FOR BETTER OROMIA

Adeemsa kenniinsa haqaa Oromoo Gujii

Ogganaan Doorii Abbaa Doorii jedhama. Innis Raaba keessatti nama Abbaa Murtii ta’ee hojjetaa tureedha. Doorii jalatti Hayyuuwwaniifi Jaldhaabota hedduutu argamu. Adeemsa murtii kennuu kan geggeessan Hayyuuwwan yoo ta’an, hojiin Jaldhaabotaa naamusa eegsisuufi himatamtoota dhiyeessuudha.

Naannawa tokko tokkotti Dooriin dhimmoota yakka ajjeechaa kan hinilaalle ta’us, Gosa Hokkuu keessatti yakka ajjeechaa dabalatee, dhimmoota kamiyyuu sadarkaa Doorii kanatti ilaalamuufi furmaata argachuu danda’u. Kana keessatti dhimmoonni sadarkaa kanatti furmaata hinarganne sadarkaalee kenniinsa murtii hundaa eeggatee Abbaa Gadaatiif dhiyaata.

Gadaa: Sirna Gadaa keessatti aangoo olaanaa kan qabu Abbaa Gadaati. Of jalattis Hayyuuwwan, Jaldhaabotaafi Fagawwan qabata. Sirna kenniinsa murtii keessattis gahee olaanaa kan bahatan Hayyoota. Kana keessatti gaheen Abbaa Gadaa gabaasa murtii Hayyuuwwanirraa dhiyaatu qorachuu, karoorsuu yookaan akka sirratu gochuufi qaamolee isa jala jiraniif qajeelfama kennuurraa kan hafe abbaan gadaa kallattiidhaan adeemsa murtii kennuu hingeggeessu. Sadarkaa kanatti yakki ajjeechaafi dhimmoonni hedduun furmaata ni argatu. Sadarkaa kanatti Abbaan Gadaa dhimmoota humnaa ol ta’an, Yubni akka gargaaru gochuu danda’a. Kunis ta’ee furmaati hinargamne taanaan Gumii Bokkoof akka dhiyaatu ta’a.

Gumii Bokkoo: Gumiin Bokkoo waggaa saddeetitti yeroo tokko kan geggeeffamu yoo ta’u gosoota sadeen Gujiitti argaman, Abbootii Gadaafi oggantoota olaanoo sirnichaa, akkasumas oggantoota hawaasa biroo bakka bu’an kan hirmaataniidha. Yaa’ichis guyyoota 28f kan turu yoo ta’u, Annaa Sooraa, naannawa Me’ee Bokkoo jedhamutti kan geggeeffamuudha.

Sirnoota ijoo yaa’icharratti raawwaataman keessaas Baalli kennuufi fuudhuu, seera baaftonni olaanoon waan argamaniif akkaataa barbaachisummaaasaatti seera baasuu, waggoottan saddeettan darban keessatti dhaddacha sadarkaa hundaatti, dhimmoota furmaata hinargatiniifi humnaa ol ta’aniif furmaatiifi murtiin xumuraa nikennama.

Adeemsa kenniinsa murtiifi araaraa

Akkuma ummato Oromoo godinaalee biroo hawaasa Gujii birattis jaarsummaan bakka guddaa qaba. Jaarsummaan walitti bu’iinsi ni furama. Walitti bu’iinsi wayiita umamu rakkochi lubbuufi qabeenyarratti miidhaa geessisuun dura yookaan booda jaarsoliin gama lameenii murtii kennuun araarri akka bu’u taasisu.

Sababa gara garaatiin walitti bu’iinsi uumamee dhiigni dhangala’uu yookaan lubbuun baduun kan uumamu ta’e jaarsoliin of eeggannoofi sirna addaatiin walitti araarsu.

Akkaatuma ulfaatinaafi salphina dhimmichaatti, sadarkaa adeemsa murtii kennuu hundaa keessatti sirnoonni adda addaa ni geggeeffamu.

Himati jalqabaa kan ilaalamu dhaddacha murtii warraafi firaatiinn yoo ta’u, adeemsa kenniinsa murtiirratti hayyuuwwan naannawaa ni argamu. Sadarkaa kanatti dhimmichi furmaata hinarganne yoo ta’e, abbaan dhimmaa yoo dhimmasaa Abbaa Gadaatti dhiyeeffachuu barbaade oliyyannoof gara Abbaa Gadaa deema.

Abbaan dhimmaa kallattiidhaan ofiisaatiin Abbaa Gadaa bira deemee, “Rakkoo akkanaatu na mudatee furmaata naaf kennaa” jedhee dhimmasaa Abbaa Gadaatti himata. Hayyoonni eddii himata kana dhaggeeffatanii booda himatamaa maamsisu. Yoo himatamaan waamicha kabajee dhufuu dide Jaldhaabonni qabanii akka fidan taasisu.

“Namni dhugaa argate karaa moonaa argate” jechuudhaan akkaataa ulfaatinaafi salphina dhimmichaatti rakkoo jedhame qorachuun hanga danda’ametti murtii haqaqabeessi kennama. Beenyaan kan barbaachisu yoo ta’e beenyaa kaffalchiisu.

Yoo yakki ajjeechaa otoo ittihinyaadamiin akka tasaa raawwatame tarkaanfiin maatiin namni jalaa ajjeefame fudhatu, akka ajjeechaa beekaa (itti yaadamee) raawwatee hinhammaatu.

Ajjeechaan raawwatame itti yaadamee kan raawwate ta’ee, maatiin namni jalaa miidhame, haaloo bahachuuf manaafi qabeenyaa namichaa gubuufi firootasaa ajjeesuu danda’u. Yeroo kanattii adeemsi araara buusuu kan eegalu ta’a. Hanga danda’ametti qabeenyi biroon utuu hinmanca’iniifi lubbuun dabalaataa akka hinbaaneef, maatiin nama yakkicha raawwatee “Ani bade” jechuun, ajjeechaa umame rakkoo tasa mudate ta’uu, naasuufi gadda itti dhaga’ame ibsu. Jaarsoliinis hatattamaan gara maatii namni jalaa ajjeefameetti akka ergaman gaafatu. Isaanis “lubbuun ba’eera, nu araarsaa, maatii namni jalaa miidhamee nuuf qabaa” jechuun waan baratameedha.

Hayyoonnis, gara maatii namni jalaa miidhamee deemuun “Maatin abaluufaa…’balleessaa keenyaa; gaabbineerra’ jedhaniiru balleessaa biraa akka hinraawwanne” jedhuun. Maatiin namni jalaa ajjeefames “Tole! Qabamneerra. Kanaan booda dhaabneerra. Isinis waan murteessitan murteessaa” jechuun deebii kennu. Rakkoon uumamee tasgabbaa’uun adeemsi araara buusuu geggeeffamuu eegala.

Namni yakka raawwate qeensa qoratee, rifeensa haaddatee araaraaf qophaa’a. Araaraafis hoolaan ni bitama. Bakkiifi guyyaan araaraa murtaa’ee, ulaagaan barbaachisaan guutamuu eegala. Hoolaan qophaa’es naannawa horiifi namni ga’uu hindandeenye holqa yookaan boolla keessatti qaluun tiruunsaa maatii namni jalaa ajjeeffame harka kaawwama.

Namni yakka kana raawwatemmoo harkisaa lamaan dugda duubatti hidhama. Harka nama yakka kana raawwatee duubatti hidhuun, Harka Micciirricha jedhama. Namichi tiruu harkatti baateefi namni harki duubatti hidhame walcinaa akka dhaabbatan taasifama.

Sana boodas fuulasaanii walitti deebisanii akka ijaajjan gochuun inni harki duubatti hidhame (yakkamaan), gadi jedhee harka namicha namni jalaa miidhameerraa tiruu nyaata. Kana keessatti tiruun akka mallattoo firummaa deebi’anii hundeessuutti kan ilaalamuudha. Foon hoolaa inni hafe namoota gosa Gujiitiin ala ta’aniin fudhatama. Sababnisaas, “firri foon firasaa hinnyaatu” kan jedhu agarsiisuufi.

Sirni alatti geggeeffamu haala kanaan erga raawwatee booda, warri gumaa lamaan walqabatanii jalqaba mana namicha yakkicha raawwatee deemu. Maatiiwwan lameen akka walhinarginee golgamee daadhiin (bookni) dhiyaata.

Booka kanas warri gumaa lameen habbuuqqatanii walitti biifu. Sana booda jibichi qalamee nyaatama. Gara mana namni jalaa ajjeeffamees deemuun sirni walfakkaataan geggeeffama. Dhumarratti maatiiwwan lameen akka walhin lolle, walhin barbaanne jechuudhaan araarrifi nagaan bu’a.

Maddi: Kitaaba, Sirna Haqaa Aadaa Oromoo Gujii, Sidaamaafi Awwii Ministeera Aadaafi Tuurizimiitiin qophaa’e

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: