(Alamaayyoo Qubee, Sadaasa 2014)
Gubataa Marqaa, Hubataat’ Arga ! ‘Boruu Barraaqaa’, “Garaagarummaa barreeffama afaan Oromoo keessatti calaqqisaa jiru” jechuun,rakkoo jiru hubatee waan akeekeef, haagalatoomu jechaa, mee kanuma inni dhiyeesse – rraa qicadheen ittiin eegala; na hoofkalchaa!
“ ‘Seerri’ barreeffama Afaan Oromoo biyya keessaa fi alatti daandii garaagarummaa calaqqisu lama qabatee dagaagaa jiraachuu (Boruu Barraaqaa tiin | Sadaasa 4, 2014). Fakkeenya :
Biyya keessatti ‘Yaadakee nandeeggara.’ yoo jedhame, alatti ammoo ‘Yaada kee nan deeggara’ jedhamaa jira.
Biyya keessatti, ‘Boonaafi Boontuun waljaalatu’ yoo jedhame, alatti ammoo ‘Boonaa fi Boontuun wal jaalatu’ jadhamee barreefama.
Biyya keessatti, ‘Oromiyaan dhiiga ilmaansheetiin nibilisoomti!’ yoo jedhamu, alatti garuu ‘Oromiyaan dhiiga ilmaan isheetiin ni bilisoomti!” Jechuudhaan addaddumma ifatti mul’ataa jiru ibseera. Kanaafuu, haalli kun waaltina afaanichaa‘rratti rakkoo uummuun ‘saa waan oolu hinfakkaatu. Daran, aadeffatamaa yoo deeme ‘mmoo furuun salphaa hinta’u.
Afaan qacalee kanaan, ganna kurneen lameen dabran keessa waan ittiin dalagaamaa tureef rakkoo mul’ataa jiru kana furuuf yeroo yaanni dhiyaatu, akkaata hawaasichi dubbataa jiru warri haalaan hinhubanne (hinqoranne), nyaara namatti guuru. Kiyya qofaatu sirriidha kan jechuu fedhanis nijiru.Murni biroo‘mmoo, duuchumatti mormuu bira dabranii yaada(rakkoo) kana dhiyeessuunuu sirrii miti jechuu fedhu.
Galanni, kan Rabbii, kan gootota wareegamanii, kan ittidararaminniifi amma’llee ittidararamaa jiraniif haata’u malee, Afaan Oromoo badii jalaa baraaramee, ammaan tana daandii guddinaa qabatee sirriiqaa jira. Haalaan qoratamee, lallaaqama(borcama) jalaas akka bahuu danda’u shakkiin hinjiru.
Furmaanni rakkoo kanaa,akkuma ummatichi dubbatutti barreessuu akka ta’e wal nama hingaafachiisu. Dhugaa dubbachuuf,abbaan afaanicha ummata Oromooti. Ummanni kun, dhaloota‘rraa dhalootatti wayita dabarsaa ture,afaanicha fooyyeffataa, tolfataa,gabaabsataa, dheereffataa, ergisaafi ergifataa kunuunsee jiraachisuun, yoonaan gaheera. Amma‘llee ittuma jira. Fuuldurattis ittifufuun ‘saa mirkana.
Ummatichatti aananii,kan waan kana sirreessuutti mirgaafi dirqama qaban, Oromoota ogeeyyii afaaniifi aadaati. Isaan kunis,bifa jaarmiyaan, Gumii Qorannoo Afaan Oromoo(Language Academy) akka uumamu yoo taasisuu danda’an qofa.
“Hanga cufatanitti, nidanqaratu” akkuma jedhamu, yoo xiqqaate, ogeeyyiin afaaniifi aadaa,bifa kamiinuu haata’u wal ga’anii irratti marii’achuun murteessaadha. Kun shaffisaan raawwatamuu qaba. “Tiruun bubbulte,dhakaa taatii,”jedhama mitiiree!
Ammatti, dhimma belbeltuu kana, kan fiixa baasuu danda’u, OSA natti fakkaata. Afaan reefuu dalagaa‘rra oolaa jiru kun yeroo yerootti qoratamee sirreeffamuufi gabbifam qaba ture. “Ganna dabreef mana hinijaaran,” jedha mammaaksi.Ka’dabre,dabre, ammatti warra rakkoo kana furuu danda’an gurra buusuun fardiidhaatii, dhimmi kun hanga fiixa bahutti marti keenya, fala ittihaabarbaannuun dhaamsa kiyya.
Ogeeyyiin afaanii “Language is nothing, but a matter of agreement”jedhu .Kana jechuunis, “Afaan waan biroo osoo hintaanee waliigalteedha, jechuu‘saaniiti. “Waliigalan,ala agalan” jedhama mitiiree!
Afaan kam‘yyuu,adeemsa(amala) mataa ofii qaba.Adeemsa afaanichaas kan murteessu ummatichuma ittifayyadamaa jiru sana.Afaan tokko akkas ta’uu qaba jedhamee seera tumuun (labsuun) hindanda’amu. Hinta’us.Ta’ees hinbeeku.Yoo taasisuuf yaalame‘lle,wanti dubbatamuufi wanti barreeffamu addadda ta’eetu rakkoo fida. Barreessitoota giddutis garaagarummaatu dhalata.
Fakkeenyaaf, qubee Afaan Amaaraa kan sagalee wal fakkaatu qaban( ‘h’ n= 3, ‘s’n = 2, ‘a’n=2) akka hafan(hir’ifaman) ogeeyyiin afaanii yaada dhiyeessaa tuan.Haata’u malee, dabtaroonni (qeesonni) “Zarraaf! ” jedhanii waan lola kaasaniif har’a ilmaan ‘saanii warri afaanichaan barachaafi barsiisaa jiran itticinqamaa(ittirakkachaa) jiru.
Barreessitoonni Afaan Amaaraa bebbeekamoo, kana akka Haddis Alamaayyoo fa’aa,rakkoo afaanichaa hiikuuf guddoo tattaafatan. Garuu, waan ittihinmilkoofneef akka isaanitti fakkaatetti kitaabilee hedduu barreessanii dabran. Amma‘llee kan barreessaa jiran hedduudha. Isaan kana keessaas,akkaataa Obbo Tasfaayee Gabre’aab ittibarreessaa jiru ‘laaluun gahaadha.
Afaan Ingiliffaa keessattis, haalli barreeffamaa, baay’ee wal xaxaa waan ta’eef hojii baruufi barsiisuu keessatti rakkoolee hedduutu nama mudataa jira. Fakkeenyaaf lallaaqama sagalee (qubee) Ingiliffaa keessa jiru qofa fudhannee haa‘laallu.Kan ormaatti quba qabuun kan ofii sirreeffachuu akka ta’e na hubadha.
Fkn :- Ingiliffa Sagalee‘saa Yeroo Barreeffamuufi Sagaleeffamu (Dubbifamu)
1. a e Afriiqa, rat, air, and, ball, name, data, date, walk, war, goal, kkf
2. c sii cat, access, circle, bicyicle, center, clothe, , certificate, kkf.
3. d dii did, daddy, date, edge, graduate, knowledge, budget, kkf.
4. g jii game, girl, language, geography, German, gentle, high, kkf.
5. h echi hand, hero,hi!, high, hour, honest, night, when, which, kkf.
6. K kee kitchen, dark, know, knife, knowledge, knight, kkf.
7. o oo on, do, out, one, none,blooddoor, mood, look, some, now, kkf.
8. s es sand, send, basic, busness, eraser, use, sure, wise, wisdom, kkf.
9. u yuu use, unity, bus, but, busy up, under, surprise, mud, structure, kkf.
10. w debliwuu warm, wait, wind, word, who, wrap, wrist, write, wrong,kkf.
Akkuma armaan olitti eerame,sagaleen qubee tokkoof kenname, yeroo barreeffamuufi dubbifamu, almeeqa akka jijjiirame(borcame), warri afaanicha beektan nihubattu jedheen amana.Lallaaqamni akkasii kun‘mmoo wayita barataniifi barsiisan hedduu nama dhiba. Rakkoon akkanaa kun kan madde, akka ummatichi dubbatutti barreessuu hanqatanii, seera
afaanichi ittiin barreeffamuufi dubbifamu tumanii akka aadeffatamu gochuurraa akka ta’e wal nama hingaafachiisu.
Garaagarummaan akkasii kun, barreeffama afaan Jarmaniifi kan Raashiyaa keessa akka hinjirre warri afaanota sana beekaniifi qoratan nihimu. Sababni ‘saas, akkuma ummatichi dubbatutti waan barreeffamaa jiruuf, jedhaniitu ragaa bahu. Kana jechuunis, ummata afaanicha dubbatu giddugaleessa godhatan jechuudha.
Walumaagala, barreessuu keessatti kan qofaa dhaabatuufi kan fufamu, isa kam akka ta’e adda baafachuun gaariidha. Kanaafis, “Jechi maal? Kan jechatti fufamanoo isaa kami?” gaaffilee jedhaniif deebii kennuun barbaachisaa waan ta’eef kanneen armaan gaditti dhiyaatan haa‘laallu.
Jecha(Word)
Jecha jechuun, tuuta sagaleelee(qubeelee) kan hiika kennuuf wal ta’aniifi oggaa barreeffamanis kan walitti maxxanfamanii katabaman jechuudha. Fkn : siree, huccuu, ilillii,tolche, qorsa, matajaboo, Asgorii, Olaanaa, addadda, waldaa, kkf.
Hub :
1) Jechi mata‘saa danda’etu qobaatti barreeffama. Jechaafi jecha gidduu bakki duwwaan (tilmaamaan) jiraachuu qaba. Fkn: Mana guddaa dulloomaa
2) Jechi fufamtoota duraafi booda ofitti fufata(maxxanfata). Fkn:
1. Osoo isa duraa hinxumuriin kan biratti cehuun sittaahafu(sitti haahafu).
Dhirsaafi niitiin ijaafi adaamii walitti ta’uun‘saanii, namaaf hingalu.
2. Na eegi, nandhufa(nindhufa). . Tolekaa!, haata’ukaa!
3. 5 . Tolekaa!, haata’ukaa!Amma barri kankeenya
ta’eera. 6 . Ana haadhufu!
4. Waan kun, nita’aaree laata?
3) Jechi yoo gargar cabe hiika duraan qabu sana dhaba.Fkn:ba,ra, u,lee, kkf.
4) Jechi hiika tokkoo yookaan tokkoo ol qabaachuu danda’a.Hiikni jecha tokkoo kan murtaa’u akkaataa galma‘saa yookaan fayyadama‘saati.
Fkn:1.Afaan:
Afaan Oromoo qubee mataasaa qaba.(afaan isa dubbatan)
Afaan guutii alalfadhu.(qaama isa ittinyaatan)
Afaan gaariin afaa gaarii caala.(dubbii)
2 . Tokko
Lakkoofsa tokko barreessi.(1)
Kuniifi sun tokko miti.(wal hinfakkaatu)
Namni inni tokko isa biraa bakka hinbu’u.(kun)
3._foote:
Walaboon jibrii‘rraa liilana foote.(tolchite)
Caaltuun jabbilee loon keessaa foote.(addaan baaste)
Fufamtoota Afaan Oromoo
Fufamtuu jechuun, birkii afaanii isa xiqqaa ta’ee yoo jechatti fufame, kan hiika guutuu kennuu danda’u jechuudha. Fkn : waa-,tti-,al-, -ti, -f, -if, -dha -dhaan, kkf.
Gosti fufamtoota afaan Oromoo lama. Isaanis : fufamtoota duraafi fufamtoota boodaati.
1) Fufamtoota duraa jecha waliin
haa- haata’ukaa, haahafu, haatolu, haadeemnu,
hin- hindabu, hincabu, hinsarmu,
irra(a)- irrajireessa, irradeebii, irraajala, irraamaqe, irraagate
itti- ittafaa, ittaanaa, ittidhiisi! ittita’e, ittijira, ittimale, ittitaphate,
nan(nin)- nanbeeka(ninbeeka), nanfedha(ninfedha), nanjecha(ninjecha)
ni- nibeekna, nimoona, nita’a, nifedha, nibarbaada, nijira
waa- waamara beekuun hindanda’mu, waatokko, waamalee manni hinaaru.
Hub.
• Fufamtoonni duraa(haa-, hin-, itti-…) qofaa ‘saaniitti sagalee ta’uun isaanii hubatamee, jechatti fufamanii yoo barreeffaman hiika guutuu kennuu danda’u. Haalliifi amala‘saan qoratamee,akkaatan amma ittibarreeffamaa jira furmaata osoo argatee dansa.
• Yeroo dubbatamu, akka fufamtoota duraatti kan fufamu nijira.Innis ‘kan’dha.
Fkn: 1) Ka’saa kenniif. 2) Ka’ ta’uu qabu,nita’u.
3) Ka’biroo hinjiru.
2) Fufamtoota boodaa Jechatti Yoo Fufamu
-f , kanaaf, anaaf, ammaaf, Galgaloof, namaaf
-an fardaan gulufeetu, nu biraan bahe.
-anis harkaanis, ofitti yaamuun nidanda’ama.
-dha beekamaadha
– dhaa Fayyisaadhaa kenni.
-dhaaf Fayyisaadhaaf
-dhaan Fayyisaadhaan koottu jedhi.
-icha Fardicha as deebis,maaloo!
-if kenniif siin hinjenne!
-iif Waan inni biti jeche,bitiif, Kenniif.
-iin isaaniin , bishaaniin,
-is ilkaanis rigachuudha
-n Qawween, Oromiyaan, Oromoon
-ni rasaasni, namni
-s Bilisummaas yaami.
-ti ta’uusaati, Oromiyaaan kan Oromooti.
-tii mana ‘saatii ka’e.Dirree lolaatti gale.
-tti asirratti , manatti, Namatti himu malee namatti hinhidhan.
-tu Boontuutu dubbate.
-uma Anuma bira taa’a. Isuma qofaa yaami.
-umatu Isumatu natti hime.
-umma Birmadummaa, gabrummaa
Hub.Fufamtoota boodaa keessaa waa’ee ‘-f’ fi ‘-fi’hanga tokko jechuun barbaachisaadha.
I. ‘-f’n qabiyyee(Preposition)waan taateef nifufamti.
II. ‘ -fi ‘n fuftuu(conjuction) taatu‘yyuu, sagalee tokko qofaa waan qabduuf,akkasumas, akkaataa ummanni dubbatu yoo qalbeeffanna ta’e, qofaatti barreessuun dansaa miti.
III. ‘-fi’ yoo osoo hinfufiin barreessina ta’e mataduree keessatti ‘–f’ guddaa taasisuu feesisa. Fkn. ‘Magaalaa Fi Baadiyyaa’
IV. ‘f’ fi ‘fi’n akkaataa dubbatamanitti(sagaleeffamanitti) sagaleen isaan uumaan qaban tokko waan ta’eef adda baafachuuf, isa tokkotti(fuftuutti) “ i ” n dabalamuu danda’eera. Lameenuu dalagaa garaagaraa waan qabaniif isaan adda baafanna.
V. Lameenuu amala fufamuu niqabu.Kana jechuunis, Jecha isaan ittifufamantu, sagalee ofii dheeressuun ofitti hawwata jechuudha.
Fkn:
1. Anaaf kennuun haaturu;mee dura isaafi isheetti kenni.
2. Dhirsaafi niitiitu, wal lole,walitti araarsi yaa itille.
3. Obboleessaafi obboleettitu,ijaafi adaamii walitti ta’an.
4. Fakkeenyaaf ani achuman ture.Garuu, waatokko hinturre.
Hub. 1 – Wayita dubbataman amala fufamtoota boodaa kan qaban nijiru. Amala fufamtoota boodaa qabaachuu‘saanii kan nuuf akeeku sagaleetu(qubeetu)liqimfamee hafa. Fkn:
-irra –muka‘rra, gaara‘rra, dugda‘rra, nama‘rra
-i(a)mmoo—kana‘mmoo,kee‘mmoo,kuni‘mmoo,
-illee – har’a‘llee,amma‘llee,kun‘llee,tokko‘llee,ta’u‘llee
-iyyuu- “Kana‘yyuu warri rafnaani jette sareen.Amma‘yyuu ittuman jira.
-irraa – muka‘rraa kufeetu miilli cabe. Isuma‘rraa dhaga’uu wayya.
-irraan – Mataa‘rraan gadi jal’ate. Garaa‘rraan gadi tarsa’e.
Qilleensa‘rraan kute.
-isaa -kan‘saa ittuma dhiisuu wayya.
-isaanii -Kan ‘saanii deebisiif.
-ishee(ishii) –Kun kan‘sheeti.
Hub. 2 . Afaan Oromoo keessatti kan sagalee tokko qofaa qaban( ‘kaa’, ‘ree, koo…) yeroo dubbataman nifufamu(nimaxxanu). Fkn:
-Kaa — akkanakaa! Jedhikaa! Dafikaa! tolekaa! Maalookaa!
-ree — haata’uuree!, mitiree!, jetteeree!.
-koo — Yaadakoo deeggaruun dirqama miti.
-kee — Yaadakee nandeeggara.
-ti — Kun, kankooti. Inni, sun kan Elemooti.
Afaan Ingiliffaa keessatti fufamtoonni duraafi boodaa(prefix and suffix) jechatti fufamaniitu barreeffamu.“Akka ormaattan sirbaan morma nama jal’isa,”isa jedhu osoo hindagatiin; afaan Oromoo keessattis osoo dalagaarra oolee fayidaalee hedduu akka qabu ogeeyyiin afaanii ragaa bahaa jiru. Waanuma maraafuu,fakkeenya armaan gaditti dhiyaatan ilaaluun dansa.
Fufamtoota duraa(Prefix) Fufamtoota boodaa(Suffix)
– dis-close = disclose displace -ment = displacement
– dis-play = display displace-ment = displacement
-dis-order = disorder object –ives = objectives
– un-mention = unmention un-mention-ed = unmentioned
– un- do = undo dig –ger = digger
– un–available = unavailable un-avail –able = unavailable
– re – do = redo use –ful = useful
-mis-place = misplace mis-place-d = misplaced
– im-posible = imposible forget-ful = forgetful
– re-move = remove remove-able = removeable
– re-maind = remaind argu-ment = argument
– re-cover = recover up–per = upper
– ir-regular = irregular lead-er = leader
– mal-nutrion = malnutrition education-al = educational
– a-cross = across govern-ment = government
– mis – take = mistake mistak – en = mistaken
– un –happy = unhappy perform-ance =performance
– im –prove = improve use – less = useless
– re –sponse = response response-ible = responsible
Faayidaa walitti fufanii dubbachuu akkaan barbaachisa ta’uu‘saa abbaan afaanichaa‘yyuu hubatee ittifayyadamaa waan jiruuf, akkuma inni dubbataa jirutti barreessuun guddina afaanicha saffisiisuudha . Kanaafu, faayidaalee gabaabsuufi walitti fufanii barreessuu armaan gaditti haa‘laalli.
I. Afaan Oromoo akkuma dubbatamutti yoo barreeffame,barreessitoota gidduutti garaagarummaan dhalachuu hindanda’u.Afaanicha baruus ta’ee barsiisuun guddaa namatti salphata.
II. Akkaataa hawaasichi ittidubbataa jiru yoo hubanne,gabaabsanii yaada ofii ibsuun barbaachisaa akka ta’e, nuuf mirkaneessa.Barreeffama keessattis yeroo fufamtoonni, fufamanii barreeffaman qubeen hafuu qabanis nijiru.Kun‘mmoo waraqaa,qalama,yeroofi human qusachuuf waan gargaaruuf barreessitoota biratti bakka guddaa qaba.
III. Walitti maxxananii yoo barreeffaman dubbisuuf guddaa nama gargaara.Akkas jechuunis,ijji nama dubbisuu, tokko,tokkoon isaanii barbaadee(ilaalee) dubbisuuf hinrakkatu jechuudha.
IV. Garaagarummaa dhabamsiisuun afaanicha niqindeessa, niwaaltessa, nimi’eessaa; akka hubatamuufi walis hubachisuu danda’amu taasisa.
Biyya keessatti warri barreessan ‘Oomiyaan dhiiga ilmaansheetiin nibilisoomti!’jechuun ‘saanii, sagalee yeroo dubbatamu liqimsamee hafu‘laala. Bakka sagaleen liqimsamee hafutti “hudhaa” galchanii fufuun kanneen walitti fufaman lameen adda baafachuuf waan nama gargaaruuf hudhaatti fayyadamuun dansa. Fkn: –
Biyya‘shiin intala abbaa Biyya‘shiiti.
Damma‘shiin obboleetti Iddoo‘saati.
Asumaan, mana Dhibba‘shiifi mana haadha Kuma‘shii waliin haa‘laallu.
Haalli akkasii kun, afaan Ingiliffaa keessa heddumminaan jira. Fkn:
1) do not = don’t, 3 ) Iti is = It’s 5 )
We are = We’re
2) does not = doesn’t 4 ) I am = I’m 6 ) They
have = They’ve
“Akka ija kootti maaltu naaf kajeela!”jette sareen, akkuma jedhamu;mee akka dabalataatti, jechoota Tishoo(compound words) Afaan Ingiliziifi Afaam Oromoo, armaan gadii wal bira qabanii‘laali
gaariidha jedheen yaada kiyya asumarrattan goolaba.
Jecha Tishoo (Compound Words) Afaan Oromoofi Ingiliffaa
Jecha tishoo jechuun, jechoota lama‘rraa uumamee, hiika tokko qofaa kan kennu ta’ee,jechoonii lameen wayita walta’an,qubeen(sagaleen) hir’achuu yookiin hir’achuu dhiisuu danda’u jechuu- dha. Jechoota walta’an lamaan gidduutti mallattoo sarara xiqqaa(-) kaa’uu yookaan dhiisuun nidanda’ma.Sararri xiqqaan wayita barsiisnu(agarsiisuuf) malee barreeffama keessa galchuu hinfeesisu. Akkuma hawaasichi dubbatutti, barreessuu wayya. Fkn :-
Jechoota Tishoo Afaan Oromoo Jechoota Tishoo Afaan Ingiliffaa
(addaa-adda) addadda (any-one) anyone
(as -aanaa) Asaanaa (pass–port) passport
(awwaal-diigessa) awwaaldiigessa (back–ground) background
(bor-oolee) boroolee (black–board) blackboard
(bor-tolaa) Bortolaa (feed–back) feedback
(badda -daree) baddadaree (time-table) timetable
(jala -qaba) jalqaba (how–ever) however
(fuula-dura) fuuldura (class–room) classroom
(gara-irraa) gararraa (frame–work) framework
(gara-malee) garmalee (head –line) headline
(gara-tokkee) gartokkee (in –dependent) independent
(kotte-duudaa) kotteduudaa (in–side) inside
(Mata-jaboo) matajaboo(aajjaa) (out -side) outside
(Miila-jala) miiljala (step–mother) stepmother
(Ol-aanaa) Olaanaa (up–date) update
(Quba-lamee) qublamee (on –line) online
(Sanga-fardaa) sangafardaa (under–stand) understand
(Sar-diidaa) sardiidaa (some–thing) something
(Waaqa-wayyaa) Waaqwayyaa (after –noon) afternoon
(Ol -hiiqaa) Oliiqaa (up -on) upon
(Iddoo –isaa) Iddoo‘saa (sun -daya) Sunday
(Kennaa –isaa) Kennasaa (birth –day) birthday
(Biyya –ishii) Biyyashii (Home –work) homework
(aduu -ilaalaa) Adulaalaa (well –come) welcome
Ani akkanaa jedha; isinoo maal jettu!?