FOR BETTER OROMIA

Itiyoophiyaa: Tarkaanfiin humnaa mormii ukkaamsuf fudhatame namoota dhibbaatamaan lakkaawwaman ajjeesise

Namoonni badii tokko malee hidhaman gadi yaa dhiifaman, qorannoon bilisaa ni barbaachisa

(Naayiroobii) –  Hiyumaan Raayit Wochiin gabaasa har’a baasen, humnoonni nageenyaa Itiyoophiyaa yeroo mormiin Oromiyaa keessatti  baldhinaan gaggeeffamen Sadaasa 2015 eegalee  namoota 400 ol kan ajjeesan yoo ta’u kan kuma kudhaniin lakkaawwaman immoo hidhanii jiru. Mootumman Itiyoophiyaa ragaa amanama ta’en akka utubu, qaama bilisa ta’e tokko hundeesun waayee namoota ajeefamanii akka qoratu, waayee namoota badii tokko malee hidhamaniifii dhiitamuu mirga namaa adda addaa gabaasa akka dhiheesu.

Gabaasin fuula 61 qabu “tarkaanfii gara jabinaa mormii ukkamsuu, ajjeecha fi hidhaa, deebii mootummaan Itiyoophiyaa mormii Oromooti kenne” jedhu baldhinaan akka ibsetti, mootummaan Itiyoophiyaa sochii mormii kana cabsuuf humna barbaachisu ol fayyadamuu, jamaa hidhuu , mana hidhaa keessatti hidhamaa miidhuu, fi mala namni odeeffannoo akka hin arganne gochuutti  dhimma bahee jira jedha dhaabbanni mirga namaa hordofu kan afaan Ingiliiziin Hiyumaan Raayit Wochi jedhamu. Hiyuman Raayit Wochin gaafif deebii namoota biyya keessa akkasumas biyya alaa jiraatan wajjin Sadaasa 15 eegalee hanga Caamsaa 2016 gaggeesen, mormitoonni 125 ol, kara deemtonni fi midhaan adda addaa kan irra gahe, dhoorkaa cimaa yaada ibsachuu, mirga waliitti qabamuu dhoorkamuu humnoota nageenya eeggisiisaniin akka irra gahe himatanii jiru.

Daarkiteerri dhaabbata mirga namaa hordofu, Hiyumaan Raayit Wochii kan taate Lesilee Lafkaw akka dubbattetti “humnoonni nageenyaa Itiyoophiyaa, lubbuu namaaf tufii guddaa argisiisun, baratoota, qonnaan bultoota fi mormitoota nagayaa irratti dhukaasun ajjeesanii jiru.

Mootummaan hatattamaan namoota badii tokko malee hidhaman gadi yaa dhiisu, miidha gahe ilaalchisee qorannoo bilisaafi amanamaa ta’e yaa dhiheesu, humnoota nageenyaa tarkaanfii kana fudhatan seeratti yaa dhiheesu.

Hiyumaan Raayit Wochiin gabaasa har’a baasen, humnoonni nageenyaa Itiyoophiyaa yeroo mormiin Oromiyaa keessatti  baldhinaan gaggeeffamen Sadaasa 2015 eegalee  namoota 400 ol kan ajjeesan yoo ta’u kan kuma kudhaniin lakkaawwaman immoo hidhanii jiru. Mootumman Itiyoophiyaa ragaa amanama ta’en akka utubu, qaama bilisa ta’e tokko hundeesun waayee namoota ajeefamanii akka qoratu, waayee namoota badii tokko malee hidhamaniifii dhiitamuu mirga namaa adda addaa gabaasa akka dhiheesu.

Humnoonni nageenyaa rasaasa dhugaa fayyadamuun deddeebi’anii namoonni akka walitti hin qabamne gochuun mormii tokkorratti yoo xinnaate nama tokko yookin sana ol ajjeesun ji’oota qubaan lakkawwaman keessatti mormitoota dhibbaan lakkawwaman ajjeesanii jiru. Hiyumaan Rayit Wochiif dhaabbileen biroo namoota du’an keessaa namoota 300 maqaan  muraasa immo suuraa isaan wajjin adda baasanii jiru.

Mormiin Sadaasa darbe ka’e, sodaa karoora mootummaan Finfinnee baballisuuf baase, kan Maastar Pilaanii Qindaa’aa Magaala Finfinnee jedhu mormuun kan eegaleedha. Mormitoonni akka jedhanitti Mastar Pilaanichi haala waggoota kurnan darban muldhateen qonnaan bultoota lafarraa buqqisuun, namoota naannoo magaalicha jiraatanirratti dhiibbaa guddaa fiduun namootni muraasni qofti akka fayyadaman godha jedhu.

Mormiin kun Muddee keessas yoo itti fufu mootummaan mormii kana too’achuuf loltuu bobbaase. Humnoonni nageenyaa of egannoo tokko malee yookin meeshaa qaama namaa hin mine osoo hin fayyadamin rasaasa dhugaa jamaatti dhukaasaa turan. Kanniin ajeefaman keessa irra caalan barattoota yoo ta’an daa’imani waggaa 18 gadiis keessatti argamu.

Poolisiin Feedaraalafi loltuun, barattoota kumaataman lakkaawwaman, barsiistota, weellistoota, miseensota paartii mormitootaa, hojjatoota fayyaafi namootaa baratoota poolisii jalaa baqatan daheesan hunda hidhaa turan. Namoonni baayyen qabamanii hidhaman baayyen gadi dhiifamanis, kanniin lakkoofsi isaanii hin beekamne, himanni osoo irratti hin banamani, gorsaa seeraa fi maatii isaanitiin osoo wal hin argin hafanii jiru.

Namoonni dhugaa bahan akka ibsanitti gaaga’umsi gahe hanga yaadamuu olidha. Namni Yoosef jedhamu, kan umuriin isaa 52 , Wallagga Lixaa kan jiraatu akka ibsettii “umurii koo guutuu asin jiraadhe. Gaaga’uumsa akkasii tasuma argee hin beeku. Nama hidhuufi ajjeesun baramee jira. Namnii yoo xinnaate maatii tokko hidhaadha hin qabne hin jiru”.

Namni kana dura hidhamee bahee Hiyumaan Raayiiti Wochiitti   akka himetti, mana hidhaa keessatti darara suukaneessan akka  isaaniirra gahe, haalli hidhamaan mana hidhaa keessatti qabamu jibbisiisa akka ta’e, kaampii waraanaa faa keessatti hidhamaa akka turan, dubrtoota baayyee irratti gochi suukaneessan akka gudeeduu fi tutuqaan walqunnamtii saala adda adda akka irratti raawwatamu ibsee jira. Namoonni tokko tokko akka ibsanitti, jilba isaanii hidhun, mataa isaanii gadi dhundhulchuun faana isaanii keessa reebama akka turan, kan biroo immoo faanni miila isaanii humna ibsaatin akka waaddame kan hafan immoo qaama saala isaanirratti wanti ulfaatu hidhamaa akka ture dubbatanii jiru.

Viidiyoon kun barattoonni mooraa Yunivarsiitii keessaatti enna reebaman argisiisa.

Aangowwan mootummaa namoota baayyee qabanii hidhanis namoota muraasarratti himannaa banu. Miseensonni paartii siyaasaa mormitootaa hedduunifii gaazexeesitoonni seera farra shororkeessumma adabbii cimaa qabu kanaan kan himataman yoo ta’u barattoonni Yuunivarsiitii Embasii Yunayitid Isteet, Finfinneetti argamu fulduratti Bitootessa keessa hiriira bahan  seeraa yaakka adda addaatin himataman.

Sababii humnoonni nageenyaa  naannoo mana baruumsaa fi mana baruumsaa keessatti argamaniif, barsiisonnii fi barattonni waan hidhamaniif, barattoonni baayyeen humnoota nageenyaa kana waan sodaataniif sirna baruuf barsiisuurratti rakkoon uumamee ture.

Aangowwan mootummaa mormicha dhaabuf iddoo tokko tokkotti mana baruumsaa torbeewwan muraasaf cufanii ture. Barattoonni tokko tokko Hiyumaan Raayiti Wochitti akka himanitti loltoonni mootummafii humnoonni nageenya biroo mooraa keessa mandhefataniin barataa Oromoo gatii ta’aniif qofa akka sakata’amaniif akka ifataman ibsanii jiru.

Iddoo tokko tokkotti mormitoonni lafa qonnaa abba qabeenya biyya alaan qabame barbaddeessuu, gamoo mootummaa saamuu fi qabeenya adda adda mootummaa akka barbaddeessan ragaan qabatamatu jira. Haa ta’u malee Hiyumaan Raayit Wochiin mormii 500 ol ta’an keessaa 62 ilaalee irra caalana isaanii karaa nagaan kan gaggeefaman ta’uu hubatee jira.

Ugura mootummaan Itiyoophiyaa qoratoota mirga namaa bilisa ta’aniifi miidiyaa dhuunfarra kaa’ee irraa kan ka’e odeeffannoo muraasatu naannoo mormii kanaa dhufaa jira. Mootummaan Itiyoophiyaas bilisummaa miidiyaa takaaluf tattaafii  guddaa godhe. Bitootessa walakka eegalee feesibookifii midiyaa hawwaasaa irratti takaallaa kaa’ee jira. Bufata teelevizyiin daayasporaas ummanni akka hin ilaalle uguree jira.

Amajji keessa mootumman Mastar Pilaanicha akka haqe ibsee ture. Yeroo sanatti garuu deebiin gara jabuummaa mootumman mormitootarratti fudhate garaa mormitoota hammeesee ture.

Mormitoonni saba Oromoo Olonkomii, Finfinneerra gara kibba dhiyaatti 60 km irratti argamtutti humnootni tikaa mootummaa mormitoota irrati dhukaasa erga bananiin booda, Mudde 15, 2015

Mormitoonni saba Oromoo Olonkomii, Finfinneerra gara kibba dhiyaatti 60 km irratti argamtutti humnootni tikaa mootummaa mormitoota irrati dhukaasa erga bananiin booda, Mudde 15, 2015

Mormiin ummataa Ebla irra eegalee qabanaa’a dhufus tarkaanfin humnoonni mootumma fudhatan akka itti fufee jirachuu Hiyumaan Rayit Wochiin raga argatee jira. Namonni hedduun qabamanii ji’a turban darbe hidhuma keessa kan jiran yoo ta’u dhibbaataman kan lakkawwaman iddoon isaan jiran kan hin beekamne yoo ta’u gochi kun humnaan dhabamsiisuu akka ta’e beekamee jira. Mootummaan dhiittaa mirga namaa kanarratti qorannoo gaha hin gaggeesine. Loltoonni ammallee moora Yuunivarsiitii keessa waan jiraniif sodaa guddaatu jira. Sagaleen mormii bara 2014 xinnaas ta’u hanga amma kan itti fufe yoo ta’u tarkaanfiin gara jabinaa mootumman fudhatu baroottan dhufu keessa mormii kana daraan akka hammeesaa deemuu tilmaamama jedha Hiyumaan Raayit Wochi.

Tarkaanfiin gara jabinaa mootumman Itiyoophiyaa mormitoota nagayaa irratti fudhatu deebii cimaa fi walta’insa mootummolee dhimmi kun ilaalu, gumii mirga namaa mootummaa gamtoomanii dabalatee barbaada jedha Hiyumaan Raayit Wochiin. Manni marii Awurooppaa ibsa ijjannoo cimaa tarkaanifii humnoonni nageenyaa fudhatan balaalefatu baasus, ibsi ijjannoo biroo gochaalee humnoota nageenya kana balaalefatu seneetii Yunayitid Isteetiif dhiyaatus isaan kanarra kan hafe ummanni addunyaa waaye dhiitamuu mirga namaa Oromiya keessatti gahe kana waan jedhan hin qaban.

Gumiin Mirga Namaa Mootummaa Gamtoomanii dhiittaa mirga namaa hamaa kana xiyyeeffannoo  kennuun, namoota badii tokko malee hidhaman akka gadi dhiifaman fi qorannoon bilisaa dhiitamu mirga nama kana ilaalchise akka gaggeefamu gargaaru qaba.

“Biyyoonni alaa mootummaa Itiyoophiyaa kara adda addaan deegaran yeroo humnoonni nageenya mootummaa Oromiyaa keessatti dhiiga nama hedduu dhangalaasan ni callisan” jetti Lafkaw. “Biyyoonni guddina Itiyoophiyaa dhaadhesan,mootummichi gara hundaanu guddina akka argisiisu keessaattu mirga dubbachuu fi warri miidhame haqa akka argatan dhibbaa gahaa gochuutu irra jira eegama.

Source: https://www.hrw.org/om/news/2016/06/15/290970

Advertisements
%d bloggers like this: