FOR BETTER OROMIA

SEENAA LOLA CALANQOO

Gaafa Ibroo Shaxaa abbabayyuun Jaarraa AbbaaGadaa Lola Cirachaatti Waraana Misraa kan Ra’uuf Baashaatin hogganamuun odoo loluu weregame, ilmi isaa Haamid dardara ture. Lola calanqoo booda bara 1889 keessaa bara mililik summii buna keessaatti naqeen Haamid Ibroo galaafatu ilmi isaa Ibraahim joolleesan booda bara 1936 keessaa Ibraahim haamid nafxeenyoota hawaasa baha oromiyaa sirna gabrummaa hanga hin qabneen araarasaa bahan adamuun Hijaa irraa baha ture ilmi isaa Abdulkarim yeroos dhalata waan nama ajaaibu:)
Waanni kana irraa hubannuu Abaaboo .Akaakoo Abbaan jaarraa wereera ummaanni oromoo dhuma bardhibbee 19ffaa jalqabee bardhibbee 20ffaa keessaa mudatee kana boodas alagaa jalatti isa oggachisee keessaatti warraa diina faccisuuf suduudaan hirmaatan tahuudha. Guddattuu kamitittuu seenaa abbooti kenyaa kana dhagayaatif qomaatti galfadhaa guddachuun akkaa maluu tilmaamnaa.
Kanaafis ragaan kenya waaee qabsoo oromoo hoggaa haasayyuu Jaarraan yeroo hedduu seenaa lolli calanqoo gootummaa murtii guutootin jabeenya Raabaa Doorii akka fkntti dhiheessaa. Seenaa akkakayyuu issaa kan Ibroo shaxaatif kan Akaakoo Haamid Ibrootra garaagarummaa qawwee qabaachuuf dhabuu akkasumattis ammayyummaa hidhanootiin gurmuu waraanaa shooraafi sadarkaa lolaa keessaatti qabatan waan hubate natti fakkaata.
Waraanni misiraa kan Ra,uuf Paashaatin ajajamu baha oromiyaati osoo hin bahiin dura oromoon nannawaan suun heeraa fi seeraa sirna Gadaatin wal bulchuu turan.waraannii ofii Raabaa doorii jala ijaaratanii biyya ofii diina kamu of irraa faccifachudhan daangaa ofii kabachisanii olloota waliin qajelooti wal beekani kabajaadhan waliin jiraata turan.waraanni misraa kan gaafasi waraana ciimaa inglizoonni jalaa gubbaatti meshaa ammayyaa hidhachiftee boobbaafte ture.
Waraana Raaba doori jechuunis waraana oromoo seera Raabaa Doorittin ijaarame diina akkas achiin dura takkatu argee hin beeku. Akkasinu waraanniAfroo jilootin hogganamu sun gootummaa isaa hanqattee aadaa lugnaa didda.ate dirree loolaatti hin dheesine tokkkummaan sirna gadaa isaa badhafte jabeefatee qabata hidhannoo qabuun eeboo. Maancaa wantaa fi xiyyaa isaatin diina dura dhabbate madaafa ibidda tuufuus jalatti siqanii afridhan afaan danqaranii calisuudhan gootummaan seeraan dinqifatee galmeessu danda.ani jiru.
Haalli sun keessaatti tooftaa waraana Ra,uuf Paashaa hulluqqoo marsaa keessaa ittin bahu argachuu qofa tae akkasiin raphasaa rasaasa ittin roobsee hulluqqoo xiqqoo tokko argatee magaala Adaree keessaa biyya dhunfatee akkasiin ganna kudhaniif darbi magaala adaree keessaa gad bahuu kutanii biyya oromoo kolonii inglizii jalatti galchuu hogansaan bara 1885tti injifannoo goonfatanii waraana diina biyyaa ofii keessaa baasani jiru. pirofesor mohammad hassanfi jilchaa Haamid akkaa barreessanitti loolli waraana misraa walinii godhame kun injifannoo oromootin goolabamuus humna waraana oromoo akka malee laafisee
1ffaa waraana raabaa dooriitraa namoota 20.000hanga 30.000 tauutu dhume
2ffaa qoondaaltoonni raabaa doorii mooyxa waraana qaban hedduun abbabbayyoo Jaarraa ibroo shaxaa dabalatee ni weregaman
3ffaa lola dheeraa kana irraa kan kae faradoon hedduu rasaasaan beelaaf dhukkubaan waan dhumaniif cibirraalen faradoo(cavalry)guutuuti digaman
4ffaa loolli dheeraan kun leecalloo ummata xuuxeeti humna dinagdee biyyaa laaffisee oromoon osoo sadarkaa kana irraa dandamachaa jirtuu weereerri harayni karaa kabaatin egalame waraanni misraa darsaa isaa guurate bahe waggaa saditti bara 1887 waraanni nafxenyaa calanqoo as bahe waraanni mililik kun oromoo nanawaa biraa cabsee injifannodhaaf machaawe waan sameen dinaagdeedhan of cimsee qawwee ammayyaa gaarii shamadatee gariis kannadhan argate ogeeyy waraana warraa faranjiitin gargaaramee tarsimoo lolaa baafate waraana Afran Qalloo(murii guutoo) irraatti lola bane oromoon immoo qawwee dudullaatti lakk 100 hin taane kan waraana paashaarraa bufatte raasaasni waa xiqqoon qofti keessaa jiru diina dura dhabatan cibirraleen faradoo waan laamshaef mancaa eeboo wantaa isaa qabateeti lafoo dura dhaabachuun dirqame .
Akkasumanuu waraanni murti guutoo waraana mililik kan lafaatiin(intanry) qawweedhaan caalamuus boobba.a diina hedduu of irraa faccisuu dandae ture.booda garuu madaafa tuusa ibiddaa tufu bakka fagoo eeboo f mancaan hin genyee dhaabanin duubbee raabaa doorii looltuu irra bobaasuuf madoo itti wal.aanatu ibiddaa itti roobsan.bifa sanin qawwee sodattuun hidhattee hobalee gootaa mohattee nafxenyaan akkuma kutaalee oromiyaa kanneen birootti gooteti dachi humbannatis qabate. Qoondaala raabaa doorii kannen gaafa calanqoo caali bararaan kanneen akka Haamid ibroo (akaakoo Jaarraa) kopha kophaatti galafatani ummatas hogganaa silaa bakka cophaani isaani dhabsisaan.