FOR BETTER OROMIA

Seenaa Dajanee Sarbeessaa (1998-2015)

Dajanee Sarbeessaa -1998-2015
Dajanee Sarbeessaa -1998-2015

Dajannee Sarbeessaa abbaa isaa obboo Sarbeessa Araddaa fi hadhaa isaa Aaddee Gaaddisee Durreessaa irraa bara 1998 Oromiyaa giddu galaa ganda Abebee Sillaasee fi Gichillaa keessati dhalatee guddate. Dajanneen umuriin isaa hanga barnootaaf ga’uti ganduma dhalate sana  keessatti haadhaa fi abbaa isaa gargaaraa ture. Kana mless, ganda san keessatti taphaa ijoollummaa isaa hirriyita isaa walliin taphachaa dabarse.

Dajaneen akkuma umuriin isaa barnootaaf ga’een bara 2006  waggaa 8’ffaa isaatti gara mana barumsaa gandumaa inni keessati dhallatetti jalqabe. Yeroo sanatti imanaan maatii isaa “Beekaa nuuf ta’ii; harkaa nu qabi; hiyyumaa keessa nu baasi; beekaa lammiif ta’ii!” kan jedhu fudhatee barumsa isa aeegale. Akka imaanaa maatii fudhatee qabsoo barnoota isaa eegaleen kutaa 1’ffaa isaa ABC ….Fi123….jechuun eegalun kutaa 1-8 ti qabxii gaarii galmeesisuun itti fufe. Yeroo kana keessattis, Daree isaati fi akka waligalati 1’ffa ba’uun qabxii boonsaa galmeesisa ture.

Dandeettii fi Qarummaa

Dajanneen barnoota isaatin cimaa ture. Kana malees, ogummaa waa umuun illee nama gummachaa gaarii mana barumsaa isaa keessati rawwatee ture. Fakkeenyaaf, Dajaneen yeroo kutaa 6’ffa isaa baratu bara 2010tti kallaqoota kanneen akka moodela solarii kan bishaan ho’isuu danda’uu, maykiroskophii fi kitaabaa baratootaf akka yaadaanootti dubbisuuf mijjatu qopheessaa ture. Sababa kanaan dhumaa semistera 2’ffa irraati badhaasota gosaa ja’aa (6) nama badhaafame ture. Akka kanaan hangaa xummuraa sadarkaa 1’ffaa isaati badhaasota soddomii lama ol mana baruumsa irraa badhafaame.

Sababa kanaan, Dajaneen kabajaa fi jalaala mana barumsaa qabun qabxii olaana fi ga’uumsa qabun imanaa mana baruumsa fi mattii isaa fudhachuun gara kutaa 9’ffaa bara 2014tti gara mana baruumsa Baantu saddarka lamafaa fi qopha’inati barrachuu eegale. Achittis semistera 1’ffaa qabxii gaarii ta’ee galmeessun bakka bu’aa mana baruumsa Baantuu ta’uun fillamee gara Adaamaatti dorgomiif dhihaatte. Dajaneenis turtii Adaamaa kana torbe tokkof taasisen badhaasa cimiina isaa gonfate; yeroo debi’uu ergaa debi’ee bodaa immoo qabxii kutaa 9’ffa isaa kan walliigala 1117 Average waliigala 93.5 fiddun akka kutaattis ta’ee akka waliigallatis 1’ffaa ba’uun gara kutaa 10’ffaati bara 2015 darbe barnoota isaa haalaa ho’aan eegale.

Haala kanaan osoo barachaa jiruu dubbiin dhimma master pilani bara 2013 eegale falmii Dargaggoo Oromootiin dhorkamee bara kana 2015 ka’uun mormii barattoota Baantu sadarkaa 2’ffa fi qopha’inaa waliin ta’een sagalee isaanii dhageessisaa turan.

Gaafii Barattootaa

Gaaffiin isaanii dhimmii master pilaani nurra haa dhabbatu; lafa keenya irraa hin buqqanu; bara baraan maaliif hidhaan ajjeechan reebichii seerran allaa durrati gaggeefama? jedhaan. Otuu isaan karaa nagaan sagalee isaanii dhaggeesisanu sarroota wayyaanetiin raasasa akka akkayii qammadii xaxaxiisuu irraati roobsan; baratoota baay’een miidhamuun lubbuun isaanii dhaban; Dajaneenis  guyyaa 4 Mudde 2015 lubbuun isaa dabarte.

Qabsa’aan ni kufa, Qabsoon itti fufa !

Injifannoon ummata Oromoof!.