FOR BETTER OROMIA

Obbo Baqqalaa Mokonnon (1930 – 2016)

(Oromedia, 3 Guraandhala 2016, Oromiyaa) Sirni awwaalchaa Obboo Baqqalaa Mokonnon Wasanuu Oromiyaa, Salaalee keessatti raawwate.

Baqqalaa Wassanuu (1930-2016)
Baqqalaa Wassanuu (1930-2016)

Buu’ureesitoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessaa tokko kan ta’an Obbo Baqqalaa Mokonnon Wasanuu dhalatanii woggaa 86-tti dilbata torban dabree – Amajjii 24, 2016 bakka jiraachaa turan Biyya Ingilizii, magaala Landanitti addunyaa kanaraa du’aan boqatan.

Obbo Baqqalaa Mokonnon Wasanuu, Shawaa Kaabaa- Salaalee, bakka Oborii jedhamutti dhalatanii guddatan.

Akkuma Umuriin isaanii barumsaaf gaheen Finfinnetti galanii amma sadarkaa lammaffaatti mana barumsaa Tafarii Mokonnon jedhamutti baratanii, booda Koleejii Hojii Daldalaa ykn Commercial College ka jedhamutti barachuun Akkaawuntingiidhaan ebbifaman.

Sirna yaadannoo Waaldaan Macaa fi Tuulama Ameerikaa Washington DC-tti Sambat-duraa darbee qophaa’erratti firoottanii fi hiriyoonni Obboo Baqqalaa akasumas miseensooni Waldaa Maccaa fi Tulama argamaniru.

“Obbo Baqqalaan abbaa firaa, xinna wajjin xinnaa, guddaa wajjin guddaa ta’e kan hasahuu beeku,” jedhu, Firottan Obboo Baqqala Gadda fuula isaanirra mullattu liqimsanii, of jajjabessa.

Obbolaawwan isaatiif akka abbaa ture, firottan hunda biratti jalatamaa fi dhageetti kan qabu, mirga Oromoof immoo antummadhan odoo hin ta’in wal-qixxumaa dhala nama irratti hunda’uun umurii isaabii guutuu kan hojjataa turan tahuu dubbatan.

Namoota sirna yadannoo kanarratti argaman keessa Obbo Lubee Birruu “yeroo Baqqalaa Mokonnon, Janaraal Taddasaa Biruufaa wajjin dhimaa Maccaa fi Tulamaaratti hojjatan da’iman ture. Anifi hiriyooni kiyya akka obbo Baqqalaa Mokonnon ta’u hawwaa guddanne,” jedhan.

Obbo Baqqalaa Mokonnon waan abshaalaa fi goota tureef, Waldaa Macaafi Tuulamaa keessatti, hojii tikaa nagaatti bobba’uun akka qophilleen waldicha nagaan geggesaman ka gochaa turan tahuu yaadatu.

“Baqqalaa Mokonnon abbaa isaanii Mokonnon Wasanuuttin addan hin laalu. Warrii Mokonnon Wasanuu dhimma mirga Oromooratti cimtoota fi kan fira jalatani,” kan jedhan immoo Obbo Ibsaa Gutamaati.

Mootummaan Haylasilaasee, yeroo hoggantoota Macaafi Tulamaa akka Tadasaa Biruu, Mamoo Mazamir fi abbaa obbo Baqqalaa Mokonnon Wasanuufaa guree hidhaatti naqe, Obbo Baqaalaa Mokonnon fi hiriyotaa isaa immoo kophaa baasee hidhee ture. Sababni isaas Baqaalaan faa akka sobanii ragaa bahan dirqisiisudhan wabii godhate hoggantoota Macaa fi Tuulamaa irratti murtii soba dabarsuf yaaduudhaan ture, Guyyaa san garuu Baqqalaa Mokonnon Karoora motummaa fashaleessudhan seenaa hojjachuu isaa namonin achitti argaman ragaa bahan.

San booda, Baqalaa Mokonnan mana hidhaatti deebisanii waggaa 10 itti murteessan. Motumaan Haylesilaasee kufee Dargiin angoo qabannaan bakka itti hidhamee turee bahee Finfinnetti deebi’e.

Erga dargiin kufe booda haadhaa manaa isaa wajjin gara biya ingiliziitti baqate. Obboo Baqqalaan erga baqateeyis dhimma Oromoo irraa hin fagannee, namoota biyyaa baqatanii achitti gargaarsa dhaban gargaara, Oromoota naannoo Landan jiraatan ijaaraa fi walitti fidaa turan jedhu, obbo Ibsaa Gutamaa.

Seenaa walda Macaa fi Tuulamaa keessatti abbaa fi ilmaan hidhamuudhan Baqqalaa fi abban isaanii Obbo Mokonnon Wasanuu kan duraas kan dhumaas akka ta’an dubbatu namooni sagantaa yaadanoo Obbo Baqalaa Mokonnon qophahe irratti argaman.

Reeffi Obbo Baqqalaa  gara Oromiyaatti ergamee, biyya itti dhalatan guddata Shawaa Kaabaa, Oboriitti dhihoo jiru – Gadaamii Dabre-Libaanositti sirna o’aadhaan raawwate.

Maatii fi firoottan Obbo Baqqalaa Mokonnonif jajabina hawwa, biyyeen itti haa salphattun jedha.