FOR BETTER OROMIA

Dhaamsa Bara Haaraa 2012 Hayyu Duree Gumii Sabaa ABO – J/Daawud Ibsaa

Miseensota ABO

Waraana Bilisummaa Oromoo

Dargaggootaa Oromoo

Ummata Oromoo Bal’aa

Deggertoota QBO

Firoottan QBO

Hunda dura baga bara haaraa 2012 nagaan geenye jedhee hawwii qabu maqaa hogganoota ABO, miseensotaa fi WBO falmaa diinaa irra jirun isinii dabarsa. Barri haaraan kun ummta Oromoof keessa isaatti bara nagaa fi tasgabbii, bara milkii fi injifannoo, bara diinni keenya mataan lafa ilaalu, kan saba keenyaa mataan ol jedhu akka nuuf tahu hawwii qabu dabarsa.

Bara haaraan yeroo dhufu, bara tokko xumurree bara haaraatti yeroo seennu isa  keessa dabarre of duuba deebinee mil’achuun, milkii fi danqaalee nu qunnaman, diddaa gabrummaa gaggeeffaman, haala ummata Oromoo fi QBO keessa kute gabaabsinee xiinxaluun ykn gamaggamuun, haalaa fi amala mootummaa Wayyanee nu bitaa jiru agarsiisuu, akkasumas haala naannoo gaanfa Afrikaa fi addunyaa ilaaluun didhaalee bara haaraa keessatti nu qunnamuu malan, xiyyeffannoo kennineefii kan irratti qabsaawuu qabnu walii akeekuun dirqama taha.

Erga ummatni Oromoo kiyyoo kolonii Itophiyaa jalatti kufee mootummootni darabee aangootti dhufan hundii ummata keenya irraan miidha gurguddaa fi hamaa gahaniiru. Kiyyoon kolonii bifa fi haala isaa jijjiirrata har’a gahe malee harqooti gabrummaa ummata keenya irraa hin laaffanne. Dhugaa kana hubachuuf qormaata seenaa gad fagoo fi dheeraa gaggeessuu hin barbaachisu. Haala ummatni keenya keessa dabree fi har’a keessa jiru ilaaluu duwwaan ni gaha.

Barri dhufee dabru hundi gosa cunqursaa, miidhaa fi saaminsa qabeenya ummata Oromoo irraan gahan bifa isaa jijjiiruu haa yaalan malee laaffisuun matumaa mul’ataa hin jiru. Minilik fi Hayle Sillaaseen sirna fuudaalaa bu’ura godhachuun ummata Oromoo irraan sadarkaa dagaaginni sirnaa isaanii keessa jiruun miidhaa daangaa hin qabne ummata keenya irraan gahan. Mootummaan Dargii ammoo lafti kan qotee bulaa ti jedhee labsun saaminsa abbootii lafaa hambisu illee ummata Oromoottif mirgi abbaa biyyummaa fi abbaa lafummaa isaa hin kabajamne, seenaa fi afaan isaa akka dagaaguu tasa hin haayyamne, warraaqsa gaggeessina jechuun cunqursaa fi miidhaa gosa haaraa ummata keenya irraatti raawwatee darbe.

Kufaatii Dargii booda murnii Wayyaanee (TPLF)  kan aangootti dhufe ammoo maqaa dimokraasii fi kabajaa mirga sabootaan kakachaa,  mirgi sabootaa kabajame jechaa, federaalumaan of bulchina jechaa, cunqursaa fi saaminsa daangaa hin qabnee haalaan hamaa fi garaa jabinaan  ummata keenya irratti erga banee kunoo waggaan 20 dhumate. Mootummoota Itophiyaa aangootti dhufan keessaa kan akka mootummaa Wayyaanee ummata Oromoo diineffatee karaa isaa danda’ame hundaan cunqursuu bira dabree lafa irraa duguugee fixuuf tattaafata jiru takkaa hin argamne. Erga murni Tigiraay – Wayyaanee/ Ihiadeg aangoo/ biyya bulchuu qabatee Oromummaan yakka tahe. Wayyaanoti erga  aangoo qabatanii ajjeechaa, miidhaa, saaminsa fi arihatamuu ummata Oromoo irra gahe lakkaawanii fixuun hin danda’amu. Mootummaan goolessan Wayyaanee:

 

  •  Ummata Oromoo Wataritti jilmaan ajjeessera,
  • Baddanoo fi Sigimootti humna waraana isaa bobbaasee ummata Oromoo mana irratti gubee, kaan morma qalee ajjeeseera; as irratti yakki yakka caaluu ammoo waan Baddannoo fi Oromiyaa bakkota kaan irratti fixinsa ofumaa garaa jabinaan raawwate filmii isaa irra deebiin dalaguun ABO fi ummata Oromoo irratti bara baraan olola oofuuf dhimma itti bahaa jiraatuu dha.
  • Harargee keessatti ummata manatti ol deebisee duubaan itti cufee ibidaan gubeera,
  •  Bosona Oromiyaatti ibidda itti naqee gubee barbaadeeseera;  bosona Oromiyaa umrii waggooti dhibbaan lakkaawaman qaban ciree lafa irraa dhabamsiiseera
  •  Laggeen Oromiyaa summii warshaattin summeessee nama beelada, fi bineensota daggalaa irraan miidhaa guddaa geessisaa jira;
  • Ummata Oromoo fi ummatoota ollaa walitti diruun dhiiga dhangalaasisera, qabeenyaan barbaadaaweera, diiinummaa ummatoota bara dheeraa nagaan waliin jiraatan giddutti facaaseera. Irra deebiin wal yaadachiisuuf waggootii digdama Wayyaaneen aangoo irra jiruu keessatti shira Wayyaaneen xaxeen lolli Oromoo fi Iisaa, Oromoo fi Sidaamaa, Oromoo fi Geeda’oo, Oromoo fi Gurraa, Oromoo fi Gumzii, Oromoo fi Affar, Oromoo fi Gabra  …..  kkf giddutti godhamee lubbuun kumootaan lakkaawamu dhabameera, qabeenyaan biliyoonaatti herregamu barbaadaweera.
  • Hordoftoota amantii Kiristaanaa fi Islaamaa akka wal lolan taasisuun ibiddi hin dhaamne akka qabatu godhuu bakka hedduutti irra deddeebi’ee yaaleera. Yaalii akkasii amma illee raawwachuu irraa hin dhaabbanne.
  • Lafa Oromoo  alagaatti gurguuruun ummata keenyaf beenyaa tokko osoo hin kaffalle humnaa fi gowwoomsaa waliin makaan qe’ee fi kosii irraa buqqisuun lafa dhablee taasisuun agabuun akka dhumu, jireenya gadi aantii kulii dalagee akka jiraatu taasisaa jira. Saaminsi lafa Oromiyaa bifa  qindaaween gaggeeffamaa, kubbaniyoota addunyaa fi namoota dureeyyii Tigirayf gurguramaa jira.
  • Barattoota Oromoo manneen barnoota olaanaa keessaa baratan yakka tokko malee Oromummaa isaanii duwwaan yakkee ajjeeseera, gabatee barnootaa irraa ariheera, hidhee torture dhaan dararaa jira, ukkaamsee dhabamsiisaa jira, kanneen kanuma keessa darbanii barnoota isaanii xumuran ammoo hojii dhablee taasisee ummaticha waliigala hamilee cabsuutti jira.
  • Oromoota hiraar fii arihatamuu mootummaa Wayyaanee jalaa dheessanii biyyoota ollaatti koolu galtummaa gaafatan duukkaa bu’ee ajjeessera, shira xaxee akka qabamanii biyyatti deebi’anii hidhaman ykn ajjeefaman godhaa jira.
  • Dabnii fi yaakki mootummaan kun dalagaa jiru tarrisanii fixuunuu rakkisaa dha. Idileettii garuu mootummaan kun jibinsaa fi maal na godhuu tuffii qabuun jireenya Oromoo addatti kan umatootaa Itophiyaa waliigalatti hadhaawaa fi gadadoo taasisee jira.

Cunqursaa fi saaminsi kun hundi yeroo irra gahu ummatni Oromoo harka maratee hin ilaalle. Dhaaba isaa ABOtiin hogganamee falmaa wal irraa hin citne gaggeessaa jira. Fincilee diddaa isaa bifa adda addaan agarsiiseera, ammas itti jira. Wareegama hagamuu gaafatu haga bilisummaa fi walabummaatti qabsoon diddaan gabrumaa, qabsoon bilisummaa itti fufa.

Bara xumurre 2011 keessa mootummaan Wayyaanee ABO dadhabisuu yoo danda’ameef ammoo dhabamsiisuuf dhagaa gara hin galchiin hin qabu. WBO irratti duula wal irraa hin citne banee dhabamsiisuun tattaaffi oolaanaa godhe hin milkoofne. WBO daran jabaatee sochii isaa bal’isee, godinaa keessatti falmaa gaggeessu haaraa banuu danda’eera. Qawween bilisummaa ummata Oromootiif kudhanoota sadii dura J. Elemoo Qilxuu faan lafaa kaafamee haga har’aatti lafa hin kaa’amne, haga bilisummaa fi walabummatti diina falmuun akka itti fufu diinaafis tahe firaaf mirkaneessina.

Baruma xumurree keessatti ABO ummata Oromoo biratti jibbisuu fi ummata Oromoo irraa qophexeessuuf akkasumas addunyaa biratti maqaa xureessuuf bara baraan akkuma godhu filmii sobaa ofii isaatii kaase haga nama nuffisiisuutti TV ofiif tohatu irraan agarsiisuu fi media isaa hundaa irratti lallabee jira. ABO hawaasa addunyaa biratti fudhatama dhabsiisuuf boolla hin lixin, gaara hin bahin hin qabu. Mana maree kan miseensota paartii isaa duwwaan guutame keessatti ABO dhaaba shororkeessaa dha jedhee labseera. Labsiin kun waan haaraa as baase qabaachuu baatus hagam takka akka  mootummaan Wayyaane ABO jibbuu fi sodaatu dirreetti mul’iseera. Akka hawwe garuu ABO ummata Oromoo irraa adda basuu fi addunyaa birattis qophxeessuu baranas akkuma durii itti hin milkaawiin hafee akeekni isaa jalaa fashalee jira. Fuula durattis tattafatni nuffisiisaan kun akka hin milkoofne mirkaneessinaaf.

Bara 2011 keessa Qeerroon Oromoo gabrummaan nu gahe, bilisummaaf kakannee of kennine jechuun wal gurmeessanii karaa nagaa fincila diddaa gabrummaa itti fufanii qabsiisan haga har’aatti humna horataa golee Oromiyaa mara waliin gahaa jira. Murni Wayyaanee fincilli ummataa natti ka’a sodaa jedhuun hidhaa fi ukkaamsaa dargaggoota, barattootaa fi beektoota Oromoo irratti raawwatu bifa duulaa qabsiisuu illee akeeki Wayyaane hamilee dargaggotaa fi ummata keenyaa doomsuu hin dandeenya. Kanaaf ragaa qabatamaan sochiin Qeerroon Oromoo qabsiisanii fi itti fufinsaan addaan osoo hin citne gaggeessaa jiranii dha. Sochiin humna haaraan jalqabe kun galii isaa haga gahutti kan of duuba hin deebine tahuun ifaa dha. Cunqursaa fi saaminsa cimsuun mootummaa Wayyaanee daran ummata keenya kakaasaa jira, seenaan biyyoota biraas kanuma mirkaneessa.

Bara Haaraa 2012 keessa dalagaalee nu eeggatan

Ummatni osoo qabsoo hin godhin bilisummaa gonfate addunyaa kana irra tasa akka hin jirre har’as irra deebinee wal yaadachiifna. Bilisummaan wareegamaan, diina dadhabsiisanii ofii of ijaaruun, diina hidhatee  dachee fi biyya nama irratti geeraru irree isaa laamshessanii of irraa kaasuuf aarsaa nama gaafatu hundaa baasan male hin argamu. Kana irra deebinee kan walii himnuuf bara haaraa 2012 keessatti falmaan nu dura jira bal’aa fi cimaa tahuu isaa wal yaadachiisuuf.

Injifannoolee haga ammaatti QBO galmeesse jabeeffataa kan nu hafan harka gahachuuf, qabsoo bilisummaa Oromoo daran humna amansiisaa tahuu isaa mirkaneessuuf jabaannee socho’uu nu barbaachisa.  Kana godhuuf ammoo qabsoon jihaa hundaan daran finiinsuu fi wareegama qaqqaalii kaffaluuf of qopheessuutu nurraa eegama. Wareegamni bara 2011fi baroota sana duraa keessa kaffalle akka ija argatuuf sochiin akka dhaabaa fi ummataatti goonu dachaa dachaan jabaatuu fi cimuu qaba.

Qabsoon bilisummaa Oromoo milkaawee galii isaa gahuuf ummatni Oromoo tokkummaa isaa qabsoo irratti waliin wareegamuun, dantaa saba isaa waliin tikfatuun fi ijaarsa isaa ABO waliin cimsatee keessatti qooda lammummaa isaa jabeeffatuun murteessaa dha. Tokkummaan saba Oromoo kaayyoo tokko: biyya takkittii, saba tokkicha fi hiree tokkicha jedhuu irratti kan hundawee dha. Ummatni Oromoo biyya takkitti waliin qaba, ummatni Oromoo saba tokkkicha, ummatni Oromoo hiree tokkicha walin qaba. Kaayyoo kana irratti wal tiksinee fi ijaarree qabsoo godhuun qabsoo bilisummaaf goonuu daran jabeessaa umurii diinaa gabaabsaa deemna.  Hundi keenhya kanaaf kaanee fuula duratti haa sochoonu.

Ummata Oromoo lafa isaa irraa buqqisuun, kolonii haaraa dirirfamaa jiru dura dhaabbachuun fashalsiisuuf qabsoo finiinsuun didhaa guddaa bara haaraa kana keessatti nu eeggatuu dha. Bara Oromoon kiyyoo koloniitti kufe lafti isaa malkanyaa fi nafxanyaaf haa hiramu malee akka ammaa kanatti kubaaniyoota addunyaa fi sooreeyyi alagaatti hin gurguramne. Saaminsi lafa Oromoo bifa haaraan jalqabee kun ummata keenyaaf filmaata biraa osoo hin qopheessine lafa isaa irraa garaa jabinaan buqqisuun fi hiyyoomsuun kan ummata keenya dhabamsiisuuf, beelaa fi gadadoof saaxiluuf shira  xaxamee waan taheef  ummatni Oromoo kana hubatee duula mootummaa kana fashalsiisuuf qabsoo isaa finiinsuun irraa eegama.

Mootummaan Wayyaanee aangoo irra turuuf shira adda addaa xaxuu irraa of duuba hin deebi’u. Ummata Oromoo kutaan, gandaan, amantiin, gosaan fi kkf adda qoodee akka wal lolu gochuu irraa of hin qusatee hin beeku. Amma illee mallattoleen humna qabsoo bilisummaa keenyaa sharafan shira diinni xaxuun deddeebi’anii mumul’ataa jiraatuun miseensotaa fi ummata keenyaaf ifaa dha jennee amanna. Kanaaf bara 2012 ummatni Oromoo shira Wayyaaneen isa qoqooduuf immamata dhaabbataa godhatee yaalu dammaqiinsaan hordofuun fashalsiisuun waan hojjachuu qabnu keessaa tokko taha.

Ummatni hin ijaaramne humna tahuu hin danda’u.  Humna tahan malee ammoo kaayyoo ka’aniif galmaan gahun hin danda’amu. Akeeka kaaneef galmaan gahuuf ijaaramuun ammas ijaaramuun caalaatti murteessaa dha. Humna yoo hin qabaanne ammoo akeeka hawwan bakkaan gahuun hin danda’amu. QBO haga ammaatti injifannoolee galmeessuu kan danda’e waan ABO jalatti ijaaramee tokkummaan qabsoo godheefi. Gaafa qabsoon kun lafaa ka’uu jalqabee jaarmayaa keenya laaffisuuf shirri keessaa fi alaa hedduun nu danqaa turan ummta keenya bal’aaf ifaa dha. ABO garuu jaaramuun humna tahuu waan beekuuf jaarmaa isaa tikfataa fi jabeessaa har’a gahe. Baroottan dabran qabsoo keenyaa fi jarmaayaa keenya ABO dadhabsiisuu fi dhabamsiisuuf shira diinaas maseensaa keessa baanee as geenye. Bara 2012 keessa dirqamni ulfaataan nu eeggatu jaarmayaa harkaa qabnu cimsataa fi jabeessaa, ummatni keenya daran akka ijaaramuu fi mirga isaa harka galfatuuf yoom illee caalaa onneen akka socho’u hojjachuun  dha.

Bara 2012 sochiin Qeerroon Oromoo jalqaban daran babal’atee fi cimee diina irratti injifannoo akka gonfatuu godhuun dirqama ummata Oromoo xiqqaa fi guddaa irraa eegamuu dha. Miseensota ABO, WBO, deggertootaa fi ummata Oromoo bal’aa biyya keessaa fi ala jiran irraa sochii kana daran cimsuun bilisummaa gonfachuu fi sirna gabrummaa dhabamsiisuutu irraa eegama. Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo injifatnoon babal’isuun ittichuun,  ummatni Oromo qabeenya, dandeetii fi oggummaa qabuun diina kuffisuu irratti xiyyeeffachuutu irraa eegama. ABO kana waltti qindeessuuf halakanii guyyaa akka hojjatu gadi jabeessinee mirkaneessina.

WBO haala baayyee ulfaataa tahe keessatti  sochii isaa cimsuun diina dirree adda addaa keessatti haleelaa jira.  Haallii hagamuuu ulfaatu haala ulfaataa keessa injifatnoo diina irratti argatuu aadaa isaa kan godhate WBO sochii isaa daran akka bal’ifatu haallii isa dirqa. Sadarkaa addunyaatti iyyuu waraanni bilisummaa akka WBOtti haala danqaa, xaxaa fi dhiheessii maleetti qabsoo godhe jira hin fakkaatu.  Falmaa  hadhaawaa WBO diinaa wajjin godhaa jiru cimsuuf gumaacha barbaachisu, qaamaan waliin hiriranii falmaa irraa hirmaachuu, qabeenyaan itti dirmachuu, beekumsaan bira dhaabbachuu fi kkf godhuun hunda irraa eegama. Kana fiixaan baasuuf, inni duraa ummanni Oromoo bakka jiru maratti sirnaan ijaaramuun murteessaa dha. Kanaaf, dargagooni, dubartoonni, maanguddoon Oromoo, beektoknnii fi ogeeyyin Oromoo, qonnaan bulaa fi kanneen haalaa adda addaan hojii irra jirtan martuu akka ijaaramtanii QBO fi WBOf gaachana taatan dhaama.

Ummatoota nagaa fi tasgabbii dhorkee, daangaa ollaa lafaa irratti akka wal lolan godhee, amantiin wal qoodanii akka wal ajjeessan taasisee aangoo isaa turfachuuf shirri mootummaan Wayyaanee xaxu adda citee hin beeku. Ummatoota giddutti jibbaa fi diinummaa akka boombii yeroo eeggatee dhowu awwaalaa jira. Akeeki Wayyaanee aangoo isaa turfachuu duwwaa osoo hin taane duranaa iyyuu ummatooti akka wal fixan godhuu dha. Mootummaan akka kanatti yaadu kan ummata irraa abdii kutatee dha.  Tooftaa dulloomaa adda qoodanii bituu kan jedhutti dhimma bahuu irraa kan of duuba deebi’u miti. Baroota aangoo irra ture mootummaan kun ummata Oromoo fi ummatoota ollaa isaa jiran wajjin daangaa fi amantiin walitti buusuun akka wal lolaniif yaalii hedduu godhe. Bakka baayyeettis itti milkaaweera. Bara 2012 keessatti shira kana xaxuu irraa waan hin dhaabbaneef ummatooti biyya Itophiyaa keessa jiraatan shira Wayyaanee fashalsuuf dammaqinsaan hojjachuun irraa eegama. Ummatni Oromoo ammoo addatti shira Wayyaanee kana ija qaroon jala deemuun fashalsuuf akka hojjatu irraa eegama.

 

Mootummaa Wayyaanee shaffisaan kuffisuun kan danda’amu cunqurfamooti hundi yoo harka wal qabatanii socha’ani dha. Ummatooti fi dhaabotni Wayyaanee irratti qabsoo godhaa jiran tumsa qabsoo sadarkaa adda addaa ijaarrachuun diina waloo irratti qabsoo finiinsuun bara 2012 keessa waan godhamuu qabuu tahuun nama hin gaafachiisu. Kana godhuuf ammoo hariiroo qabsoo dhaabotaa fi humnoota adda addaa wajjin qabnu bal’isuu fi jabeessuu, cunqurfamootaa wajjin wal hubannaa uumuu irratti hojjachuun dirqama guddaa nurraa eegamuu dha. Dirqama kana bahachuuf danqaan jiran turoo tahan illee danqaalee jiran kana irra aanuun hojjatuun amma illee barbaachisaa dha. Kana hubannee tattaaffii keenya dachaa dachaan akka jabeessinun dhaama.  ABO fi ummatni Oromoo kana mirkaneessuuf adda durummaan socho’uun irraa eegama.

Mootummaa Wayyaane dhabmsiisuuf qabsoon biyya keessatti godhamu murteessaa tahu illee biyyoota alaa maalummaa mootummichaa hubachiisuun daran jabaannee hojjachuu kan qabnu keessaa isa tokko. Mootummaan Wayyaanee deggersa mootummoota  Dhihaa irraa waan qabuuf qofaaf jira waan taheef deggersa kana irraa agabsuuf hojiin diplomasii fi sochiin ummata keenyaa keessaa fi alaa jabaatee itti fufuun kan wal nama hin gaafachiifnee dha.

Waamicha

Diinni nu qabate naatoo sabummaa kan hin qabne waan taheef ABO, ummata Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuu irraa of duuba kan hin deebine waan taheef miseensoti ABO biyya keessaa fi ala jirtan marti yeroon amma keessa jirru murteessaa tahuu hubattanii bara 2012 keessa harka wal qabannee sochii bilisummaa dachaa dachaan akka cimsinu waamicha kiyyaa dabarsa. Ilmaan Oromoo hundi dirqama lammuummaa keenyaa bahuu akka qabnu amma illee gadi jabeessee yaadachiisa. Dirqama kana bahatuu hanqatuun bulee bubbulees tahe akka nama gaafachiisu  dagatamuu hin qabu.

Nuti lammiileen Oromoo jireenya dhorkamnee, baqannee biyyaa baanee nagaa dhorkatamnee, lafti keenya alagaatti gurguramee lafa dhablee taanee, barannee hojii dhablee taanee waan jirruf  furmaati nuuf jiru qabso keenya finiinsinee  mootummaa Wayyaanee jilbeeffachiisuuf karaa hundaa akka sossoonu waamicha kiyya gad jabeessee haaromsa.

Sabooti cunqurfamoon, dhaabotni mirkanaawuu mirga ummatootaaf qabsoo irra jirtan, humnooti dimokraasii fi kabajamuu mirga dhala namaaf dhaabbatan hundi garaa garummaa nu gidduu jiru waliif beeknee fi walii dandeenyee Wayyaanee kuffisuuf qabsoo irratti akka wal tumsinu ABO waamicha isinii dabarsa.

Mootummoti fi hawaasi addunyaa mootummaan Wayyaanee dimokraatawaa dha jechuun  gargaarsi isin kennitaniif  abbaa irrummaa dhaaba tokkoo gad dhaabee, mirga dhala namaa bal’inaan dhiitaa jira waan taheef, gargaarsa gootaniif akka dhaabdanii fi dhiibbaa barbaachisu akka irratti gootan amma illee irra deebin waamicha keenya haaromsa.

Dhuma irratti barri haaraan kun bara nagaa,  keessa keenyatti tasgabii, bara fayyaa fi dagaaginaa, bara injifannoo fi milkii akka nuuf ta’u hawwii qabnu  irra deebi’ee miseensota, WBO, deggertoota,  ummata keenyaa fi ummatoota cunqurfamoo impaayira sana keessa jiran hundaaf dabarsa.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Daawud Ibsaa

HD GS ABO

Muddee 31, 2011

One thought on “Dhaamsa Bara Haaraa 2012 Hayyu Duree Gumii Sabaa ABO – J/Daawud Ibsaa

  1. galatomaa J.D.I dhamsaa nuf dabarsuu kesanii wayanneen vdo waraabdee A.B.o akkana dalagee jattee umata oromo agarsisaa jirtu akka ololaa tahee umani oromoo irraa calaan akka dhara ykn ololaa tehee nihubattaan garuu akka wayanneen ololaa kana ABo irrattii ofttuuf sababaa kan ta’ee ABO mattaa ishiittii

Leave a comment