FOR BETTER OROMIA

Guyyaan Walabummaa /Bilisummaa Oromoo hoo Yoom?

BY Nagessa Dube

imagesAmeerikaan guyyaa Adoolessa July) 4 Lallaba wolabummaa / Declaration of Independence on July 4, 1776 kabajatte. Woggaa 239ffaa bilisummaa itti gonfatan jechuu dha. Guyyaan kun guyyaa isaan gita-bittaa ykn colony Ingiliz jalaa itti bilisa bayanii walabummaa isaanii labsatan. Halkan keessa firework/richiitiin dhuka’aa bule.

Gammachuu isaaniitti gammadee garuu nuuti ho gita bittaa murnoota Abyssiniyaa jalaa yoom baana? Yoom akkana kabajanna? Guyyaan Bilisummaa/wolabummaa keenna yoom ta’a? jedhee of gaafadhe. Gonfachuun keenna akka hin hafne nan beeka garuu ”an ijaan argaa laata?” jedhee mami’iin if gaafadhe.

Maraafuu me haala qabsoo Ameerikaa (USA ) ilaalchisee mata-duree ”Lallaba Wolabummaa ” jedhuun barreesse tana dubbisaa.

Lallaba Wolabummaa (Declaration of independence) irraa Maal Baranna?
=================================================
Bara 1492tti erga Kiristoofer Kolomboos Ameerikaa argateen duuba. Faranjoonni biyyoota Awurooppaarraa deemanii Ameerikatti qubatuu eegalan. Isaan kana keessaa kan baayyinnaan dhufaa turan England, France, Holland, Sweden fi Spain irraa ture. Baqattoonny Awurooppaa kan Ameerikaa dhufanii qubatan sababa gugurdaa sadi qaban ture.
1. Sababa woldhabdee/lola Amantii Kaatoolikii (catholik) fi protestant jiddutti Awurooppaa keessatti deemerraa kan ka’e
Akkasumalle amantaa baballisuu sababa jedhuun
2. Carraa diinagdee barbaassa- Lafti Ameerikaa duwwaa waan turteef achitti tobacco(Tamboo) fi waan garaa garaa omishanii duroomuuf
3. Sababa siyaasaarraa kan ka’e worra Awurooppaarraa baqatan.

Lola Koloneeffattoota Lameen (England and France ) Giddutti Gaggeeffame
======================================================

Haa ta’uu malee Ingiliz qubsuma /settlement/colony gugurdaa 13 naannoo xarafa(coastal area) irratti ijaarrattee turte. Spain naannoo kibba Ameerikaa keessa biyyoota akka Mexico,Brazil fi kkf qabatte. Naannoo kaaba Ameerikaa toowachuuf jecha Ingilizii fi Faransaay (France) bara 1689-1763 tti lola gugurdaa afur gaggeessan. Loloota kana Ingilizitu moohate. France Kanaadaa keessa naannoo Quebek qofa tti daangofte.
Bara 1650 irraa kaasee mootummaan England Ameerikaa Kaabaa karaa lammiilee isaa qabattoota tiin toowatee bulchuu eegale. Mootummaan Faransaayis lafa hanga ta’e irraa qoodamuuf socho’e. Haaluma kanaan Konyaalee Kanaadaa Faransaayi bulchaa turteerti.

Labsiiwwan Qaraxaa fi Gibiraa
======================
Dorgommii biyya Ameerikaa toowachuuf taasifame keessatti England fi French giddutti lolli shan gaggeeffameera. Sababa lola hedduu kanarraa kan ka’e motummaa Ingiliz kufaatiin diinagdee waan irra qaqqabdeef Naannolee Ameerikaa ofii bulchu irratti Qaraxaa fi gibira dabale. Isaan kana keessaa:
1. Sugar Act- Sukkaara biyya alaarraa seenurratti paarlaamaan Ingiliz Qaraxa buuse.
2. Currency Act- Bittaa fi Gurgurtaan mallaqa-baalaatiin (paper money) osoo hin taane Worqiin (gold)dhaan akka ta’u murteesse.
Uummanni Ameerikaa kan bittaa England jalatti kufe garuu haala kana fudhatee hin callisne. Mormii garaa garaa gaggeessuudhaan bittaa(colonization) Ingliz kana ofirraa cabse.

Mormii Diddaa Gabrummaa Matoomaa
===============================
1. “No taxation without representation”-“Bakka bu’ummaa osoo hin qabaanne/ofiin osoo of hin bulchine, gibira hin kaffallu.” Uummanni Ameerikaa nu bakka bu’oota /mirga ofiin of bulchuu waan hin qabneef gibiraaf qaraxalle hin kenninu; meeshaa mootummaan Ingilizi alaa galchulle irraa hin bitannu, jechuudhaan uuffanaa fi meeshaalee adda addaa duubatti hafaalle ta’u kanuma ofii hojjatanitti tajaajilachuun diddaa argisiisan.
Mormii Diddaa gabrummaa Lammeessoo
=================================
2. Mootummaan Ingilizi galii karaa kanaan jiru dhabuu isatiin “Stamp act of 1765”(seera teembiraa) kan jedhamu uumee wanti waraqa fakkaate marti gazeexaarraa kaasee hanga iyyannoo mana murtii fi kaartaa taphatanuutti teembirri irratti maxxanfamuu qaba jechuun karaa teembiraa kanaan beesee/mallaqa sassaabuuf labsii baase. Labsiin kun yoosuma mormiin ciman isa qunname. Uummanni fayyadamuu diduu fi alatti bayee hiriira nageyaa bahee mormuu eegale.
Wanti yennaa mara beekkamuu qabu tokko gabroomfattoomnni faayidaa wayii argachuuf /duroomuuf saba gabroomfatu. Sabni qaroon faayidaa aka isaan hin arganne karaa adda addaa itti cufa akka uummata ameerikaa kana. Gabroomfattoonni maallaqa uummatarraa guuranii rasaasaa fi garaan-bultoota itti bitanii ittiin uummata gabroomsu.

Mormii Diddaa Gabrummaa Sadeessoo
===============================
3. Bara 1767 loltoonni Ingilizi markaba lammii Ameerikaa tokko qaraxa hin kaffalle jettee aate. Worri markaballe ifirraa adhe. Uummanni Ameerikaalleen aaree ka’e. uummanni qawwee bitachuu fi loluu itti fufe. Gaafa March 5, 1770 naanoo New England jedhamutti uummanni Ameerikaa hiriira mormii bayee osoo jiruu loltoonni Ingiliz dhukaasa bananii nama 5ajjeesan. Tarkaaffiin (Bosten Massacre)-fixiinsa Bosten kun uummata ameerikaa garaa hammeesse. Uummanni ameerikaa addee cufaa ka’ee loltoonni gocha kana raawwatan murtiif dhiyaachuu qaban jedhanii falman. Mootummaan Ingilizilleen loltoota lama itti murteessee hidhaan adabe. Fincilli itti fufee uummanni Ameerikaa qabeenna shayii Ingilizi alaa fiddu eegee markabarraa abbaayaa/galaana keessatti gad-naqe. Gochi kun Ingilizootarratti kasaaraa hagana hin jenne geessisee dhiibbaa guddaa irratti uume.

Mormii Diddaa Gabrumma Afureessoo
===============================
4. April,1775 irratti lolli bilisummaaf godhamu state/naannole 13 (amma 50) keessatti itti jalqabame. Gaaffiin George Washington fa dhiyeessaa turan “Nu ofiin of bulchinee/paarlaamaa/congress mataa keenyaa akka Ameerikaatti ijarrachuu qabna; garuu nugusa Ingiland jalatti akka bullu nuuf haa eeyyamamu” kan jedhu ture. July 14,1776 irratti garuu gaafiin fincilichaa ifaa ifatti gaafii Wolabummaa/independence ta’ee lallabame. Inni kun kan nama Jafferson jedhamuun barreeffamee fi kan- The Declaration of Independence- Lallaba walabummaa jedhamee beekkamuu dha.

Lallabni Wolabummaa maal of keessaa qaba?
A. All men are created equal- ilmaan namaa marti wol-qixxee ta’anii uumaman.
B.Ilmaan namaa maraafuu uumamaan mirgoonni hin mulqamne(inalienable) kan akka mirga lubbun jirachuu (life), bilisummaa(liberty) fi gammachuu (pursuit of happiness ) rabbirraa kennameefii jira.
C. Mootummoonni mirgoota kanneen kabachiisuuf fedhii fi filannoo uummataatiin uumamu/ijaaramu.
D. Yo mootummaan mirgoota kana hin kabajnee fi hin kabajsiisnee, kan burjaajessu yokaan kan uummata cunqursu taate uummanni mootummaa akkasii kana irratti fincilee jirjiiruuf mirga guutuu qaba.
Mootummaan Ingiliz waan fedhii uummataatiin hin filaminiif akkasumas mirgoota namoomaa keenya kabajee kabachisiisaa hin jirreef nu nannoleen 13 tokko taanee wolitta dhufeenyaa fi olantummaa siyaasaa Ingiliz woliin qabnu guutumaa guututti cabsuudhaan BILISAA FI WOLABA ta’uu keenya addunyatti beeksifna. Kanaafuu nu naannoleen woliigalle ardharraa kaasnee woraana labsuu, nageya buusuu, woliigaltee uumuu,gibira guuruu fi waan mootummaan wolaba ta’e tokko godhu cufa kan godhuu dandeenyu ta’uu mirkaneessina.
Labsiin kun labsamee woggaa tokko keessatti USAn bilisa baate.

Nu Oromoon asirraa maal baranna? Namni hunda wolqixa uumamuu ni fudhannaa? Mootummaan nu bulchu mootummaa nuuti filanne? Nutti jaalatee filate mo humnaan ifiin ifi filee nu bulchaa jira? Mirgoota keenya nuuf kabajaa jiraa? Mootummaan nu bulchu wolqixxummaa keenna nuuf kabajsiisee jiraa?
Wolqixxummaan keenya nuuf kabajamee yo jiraate; mootummaa jaalannuu fi filanneen bulutti yo jiraanne waan barbaadamu cufa kaffaluun nurraa eegama. Seera kabajuu fi ajajamuun barbaachisaa dha. Kana ta’uu baannaan garuu UUMMATI MIRGA FINCILUU FI MORMUU NI QABA. Kanaafuu mirga keenya santi fayyadamnee ofirraa darbuu qabna. Mormiin keenya baasii adda addaa inni nu gaafatu baasuu diduu irraa eegaluu qabdi. Maaliif jennan qarshii nu baasne angawoota ifii ittiin nyaachisa, rasaasa nuun fixu ittiin bitata, Maallaquma nurraa guureen deebi’ee nu ukkaamsa; Radio Ameerikaaf ,Jarman ittiin ukkaamsa, silkii fi intrneetii xalafuuf ittiin gargaarama; basaastota ifii nurratti ittiin bobbaasa. Kanaafuu baasii adda addaa diduu, yo jajjabaanne hanga gibiraa fi qaraxa diduutti deemuu; karaa cufaan diinagdee isaa jalaa laamshessuun barbachisa dha. Achitti aansee hiriira bahanii sagalee dhageessisuuf wol-ijaaranii tarkaanfii san caalulle fudhachuudhaan bilisummaa gonfachuun dirqama keenya. Waaqni nama mara walqixa uume. Wolqixxumma keenya qabsoon haa mirkaneeffannu.

Horaa Bulaa

Kaayoo Qabna

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: