FOR BETTER OROMIA

SEENAA MAAMMOO MAZAAMIR!

Koloneel Maammoo Mazaamir abbaa isaanii obbo Mazaamir Habtee Doorii fi haadha isaanii adde Ummee Gurmeessaa irraa shawaa lixaa magaalaa Amboo Aanaa Gudar keessatti bara 1929tti dhalatan. Dhalataniis umuriin isaanii gaafa barnootaaf ga’u mana barnootaa dajjaazmaach Bashaa magaalaa Gudar keessatti argamu seenuu dhaan barnoota sadarkaa jalqabaa argatan.akkasumas barnoota sadarkaa lammaffaa mana barnootaa Tafarii Mokonnin keessatti osoo hordofaa jiranii mana barnootaa leenjii barsiisotaa harar irratti akka barataniif barattoota yeroo sana qabxii olaanaa qaban keessaa tokko ta’anii gara magaalaa hararitti imalan.

Haa ta’u malee fedhiin isaanii yeroo sanaa barnoota qofa osoo hin taane dhimma waraanaas waan barbaadaniif mana leenjii waraanaa harar seenan.mana leenjii kana keessattis qabxii olaanaadhaan waan xumuraniif leenjisaa mana leenjii waraanaa harar ta’anii muudaman.yeroo muraasa boodas leenjistoota barnoota sadarkaa olaanaa akka barataniif carraa argatan keessaa Maammoo Mazaamir isaan tokko turan.bara 1962tti unversiitii Finfinnee irraa digirii jalqabaa barnoota seeraatiin LLB argatan.

Koloneel Maammoo Mazaamir osoo barnootaaf mooraa unversiitii Finfinnee jiranii uummati Oromoo gudguddoon waliin gurmaa’uu dhaan dhaaba Maccaa fi Tuulama jalatti mirga uummata Oromoo kabachiisuuf sochii akka jalqaban odeeffannoo argatan.yeroo kana irraa jalqabees barattoota mooraa unversiitii finfinnee keessaa gara dhaabbata Maccaa fi Tuulama keessatti makamuuf sochii jalqaban keessaa Maammoo Mazaamir isaan hangafaati!!!.fedhiin isaanii kunis milkoomeefii gara dhaabbata kanaatti makamuu dhaan hanga murtoon du’aa itti murtaa’ee fannifamaniitti sochii guddaa fi bu’a qabeessa ta’e seenaa uummata Oromoo keessatti raawwatanii akka darban miseensonni Maccaa fi Tuulama keessa turan kanneen amma lubbuun jiran kabajaa fi jaalala guddaa dhaan raga ba’u!!!

Koloneel Maammoo Mazaamir bara jireenya isaanii harka caalu kitaaba seenaa fi polotikaa dubbisaa akka dabarsaniifi uummata Oromoo cunqursaa jala jiruuf sagalee ta’uu dhaan waltajjii garaa garaa irratti falmii ciccimoo taasisaa akka turan michuun isaanii obbo Tasfaayee Digaagaa ragaa ba’u.

Kun utuu kanaan jiruu mootummoota gabroonfatoo kanneen waa’een uummata Oromoo fi Oromummaa akka lafaa ka’u kanneen hin feene keessaa tokko kan ta’e mootummaan H/silaasee himata dharaa himachuu dhaan koloneel Maammoo Mazaamir gurraandhala 10 bara 1967 uummata siniimaa Ampiir keessatti walitti qabaman irratti Boombii darbatee namoota hedduu irratti miidhaa geessise jedhamuu dhaan himatamanii gurraandhala 28 bara 1969 murtoon du’aa irratti murtaa’e!!!
Koloneel Maammoo Mazaamir gaafa diraamaa mootummaan dalageen murtoon sobaa irratti muraataa’ee fannifamuuf jedhan dhaamsa dhumaa akkas jechuu dhaan dhaammatan.

“ dhiigni koo dhiiga mirga uummata oromoo kabachiif dhangalaate dha malee dhiiga lafatti badde miti.har’a maalummaa uummata oromoo balleessuu dhaaf nama uummata oromoof qaroo ta’e damee tokko murtanis dameen uummata Oromoo sagal ta’ee lata.dhiiga uummata oromoo har’a dhangalaa’aa jirunis ta’e bor dhangala’u dabalatee uummati Oromoo mirga isaa akka kabachiifatu hin shakkinaa!!! garuu nugusa murtoon kun akka narratti raawwatu godhee fi fakkaattonni isaa dhalattuu Oromoo nu booda jirtuun murtoon wal fakkaataa akka isaan qaqqabu itti naaf himaa!!!!” jechuu dhaan fannifaman.

Koloneel Maammoo Mazaamir himata dharaa ragaa hin argannen himatamuu dhaan bara 1969 mana adabaa /Gaashiree/ “ALEM BEQQANY” jedhamtu keessatti fannifaman!!!! koloneel Maammoo Mazaamir osoo mirga uummata Oromootiif hin fannifamin dura abbaa ijoollee lamaa turan!!!!

Leave a comment