FOR BETTER OROMIA

Afoola

Uummanni Oromoo Afoola akka galaanaa danbal’u qaba. Afoola uummata tokkoo kallattinis ta’e kallattiin ala keessa jireenya uummatcichaa qu’achuu danda’a. Manni barumsaa ammayyaa kun osoo hindhufiin hawaasni daa’imman isaa waa’ee safuu, seenaa, seeraa, duudhaa, aadaafi afaansaa afoolasaatti gargaaramee daa’immansaa barsifachaa ture.  Haaluma kanaan faayidaa afoolli seenaa saba tokkoo keessatti qabu keessaa, burqaa beekumsaa,  gama guddina ogbarruu, waa ibsuu, waa cimsuuf dabarsuutiin ilaaluu dandenya. 

Afoolli madda beekumsaa ta’ee tajaajiluu danda’a. Beekumsi uummanni Oromoo karaa miti idilaawaa ta’een dhalootasaan ga’aa tureef barsiisachaa jiru muuxannoo afoolsaarraa achi as kan dhufeedha.  Haaluma kanaan jiruuf jireenya saba tokkoo kan ittiin calaqqisu aadaan, afoola  uummatichaa yaabbatee labata tokkoo kan biraatti lufa.  Kanaaf burqaa beekumsa kanta’e Afoola aadaa uummatichaa hundee godhateetu dhaloota haaraa waa’ee safuu, duudhaa, jiruuf jireenya kan Orom-durii Orom-ammaatti hima jechuudha.

Afoolli akka uummanni tokko waa baratuuf nifayyada. Utuu barnoonni ammayyaa kun hindhufiin dura akka madda barnootaaf beekumsaatti kan tajaajilaa ture afoolasaati. Uummanni Oromoo, aadaa, seenaa, seera ittiin bulmaataafi kanneen biroo kan inni dhaloota haaraa barsiisaa ture afoola isaatti gargaaramuuni. Afoolli aadaafi duudhaa kuusaa muuxannoo hawwaasaa kan jaarraa hedduu barsiisa. Haaluma kanaan afoolli faayidaa barsiisuufi barnoota ammayyaa keessattillee shoora guddaa taphachaa jira.  Fakkeenyaaf, hibboo yoo ilaalle dandeettii yaaduu, dandeettii herregaa daa’immaanii guddisuu keessatti ga’ee ol aanaa qaba. Afoolli, daa’imman naannoo isaanii akka baraniif akka ofis beekaniif, tokkummaa akka qabaataniif, waliif akka yaadaniif nageenyi gidduu isaanii akka ta’uuf hedduu gargaara.  Dabalataanis muuxannoo hawaasa darbanii warra amma jiraniif qooda. 

Afoolli waan nuuf hin ifne tokko nuuf ibsuuf shoora guddaa qaba. Dhalli namaa jireenya isaa keessatti waantoota isaaf hingalle maraaf deebii argachuu barbaada; carraaqas. Waa’ee uumamaa, waa’ee naannoo isaa gaaffi hedduu ni kaasa. Daa’immanis waa’ee dhuftee waantota uumama keessaa baruuf gaaffii garaagaraa nikaasuu, kanaaf, jaarsoliin, abbootiin Afoolaitti gargaaramuun deebii kennu. Fakkeenyaaf, Gaangeen maaliif hin dhaltu, Waaqni yookaan samiin maaliif nurraa olfagaatee? gaaffii jedhuuf oduu duriitti gargaaramuun deebii itti kennaa turan.

Afoolli waa cimsuuf dabarsuutiin gahee guddaa qaba. Faayidaa guddaa afoolli qabu keessaaa aadaan, seenaan saba tokkoo cimee dhaloota tokko irraa gara biraatti akka darbuuf humna kennuusaati.  Keessumaa hawwaasi tokko wanti gaariin, amalli gaariin cimee akka itti fufuuf Afoolaitti gargaaramuun dhaloota biraatiif dabarsa. Fakkeenyaaf, sabni Oromoo, seenaa Abdiisaa Aagaafi Taaddasaa Birruu gootummmaa isaanii Afoolasaatti gargaaramuun dhaloota haaraaf dabarsaa jira. Kun egaa gootummaan cimee dhalootaaf akka darbu taasiisaa jira.  Ilmi Oromoo tokko yeroo gorsus ta’ee araaraaf gadi taa’u, waan dubbatu sana kan isaaf jabeessan kan akka mammaaksaafi durduriifaatti gargaarama. Qaroomni har’a aadaa keenya miidhaa jiru kunillee akka inni safuu ganamaa sana nundagachiifneef waa’ee qarreef qeerrummaa ogafanitti gargaaramuun akka of eeggatan taasifama.

Afoolli akka nuti waa tokko to’annuuf nugargaara. Kana jechuun, uummati Oromoo seerota aadaa, safuufi seerota ittiin bulmaataa niqaba.  Jiruufi jireenya isaa keessatti ammoo seeroti aadaa akka hincabne, akka kabajamaniif Afoolasaatti gargaaramuun to’ata. Karaa kan biraa, amaloota badaa afoolasaan  isaatiin yeroo to’atu, amaloota gaariin (naamusi gaariin) ciminaan akka itti fufaniif afoolasaatiin jajjabeessa. Fakkeenyaf, hanniifi sobni amala gaarii akka hin taanef nama kana raawwate yeroo to’atu. ‘Hattuufi sobduun ija hin baattu’ jechuun amaloota kana ittiin to’ata.

Afoolli meeshaa miliqqee guddicha ta’uun tajaajila nuuf kenna.  Dhalli namaa jiruufi jireenya isaa keessatti bu’aa ba’ii hedduutu isa mudata.  Yeroo kana ammoo bakka jalaa miliquun barbachisaa ta’etti waan isa miidhu miliquun qolata.  Jireenya nuffissiisa keessa miliquun gara addunyaa boqonnaatti godaanuun  nijira. Haalli rakiisaan humna namaatii ol ta’e yoo nama mudatu ogafan meeshaa ittiin miliqanidha.  Kunis afoolli addunyaa nuffisiisaa jalaa gara addunyaa gammachuufi bashannansiisaa ta’eetti akka ce’anuuf nama gargaara. Jireenyi nuffisiisaan kolfaan irranfachuutiin addunyaa haaraa keessa galuun addunyaa boqonnaa keessa jiraachuuf Afoola meeshaa guddaadha.  Namni kamuu daangaa aadaa hawwaasa isaa keessa jiraata. Garuu yeroo tokko tokko Afoolaitti gargaaramuun yeroon keessaa miliqantu jira. Afoola yeroonni itti gargaaramutu jira. As keessatti aadaa hawwaasichaa jalaa miliqaniiru jechuudha. Kanaafidha Afoola faayidaa miliquu nilaata kan jedhamuuf. Kanaafuu eenyuyyuu waan garaasaa keessa jiru kan akka hawwii, aarii, gammachuufi kkf sodaa tokko malee Afoolasaatti gargaaramee ibsata.  Kanatti aansuun ammoo Afoola waliin walitti hidhata kan qaban qabxiiwwan ijoo ta’an afur akkaataa armaan gadiin haalaallu.

Walumaagalatti, afoolli Oromoo madda beekumsaa ta’ee tajaajila nuuf kenna.  Dabalataanis akka namni waa baru, akka nuuf ifu nugargaara. Haaluma walfakkaatuun bekumsi hawaasaa kun dhaloota tokkoo isa birootti akka darbuuf tajaajila guddaa kenna. Haaluma kanaan naannoo keenya akka to’annuufi akka meeshaa miliqqee guddaatti dhimmanuuf baasa.

 

Leave a comment