FOR BETTER OROMIA

Soortuun oduu ‘Facebook’ kan koo dhiigaan uwwifamte

4th May 2016  By Melody Sundberg

Original in English published January 5, 2016

Burqaan suuraalee dhuma hin qabnee kan dhiiraafi dhalaa, namoota mada’aniifi du’anii, kaan isaanii siree irratti yookiin daandii irratti kufanii jiran. Suuraleen namoota du’aniifi mada’anii kunneen, gariin isaanii hiriirtoota dallananiin marfamanii jiran; kaan isaanii ammoo kophaa isaanii lafaafi siree irratti kufaniiru.  Namoonni gariin isaanii sababa dhukkubbii isaaniitiif bohaafi aadaa jiran; gariin isaanii ammoo abdii kutuudhaan gara humtuu hin jirreetti mil’atu. Torbaan muraasa darbaniif, odeeffannoon oduu ‘Facebook’ kan koo dhiigaan dhiqame.

Namoonni miidhamaniifi du’an kun mormitoota. Mormitoonni kunneen,  karoora babal’isuu magaalaa guddittii Itoophiyaa Finfineetiif baafamee, qonnaan bultoota Oromoo magaalaa sanitti dhihaatan qe’eefi qabeenna isaaniirraa buqqisuuf kan itti aggaamame qeequun morman.  Mormitoonni kunneen hedduun, barattoota yunivarsiitoota gara garaa irraa dhufan. Isaan nama isaan caqasu tokko barbaadan. Isaan mirgi namummaa isaanii akka isaaniif kabajamu barbaadan. Amma, isaan du’aniiru. Suuraaleen suukkanneessaan miidhama isaanii sirriitti mul’isan kunneen garaa koo na madeessan.

Biyyoota hedduu keessatti, namoota kanneeniif akka hiriira nagaa gaggeeffatan, qaamni kamiiyyuu osoo jidduu hin seenin eyyamameefii jira. Mirgi isaan waan tokko mormuurratti  qaban isaaniif kabajameera. Garuu Itoophiyaa keessatti miti; bulchiinsa  mootummaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF-Woyyaanee) jalatti miti; sababni isaas nama kamiiyyuu kan isaan mormee, yookiin qeeqeefi mirga isaa kabajsiisuuf socho’e akka reeban, hidhan yookiin ajjeesan mirkaneessanii jiran. Suuraaleen akka lolaa galaanaa  ‘Facebook’ gubbaa guutan, afaan namaaf galu dubbatan. Poolisoonni garaa jabeenyaan humna hamaa mormitoota irratti fayyadaman; akkasuma torbaanota muraasa darbaniif mormitoota qofarratti osoo hin ta’in, humnaan cabsuun walabummaa yaada ofii bilisaan ibsachuulle akka malee ol ka’eera. Gaazexeessitoonni ni hidhaman, biloogeroonni yookiin namoonni interneetii irratti barreessan, garee Biloogeroota Zoonii 9 jedhamu kan Adoolessa keessa gadi dhiifaman, ji’uma itti aanu Onkololeessa 2015 keessa lammata mana murtiitti waamaman. Xumurri bara 2015 fi jalqabni bara 2016 gaarii hin fakkaatu.

Garuu ammas abdiin ni jira; namoota abdi kutachuu didanii itti cichaniif kun salphaadha. Namoota miidhamaniifi du’an keessaa, suuraaleen gariin mul’ifamaniiru. Suuraaleen kunniin Itoophiyaa, Ameerikaa, Siwiidiin, Awustiraaliyaa, Neyzarlaandiifi biyyoota biroo hedduu  irraa agarsiifaman. Suuran kun akka mul’isutti, namoonni uffata gurraacha uffatan, fuula isaaniitiin gara lafaa ilaalaa mormii isaanii cal’eessaan itti fufaniiru.  Mormittoonni kunneen harka isaanii walqaxxamursanii namoota karaa nagaatiin osoo mormii dhageessisanii mirgaafi lubbuun isaanii saamaman bira dhaabannaa agarsiisuuf yaalanulle; biyya namni kamiiyyuu yaada isaa bilisaan ibsachuu hin dandeenye keessatti, namni tokkolle bilisaa miti. Kaayyoofi ergaan isaanii ifaadha: dabni yookiin cubbuun akka isaan hin injifanne hin fedhanu.

Afaan Ingilizii irraa kan hiike: Daniel G. Areerii

Source: http://www.untoldstoriesonline.com/soortuun-oduu-facebook-kan-koo-dhiigaan-uwwifamte/