FOR BETTER OROMIA

G U G S I I  F A R D A A -T A PH A A D A A   O R O M O O

Beekan Gullummaatiin*

Akaakuu tapha aadaa keessaa tokko gugsii fardaati. Akka seenaan nutti himutti Oromoon fardaan gulufufee roorroo daangasaatti dhufu ittiin ofirraa ittisaa ture. Kanaafuu fardi mallattoo gootummaa waan ta’eef aadaa taphaa jaallatamaadha. Haaluma kanaan fardi gugsii/guluffiif/ qophaa’e mi’a faayaa’aa qabuun miidhagfamee dorgommiif qophaa’a. Gugsiin fardaa akkaataafi adeemsa ittiin taphatamu qaba. Dirree taphaarratti wantoonni taasfamanis hedduudha.  Kanarraa kan ka’e waraansa dirree irratti mo’amuu/waraanamuu/ irraa oofkaluuf miliqqeen taasifamu kan ajaa’ibaati. 

Farda GFardi gugsiif qophaa’e tokko mi’a faayaa hedduutiin miidhegfama. Mi’a kana keessatti kooraan bakka guddaa qaba. Kooraa keessatti kan aammatamanis, dursaa, hirkoo, faanaa, garjalee, huddeelaa luuxuu, qomoo luuxuu, raroo kooraa jalaa (akka farda hin quuqne)faadha.  Dabalataanis, gilaasha (guddaafi xixiqqaa), ashaankitaaba/maxaabirii (Fuuloo, qomoo, uddeellaa, gunfura [mataa irraa]tu irraan kaawwama. Bifuma walfakkaatuun, luugama yookaan sibilafi wadaroo funyoo kan of keessatti qabuutu afaan keessaan baafamee harka nama yaabbatu sanaatiin qabama. Abbaan fardaas yeroo farda isaa yaabbatu waan qabatu, alangee, garaftuu, gaachana /Gaallee/Wantaa, ulee gabaabaafi yeroo barbaachisu luffisa uffata. Luffisa gogaa qeerransaa, leencaa yookaan uffata adda addaa irraa tolfamee gatiitti irraan duraa duubatti gadi rarra’e uffatamuu danda’a.

Gugsiin fardaa akkaataafi adeemsa itti taphatamu niqaba. Gugsii keessatti namoonni gartuu lamatti hiramanii ykn naannoo adda addaa irraa dhufanii akka walitti aananiin tumsa ijaarratanii gamaa gamana dhaabbatu. Waaqa isaanii kadhatanii, nuhoofkalchi; collee keenya hoofkalchi; humnakee kenniif jedhanii Waaqaaf galata galchanii gara gugsiitti bobba’u. Ittuma fufuun gugsiin seera mataa isaa waan qabuuf seera sana eeggatanii gulufu. Namni tokko namuma tokko hariyee waraana; yeroo sana egaa inni ilaalu hundi ‘hoo’ jedhee gammadaa haamilee isaaniif qabu calaqqisiisa. Warreen abbaa fardaa achi dhaabbatanii dabaree isaanii eeggatu. Uummanni ilaaluf bahe immoo cinaa lamaan dirree fardi irra gulufu sanarra dhaabatanii ilaalu.  Tapha gugsii fardaa kana keessatti waraansa waraanamaniif beenyaa yookaan gumaan kaffalamu hinjiru.

Farda_nGugsii fardaa keessatti dirree taphaarratti ta’iiwwan taasifaman hedduudha. Yeroo gulufuu jalqaban fardeen lamaan jidduu fegeenyi murtaayan jiraachuu qaba. Egaa fageenya sana inni dheessu dabalaa deemuu yaala. Inni hariyuu immoo dhiphisaa deemee fageenya waraanuf isatti tolu mijeeffata jechaadha. Kun egaa dirree walakkeessa ykn goonyii gara dhumaatti ta’a jechaadha. Egaa yeroo dheessitu fardakee xuqachaa namicha nama hariyaa jiruu ofirratti garagalamee eeggatama. Dirree walakkaa erga dabartee booda waraanicha jalaa ba’uuf of eeggatama. Kana booda, walakkaa dirree sanaa cina erga darbamee booda sirriitti of eeggatama.   Namichi waraanuuf qophaa’es yeroo kana sirriitti itti aggaamata.  Inni hariyu sun qaqqabus qaqqabuu baatuus siillee sana namichatti xiyyeeffatee darbachuu qaba. Yoo waraane waraanee yoo dadhabees hiree isaati jechaadha. Inni dheessus, siillee itti darbatame sana qolachuu yaaluu qaba. Tooftaa barate hunda fayyadamee Siillee itti darbatame jalaa bahuu qaba. Yoo Gaachana/Gaallee/Wantee harkaa qabaate sanaan of duuba garagalee eeggachuun qolata; yookaan ammoo ulee gabaabaa harkaa qabu sanaan akkuma itti toleetti karaa mirgaa ykn karaa bitaatiin of duuba garagalee qolata. Inni guddaan dandeettii gugsii fardaa keessatti isa uleen qolatantuu irra qabxiifi ajaa’ibsiifannaa guddaa qaba.

Gugsii fardaa keessatti akka hinwaraanamneef tooftaan miliqqee barbaachisaadha. Namni tapha fardaa geggeessu tokko waraansa of irraa ittisuu keessatti yoo qolachuu hin dandeenye, jalaa miliquunis tooftaa gaariidha. Kunis, kan raawwatamu yoo karaa mirgaa namatti dhufe gara cinaacha fardaa isa bitaatti jalaa miliqu. Yoo karaa bitaa namatti dhufe, gara cinaacha fardaa isa mirgaatti miliquun jalaa bahuu danda’ama. Xaba fardaa keessattii inni hariyu bira gahee waraanuu isaa yoo mirkaneeffate, dhiisee siillee sana gara fuula isaanii duratti ykn of cinaatti darbatee lafa waraanuu danda’a. Kana jechuun namicha dheessu sana booji’eera jechaadha. Namichi dheessus yeroof waraansa jalaa bahuu isaa haa gammadu malee, fardi isaa mo’atamee farda namichaatiin caalamuun isa aarsuu hinoolu. Yeroo bira farda caalu bitatee haaloo bahuuf xiiqeffata.

Dimshaashumatti,  gugsiin fardaa akaakuu tapha aadaa keessaa isa tokkodha.  Fardi gugsiif qophaa’e tokko mi’a babbareedootiin faaya’ama. Adeemsi gugsii fardaa keessa jirus sirnaawaafi seera qabeessa. Kanaafuu, dorgommii dirreerratti wantoonni taasifaman tooftaafi miliqqee cimaa nama gaafatu. Gugsiin fardaa tapha jaallatamaa uummanni Oromoo jaallatu waan ta’eef jabeenyaan dhaloota itti aanutti darbee akkuma tapha ammayyaatti tajaajila hawaasaa kennuutu irra jiraata.

*Beekan Gullummaa email kanaan qunnamuu dandeessu:  beekanguluma@gmail.com

 

Leave a comment