FOR BETTER OROMIA

TOKKUMMAA OROMOO: HUNDEE BILISUMMAA OROMIYAA

 Maatii Sabaatiin, Sadaasa, 2008

Amaan Umar har’a qaamaan nu bira hinjiru. Seenaa isaa garuu, kan dubbisee beekuu fedhuuf galmee seenaa keessa jira. Amaan abbaa isaa Ob Umar Ganamoo irraa godina Arsii, aanaa Digaluufi Xijjoo ganda Dangalittii keessatti dhalate; akkuma ilma Oromoo tokkootti saba irraa dhalate jaalachuufi ofta’ummaan jiraachuunis sansakkaa isaa ture. Biyya eenyummaa ofiin boonuun yakkamaa nama taasisutti dhalachuun garuu Amaaniif hintolle. Bara Dargii keessa deeggartummaa ABOn waan shakkameef qabamee waggaa saddeetiif mana adabaatti darbatame. Hidhaa sanaan duubas akkuma saba Oromoo ba’aa garbummaa haga jireenya isaa isa wajjin fulla’e baachuuf dirqame.

Keessaayyuu, mana hidhaa keessa otuu jiruu abbaan isaa boqotuun laalaa godaannisaa yoomillee hindagatamne isa irratti ichimee darbe. Seenaa Amaan daran kan gaddisiisaa godhe, man hidhaa Dargii keessatti yakka tokko malee waggaa saddeetiif dararamuu isaa qofaa hinturre. Hidhaa irraa erga bahee booda  biyya isaafi saba isaa akkasumas maatii isaa gargaaruuf gara Harargee Lixaa magaalaa Ciroo deemee waggaa lama akka hojjateen humna weerartuu wayyaaneen ajjeefame. Fedhiin Amaan kan biyya isaa keessa yaaddoofi soda tokko malee jiraachuu, kan biyya, sabaafi maatii isaa gargaaruufi kan akka dhala namaatti biyya isaa keessatti eenyummaa isaan boonee jiraachuus akkanaan dhaame.

Amaan har’a lubbuun hinjiru; haati isaas ta’ee obbolaan isaa garuu har’allee seenaa laalessaa san yaadachaa jiraachaa jiru. Sabni isaa, Oromoonis, seenaa Amaan isa boonsaa san yaadachaa, faandhahummaa isaan immoo tarkaanfachaa jiran. Gochaaleen gaddisiisaafi laalessaa akkanaa kun har’as akkuma kaleessaa sanitti golee Oromiyaa mara keessatti raawwatamaa jiru. Gochaalee diinummaa dhala Oromoo irratti raawwatameefi raawwatamaa jiru immoo hundeetti buqqisuuf qabsoon eegalame, ammas galii isaa isa maayii waan hingeenyeef itti fufee jira. Dhaadannoon qabsaa’otaa, kan hundee bilisummaa Oromiyaa ta’e sun, kan madda jabina saba keenyaa ta’e suniifi kan gaachana ilmaan conqurfamaa ta’e sunis akkuma kaleessaa sanatti mandiisaa jira: TOKKUMMAA!

Qabsoo Bilisummaa Oromoo garanaa keessatti jaarmiyoota akka bakkalcha barii ifanii mul’atan keessaa tokko Adda Bilisummaa Oromooti. Addi Bilisummaa Oromoo, ABOn akeeka Oromoota godinaa addaddaa keessa faca’anii jiran tokkoomsee galii bilismmaan gahuu irratti  ijaarame.  Akka kanatt qabsaawota gidduutt tokkummaan uumamee sochiin qabsoo bilisummaa ifaan bara 1970moota keessa eegalame. Sochii kanaanis Oromoo dammaqsuu fi kakaasuuf tattaaffii olaanaa gochaa tureen, injifannoolee jajjaboo galmeessaa yoona gahe. Qabsoo diddaafi oftaasisummaa finiinsaa jiru kana keessattis ABOn lubbuu gootota hedduu dhabeera; lubbuun ilmaan Oromoo hedduu illee akka wareegamee jira.

Qabsoo bilisummaa Oromoo finiinaa tureefi amma illee finiinaa jiru keessatti lubbuun sabboontota hedduu galaafatamuu yeroo yaadannu gaddaan guutamuun keenya hinoolu. Garuu, wareegama olaanaa kennamaa jiruun duuba injifannoolee argamaa jiran akka jiran yammuu yaadannu immoo wareegama sanaan boonuun keenya mirkana. Keessaayyuu, tooftaa diina keenyaa kan saba Oromoo gandaan, kutaan, lagan, gosaafi amantiin addaan qoodee cabsaa ture san irra aannuuf tattaaffiin ABOn  godhamee fi amma illee godhamaa jiru yoomillee kan dagatamuu miti.

Qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn tokkummaa Oromoo, Oromummaa, irratti ijaare saniin, ilaalchi Oromoo ganda gandatti dangahame ture gara gosummaa irraa gara sabummaatti, gandummaa irraa gara biyyummaatti jijjiiramaa dhufe. Kan dur “ati maali?” yoo jedhanii gaafatan an Alaa, an Jaarso, an Ituu, an Arsi, an Karrayyu, an Raayitu, an Gadabo, an Limmu, an Kirstana, an Mosilima kkf jedhu har’a “an Oromoo dha!” gara jechuutti ce’ee jira. Ummati bal’aan Oromiyaa bara kam iyyuu caalaa wal yaaduu fi walhubachuu irra gahee jira; eenyummaan isaanii Oromummaa irratti kan hidhame ta’uus agarsiisaa jiru. Kana kana yoo ilaalluufi xiinxallu, qabsoon ABOn durfamu hagam bilchaataafi ulfaata akka ta’e beekuu dandeenya.

Dhugaadha, qabsoo bilisummaa Oromoo akka yaadameefi abdatametti dafee galii isaa gahuu hindandeenye. Qabsoon kun garuu adeemsa dheeraa dabarseen  ummanni keenya  ummata seenaa tokko, afaan tokkoo, jireenya walirratti hirkannaa fi biyya tokko qabu tahuusaa hubatee jira. Ummata keenyaan alas, alagaan dur akka namaatti illee nu hinlakkoofne otuma itti hadhaa’uu dhugaa Oromoo kana hubachuuf dirqamee jira. Adeemsa qabsoo ABO kana irraas kan hubatamu, ummata jaarraa hedduuf waldhabee ture, qabsoo deebisee walitti itichaa jiru ta’uu isaati.

TOKKUMMAAn saba keenyaa haga ammaatti daraaraa dhufes, yoomiyyuu taanaan kan seela’uu hinqabne, kan jabinaan tikfamuu qabu ta’uu nutty agarsiisa. Sababni isaa tokkummaa dhabuun keenya hagam akka nu miidhe, tokkummaan diina keenya dura dhaabbachuu danda’uun keenya immoo hagam akka nu aangomsaa dhufe waan irraa hubannuuf. Tokkummaa dhabneen diina bicuun cabuun keenya mirkana yoo ta’e, tokkummaa dhabne deebifannu malee akka hinbilisoomne kan akeekames sababa kanaan ture. Yeroo ammaattis tokkummaa keenya tifkachaafi jabeeffachaa diina ofirraa kaasuu irratti bobba’uun ala filannoo biraa hinqabnu. Har’as ta’ee boru, tokkummaan keenya gaachan qabsoo keenyaati; hundee Bilisummaa Oromiyaatis. Haata’uutii, qabsoon Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu kun akka tokkummaa saba keenyaa dagaagsaa dhufe kanatti tokkummaa jaarmiyaa hindagaagfatiin jira. Tarii, ABOn dhaabolii siyaasaa kaan caalaa jaarmiyaa ititaafi tokkoomaa ta’uu mala. Sun waan biraa ta’ee, gaaffiin bu’uraa “ABOn akka tokkummaa saba Oromoo tiksaa jirutti , tokkummaa jaarmiyaa jabaa horatee jiraa?”  jedhu immoo xiinxalamuu qaba.

Seenaa qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo irraa akka hubatamutti ABOn yeroo addaddaa balaa tokkummaa jaarmiyummaa isaa diiguuf saaxilamee jira. Keessaayyuu, bara 1970moota gara dhumaa kaasee haga har’aatti yeroo sadii: Bara Jaarraa Abbaa Gadaa ABO irraa foxxoqee ABIO dhaabe, bara Ob Galaasaa Dilboo balaa ABO irraa bahee Qaama Ce’umsaa, QC, dhaabeefi bara ammaa kan Hasan Huseen fa’aa, akeeka “Jijjiirama” jedhuun socho’aa jiran kana, tokkummaa jaarmiyaa ABO waanti qoru mul’atee jira. Haalli kun qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti miidhaa akkamii akka geessisee darbe kaasuun akeeka barruu kanaa miti. Namuu akka dhala Oromootti,  godaannisa qabsoo bilisummaa keenya keessatti dhalatee darbe kanaan eenyuyyuu caalaa qabsoon bilisummaa Oromoo akka hubamaafi miidhamaa jiru nihubata.

Dhimmi yaaddessaa ammallee mul’achuu hindhiifne. Qabsoon keenya immoo ammallee daandii jalqabe irra adeemaa jira malee galii isaa hingeenye. Rakkoofi dhibdeen tokkummaa saba keenyaa irratti gaaddisa hamaa fiduu malu haga hiikamnetti bakka yaanne gahuu hanqatuu baannus, yeroo yaannetti gahuun mamsiisaadha. Hogganni dhaaba ABO haga ititee tokkummaan diina irratti hinhojjannetti, diina irra aanuun rakkisaa ta’uun beekamaadha. Jaarmiyooti Oromoo cuftis haga tokkummaan diina waloofi kaayyoo irratti hinxiyyeeffannetti, roorroo diinaa buqqisuun keenya  ulfaata ta’uun ifaadha. Tokkummaa dhabuu keenyaan kan miidhamu, numa diinaan miidhamaa jiruudha; kan fayyadamu immoo diinuma keenya nu muudhaa jiruudha; tokkummaa dhabuun keenya akkuma kaleessaa sanatti cancala garbummaa jala nu tursa. Haalli kun immoo amma illee haala daran yaaddessaafi fokkisaa ta’een deddeebi’ee mul’achaa jira.Kun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti yaadannoo sabqaanessaadha.

Akka sabaatti seenaa keenya bara fagoo keessas waan akkana nu qaanessu hedduu qabna; kanneen akka Abichuufi Galaan wal waraanuun isaanii diinota Oromoof gaachana ta’e malee Oromoo hinirroomsine; kanneen akka Goobanaa Daaccee  fa’aas diina keenyaaf lukkee ta’an malee bilisummaa Oromoof waan gumaachan hinqaban. Inumaayyuu, ofii isaaniiyyuu dhaqdhaqii keessaa bahuu hindandeenye keessa seenanii, achumaan du’a saree du’anii darban. Dhugaadha, seenaa keenya bara fagoo san keessaa kan   qabnu,  waan fokkisaa akkanaa qofaa miti; waan akka sabaatti nu boonsu hedduu illee niqabna. Qabsoon bilisummaa Oromoo kun waan kaleessaa waan hinttaneef seenaa himamuuf qaba. Seenaa kana keessaa kan har’a akka sabaatti ittiin boonaa jirru, kan dhaloonni keenya faarsaa ittiin qabsoo bilisummaa finiinsaa jiran, kan tokkummaan saba keenyaa irratti ijaarame, Oromummaa magarfachuu danda’uu keenya ture. Qabsoon keenya kan bara bilisummaa sunis waan jabaafi bu’uraa: “Oromummaan Bilisoomna,” yaada jedhu itichuu danda’uu isaan boonaa jiraanna.

Seenaa qabsoo Bilisummaa Oromoo darbe keessaa waantota har’a nu boonsan biroo hedduu kaasuun nidanda’ama. Keessaayyuu, bara qabsoon Bilisummaa Oromoo sadarkaa jalqabaa keessa ture, yeroo dukkanaa sanatti humnaafi seexaa sabboontota muraasaan, tokkummaan Oromoo Oromummaa irratti ijaarame fiduuf yaaluu isaaniiti; bara sanatti waan akka utubaa sibiilaatti jabaa ta’e kana kan diinni kamuu buqqisuu hin dandeenye bu’uuressuu danda’uu isaaniiti. Seenaa Qabsoo Oromoo kan jaarraa 16ffaa keessaas sabboonummaan faandhahii ta’an nijiran. Lolli sun lola daga Oromoo isa jaarraa 5ffaa kaasee hanga jaarraa 15tti bobaa Habashootaa jala ture kan deebisee harka Oromootti galche ture. Lola kanaan warri alagaa waa hedduu jedhu. Oromoon lola Daga Moosisuu ykn lola Dagamsiisaa jedhee waama. Lola kanaan biyyi Oromoo Oromiyaan jaarraa10f harka Habashaa ture deebi’ee harka Abbaa biyyaatti gale. Lolli kun bara1522 Gadaa Malbaan eegalee; bara1602tti Gadaa Duuloon akka gara galii isaa dhaqabe seenaan Oromoo ragaa baha. Seenaa qabsoo Oromoo keessattis barri kun bara Oromoon murteessaa ta’uun itti hubatamee dabre Jaarraa Moosisaa ta’uun ni yaadatama.Yeroo kana waan Habashaan seenaa ishee dheeraa keessati hojjechuu dadhabde hayyoonni Oromoo kan akka Gadayyoo Galgaloofaa tokkummaafi gamtummaan ka’anii biyya alagaan sarbaman deebifatanii harkatti galfachuuf mil’kaa’an. Gootummaan abbootii fi haadholii keenyaa sun hanga fedhe turu iyyuu kaayoo gootummaa kaleessaa kan har’a faandhayii godhannee ittiin qabsoofnu ta’aa jira.Akkuma keenyas dhaloonni keenya egeree kan ittiin dallaa eenyummaa isaanii jabeeffatan ta’a.

Seenaa keenya kaleessaa waan qorannuuf qabna.Akka dhala namaatti madda beekumsaa fi hayyummaa egeree kan ittiin dagaagfatan keessaa tokko seenaadha.Seenaa dabre irraa beekumsa argatuu dhabuun waan har’aa fi egeree tolchuu fi qajeelchuu keessatti waan hir’isu qaba.”Namni beekumsa seenaa hin qabnee fi faayidaa seenaa hin beekne quuqqaan eenyummaa (sense of identity) itti hin dhagahamu. Murtii sirrii ta’e(intelligent decition) fudhachuuf ni hadooda. Murtiin inni fudhatus faayidaan ala  ta’a.” [1]

Seenaa keenya kan durii beekuun waan hedduuf madda nuu ta’a.Seenaa Oromotaa keessaa kanneen sansakkaa gaarummaa qaban eenyufaa akka ta’anillee nu barsiisa.Kanneen seenaa saba isaanii keessatti waan yaraa fi waan dabaa dalaganis adda baafnee akka barru nu gar-gaara.Gufuu jireenya keenya har’aa keessatti nu mudatuuf fala kan barbaadnullee waan keessa dabrinee fi ammallee keessa jirru wal-bira qabnee xiinxaluun ta’a.Knneen seenaa isaanii tolchanii beekanis maaltu akka mallattoo eenyummaatti yoo dhimbiibamee bahe akka isaan boonsu eenyuma caalaa ni hubatan. Bara rakkinaa maal godhanii injifatnoon keessa dabran, bara bal’inaa immoo maal gochuu dhabanii akka kufan ykn rakkinatti deebi’an dursanii irraa barachuun kanneen egeree isaanii qajeelfatan warruma seenaa isaanii sirriitti beekanidha.

Sabboontonni Oromoo har’a qabsoo Bilisummaa keessatti akka bakkalchaa ifanis waan ittiin gulantaa sabboonummaa badhaafaman qaban.Elemoo Qilxuu har’a Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti gucaa fi mallattoo sabboonummaa ta’uun beekama.Dhaloonni har’aa cufti kan ittiin isa beekan mallattoo Qabsoo hidhannoo Bilisummaa Oromoo qabsiisuun callaa miti. Akka hayyuun tokko ibsanitti,”maqaan Elemoo Qilxuu mallattoo jagnummaa fi gootummaa kan Oromoo miliyoona hedduu Qabsootti kakaasu ta’ee jira.”[2] Kana malees kanneen Oromoon qabaate dhabe keessaa tokko ta’uun isaa kan wal-nama gaafachiisu miti.Kun immoo “Oromoon eenyufaa qabaatee dhabe?” jennee akka of gaafannu taasisuun isaa hin oolu.

Akkasuma sabboonaan Oromoo tokko akka jedhanittis gootota mul’atoo fi qaroo Oromoon qabaatee dhabe keessaa kan akka Magarsaa Barii faallee kan baruu dandeenyu seenaa keenya dabre qorachuun manguddoota keenya waan dabre irratti waan beekan gaafachuun ta’a.”Yeroon waayee isaa yaadadhu yeroo hedduu kan naraaju tokkon dubbachuu fedha.Obbo Magarsaan goota qofa otoo hin taane qaroodhas.Nama yoo akkas ta’e immoo akkamta’a jedhee fageessee yaadudha.” [3] Qabsaahoti kunneen lubbuu isaanii callaa miti kan Qabsoo Bilisummaa Oromoof gumaachan; waan guddaa nuuf kaahanii dabran keessaa kan hoggayyuu dagatuu hin qabne daldala bilisummaa saba isaanii diduu isaaniiti.Roorroo fi hacuuccaa bara isaan turan saba Oromoorra gahaa ture fudhachuu diduu isaaniiti.Callisa gabrummaa cabsanii sagalee Bilisummaa gamaa-gamanatti dhageessisuu isaaniiti.Gabrummaatti harka kennatanii jireenya qaanessaa hin filanne,filannoofi aangoo namummaa kan ta’e Bilisummaa filatanii gootummaan Qabsoo Bilisummaa Oromootti seenanii diina otoo kuffisanii kufan malee kabajaa fi namummaa isaanii dabarsanii jireenya gabrummaa hin filanne.Kanaaf seenaa Qabsoo Bilisummaa keessatti kanneen Bilisummaa Oromoof kufanii Qabsoo Bilisummaa Oromoo bakka kufee kaasan ta’anii bara-baraan faarsaman.

Sabboontota Oromoo kan akka Gadayyoo Gal-galoo,Yaayyaa Fullallee, kan akka Makkoo Bilii, kan akka Liiban Waataafaas seenaa Oromoo keessatti waan ittiin yaadataman hedduu qaban.Tokkummaa Oromoo itichuun rakkina bara isaanii keessatti Oromoo mudateef kanneen furmaata argamsiisanidha.Seenaa Oromoo fagoo san keessaa kan hubannus hayyooti kunneen dhibdee Oromoo mudatee tureef fala abdachiisaa fi amansiisaa argamsiisanii dabruudha. Kan akka Liiban Waataa immoo dhibdee Oromoo mana taa’anii eeguun sirrii akka hin taane waan beekaniif dhibdee Oromoo Oromootti dhaqanii hiikaa turan.

“Liiban Makkaloota isaa qabatuudhaan gosa keessa nagaya gaaffiif bobba’uudhaan jiruu gosaa laalaa ture. Kana keessaa gaammee hiyyeettii (ujoollee abbaaf haadha hinqabne), hiyyeessa, hiyyeettii, jaarsaafi jaartii nama hinqabneef rakkattuu—-ollaa deemee maratti xiyyeeffannoo itti kennee rakkoon isaanii akka furattu godha ture. Dura rakkataa yoo argee booda dheeda walitti koree wal-dhageessisuudhaan rakkataa gargaarsa guursisa, hiyyeessa rakkoo fura. Liiban gaammee hiyyeettii xiyyeeffannoo guddaa kennaaf ture. Haalaan haasofsiisee achii ammo gargaarsa guurameef ammoo aanaa itti godheefii seera aanaan sun itti horatu itti miidhaassa ture.Haala kanaan Liiban qolleen osoo manatti itti hindhufin ufumaa manatti itti dhaqee waliin dubbatee rakkoo furaaf ture. Haala kanaan rakkataa bira dhaabbatuun hiyyummaa biyya keessaa balleessa ture.”[4]

Hayyoonni Oromoo kunneen akka dhala namaatti nama biroo irraa waan isaan adda godhu ni qaban. Garuu, isaanis namuma; namummaan isaanii immoo sabboonummaan kan guutame roorroo fi miidhaa kamiifuu kan hin jilbeeffanne turan. Waan ta’aniif akka faandhayii Bilisummaatti dhalootaa dhalootatti leellifamaa faarfamaa fi mararsiifamaa jiraatan.Fakkeenyummaan isaaniis mamii tokko malee dhalootaa dhalootatti dabarfama. Akka Oromoottis har’a waantota waa hunda caala nu boonsan keessaa tokko mallattoo sabummaa keenyaa kan ta’e Oromummaa deebisnee jabeeffachuu danda’uu keenya; mallattoo sabummaa keenyaa kan ta’e diddaa gabrummaa abbootii keenya irraa dhaallee qabsoo Bilisummaa ittiin finiinsaa jiraachuu keenya.

Dhiigni Oromoo kaleessaa kan gabrummaa didee lole ta’uu Gadaan malbaa, Gadaan Birmajii ykn Gadaan Michillee ragaa nuuf ta’a. Dhiiga Oromoo qabaachuu jechuun waan biraa jechuu miti, saba Oromoo keessaa bahuu keenya mul’isa malee.Kun immoo kan akka sabaatti tokkoomnee ittiin diina ofirraa dhowwaa turre akkuma ture ammallee wiirtuu tokko jalatti Oromummaan ititnee kan diinaa fi roorroo isaa ofirraa ittiin deebisnuudha. Dhiiga Oromoo qabaachuun namaan gadoo ta’uu jechuumiti, namaan olis ta’uu jechuu miti. Dhiiga Oromoo qabaachuun akka dhala namaatti kabajaa fi ulfinaan jiraachuuf humnaa fi beekumsa aangoo fi dandeettii jabinaa fi hayyummaa, hin gaadi’amne akka qabnu mirkaneessa.

Qabsoon diddaa garbummaa roorroofi dhibdee sabummaa san buqqisuuf eegalames, hanga galii isaa gahutti akkuma kalee sanatti daran jabaataafi gabbataa adeema malee duubatti hindeebi’u. Qabsoon wal’aansoodha; wal’aansoo ofjiraachisuuti; adeemsa wal’aansoo waan nama miidhu ykn balleessu tokko ittiin ofirraa deebisuuf godhamuudha. Ummanni Oromoos, keessumaa, jaarraa 16ffaa irraa kaasanii kan qabsoo bilisummaatti seenan, waan isaan balleessuuf qe’ee isaaniitti dhufe ofirraa deebisuuf ta’uun ifaadha. Seenaa qabsoo Diina Baas kan jaarraa 16ffaa keessa finiinee ture irraa kaasee qabsoon keenya bifa addaddaan finiinaa jira. Qabsaa’oti mirga uumamaan guunfatanii, humna alagaan mulqaman deebifachuuf qabsoo dhiigaafi lafee dhalootaa soorataa jiru eegalanis, akkuma kale san qabsoo san milkeessuuf ammallee murannoofi kutannoon socho’aa jiran.

Dhugaadha, qabsoon keenya har’aa akka kan bar durii san sirna Gadaan kan finiinaa jiruu miti. Diinni keenya har’aas kan akka bara durii san ta’uu dhiisuu mala. Waanti tokko garuu, danaa isaa hinjijjiiranne. Diinni keenya kaleessa caala ofijaaree jira; nutis gama keenyaan akka haalaafi yeroo isaatti  imaammata ittiin diina keenya ofirraa kaafnee Oromoofi Oromiyaa bilisoomsinu baafannee jirra. Qabsoon bilisummaa Oromoos diina kana ofirraa buqqisee, biyya walaba ijaarrachuu malee akeeka dhokataa tokko illee hinqabu. Kanaaf,  qabsoon keenya har’aa  kan bara dur san caala qindoomee finiinaa jira. Garuu, rakkoolee keessaafi alaan immoo xaxamee gufannaa olaanaaf saaxilamuun isaa hinoolle. Rakkinoota kunneen obsaafi kutannoon haga keessa hinbaanetti immoo ammas daandiin keenya kan gufannaan itti danatu ta’uun isaa mirkana.

Sabni Oromoo qabsoo kan eegalan, waan qabsoo dharra’aniif hinturre. Qabsoo akka eegalan kan isaan dirqe, rakkinaafi roorroo isaan mudate ture. Roorroofi dararaan kaleessaa sun har’a illee waan hinfuramneef qabsoo bilisummaa saba keenyaa san har’as Tokkummaan finiinsuun dirqama ta’e.  Sabni keenya ilmaan isaanii akka Amaan fa’aa qe’ee fi araddaa isaa keessatti humna alagaan dhaban, har’as lmaan isaanii kan akka Ayishaa Alii Gaara Suufii irratti akka irbaata waraabessaa ta’an godhamaa jira. Kichuu isaanii kan akka Dirribee Jifaar fa’aas otuu arganii rasaasa diinaan of harkaa dhabaa jiran. Maddi dhibdee kanaa immoo dhibdee sabummaa malee kan amantii yookaan kan kutaa yookaan kan gosaa miti. Sabni keenya kaleessas ta’ee har’a kan du’aafi hidhamaa jiru, Oromummaa isaatiin waan ta’eef, utubaan qabsoo keenya egerees Oromummaa keenyaan kan finiinuu ta’a; diigmiyaan kamuu injifannoon nu hinga’u.

Qabsoon bilisummaa Oromoo ammaan tanas ta’ee ammaan booda finiinsaa jirru immoo kanneen akka Amaan gochaa diinummaan ajjeefamanitti lubbuu deebisee horuu hindanda’u. Garuu, haga jabaatee milkaa’etti kanneen akka Amaan fa’aa aarsaa ta’uuf jiran kumaatamaaf furmaata akka ta’u haaluun hindanda’amu. Oromoonis biyya Oromummaan yakka itti ta’e keessatti waan dhalateef roorroofi gidiraa arguun kunis guyyaan itti dhumatu nidhufa. Kana irratti shakkii tokko illee hinjiru.

Gaaffiileen bakka kanatti kaafnee walgaafachuu qabnu, garuu hedduudha. “Akkamiin dhibdee keessaa hiikkachuu hanqannee tokkummaa dhiigaafi lafee gootota keenyaan ijaaramaa dhufe irratti balaa diigumsaa fidna? Ummanni keenya hoo dhibdeefi rakkoon akkanaa kun yeroo dhalatu maal gochuu qaba? Akkamiin furmaata itti fidna?” fa’aa kan jedhan ta’uu malan. Akkuma beekamu, ammaaf waantoti hedduun gaaffiif malee, deebiif banaa miti. Deebiin gaaffilee kunneenii immoo akka dimimmisaa’ee jiru kanatti hinhafan; haga jabaannee hojjannettis, barii jala dukkanaa’a malee aduu bilisummaa dhufaa jiru hambisuu hindanda’u; gaaffilee har’atti deebii dhabanii sammuu sabboontota Oromoo keessa naanna’aa jiraniifis deebii ifaafi mul’ataa argachuun keenyas mamsiisaa miti.

HAAQABSOOFNU; NIBILISOOMNAA!

 

[1] Seenaa Oromoo hanga jaarraa16ffaa

[2] Mahaammad Hasan,Barruullee Burqaa,Muddee 2004:18

[3] Abbaa Joobir Abbaa Biyyaa, Burqaa, Adoolessa-Fulbaana 2004:18

[4] Fayyisoo Badhaasoo, Barruulee Hulluuqoo, Liiban Waataa, Naayiroobii, 2007:29

Leave a comment