftuu Sokorruu- (kan yeroo ammaa   Markaatoo, Massaalamiyaa jedhamuun beekamu)
  • Malkaa Oboshee- (kan yeroo ammaa Baambiis jedhamuun beekamu)
  • Jamoo-Qaraaniyoo Birbirsa-Araadaa Giyoorgis jedhamuun beekamu)
  • Dhummuugaa-(kan yeroo ammaa  Ginfillee jedhamuun beekamu)
  • Dhakaa Araaraa-( kan yeroo ammaa  Fiitbarj edhamuun beekamu)
  • Muujjaa- -( kan yeroo ammaa   Shiiroo Meedaa  jedhamuun beekamu)
  • Waayyuu- -( kan yeroo ammaa Qacanee jedhamuun beekamu)
  • Dhakaa Booraa-  ( kan yeroo ammaa   22 Maazooriyaa jedhamuun beekamu)
  • Golboo-Goofaa Safar   jedhamuun beekamu)
  • Jaajjaa- ( kan yeroo ammaa  Biheera Tsiggee  jedhamuun beekamu)
  • Hurufa Boombii-Jaanmeedaa jedhamuun beekamu)
  • Qaalee-Askoo Didiimtuu-( kan yeroo ammaa Shagolee Meedaa  jedhamuun beekamu)
  • Harbuu Irreechaa- ( kan yeroo ammaa  Raas Hayluu Safar jedhamuun beekamu)
  • Sulula Garbii- ( kan yeroo ammaa Taklahayimaanot  jedhamuun beekamu)
  • Boroo Kormaa-( kan yeroo ammaa  Gollaa Mikaa’el  jedhamuun beekamu)
  • Qabbanaa’aa- ( kan yeroo ammaa Qabbannaa  jedhamuun beekamu)

Maddi: Kitaaba Yawugganaa Dirsatoochinnaa Yataariik Iwunatooch