FOR BETTER OROMIA

Irreecha: Waltajjii miliyoononni akka tokkotti itti mul’ata

Misirroota gaa’elasaanii Irreecharratti raawwatan

Onkoloolessa jalqabaa keessa Magaalaan Bishooftuu akka nama guyyaan cidha isaa/ishee itti ga’ee ko’amattee turte. Sababni isaas guyyaan addaa Oromoon hawwii guddaan eeggatuufi bakka guddaa kennuuf Irreechi Malkaa waan kabajamuufi. Irreechi Malkaa, Horaa Harsadeetti bifa miidhagaa ta’een kabajamu kun yeroo maraa Masqalli ba’ee Dilbata itti aanuu bakka Oromoon bakka addaddaa irraa dhufee walitti qabame kan kabajatudha. Bishooftuunis ayyaan guddaa kana kabachuuf egaa jala bultii irraa kaastee kan ko’ammatte. Egzibishiniifi baazaariin, konsariiwwan muuziqaa, agarsiifni aadaa, mariin paanaaliifi wantoonni ayyaanicha miidhagsan addaddaa kan gaggeeffamaa turanis torbanuma darbe keessa ture.

Magaalattiinis poostariiwwaniifi barreeffamoota garagaraa waa’ee ayyaanichaa ibsaniin iftee jirti. Akkasuma, hoteeliinnii, manneen ciisichaafi bakkeewwan ummataaf tajaajila kennan sirboota Afaan Oromoo sagalee guddaadhaan banuun keessummoota isaanii “anaa haa dhufu” jechuun simataniiru. Qophiin haala kanaan miidhagee adeemsifame kunis xumura isaa kan argatu Dilbata ture. Gaafsis ilmaan Oromoo bakka addaddaadhaa dhufan aadaafi faayaa Oromootiin miidhaganii, harkatti marga jidhaafi keelloo qabatanii, sirba aadaa sirbaa ture kan gara Hora Arsadeetti imalan. Ilmaan Oromoo malees namoonni biyya keessaafi alaa ayyaana miidhagaa kana ilaaluuf dhufaniiru. Irreecha baranaa kan adda godhu wayita ayyaanicha UNESCOtti galmeesisuuf hojiin % 80 xumurametti kan kabajamu ta’uu isaati. Kanaaf ture waamicha Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa namoonni ayyaanicha kabajan bifa nagaan akkasumas, aadaafi eenyummaa isaanii ibsuun akka kabajaniif taasise fudhachuun eenyuuyyu caalaa ilmaan Oromoo haala bareedaa ta’een kabajatanii kan dabarsan. Ayyaanichaan dura namoonni miliyoona afur ta’an Irreecharratti ni argamu jedhamee kan tilmaame yoo ta’u, tilmaamani ayyaanichaa boodaa garuu lakkoofsi sirrii eeramuu baatuus isa jedhameen ol ta’uun isaa dubbatameera. Irreeffattoonni haala irranatti eeramaeen gara Hora Arsadee bu’an, rakoo nageenyaafi tasagabbii tokko malee guyyaa hawwiidhaan eeggataa turan kana miira tokkoon kabajuun ayyaaneeffataniiru.

Ani ayyaana Irreechaa irratti waggoota walitti aanan sagaliif kaniin hirmaadhe yoo ta’u, haalli kabaja isaa yeroodhaa gara yeootti miidhagaa, lakkoofsi hirmaattootaa dabalaafi waltajjii agarsiisa aadaa akkasumas, eenyummaa ta’uu isaadha kaniin taajjabe. Dargaggoonniifi shamarran uffata aadaa godinaalee Oromiyaa hundaa bifa ammayyaafi aadaatiin uffatanii, faayaawwaniin miidhaganii, marga jidhaa qabatanii laga bu’anii erga irreeffataniin booda sirba aadaadhaan dhiichisaa, nyaata aadaa nyaatafi wantoota bashannanaa garagaraatiin rakkoo tokko malee kabajatanii yommuu galanis argeera. Keessumaa barana, baayyachuu namaatiin waldhiibboofi ho’a uumamuu dandamachuun miliyoonoonni akka tokkotti yommuu Irreecha kabajatan arguu caalaa waan nama gammachiisu hinjiru. Inni biraan ayyaanicha adda godhu misiroonni 25 abbootii Gadaatiin eebbifamanii cidha isaanii raawwatachuu isaaniiti. Waliigala taateewwan irreecharratti mul’ataniifi tokkummaan ummatichaa  Irreechi UNESCO irratti akka galmaa’uuf kan gumaachuu ta’uu isaatiin kan dinqisafamudha.  Ayyaanicharratti argamuun haasawaa kan taasisan Hogganaan BATO Obbo Geetuu Wayyeessaa akka jedhanitti, Irreechi galmee addunyaarratti akka galma’uuf haayyoota biyya keessaafi alaa affeerun qorannoon galmee kanaaf gargaaru taasifamaa jira.

Ministeerri Aadaafi Turiziimii Ayyaanni Irreechaa galmee addunyaarratti akka galma’uuf Barreessaa Ol’aanaa UNESCO, Hora Aarsadeefi magaalaa Bishooftuu daawwachisaani jiraachuu Ministirri ministeerichaa duraanii Obbo Amin Abdulqaadir dubbataniiru.  Af-yaa’iin Mana marii Bakka bu’oota uummata Obbo Abbaa dulaa Gammada ummanni hojii irratti boba’ee jiru hundarratti kutannoon hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.  Waliigala ayyaanni Irreecha baranaa haala yaadameen kabajamuun isaa naamusa ummanni Oromoo qabu kan agarsiisu ta’uurra darbee jaalalaafi kabajaa inni aadaa isaf qabu kan calaqqisuu ta’uu isaatiin jajjabeeffamuu qaba jenna.

Source: http://www.ethpress.gov.et/bariisaa/index.php/art-culture/item/672-irreecha-waltajjii-miliyoononni-akka-tokkotti-itti-mul-atan