FOR BETTER OROMIA

Adeemsa sirna Gadaa Gujii

Gurraandhala bara 2016 lubni Dhaallannaa Baallii waggaa saddeet bulchiinsaaf of harka turse paartii Harmuufaatii dabarsee kenne. Adeemsi sirna sanaa akakm akak ture gabaasa kanana dura maxxanfame irraa argannee jirra; kunoo ti!!

Adeemsa sirna Gadaa…………Abbaan Gadaa Oromoo Gujii Waaqoo Duubee bilchiinsa Gumii Bokkoo itti kenne waggaa saddeetii xumuratanii amma Baatuu ta’uu jedhu.

Baatiiwwan sadiin booda baallii harkaa fuudhuuf warri Abbaa Yaa’a akka amma hoogganaa paartii jennuu ta’an dura adeemsa sirna bulchiinsa Gadaa keessatti leenjii cimaa keessa cee’uun as ga’an qophii isaanii gara Ardaa Jilaatti Cee’uun xumurachaatti akka jiran Abbaan Yaa’aa Jiloo Maan’oo FBC’f yaada himaniiru.

Sadarkaa Gadoomaa ga’uun kuni imala hanga waggaa saddeetii daa’imman maqaan mogga’eef jiranitti kan aanu Dabballeedha.Sana booda Kuusa,Raaba,Doorii;Dooriin kuni sadarkaa Raabaa fixatu;ijoollee waggaa saddeetii gadiif maqaa baasa.Doorii booda sadarkaa Gadaatti ce’ama.Kan caasaa Gadaa keessa ture gara Baatuu,inni waggaa 48 boodaa Yuubomuutti darba.

Kanaanis Luboota yookaa paartilee Gadaa shanan jiran Muudana,Halchiisa,Dhallana,Harmuufafi Roobaleetu marsaan wal-fuuraa sirna dimokraasii mirkaneessaa adeemu.Lubni amma angoo Gadaarra jiru Dhallanni Harmuufaaf dabarsee laata.

Torban Gujii keessaa kan amma angoo Gadoomaa fuudhu Waaqatu beekaa Abbaan Yaa’aa kaasan sanaaf of qopheessaaf hanga Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo ga’amutti lafa Gujii mara Abuuraa miilaan deemu.Fardinuu jiraannaan hin fayyadamani Obbo Jamjam Uddeessaa qorataan Aadaafi Seenaa Gujii waa’ee miilaan deemuu yommu nutti himan. Ummata isaan bulchaniifi daangaasaa miilaan naannawaa daawwatudha.

Gadaan Gujii jaarraa kudhanii afraffaa booda amma Abbaa Gadaa 73ffaatti ce’uudhaaf ta’uu ragaan waajjira Aadaafi Turizimii Godina Gujii irraa funaannadhe ni muul’isa.

guurdaa1.jpg

Durdurii Oromoon Sirna mootiin bulaa ture kan mootii dhiiraas ta’ee dubartii bulchiinsa gaarii tolchuu dinnaan maltuun maqaa Kuullee Hiyyoo jedhamu sirna mootii Durii Dullootiin yayyaabni kaa’ame diiguuf murteeffatani.

Sanaan boodattis Oromoon sirna Gadaa ittiin bulu gabbisaa,ammayyeessaa hanga har’aan ga’eeraa himama.

Namoonni murtee boodaa caasaalee sirna Gadaa keessa darbuudhaan Abbaa Gadaatti dhufan kunniin wayitii Kuusa ta’an Gujitti gosoota Gujii torbii keessaa namni waa dubbii beekuufi kana dura waan badii qabu irratti hin hirmaanne gara lafa leenjii kan Gujiin Fooqa jedhuunitti galu.Achitti bulchiinsi Gadaadhaa maal akka ta’e sirnaan hubannoo cimaatu kennamaafi.

Isaan kuni yemmuu Fooqa galan kanarraa eegalee adeemsa haadha warraa godhachuu haala bulchiinsaafi Adamoo fa’aa hubachuu barnoota cimaa bulii 27 kennamuuni kan eegalani.Ijoolleen Fooqa lixan kunniin abbootiin isaanii kan sadarkaa Yuubaa jiran yoo ta’u leenjicha booda waggaa saddeet guutuu Abbootii Gadaa irraa hubannoo ga’aa fudhachaa adeemuun qorataa aadaa kan tahee obboo Jamjam Uddeessaa nutti himaniiru.

Jarreen kuni waggaa saddeet sana keessatti barnoota fudhachaa yemmuu caasaa Raabaa dhaqqaban qumbii nyaachifamu.Qumbii nyaachisuun kuni waadaa isaan galchuu jechuudha dhara hin dubbadhuu dharaaf hin bitamuu  dhugaan durfadhaan waadaa jabeeffatu.

Filmaanni Abbaa Gadaadhaa gosoonni Gujiidhaa tokkoon isaa kan ol’aantummaa itti agarsiisu hin qabaatu.Namoota tibba Kuusaa leenjii fudhatanii Yaa’a uummatan sana keessayi gara Gadoomaatti kan sirnaan qulqullaa’ee baalliin itti laatamu.Itti gaafatamaan waajjira Aadaafi Turizimii godina Gujii obbo Dambii Turcee ulaagaan nama Abbaa Gadaa ta’uuf kaa’amu, nama lubbu namaa harkatti hin darbine,bineensoota gurguddoo hin ajjeefne,kana malees gama kaminiyyuu balleessa biroo kan ofirra hin qabne.

Lubni yookaa akka afaan ammayyaatiin paartiin amma baallii fuudhuuf ga’e kuni caasaa bulchiinsaa isaa dhimmoota gara garaa hoogganan filatee qopheeffata.Isa sana keessa hayyoonni gosa gosaan jiru.Hayyuu Fooqaa kan dhimma seeraa bulchiinsa Gadaa sana keessatti abbummaan hordofu,hayyuu Gabalaa kan bulchiinsa lafaa too’atutu qoqqooda fudhatu.

Sirnichuma keessatti isaan Jal-dhaaba jedhaman akka poolisii ammayyaa tasgabbii biyyaa eegan caasaa mataa isaanii horatanii humna namaa hedduu qabaatu.Akka bulchiinsa ammayyaatiin gorsaan muummee mootummaa jiru sirni Gadaa duraanumaa tumee kaawwachuu isaa qorataa Aadaafi Seenaa Gujii obbo Jamjam Uddeessaarraa hubanneerra.

Gurraandhala dhufu lubni Dhallanaa baallii waggaa saddeet bulchiinsaaf of harka turse paartii Harmuufaatii dabarsuuf kurfaa’era.Warri Yaa’aa Harmuufaas Guji miilaan abuuraa waan biyyitti irra jirtu daawwannaa isaanii cimsanii gara Me’ee Bokkoo qajeelaa jiru.Getaachoo Mul’ataatu gabaase.