FOR BETTER OROMIA

Hinbaadhu Maqaa Ormaa

                                             Beekan Gulummaa Irranaa (Mardaasaa, 2014)

Hinbaadhu maqaa Oromaa kankoo miti durattuu

Wanti aadaakoon alaa qileetti haadarbatamtuu

Maqaan abbootiikootii kan duudhaakoo ganamaa

Yoon gulummeeffadhe maaliif narraa jibbamaa?

Fayyiseefi fayyisaan maqichi  kabajamaa

Adaaneef Adaanechiin maaliif bakka buufamaa?

Daraaraafi Daraatuun maqaa keenya mitiiree?

‘Abbebeefi Abebaayee’ hidhaa maalii nutti hidhee?

Waaqumaan maal taanaani ‘Gabreigzaaber’ jedhame

Dhiibbaan fedhaatiin alaa nurratti maa fe’ame

Cunqursaa darbe sana isa bara Nafxanyaa

Tokkummaan walii gallaan ofirraa achi darbanna

Mammaaksasaan Oromoon yommutti dhugeeffatuu

Maqaa gabaa keessatti badde gabumatti deeffatu

Maqaa keessaan ibsamaa eenyummaan saba tokkoo

Ta’uu baannaan jireenyi walakkaadha gartokkoo

Guutuu ta’uuf akkasii maqaadhaan boona sabni

Ta’uu baannaan garbadha kan dhiitani bulchani

Warri of ta’uu dadhabee yeroo hundaa sossodaatu

Halagaan itti kolfa firris iddoo isaa hinlaatu

Kanaafuu hinta’u lakkii maqumti abashootaa

Kan Isiraa’elis ta’ee hinfenu Arabootaa

Yoo gama Sanyiin ta’e nuti Oromoo mitiiree?

Maqaa maaf ergifanna keenya isaanii gadiiree?

Kemaal Jemaal maaliifi Caalchisaan maal ta’eetu

Oromiyaan maal taanaan maqadhaan gama ceetuu

Isiraa’eel Yaa’iqoob maal maqaan Ibirootaa

Nuti Oromoodha malee mitiimi Isiraa’elootaa

Dibooraafi Asteeriin hinbeeku sanyiin keenyaa

Laliseef Boontuu qabnaa maal barbaacha achi deemnaa

Zaliiqaafi Jamilaan lakkisaa keenya miti

Achuma nuuf deebisaa haadeebi’uu gamatti

‘Bellexee Belexechii’ kun ammoo eessaa ba’ee

Caalaaf Caaltuun maal taanaan akka kana doofa’ee

‘Gebre Maariyaam, Gabre Kiristoos’ Walatta maaryaami

Kun martuu nunlaallatuu dafaa dachaasaa lammii

Nutisoo maqaa qabnaa maqaa gurratti tolu

Aadaa sabichaa ibsuuf hundumtuu wal hincaalu

Gaaf tokko Waraabuutu akkas jedhee dubbate

Kan garaa malee maqaa akka hindhibnee hubatee

Garaasaaf kan bitamu waraabuun okkolaani

Kan maqaa giroo hinqabu raqasaa argannaani

Ilmi namaa akkas miti sammuu  ittiin yaadu qaba

Xiinxalee buusee baasee nilaata murtii jabaa

Maqaa baduu mannaa mataa dhabuu wayyaa

Inni kan keenya hintaane boolla haabu’u hallayyaa

Maqaan Oromoodhaafii haaloo baafannaa miti

‘Gizaachew ‘Adifires’ homaa nuttii hinqabuuti

Oromoon maqaasaatiin hawwii qabu ibsata

Sirna aammachiisaa qaba aadaasaa kunuunfata

Malee Oromkoo durii gabroomee hinjiraanne

Eenyuummaaf sabboonummaa abashootaaf hinlaanne

Oromoon har’a jiru akkas jechuudha qabna

Maqaa nu hinilaallanne ofirraa kunnee ganna

Maafan baadha itti eelee maqaa nan ilaalanne

Hundeef sanyiikoo faana isa wal hinsimanne

Maaf jedhanii nawaamuu Misgaanuufi Taaddasaa

Maaliif narratti jibbu Beekaniifi Fayyisaa

Maal ta’e maqaan kankoo maqaan hundee ganamaa

Maafan wajjin siqiqa kan ormaatiif naagama

Tarfaasafi Araarsaan maal ta’e yaa jarakoo

Laliseefi Hanbiseen keenya mitimoo obbookoo

Maarree maaltu taanaani heerri ganamaa maqe

Diinni karuma kamiin sum’iisaa nutti naqe?

Kan qabnu cimaa ture sirna Gadaa guddichaa

Kan keessaa burqee hindhumne falaasamni sabichaa

Maaltu dhufnaan ergisaaf kan ormaa laaqaa turre

Gowwoomsaan jaarraa olii ammammoo nun ga’uuree?

Booranaaf warri Gujii warri Raayyaaf Kamisee

Daguuggaa sum’ii jaraa maaltu isinitti hambisee

Warri Maccaaf Tuulamaa Warra Baaleef Harargee

Ormi maqaaf duudhaasaa maaliif sinirra naqee?

Jimmaaf Iluu Abbaa Booraa warri Leeqaa Naqamtee

Amboon biyya goototaa Ormi akkamiin sin laaqxee?

Warri Arsiif Harargee lammiinkoo Shaashamannee

Maqaa warra Yooqixaan maaliif ofirraa hinkaasnee?

Ijoolleen Dambiidoolloo, Begii Qarqara lafaa

Ijoolleen Gimbii keenyaa Nafxanyaan maa sibalfaa?

Sabboontota Adaamaa Bishooftuuf laga Xaafoo

Yaa Ijoollee Gullallee warreen hinqabne laafoo

Uummanni Oromookootii guutummaan biyya lafaa

Harcaatuun maqaa Ormaa maalumaafuu nutti hafaa?

Sanyiin sanyiiwwan keenyaa waan gaarii dhaaluu qabu

Sanyiin gosa addaaddaa maalumaafuu walmakuu

Maqaan keenya boonsaadhaa, aadaan keenyas akkasi

Gonkumaa hin ergifannuu hiree qabnaam nutisii

Maqaa ormaa akka hinbaanne waadaa waliif haaseennu

Utuu hundumaa qabnuu gola Ormaa dhaquu hinqabnuu

Maqaan Ormaa ormuma kanaaf ofirraa gataa

Kunumtuu salphaa miti qabsoo keenya achi buta

Hinjedhiin maaloo adaraa maqaan ayyaana hintaatuu

Maqaan maquma naafi hiika biraa naan laatuu

Hinjedhiin adarakee kun jaamummaa guddaadha

Har’a ofirraa gatanii isa darbeef gaabbuudha

Taaddasaa Birruufaa Maammoo Mazammirii

Oromoof qabsaa’anii yoom jijjiirratanii

Akkas jetta taanaanii ati waa tokko beeki

Har’iifi yeros gargar mee ta’uusaa naa qeeqii

Haalli ammaaf yeroosii waldorgomaaree dhiiroo

Warra baay’ee baratan kumootaan qabna qeerroo

Dalaganii darbaniim isaanis akka dansaa

Nurratti lakkisanii imaanaa gurguddaasaa

Nutuu bu’aa isaaniitii ijoolleen ammaa kunii

Afaan keenyaan dubbannee barreessuu danda’uunii

Maqaa ofiin of ta’uun innumtuu qabsoo guddaa

Maqaan waan hinduuneefuu jiraata bara hundaa

Kanaaf lammiinkoo hunduu dammaqaa waldammaqsaa

Maqaa ergisaa sanaa ofirraa achi calaasaa

Gaaf tokko gadi taa’een wanta tokko yaadadhe

Jechoota afaan keenyaa yaadaan taa’een lakkaa’ee

Akka cirracha abbayyaa baay’achuunsaa nadhibee

Xiinxalee buusee baaseen garuu waa tokkon gaabbe

Maqaan jecha erga ta’ee jechi afaan guddisaa

Warreen maqaan abashaa maaf afaankoo quucarsaa

Miliyoona hedduutoo maqaa abashaan waamamaa

Jechoonni Afaan Oromoo karaa kam dagaagfamaa

Yoos diinni Afaan Oromoo ammas Oromoodhakaa

Halagaa miidhee jedhee maafan quba itti qabaa?

Garuu abdiin amma jiru ifaadha fuuldurrisaa

Dhaloonni qubee kuni hubateera hundasaa

egaa…

An karaakoo jedheera hinbaadhu maqaa Ormaa

Har’as ta’ee boriyyuu ani ittumaanaan mormaa

Atis hinbaatiin lakkii sitti haahafu gonkumaa

Kaabas taanu kibbaanis nuti martuu tokkumaa

Hinbaannu waaroo halagaa isa barri itti darbe

Eenyummaa boonsaa qabna gaabbineerra kan darbe

Hinbaannu maqaa ormaa ba’aafi gindillaasaa

Ishee harcaatee haftes daddafaa ofirraa kaasaa

Gochoota isa darbaniif gumaa Waaqatu baasaa

Kanarras hin dheeressuu ijarraa na hambisaa!!!

Leave a comment