FOR BETTER OROMIA

Akkaataa Showan Araddoolee Macaa-Tuulamaa Itti Dhaale

Bulbulaa Tufaa

Seenaan akka nuu ibsutti, bardhibbee 13ffaa keessa, Habashaa keessaa warri, “Nuti Gosa Yuhudaa, qaccee Solomon (Nagade Juda, Ye Solomon zer)” ofiin jedhan maqaa “Amhara” jedhamu qabatanii kaaba irraa gara kibbaatti shiftummaan (banditry) babal’achaa dhufan. Gaaraa fi hallayyaa, Manjee (booda Manz jedhamee waamame), keessatti dhokatanii waggootii dheeraaf jiraachaa turan. Dhuma bardhibbee13ffaa keessa namni Yukuno Amlak jedhamu hoogganaa shiftoota kanaa ta’ee, Agaw irratti duula hamaa bane. Mooti Agaw, nama “Za-Ilmaknun?” jedhamu eegga ajjeesee booda, “mootummaan sanyii Solomon  natti deebite“ jedhee labse.

Bardhibbee 16ffaa keessa sirna bulchiisa Gadaa jalatti gurmaayee kan jiraachaa ture/jiru  uummanni Oromoo, shiftoota babal’achaa deemaa jiran kana irratti haleellaa cimaa fudhate. Hamma dhuma bardhibbee 17ffaa ttii qilee Manjee keessaa  gara baddaa Oromoon bal’inaan jiraatutti  ol bahuu hin dandeenye. Maqaan Showa jedhamus isaanuma wajjiin qilee Manjee keessa ture.

Sanyii  Warra Nagasii fi babal’ina (expansion) Showaa

Calqaba bardhibbee 18ffaa keessa, gareen “Sanyii Solomoon” ofiin jedhu kun, Manjee keessa bal’inaan sosocho’aa dhufe. Isaan keessaa, namni Nagasikiristos Waradeqaaljedhamu, kan bakka Angacha jedhamutti dhalte, uummata Angachaaf akka “baalabbaataatti” hoogganuu eegale. Gosootaa Oromoo naannoo sana jiraatan keessaa kan akka Laaloo, Mammaa fi Geeraa irratti duula saamichaa banee of jala galchuu danda’e. Naannoon kunis, “Manjee” jedhama turee jedhama. Booda keessa, gara “Manz” jedhutti  jijjiirani. Du’a Nagasii boodas, ijoolleen isaa  daangaa Manz kana babal’isuu isaanii itti fufan..

Du’a Nagaasii Kiritos Booda

Du’a Nagaasikiristos booda ilmi isaa Sabastynos  (Sabastiye) kan jedhamu eeboo fi barcuma abbaa isaa dhaale. Sabastyanos yeroo isaa caalaatti kan dabarse obboloota isaa wajjin taayita irratti wallolaa waan tureef, otoo guutuummaatti taayitaa hin dhuunfatiin bara 1729-tti du’e. Du’a isaa booda ilmi isaa Abbiye (Abbuye) kan jedhamu hoogganaa Manze ta’ee eeboo fi barcuma abbaa isaa dhaale bulchaa fi hoogganaa waraanaa ta’ee itti fufe.

Bara Abbiye ture, warri “Sanyii Nagaasii” ofiin jechuu eegaalan kun, fagaatanii deemuudhaan Oromoota naannoo sana jiraatan irratti bal’inaan lola bananii  kan saamuu calqaban. Waggaa 20 eegga ture booda, Abbiyen bara 1745-tti Oromoo Karrayyuu irratti duula banee otoo saamaa jiruu achumatti haalbee Karrayyuuf hirbaata ta’ee hafe.

Showa  Du’a  Abbiyye  Booda

Eegga Abbiyen du’ee booda ilmi isaa Amhaa Iyyaasuu kan jedhamu barcuma fi eeboo abbaa isaa dhaale. Yeroo sanatti Gondor-tti nugusa isaanii kan ture Iyyaasuu 2ffaa kan jedhamu ture. Gargaarsa Iyaasuu 2ffaa irraa argachuuf jecha, Amhaa Iyyaasuu gara Gondor ka’ee deeme. Waan waraanaan saamee argatu irraa  Iyaasuuf gibira galchuuf waadaa galee deebi’ee gale. Warri Gondoris, yeroo sanatti hammayyaa kan ta’e, meeshaa waraanaa matchlock jedhamu badhaasanii galchan. Meeshaa hammayyaa kana qabatee, du’a abbaa isaa gumaa bahuuf jecha Oromoo Karrayyu irratti duule. Qeesiin Habashaa tokko, Atseme Giyorgis kan jedhamu, Afaan Amaaraatiin kan barreesse, namni Bahiru Tafla jedhamu akka Afaan Ingliziitti hiikeetti, ”After defeating the Karrayu of the tribe of Bortuma, Amha Iyasu began to fight the Tuloma of Borana.”, Jedha. 

Akkuma baalabbaatota Habashoota biroo, Amhaa Iyyaasuus, lafa lolaan qaqbate hunda irratti katamaa (military outpost) fi bataskaana (churches) dhaabuu itti fufe. Babal’achaa deemuudhaan, gammoojjii Manjee keessaa yeroo duraaf baddaa Oromoon Galaanii fi Abbichuun bal’inaan jiraatan, bakka “Ankobar” jedhanii moggaasan kana dhufee qubate. Maqaan “Showa” jedhamus gammoojjii Manze keessaa ol’bahee naannoo “Ankobar fi Angolalaatii  yeroo duraaf dhagayamuu calqabe.

Amha Iyaasuu duraan “Merid Azmach Amhaa Iyaasuu” jedhamee waamamaa ture. Eegga naannoo Ankobar dhufee qabatee booda “Ras Amhaa Iyaasuu” jedhaa na waamaa jedhee ajaja dabasse. Nama “Ras” jedhee na waamuu dide, dhiira ‘dhaqna’ isaa, dubartii harma ishiin irraa cira jedhee “awwaaja” baasee labse.

Gabaabumatti yoo ilaalle, maqaan “Showa” jedhamu kan Oromoo irratti ijaaramuu danda’e, “harma muraa fi ‘dhaqna’ ciraa” Oromoo Tuulamaa tiin. Yeroo keessa, Showan Impaayera ijaaree, gara Toophiyaatti of jijjiirre. Naannoo har’a “Showa” jedhamee beekamu kana keessaa, warri Aymallel Guraage jedhaman, Sahile Sellasef lafa jala basaastuu ta’anii hojjechaa turanii jedhu, manguddoonni oolanii bulan tokko tokko. Showa jala galuufis gammachuu malee jibba akka hin qabne irraa dubbatu.

Warrii Amhara Iyaasuu, akkuma lafa qabachaa, katamaa ijaarrachaa, bataskaana dhaabbachaa deeman, maqaan “Showa” jedhus isaanuma wajjin babal’achaa deeme. Biyyi Maccaa-Tuulamaas [Boorana Booroo] maqaa “Showa” jedhamuun  dhaalamaa dhufe.

Showaan maqaa biyyaa, maqaa lagaa, yookiin maqaa gosa tokkoo otoo ta’ee jiraate,  Kaartaa kanaa olitti kaayame kana keessatti qubee “Shewa, ykn Shoa, ykn Showa, ynk Schoua”  jedhamee barreeffamee argama ture.

Showa Du’a Amha Iyyaasuu Booda

Amha Iyyaasuu eegga du’ee booda, ilmi isaa Asfa Wasan kan jedhamu barcuma abbaa isaa dhaale. Inni ammoo Efraataa fi Gishee biyya jedhaman waraanee qabate. Bara Asfa Wasan ture, maqaan “Showa” jedhamu bal’inaan kan waamamuu calqabe. Yeroo sanatti,Ifat, Ankober, Manz fi Marabete turan kan iddoo tokkotti walitti qabamanii “Showa” jedhamanii waamamuu eegalan.

Naannoleen kun: Ifat, Ankober, Manz fi Marabete maqaa “Showa” jalatti haa galan malee, Asfa Wasan, hamma illee taanaan, maqaa Showatiin  iddoo tokkotti walitti qabee bulchuu hin dandeenye.

Showa Du’a Asfa Wasan Booda

Asfa Wasan bara 1808-tti du’e. Du’a isa  booda ilmi isaa, Wasan Saggad kan jedhamu “Ras” jedhamee, Ifat, Ankober, Manz fi Marabete maqa Showa-tiin walitti qabee bulchuu calqabe. Wasan Saggadis akkuma abbootii isaa duraanii Oromoota irratti duula adeemsisuu isaa itti fufe. Haa ta’u malee, namni kun lolaan qabachuu irra diploomaasiin (diplomacy) qabachuutti hedduu amanaa turee jedhama. Tooftaa diplomaasii jedhamu kanaan fayyadamaa yeroo duraaf, gosota Oromoo kan akka Waayyuu, Abbichuu fi Galaan wajjiin ‘nagaa’ buusee jiraachuuf fedhii akka agarsiise dubbatama. Saboota amantaa Islaamaa hordofan kan akka Ifaatii fi Affaar wajjin ‘nagaa’ buusee, isaanumti isa gabbaraa akka of bulchan gochuu calqabe.

Haa ta’u malee, ‘Nagaa’ Wasan Saggad barbaadu kun, qeesotaa fi dabtaroota Habashaa biratti akka hamaatti jibbamaa dhufe. Isa ajjeesisuuf irratti malame. Yeroof malli kun fashalu illee, wagga shan booda bara 1815 keessa akka maluma kanaan ajjeefametti himama.

Bara Wasan Saggad, Showaan soorummaan guddatee, humna waraanaa horachuun mootota Habashaa warra Gondorii fi Tigree bulchan caaltee argamte. Kun ammoo baalabbaatota Tigree, (nutis sanyii Solomon warra ofiin jedhan) hedduu waan aarseef fuuldureen isaanii  “Showa” wajjin nagaa ta’uu akka hin dandeenye tilmaamee lafa kaaye.

Showa Du’a Wasan Sagad Booda

Du’a Wasan Saggad booda ilmi isaa Sahle Sellase kan jedhamu barcumaa fi eeboo abbaa isaa dhaalee ka’e. Maqaa Abbaan isaa ittiin waamamaa ture “Ras” fudhatee Ankobar-tti muudame. Akka manguddoota durii tokko tokko irraa dhagahuu dandeenyetti, Sahle Sellaseen gorsa abbaa isaa irraa argateen ajajamaa, Oromoota wajjin diplomaasii cimsee “soddummaa” illee uumuu danda’ee jedhama.

Haa ta’u malee, “soddummaan”  jedhamu kun, soddummaa dhugaa otoo hin ta’iin, soddummaa sharrii-polotikaa ittiin hojjetan ture. Yeroo sanatti garuu, Oromoonni sharriif ta’uu isaa  waan baran hin fakkaatan. Maaliif  itti hin fakkaanne?  gaafiin jedhu ka’uu ni mala. Deebiin isaa gabaabumatti, aadaa Oromoo keessatti, gaayilummaan firummaa jabeessuuf  uumama  malee sharrii walirratti  ittiin hojjachuu fi diina walitti ta’uuf hin uumamu. Habashoonni garuu siyaasa ittiin hojjechuuf Oromoo wajjin “fudhaa fi heeruma” uumu. Showa heddumminaan, sobaa fi gowwomsaan kan babal’isee ijaare keessaa “soddummaan” isa tokko.(Marriage as a political weapon) Amaarri fuudhaa fi heeruma akka meeshaa waraanaatti fudhatee Oromoo irratti dhimma bahuu isaati. Intala isaanii dhiirri Oromoo akka fuudhu irratti caalaa hojjetu.

Meeshaa waraanaa irratti dabalame, Showa bal’isanii Toophiyaa ijaaruu irratti, polotikaan karaa dubartoota Amaaraa dhiira Oromoo irratti godhamaa ture shoora of keessaa guddaa qaba. Qabxii kana irratti wabii hedduu dhiyeessuun ni danda’ama.

Sahle Sellaseen karaa tokko Oromoo wajjin “fira” fakkaatee innaa “soddummaa” uumu, karaa biraa ammoo Oromoota kan ittiin waraanee balleessu meeshaa waraanaa faranjoota isa bira dhufan irraa argachaa ture. Fakkeenyaaf, meeshaa waraanaa (pistol, matchlock, musket) Inglizootaa fi Faransaayota irraa karaa namoota akka Krapf, Rochet d’Hericourt, fi Harris jedhaman argachaa ture.  Meeshaan ammayaa kun, “Showa”  bal’isee ijaaruu irratti shoora ol’aanaa agarsiise. Warri Manzee, waraana Oromoo isa eeboo fi gaachanaan lolu sana irratti, ol’aantummaa akka argatan taasise.

Bara 1840 keessa meeshaa hammayyaa qabaachuu fi lotltu hamma 50,000tti  horachuun naannoo Sanaa Showan isa duraa ta’ee Awuroophaa biratti beekame. Kana booda, Sahile Sellasen onnee guutuun Gondor irraa of kutee “Ye Shewa Nugus” jedhee Ankobarti muudame. Sanyii Nagasi keessaa Sahile Sellasen “Nugusa” jedhamee beekamuuf isaa duraa ta’ee argame. Bara Sahle Sellase, Shawaan isa duraa irra harka lama ol caalee bal’ate.

Oromoo Maccaa-Tulamaa karaa tokko Meeshaa waraanaa Awurophaa irraa argameen, karaa biraa ammoo siyaasaa fuudhaa fi heerumaan mo’amee Showa jalatti hacuuccaan buluun dirqama itti taate. Qee fi araddaan isaaniis Showan dhaalamaa dhufee, Axee Minilik II bira gahe.

Du’a Sahile Sellase Booda:  Showa, Minilik fi Ethiopia

Du’a Sahile Sellase booda (1813-1847), ilmi ilmaa isaa, Minilik Haiyle Melekot, bara 1886-tti, burqaa Finfinnee human qawween dhufee qabatee masaraa ijaarrate. Lammiiwwan Oromoo kan ta’an kan akka Gullallee, Eekka, Galaan  achi irraa buqqisee ari’e. Ajajaan waraanaa isaa (hoogganaa naxanyootaa) nama Dejazmach Mashasha Seyifu jedhamu ture. Mashashaan Oromoota Finfinnee fi naannoo Finfinnee jiraatan mancaasee kaase. (Mashasha Seyifu ilma Seyifu Sahile Sellase yoo ta’u, Seyifun ammoo Obboleessa Abbaa Minilik, Hayile Melekot.)

Bara Nugus Minilik, Showan of guddisuu bira dabree, impaayera Toophiyaa ijaaruu danda’e. Minilik ammoo nugusa Showa ta’uu irra dabree “Ye Itiyoophiyaa Nuguse-Negest (Emperor of Ethiopia) jedhamee bara 1889-tti Finfinnee-tti muudame. Bara 1907 ti du’ee jedhama. Haa ta’u malee, duuni isaa ifa kan godhame  bara 1913-tti.

Hayile Sellasee fi Showa

Bara Nugus Hayile Sellasee(1892-1975), Showan laga Awaashiin cehee, Riift Vaalii keessa kutee Arsii irraa lafa guddaa  ofti dabalate. Itti aannsee biyya Hadiya fi Kambaataa Showa jalatti galchee, Ye-Showa “Xaqilaay Gizaat” (Showa Governorate General) jedhee daangesseee kaaye. Bakka isaa ta’ee kan bulchu, “inderaase” jedhee moggaafate.

Daangaan Showa, karaa bahaa hamma laga Awaash-tti. Karaa Lixaa, hamma  laga Gibee-tti, karaa Kibbaa, Shashamannee dabre hamma laga Guraachatti, karaa Kibba-dhihaa (northeast) hamma laga Abbayyaa-tti, karaa Kibbaa hamma dangaa Wallo-tti diriiree ijaarame. Isuma kana ammoo,  mootummaan Mangistuu Hayile Maariyaam (Dargii) maqaa Showa  otoo hin jijjiiriin naannolee shanitti hiree seenaa isaanii balleesse.

Mangistu Hayile Maaryaam Fi Showa

Bara Dargii ammoo duraan “Ye Showa xaqilaay Gizaat” kan jedhamaa ture, gara “Ye Showa Kifle Hager” jedhamutti jijiiramee, zoonii  shanitti hirame. Naannooleen maqaa seena-qabeessa duriin waamamaa turan, ni haqaman. Fakeenyaaf duraan:

  1. Jibaati-Macca [Ambo] jedhamee kan waamamaa ture, Mi’iraab Showa jedhame.
  2. Eerer-Karrayyuu [Adaamaa] kan ture, Misraaqi Showa jedhame.
  3. Salaale [ Fiichee] kan jedhamaa ture: Sameen Showa jedhame
  4. Hayiqochinnaa Buttaajira: kanmaqoolee Shashamannee, Nageellee Arsii, Adaamii Tulluu, Bulbulaa kkf of keessa qabu, Debuub Showa [Haroo Dambal] (Zaay) jedhame.
  5. Caboo fi Guraagee[ Waliso] Debuub-Mi’irab Showa jedhame.

Xummuura

Oromoon Maccaa-Tuulama [Boorana Booroo] yeroo yeroon lafa seena-qabeessa isaa dhabaa, araddaan isaa Showan mulluqamaa dhufe. Waraanni Oromoo yeroo sanaa, kan sirna Gadaa jalatti abbaa duulaan hoogganamu, falmii cimaa godhu illee, diina meeshaa hammayyaa hidhatee lolaa jiru sana injifachuu hin dandeenye. Kun dhugaa ta’uu isaa kan mirkaneessu keessaa barreessaan tokko akkana jedha:

“The king’s [ Minilik’s] army fought against tribes  [Oromo tribes] who have no other weapons but a lance a knife and shield, while the Amahras always have in their army several thousand rifles, pistols and often a couple of cannon.”

Biyyi Maccaa-Tuulama [Boorana Booroo] keessumaa waggaa 130 asii kaasee, maqaa “Showa” jedhamuun dhaalamee waamamaa jira. Maqaan kun, maqaa daangaa cabsee, seenaa dabsee, lubbuu baase (ajjeesee) ilmaan Macaa-Tuulama [Boorana Boroo] irratti fe’amee jira. Seenaa dhalootaa, seenaa lammummaa, seenaa firummaa, seenaa jaalalaa yookiin seenaa abbaa biyyummaa Oromummaa wajjin hin qabu.

Akkuma gosoota Oromoo biraa, Maccaa-Tuulamni eegga garbummaa jalatti kufe irraa kaasee, biyyi isaa “Showa” jedhamee,  maqaan isaas “Ye Showaa Gaallaa” jedhamee akka waamamu sirna nafxanyootaa ta’ee argame. Waamamuu  duwwaas  otoo hin ta’iin,baruma baraan araddaa akaakilee isaa irraa buqa’ee ari’amuun carraa isaa ta’ee argame.

Sirni nafxanyaa durii, kan Manzee Amaaraan hoogganama ture,“Showa Master Plan ”baafatee Gullelee, Eekka, Galaan kkf buqqisee Addis Ababa irratti ijaare. Bar-dhibbee 21ffaa kana keessa ammoo, sirni  nafxanya Wayyaanee-Tigray  warra hafan irratti murtii ‘du’aa’  maqaa  “Addis Ababa Master Plan” jedhamuun  dabarse  irratti  hojjechaa jira.

Egaa, maal ta’uu qaba?  Qabsoo Oromoon “Master Killer” Wayyanee wajjin gochaa jiru kun, Showas addaan baasee waan ilaaluuf hin qabu. “Showa” jechuu, mancaasi!, ajjeesi!, saamii-saamsisi! jechuu irraa kan hafe hiikaa biraa qabaachuu hin danda’u. Showan, “Master killer”, bardhibbee 19ffaa keessa, sirni Nafxanyaa Amaaraa ittiin Oromoo mancaase fixe dha.  Waan ta’eefis, keessuumaa  Oromoo Maccaa-Tuulama irraa manca’ee baduu qaba.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: