FOR BETTER OROMIA

Seenaa Goticha Laggasaa Wagii Meettaa

Jaal Lagaasaa Wagii abba isaani obbo Wagii Meettaa fi haadha isaani addee Buzunaash Ayyaana irraa bara 1960, Godina Shawaa Lixaa, konyaa Mannaa, Aanaa Shinoo Meettaa Roobii, ganda Kuyyuu Giccii jedhamtu keessatti dhalate.Laggasaa Jaal Lagaasaa Wagii umriin isaa barmootaaf yeroo gahu, mana baruumsa sadaarka tokkoffaa Bakkamee jedhamuuti kutaa 1-4 barate. Barnoota isaa kutaa 5-8 ammoo mana barumsaa Hinccinniitti barate. Sana booda gara Finfinneetti deemuun barumsa isaa itti fufuun kutaa 10-11 magaluuma Finfinneeti barate.Jaal Lagaassaa Wagii erga barumsa isaa haga kutaa 11ti barate booda barnoota akadaamii dhiisee baruumsa Makaanikummaa fi Konkoolaata oofu bara 1975 keessa barateera. Oguummaa isaa kananiis hojiilee adda addaa irraatti bobbahuun hojjaachaa ture. Jaala Laggaasaa Wagii hojii daldala irraatti bobbahuun magaala Dirree Dhawaa keessaati waggaa torbaaf kan jiraachaa turan yeroo tahu, hojiidhuuma daldala kanaaf meesha daldaala adda addaa fe’achuun gara Dhiha Oromiyaa deemuun daldala itti fufe.Jaal Laggaasaa Wagii obbolaa shan kan qabu yeroo tahu,Waxbajjii 27 bara 1987 haadha mana isaanii Waynisheet Getahuun fudhe. Hadha Mana isaa kana irraa ijjoollee dubartoota sadii (3) kana maqaan isaani Bilisummaa Laggasaa, Firehiwet Laggasaa fi Nestaannet Laggasaa kan jedhamaaniis godhate.Jaal Laggasa Wagii jaalalaa fi fedhii guddaa ummata isaaf qaba. Akkasumas hacuccaan ummata isaa irra gahu boqonnaa waan isaan dhorkeef bara 1990 maatii isaa jaallatu dhiisee Dhiha Oromiyaa deemun QBO hogganummaa ABOtiin gaggeeffamutti makame. Bara 1991 barumsa siyaasaa fi leenjjii waranuumma, marsaa 18ffaa gahummaan xumuratee,dirree dhihaatti miseensa ABO ta’e.

Dammaqiinsaa fi hubaannoo Jaal Lagaasa Wagii qabu irraatti hundaa’uun dhaaba keessaatti barumsa dabballummaa bara 1991 bakka Beelmuuguujedhamuutti barate. Akka baratee baheen dirqama dabballummaan zoonii Begitti ramadame. Zoonii kana keessatti dirqama dabballummaa gahummaan osoo bahaa jiruu mootummaan Dargii kufe. Dhaabni dandeetii fi gahummaa isaa ilaaluu dhaan ona Qaaqeetti dirqama bulchiisaatti ramade. Bulchaa ona kanaa yeroo turetti kaayyoo ABO ummata hifannaa tokko malee barsiisuun fakkii guddaa miseensa tahee fi ummata biratti jaalala guddaa nama horatee dha.

ABO mootummaa Cehumsaa keessaa akka baheen WBO naannoo jirtuu dabalamuun diina jabinaan lolee lolchiiseera. Falmaa diinaa wajjin godhamuuhaga walakkeessa bara 1993 itti fufuun of ijaaruuf humna daangaaSudaanii fi Itophiyatti bahee waliin ture. Bara 1994 humna ijaaramee walkeessaa Dhiha Oromiyaatti deebi’e keessa J. Laggasaa tokkoture. WBO diinaa wajjin falmaa hadhaawaa itti fufuun bara 1997 keessa oggaa mootummaan Wayyaanee magaalota Sudaan Kurmuk fi Giizan rukuttee qabattee xurreen dhiheessii akka hin cufamneef humna ofduuba daangaatti deebi’ee keessa ture JaalLaggasaan. Bara 1993-1998 tti sadaarka miseensuummaa irra kaase haga sadaarkaa qondaala waraana ol-anaati dirqaama fudhatee qabsaawaa dhugaan qabsaa’ee qabsoo gosiisee dha.

Bara 1998 keessa miseensota ABO leenjii addaaf biyya ollaatti ergaman keessaa ture. Leenjii isaa xumuratee haga ramadamutti biyyaollaa keessa Oromoota jiran akka ijaaruuf dirqamni itti kennamee ture. Akka kanatti tattaaffii J. Laggasaan godheen bara 2000 keessa Oromooti biyya ollaa keessa jiran walitti qabuun Waldaa Hawaasa Oromoo Eritreaijaare, QBO irraa qooda akka fudhatan taassisee jira.

Jaala Lagasaa Wagiin bakka fi haala dirqaamniqabsoon isa feete hundakeessaati qooda ol’anaa nama kenna turee fi gahumaadhaan dirqaama itti kenname hunda nama baha turee dha. Akka kanaati jaal Lagaasa Wagiin bara 1998/99 irraa kaase itti anaa moona leenjii WBOwaliigala tahe hojjaachaturuun isaa seenaan isaaadeesa. Bara 2000 irraa kaase barumsaa fi haroomsa waraanummaa, siyasaa fi tikaa erga baraate booda ajajaa WBO-Zonnii dhiha J/Irreessaa Caalaa jalatti ajajaa bobbaaa fi quunnamtii Dhiha Oromiyaa tahuun bara 2002 dirqama dhaaba fudhatee gara dirree dhihaatti moona leenjii waliigala dhaabiicha irraa bobba’e. Sochii seenaa qabeessaa fi mootummaa Woyyaanee raase WBO bara 2002 baddalee Dhiha Oromiyaa Qeebbe,Dambii Dolloo, Gidamii , Begii fi Mandii keessatti tahaa turan irratti akka ajajaa waraanaa fi siyaasaatti hogganummaa mul’ataakennee jira. Erga AjajaanWBO Dhiha Oromiyaa J/Irreessaa Caalaa wareegamee boodaa hanga 05/11/2008 wareegametti ajajaa WBO Dhiha Oromiyaa tahuun falmaa hadhaawaa fi gootummaan guutameediina waliin tahe hoggana waraanummaafi siyaasaa kennaa ture

Jaal Lagasaan dirqaama sadaarkaa adda adddaatti irra ture hunda keessaatti, gootummaan, cichoominaa fi obsaan kan dirqama isa baha ture fi fakkeenya guddaamiseensoota, qodaalotaa fi hoggantoota ABO, qabsahoota fi sabboontoota akkasumaas ummata Oromoo hundaaf nama tahe dabree dha.

Leave a comment