FOR BETTER OROMIA

Seenaa Ob Tulluu Urgee (1947-2014)

Ob Tulluu Urgee (1947-2014)
Ob Tulluu Urgee (1947-2014)

Jireenya isaa guutuu haala adda addaa keessatti bifa adda addaatiin qabsoo bilisummaa Oromoof Kan gumaachaa ture, J/ Tulluu Urgee Jiruu, sadaasa 25, 2014 boqateera. J/ Tullun Oromummaa dagaaggisee, ummata isaa fi biyya isaa bilisa baasuuf roga hundaan qabsaawee darbeera. Gooti Kun, akuma gootata Oromoo biraa, seenaa fi aadaa ummata isaa badii irraa olchuuf, du’a, rakkina fi hidhaa utuu hin sodaatin qabsaaweera. Qabsoos Kan eegale akka nama tokkootti.

J/ Tulluun barsiisaa ture. Taphataa kubbaa miilaas ture. Kanarraa Kan ka’e bakka barsiisaa turetti garee kubbaa miilaa takka ijaaree Hundee jedhee moggaase. Gareen tun ijoollee fi oromoota jaalala kubbaa miilaa qaban yartuun eegalamte. Osoo olee hin bulin qonnaan bultoota ona Adaabaa ifatti Hundeef tumsa guddaa godhan.

Haalli kun Oromoof gammachuu, diinaaf naasuu uume. Kun haala siyasaatti rigamee, J/ Tullun osoo olee-hin bulin yakkamee mana hidhaa gale. Gaafiin dura dhihaateef waayee Hundee osoo hin ta’in maaliif ilma isa Hunkuraa jedhee akka moggase ture. Garicha maaliif Hundee jedhee akka moggaase fi maaltu akka duuba jiru himuu qaba ture. Jaalleen kun name dandeetti qoosaa fi nama amansiisuu qabu waan ta’eef gaafilee kakka’an hundaa haala qabsoo yeroo saniitti rigee yeroof harkaa bahe.

Kan nama suukaneessu tokko, gaafa inni mana hidhaa ture, haati warraa isa gaafachuu dhaqxee, achumatti ciniinsuun qabdee achii baatee karaa irrati mucaa deesse. Kunnillee sababa tahee abbaan warraa ishii hin hiikamne. Kophaa isii daa’ima dhiiga baattee galte.

J/ Tulluun mana hidhaatii bahee sodaatee harka maratee hin teenye. Qabsaawota tirrisa onnee isaa ho’isanitti dabalamee sochii eegale. Sirna mootummaa gabroofataan Itoophiyaa ummata Oromoo irraan gahaa tureen mormuuf qabsoon Oromoon bilisummaa isaaf godhu akka finiinu murannoodhaan qooda fudhateera. Yeroo sanatti jaallewwan isaa kanneen akka Magarsaa Barii, Waldayohaannis Hundee, Tamaam Hasani fi Ibraahim Jooboo wajjin adda durummaan qabsoo ummata Oromoof gumaata guddaa godheera.

Mootummaan Dargii sodaa sochii ummata Oromoo yeroo san ture irraa qabuun J/ Tulluu Hagayya 14 bara 1978 jaallewwan isaa biroo wajjin qabee mana hidhaa Gobbaatti darbatan. Yeroo gabaabaa boodas achirraa gara mana hidhaa Asallaatti dabarfame.

Jaalle Tulluu reebichaa fi dararama hamaa mana hidhaa keessatti irra gaheen harki mirgaa cabee ture. Bodas murtii tokko malee waggaalee 9 mana hidhaa turee Bitootessa 25 bara 1987 hiikame.

J/ Tulluun yeroo mana hidhaa ture ejjannoo “Barumsi hundee guddinaa fi bilisummaa ti” jedhu qaba ture. Kanaaf, mana barumsaa mana hidhaa keessatti banamee namootni hidhaman akka carraa barumsa-idilee argatan godhu keessatti hanga gaafa hiikamuutti barsiiseera.

Kana malees, mana hidhaa keessatti leenjiin barumsa ogummaa akka kennamu godhuun namootni hidhaman barumsa ogummaa adda addaa akka argatan qooda ol’aanaa gumaacheera.

Bara 1991, baldhinaan qabsootti seenee kutaa Arsiitti gaafatmoota adda addaa fudhatee socho’eera. Miseensa koree Boodrii filannoos ta’ee qooda guddaas gumaacheera. Yoo ABO dorgommii filannoo fi mootummaa keessaa bahuu murteesse, akka bakka bu’aa ABOtti kan median qunnanmtiitin murtee ABO Arsiirraa labse J/ Tulluu ture.

Gaafa ABO mootumaa ce’umsaa keessaa bahes, Finfinnee dhaqee qabsaawota achi jiranitti dabalamee rakkinoota Oromoota irra gahaa turan kara barreefama Gadadoo jedhamuu fi Gaazexaa Urjii saaxil baasuu irratti qooda guddaa kennaa tureera.

J/ Tulluun, Qabsaawaa nyarri diinaa, tumaan, beelli, daarri fi rakkooleen diinni irraan gahaa ture hin jilbifachiisin akka ture Jaallon dhiheenyatti mana hidhaatti isa beekan ragaa bahu. Hojii isaa seenaa qabeessa fi boonsaa kana seenaan qabsoo bilisummaa Oromoo bara baraan yaadata.

J/ Tulluun Abbaa isaa Obbo Urgee Jiruu fi haadha isaa Aadde Caaltuu Ejersaa irraa bara 1947 konyaa Salaalee, ona Wacaalee, Ganda Dubar Qal’aa jedhamutti dhalate. Inni dhalatee gara waggaa lamaa booda warri isaa (abbaa fi haadhaati) bara 1949 gara konyaa Baalee, Ona Adaabbaatti galan (godaanan).

Yeroo umuriin isaa barumsaaf gahu mana barumsaa Miishinii Urunnaa galee bar 1957 hamma 1960tti kutaa 1 hamma 4; bara 1961 hamma 1965tti, Mana Barumsaa Jiddu-galeessa Sadarkaa Lammaffaa Adaabbaatti kutaa 5 hamma 8 barate.

Sana booda bara 1965 hamma 1966tti kutaa 9 hamma 10 mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Gobbaatti barate. Bara 1967 hamma 1968tti mana barumsa ol’aanaa Tafarii Makonniinitti kutaa 11 fi 12 xumure.

Bara 1969 Instituutii Leenjii Barsiisotaa Kotobeetti leenjii barsiisummaa erga fudhatee booda barsiisaa ta’ee gara konyaa Baaleetti deebi’ee bara 1970 hamma 1977tti mana barumsa sadarkaa lammaffaa Adaabbaatti barsiise. Bara 1971, aadde Faanayee Abarraa fuudhee ijoollee dhiiraa afuri fi dubara takka irraa argateera.

J/ Tulluun yeroo barsiisaa ture manni barumsaa akka ganda Aloolaa jedhamutti banamu godhee mana barumsaa kanatti daayrektara ta’ee hojjeteera.

Kana malees ijoolleen ummataa caraa barumsaa akka argatan kakaasuun barumsi bu’uuraa akka jalaqabamu fi leenjiin ispoortii akka baballatu godheera.

J/Tulluun bara 1987 mana hidhaatii erga bahee booda mana barumsa sadarkaa lammaffaa ol’aanaa Cilaalootti hanga bara 1992tti barsiiseera. Bara 1993 irraa kaasee Finfinneetti galuun mana barumsaa dhuunfaa Aday Ababaa jehdamutti barsiisummaan hanga bara 1998tti hojjateera.

Bara 1994 haadha manaa isaa kan lammataa fuudhee ijoollee lama irraa argateera.

Bara 1999 irraa kaasee hanaga bara 2002tti Dhaabbata Maayikiroo Faayinaansii (Liqii fi Qusannoo) Buusaa Gonofaa jedhamu keessa magaalaa Mojoo fi Bishooftuutti gaafatamaa dhaabichaa ta’uun hojjete.

Bara 2003 irraa kaasee dhaabbata moo-mit (non-government) jedhamu Hundee keessatti Qindeessaa Piroojektii Damee Baalee ta’ee hanga bara 2008tti hojjeteera.

Bara 2009 irraa kaasee hanga gaafa boqatuutti gara waajjira muummee Hundee magaalaa Finfinneetti deebi’ee kutaa adda addaa keessatti ekispartummaan hojjeteera.

Bara mootummaa Tigree keessa Adoolessa 23, 2008 yoo biiroo bahee gara biqiltuu oomishaniitti deemu basaastotni ukkamsanii ija isaa haguuganii bakka dhokataatti geessan. Bakka dhokataa sanatti dararaa turanii iccitii dhabnaan guyyoota baayyee booda baasanii gatan. Bakka itti gatan sanaa ka’ee gara biiroo yoo deemu hojjettootni eenyummaa isaa dagatan. Uffatni irratti xuraa’eera; areedni guddateera; uqqatee namummaa baheera! Yeroo bakka dhokataa sana turetti ijoolleen Oromo hedduun weelluu qabsoo kan haamilee nama horachiisu weellisaa akka turan hubachuu isaa dubbate.

J/ Tulluun, nama humnaa fi beekumsa isaa hunda qabsoo bilisummaa Oromootiif gumaache, dadhabbii fi nuffii tokko malee hamilee guddaan ummata Oromoo qabsoo bilisummaatiif kakaasaa ture fi kan dantaa fi qananii mataa isaa akka jirutti qabsoo bilisumaa Oromoof oolche. Hojiin inni haala gaaga’ama lubbuu isaa gaafatu hunda keessatti hojjetaa ture fakkeenya guddaa kan ta’u fi yoomiyyuu cululuqee kan mul’atu dha.

J/ Tulluun wanneen ummata Oromoof faayidaa qaban jedhee itti amane irratti hanga gaaga’ama lubbuu isaatti qabsaaweera. Jjireenyi Oromoo akka jijjiiramu dadhabbii fi nuffii tokko malee hanga gaafa lubbuun isaa dabrituutti hojjeteera. Kun immoo Kan jaalleewwani isaa, ummata Oromoo, maatii fi firoottan isaa mara boonsu dha.

J/ Tulluun hojii irratti ramadame sirnaan hojjechaa oduu jirruu tasa dhukkubsatee yaalamuuf mana yaalmaa ol’aanaa Xurunash Dibaabaa seenanee yeroo gabaabduu keessatti Sadaasa 25 bara 2014 dhalatee waggaa 67tti boqate; Sadaasa 26 bara 2014 bakka maatii fi firoottan isaa jiran magaalaa Adaabaatti hirkannaan isaa sirna gadda guddaan raawwateera.

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: