FOR BETTER OROMIA

Qamalee fi Naacha

Bara durii  qamaleen mukaa irraa galtii naachi immoo bishaan keessaa gala ture. Naachi bishaan keessa haagalu malee guyyaa guyyaa bishaan keessaa ba’eetu aduu qaqqaammata ture. Akumaa beekamu qamaleen immoo muka gubbaa jiraatti. Mukti kuniis muka burtukaanaa jedhama. Mukti burtukaanaa kunis naannaa bishaanii jira ture. Qamaleen kunis muka kana gubbaa teessee wanta tokko yaadde. Wanti isheen yaadde kunis firoommii naachaati, yeroo kanas wanti isheen yaadde kun firiin mukaa isheen irra jirtu baay’ee mi’aawa. Qamaleen kunis firii burtukaanaa kuttee naachaaf darbachuu egalte. Yeroo darbattus burtukaanni kun gurra naachaa rukutee naachi kunis, burtukaana kana fuudhee yeroo ishee ilaalu, isheen nyaattee ittii agarsiste. Naachi kunis akka nyaatamu baree nyaachuu eegale. Ammas qamaleen firummaa isaa ittuma fufte. Naachi kun firiin mukaa kun mi’aawaa ta’uu isaa waan argeef, firummaa ishee barbaade.  Kana booda naachis ishee barbaduu jalqabe. Qamaleenis, achuma wanta jiraattuuf waliin hiriyummaan isaanii kun nicime; waliin jiraachuu itti fufan.

 Osuma waliin jirataanii naacha kana guyyaa tokko rakkoon wayii isaa mudatee ture. Baay’ee dhiphatee rakkoon isaa kunis rakkoo hadhaa mana isaa ture; rakkoon hadhaa mana isaa kunis dhukkuubbiidha. Hadha manaa isa kanas fuudhee yeroo mana yaalaa geessu manni yaalaas laphee qamalee malee fayyuu hin dandeesuu laphee qamalee qalii laadhuufii malee ni duuti jedhan. Naachi kunis baay’ee dhiphatee wanna itti baasu wallaalee akkas jedhee yaade qamalee kana qaluuf hiriyaa kooti dhiisuuf haati manaakoo ni duuti. Qamalee biraas hinbeeku nattis hindhiyaatu ittis hin dhiyaadhu jedhee baay’ee yaadee yaada isaa kanaafis murtee tokko fudhate.Murteen isaas haati manaakoo du’uu irra hiriyaakoo kana ganuu wayyaa jedhee murteesse. Sana booda akkas yaadate.

Qamalee kana tooftaan fuudhee galee qalee laachuufin qaba jedhee biraa  deeme, akkas jedheenii  qamuu bara dheeraa wajjin turera guyyaa hedduus, waliin dabarsineerra maaliif mana keenya wal hinbarsiisnu waliin jedhani. Qamaleenis baay’ee gammaddee akkas jetteen.Kankoo manni mukarraa kankee manni galaana keessaa ati dandeessee mukarraa hinkortu, ani immoo danda’ee galaana keessaa hinseenuuf malee namatti tola jettee deebii debisteef. Naachis akkaas jedheen, Kankee yaa hafuu ani kankoo dugdakootti sibaadheen sibarsisa jedheen. Qamaleenis dhuguma itti fakkaatee gammaddee dugda isaa irra baatee wajjin qajeelte. Naachis galaana walakkaa ga’ee akkas jechuun itti hime. Yaa qamu ana bar waatuu na rakkise. Kanaafan sifide malee manakoo sibarsisuuf miti jedheen. Qamaleenis akkas jetteen maali obboo naachoo rakkootu jiramoo jetteen.

Naachis eeyyee qamuu rakkootu jira; rakkichis haadha manaakoo dhukkubee mana yaalaa geessee ture. mana yaalaattis warri ogeessa fayyaa fayyuu hin dandeessu cirumasaayyuu yeroo gabaaba keessatti duuti hatattaaman qalii laadhuuf naan jedhan. Kana falli jedheen. Qamaleenis wanna gamna taateef battaluma sanatti dugdasaa irra teessee mala yaaddatte. Muu yaa obboo naacho maali kana isin hin holuu gaaffii qaba kun garuu  waa umamee jetteen. Innis baay’ee gammadee wanti isheen jette dhugaa itti fakkaatee maaltu? qamuu maltuu? jedhee yeroo lama gaafate. Isheenis garuu isin waa dogoggortan; osoo dura natti himtanittu ta’ee hin dhufnu. yoo onneenkoo muka irratti hafe; egaa maal goona isiniif hoo dadhabbii ta’aa; achii nafiddanii asii ol na deebistanii, ammas asuma na deebistanii dandeessuree? keessantu na dhiphise. kana biraanis ati mana keessanis yoona laafanii mee koottaa achi geenyeetu isaan ilaallee deebina jetteen. Naachis muu yaa qamuu kootiif dhiphattaa atuu onneekee naa kennitee haadha manaakoo du’a oolchitee beenu dhaqnetu finnaa homaa rakkoo hin qabu jedheen. Qamaleenis erga galaana keessaa baatee muka irratti baatee yaa obboo naachoo yaa gowwaa onnee maaltu muka irratti hafaa. Atis ana baattee haati manaakees sibaattee jettee harkaa bade. Innis yeroo gara mana isaatti galu haati manaa isaas duute jedhama jedhan.

Leave a comment