FOR BETTER OROMIA

Mammaaksa Oromoo

“Maali fardi ni maraatee?” jedhe waraabessi ari’ee dadhabnaan.

***********

Mucaan du’aaf dhalate wareegaan hin guddatu

***********

“Yaa anaa durii” jette cirrin fadrdarraa kuftee.

***********

“Akka ganamaa seetee narra hin ejjetiin” jette sokoruun.

***********

“Bagan si’arge” jennaan,” bagan si hin dhokatiin “jedhe hattuun abbaamanaatiin.

***********

Jooraa ooltus sareen waan hin jirre hin fuutu.

***********

“Osoo wajjiin gallee hoolaa, walii qallee” jette jeedalli sareen.

***********

“Takkuman kufee, suutan ka’a” jette jaartiin.

***********

“Hamma Ija kooti eenyutu naaf kajeela?” jette sareen

***********

“Dubbiin mammaaksa hin qabnee mannaa ittoo sogidda hin qabne wayya”

***********

“Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan”

***********

“Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee.

***********

“Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha” jette tafkin.

***********

Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama.

***********

“Nama fardaan barbaadan lafoo argatu”

***********

“Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata”

***********

“Silaa dhufa hin ooluu, kajeelaa dura waami”

***********

Dhamaatuun dhama raaftee “weessootu na dide” jetti

***********

“Ijjii fi ijoolleen tika baddi”

***********

“Bagan si’arge” jennaan,”bagan si hin dhokatiin” jedhe hattuun abbaamanaatiin.

***********

Dhamaatuun dhama raaftee “weessootu na dide” jetti.

***********

“Bagan si’arge” jennaan,” bagan si hin dhokatiin” jedhe hattuun abbaamanaatiin.

***********

“Dhabaaf malee fooniif nu uume” jette sareen.

***********

Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata.

***********

“Oduuf na qalani” jette lukkuun.

***********

Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa.

***********

Kan nyaatee fi kan kaate waa jalaa baha.

***********

Jaamtu jaamti malee saree ija hin dhiqani.

***********

Haati hattu intala hin amantu.

***********

Namni mana ijaaru daboo namaa hin oolu.

***********

Buddeena nama quubsu eelee irra ti beekani.

***********

Keessa marqaa boojjitootu beeka.

***********

“Kan dandeessu dhaani” jennaan gowwaan galee niitii dhaane.

***********

Kan magaalaan dhageesse gowwaan galee niitii dhokse.

***********

“Waan jaalatan nyaatanii waan jibban namaa kennani” jedhe waraabessi.

***********

One thought on “Mammaaksa Oromoo

Leave a comment