FOR BETTER OROMIA

Maalummaa Irreechaa Birraa

(Charinnat Hundeessaatiin)

Irreechi hiika baay’ee yoo qabaates hiiknisaa inni guddaan, “Galatoo Waaqayyoo” (Happy, thanks giving day’) jechuudha. Irreechi waggaatti al lama kan geggeeffamuudha, Irreecha Tulluufi Irreecha Malkaa.

Inni gubaa masqalaa booda raawwatamu Irreecha malkaati. Kunis ganna gurraacha keessaa bahanii gamtaan Waaqasaanii galateeffachuuf kan raawwatamuudha.

Kutaalee addunyaa gara garaatti ayyaanonni (kaarniivaaloonni) Irreecha waliin walfakkaatan ni raawwatamu. Fakkeenyaaf ardii Awurooppaatti qonnaan bultoonni, waggaatti yeroo tokkoo karaa irratti bahanii timaatimiidhaan walreebu. Yoo akkas godhan Waaqayyo yeroo ittaanus biqiltuusaanii akkasumatti nuu tolcha jechuun kana raawwatu.

Odeeffannoo Barsiisaa Beekan Gulummaa barreeffamaan nuu erge haala armaan gaditti qindeessinee dhiyeesineeerra dubbisaatii yaada qabdan karaa teeessoo keenyaa nu ergaa.

IRREECHA/ IRREESSA: Irreechi sirna Waaqeffachuu gamtaadhaan Tulluufi malkaarratti ba’anii waaqa kadhataniifi ittigalateeffataniidha. Karaa biraatiin Irreecha yemmuu jennu hiika (yaada) birootis ni qaba. Kunis marga ykn coqorsa sirna ayyaaneffannaa tokkoof ykn araaraaf yoo deemamu harkatti qabatamus ni ibsa. Akkasumas hiikoo gara warra waa beekuu deemanii namaaf himamu tokkoof kaffalu (galchu). (Warra waa beeku kan jedhaman warra Ayyaantuu, warra qaalluu, eker-dubbistuu, warra callee ilaalu,… jechuudha).

Kafaltiin warra waa beekuu kennamu galchaa jedhama. Galchi kunis yeroo baay’ee marga ykn coqorsaafi maallaqa waliin qabanii iddoo galchaaf qophaa’etti irreeffatu. Galchi akkuma humnaatti marga ykn coqorsa qofaa ta’uus ni danda’a.

Sirni kabaja ayyaana Irreechaa waggaatti al lama wayitiilee arfaasaafi birraa kabajama. Ayyaanni Irreechaa arfaasaa keessa kabajamu kadhaa Waaqaaf gamtaadhaan dhiyeeffatamuudha. Innis yeroo roobni looniif baay’ee barbachisu waan ta’eef rooba nagayaa akka roobuuf tulluufi malkaatti ba’anii waaqa kadhatu. Akkasumas fuuldurri; ganna waan ta’eef, ganna dukkana nagaan nu hulluuqsisi, booqa birraatti nagaan nu baasi; sanyii facaate dadagaagsii nuu biqilchi jedhanii Waaqa kadhatu.

Ayyaanni Irreechaa birraa keessa kabajamu irra caalaatti galata Waaqaaf galchuuf yoo ta’u, milkaa’ina fuula duraatiifis ni kadhatu. Galanni Waaqaaf galfamu kunis, “Kadhaa keenya nuuf dhageesse; ifatti nu baastee, sanyii facaafanne nuu biqilchite, sa’aa-namaa nagaa nuuf kennitee galanni sihaa ga’u” jedhu. Akkasumas milkaa’ina fuulduraatiif ammoo, “Midhaan alaa ga’e (bilchaate) namaafi sinbira wajjin nuu soori; bara nagaa kan quufaa nuu godhi; yaadaafi hawwii keenya nuu guuti;” jedhanii waaqa kadhatu.

Irreechi kun kan kabajamu birraa keessa malkaarratti. Kan irreeffatamus ayyaana Ifaanoo (Gubaa) booda. Oromoon osoo Ibsaa Birraa hinibsine Irreecha Birraa hinirreeffatu. Dura ibsaa ibsee qe’eesaatti kabaja. Ibsaa birraa ibsuun dukkana gannaa keessaa ifa yookaan booqa birraatti bahuu agarsiisa.

Irreechi diinqaa jalqaba jedhu maanguddoonni Tuulamaa. Achii qe’eetti baha. Sana booda irreechi sabaa Magaalaa Bishaanoftuu (Bishooftuu) Hora Harsadiitti kabajama.

Ayyaanni gubaa galgala waarii kabajama. Gaafa ayyaana gubaa kabajan daamotiin (xomborri) diinqatti qabsiifamee baha. Warri ulfaa qabu, galma ulfaatiyis ni baasa. Galmaayis daamotiin qabsiifamee ni baha. Irreechi diinqaa jalqaba kan jedhameefis kanumaafi. Erga daamotii qabsiifatanii qe’eetti gadi bahanii ibsaa ibsaa ayyaanicha haala ho’aa ta’een kabaju.

Bariisaa immoo ganama bakka gubaa itti guban sanatti buna dhaabanii Waaqa kadhatu. Waaqaafis galata galchu. Mijjirii irrattis ni irreeffatu. Irreeffannaan kun kan ta’u akka maatitti.

Ayyaanni Masqalaa kan warri kiristaanaa kabajuufi ayyaanni Gubaa yookaan Ifaanoo kan Oromoon kabaju, yeroofi ibsaa ibsuun wal haa fakkaatu malee garaagarummaa guddaa qabu. Kaayyoofi galii adda addaas qabu. Warri kiristaanaa yaadannoo “Fannoo Iyyasuus Kiristoos barbaachaaf kabajna” jedhu. Oromoon garuu sanaaf miti kan ibsaa ibsu.

Ayyaanni Masaqalaa keessumaa hordoftoota amantii Ortodoksiitiin wayita birraa kabajamaa jirus dhimma kanaan walfakkeenya qabaachuu danda’a. Haalatti hordoftoonni Ortodoksii biyya keenyaa Masqala ittikabajan kana Otodoksoonni biyya biraa quba hinqaban. Giriik hinbeektu, Ruusiyaan hinbeektu. Kitaaba qulqullu keessa hinjiru. Seenaa sobaa suphanii, “Giiftii Illeeniin, Masqalii bade barbaaduuf ibsite”, jedhanii sobasaanii tarreessu. Kun immoo kitaaba amantii kam keessattuu barreeffamee hinjiru.

Irreechi Sabaa, kan Birraa, Hora Harsdiitti kabajama. Osoo Otoo Hora Harsadiitti hinirreeffatin dursanii malkaa biraatti hinirreeffatamu. Eddii Hora Harsadii irreeffatamee booda garuu kan malkaa biraa ittifufa.

Kabajni ayyaana irreechaa bifa lamaan ilaalama. Inni tokko hidda dhalootaa ykn gosti naannawaa walitti dhiyeenyatti argaman hundi warra ulfaatti (warra angafaatti) walitti qabamanii gamtaadhaan faaruu irreechaaf faarsamu jechaa tulluu ykn malkaa naannawa dhiyeenyatti argamutti deemanii angafaa quxusuun eebbifatanii irreeffatu.

Irreechi Hora Harsadii Irreecha gosaa osoo hintaane Irreecha sabaati. Oromoo hundatu bahee irreeffata jechuudha. Ulfaan Gadaa shananii gaafa ayyaana Irreecha Birraa, bakka tokkotti bahu. Abbootiin Gadaa, bakka adda addaa jiran, Abbootiin Muudaafi warri Ulfaa gaaf sana hinhafan. Kadhaan Waaqaafi eebbi eebbifamus akka sabaatti.

Kaayyoon kabaja ayyaana Irreecha Birraa Waaqa booruu Gannaa keessaa nagaan namaafi sa’a gara Booqa Birraatti baase/hulluuqsiseef galata galchuudha. Waaqa bacaqii gannaa, rooba ulfaataa gannaafi dukkana gannaa keessa nagaan biyya hulluuqsisee daraaraa birraa, asheetaafi foolii birraan, walumaagalatti Waaqaaf galateeffachuudha.

Ayyaanni kun (Irreechi Birraa) ganna gurraacha, dhoqqee, bacaqii gannaafi rooba ulfaataa keessaa bahanii nagaan booqa birraa waan arganiif daraaraa, keelloo marga jiidhaa, coqorsaafi kkf harkatti qabatanii jaataniin malkaatti bahanii irreeffatan.

Sirni kabaja ayyaana irreechaa inni lammaffaan immoo sadarkaa sabaatti giddugaleessa tokkotti kabajamuudha. Akka saba Oromootti giddugaleessi kun Tuulama keessa Magaalaa Bishooftuu, naannawa Odaa Nabee, Hora Arsadii ta’eetu beekama. Horri Arsadii yoomii jalqabee giddugala irreeffannaa saba Oromoo akka ta’e odeeffannoon ga’aa ta’e yoo jiraatuu baateyyuu maanguddoon Oromoo garuu dhalootumaanuu achumatti irreeffachaa akka turan dubbatu. Sirni kabaja ayyaana Irreechaa kan sadarkaa sabaatti kabajamus ta’ee kan gosa gosaan iddoo iddootti kabajamu lamaanuu haallitti irreeffatamu walfakkaataadha. Irreecha sadarkaa sabaatti kabajamu kan adda godhu Ulfaan Gadaa shananii iddoo Irreechaatti ba’uudha.

Guyyaa ayyaana Irreechaa ulfaan warra angafaa hunduu ba’ee bakka irreechaatti argamu. Ummannis gara irreechaatti yoo deemu ulfaa warra itti bulanii tumsuu yoo ta’u, gara galmaatti yoo deebi’us akkasuma Ulfaan ummataan tumsameeti. Kabajni ayyaana Irreechaa ganama obboroo (subii) waan ta’eef jalabultiisaa galgala Ulfaan warra angafaa ni muudama.

Sirna muudaa jalabultii kana irratti gosti Ulfaa sanitti bulan hunduu ni argamu. Qophiin jala-bultii galma ulfaa warra angafaatti godhamu kun bunaqalaafi korma qaluu dabalatee sirna waaqeffachuu adda addaatu raawwatama. Sirnoota taasifaman kanneen keessaa Callee, Caaccuufi Ulfaa ykn Bokkuu muuduudha.

Haaluma kanaan qophiin jalabultii xumuramee ganama obboroo warri angafaa (angaftichaafi angaftittii) ulfaa baatanii uummataan tumsamanii gara iddoo irrechaatti faaruu adda addaa jechaa deemu. Faaruun yeroo irreecha deeman faarfatan irra caalaan mareeyyoo yoo ta’u, Gabbisayyoonis ni jedhama (faarfatama).

Mareeyoon faaruu namni tokko dhahaa (jechaa) kaawwan ammoo huursanii jalaa qabaa gamtaan faarfataniidha. Hiikaan faaruu kanaas maree maree (marmaaree) ayyaana waggaa ittiin nu gahe akka jechuuti. Marsaa waggaa tokkoo ykn Gadaa tokko marsee ykn deebi’ee milkiidhaan dhufuusaa kan ittiin mul’isaniidha.

Faaruun Mareeyoo abdii fuula duraatiifis marmaarii (marii) ittiin nu gahi yaada jedhu of keessaa qaba. Faaruu mareeyoo hangi tokko kan armaan kunooti:

Mareeyoo, Mareeyoo, Mareeyoo;
Alaa mana nuuf toli yaa ayyooleeyoo;
Mareeyoo, Mareeyoo, Mareeyoo;
Mee nutti araarami yaa ayyoleeyoo;
Dhagaa guguddaa gamaa bishaantu walbaachisee;
Maseenni dhaluu hindidnee isintu walcaalchisee…
Jechaa gara irreeffannaatti dhiiraa dubartiin adeemu.

Faaruun Gabbisayyoo caalaa yeroo sirna ayyaana tokko deemanii milkiidhaan gara manaatti deebi’amu faarfatama. Kunis gabbannee (milkoofnee) nagaan deebine ergaa jedhu of keessaa qaba.

Gabbisayyo hoo…hoo… Roobee Biyya gabbisee
Gabbisayyo hoo..hoo… Roobee Biyya gabbisee
Gabbisayoo hoo..hoo roobii lafa nuuf gahi ;
Gabbisayyoo hoo…hoo yaa Waaqi ati nuuf nahi…

Wabiilee barreeffama kanaa Argaa dhageettii abbootii keenyan nutti himamaa dhufe. Waan ijoollummaarraa kaasee ijaan argaa turre. Baruulee garagaraa aadaa Oromoo ilaalchisanii biyya keessatti barreeffaman, baruulee aadaa, duudhaafi safuu ilaalchisanii biyya alaatti barreeffamani. Barreeffamoota namoonni aadaa ilaalchisee websaayitii adda addaarratti Ingiliffaan facaasaniiru. Nutis yaadasaa gara Afaan Oromootti deebisuun haala armaan gadiitti dhiyeesineerra.

Irreeecha jechuun marga yookan coqorsa jiidhaa yookaan ammoo ilillii Waaqa ittiin kadhatan jechuudha. Galchaan warra waa namatti himuuf kennamus Irreecha jedhamee waamama. Karaa biraatiin Irreecha jechuun mallattoo nageenyaafi araaraati.

Gama biraatiin yoo ilaalle Irreechi ayyaana. Sirna kadhaafi galata Waaqaaf godhamuudha. (Sirna Gadaa, Siyaasa Oromoo Tuulamaa: ful. 80) Ayyaana amantii Oromoo, Waaqeffannaa, kan Oromoon kabajuudha. Kan Oromoon bahee itti Waaqa galateeffatuufi imaanaa Waaqa irra bulfatuudha. Irreechi ayyaana Waaqa kadhannaafi Waaqa galateeffannaati.

Oromoon (Waaqeffataan) birraa kan malkaatti bahuuf bashannanaaf yookaan waan biraaf miti. Waaqa dukkana gannaa nagaan isaan baase galateeffachuufi kan gara fuulduraaf immoo imaanaa Waaqa irra bulfachuufi. Akkasumas ayyaantummaa ofii gabbifachuufi Waaqa kadhachuufi. Kaayyoon ayyaana Irreechaas kanuma.

Namoonni baay’een ayyaana Irreechaa akka agarsiisa aadaatti fudhatu. Kan deemanis aadaa calaqqisiisuuf ta’uu danda’a. Irreechis aadaadha jedhu. Aadaansaaniis aadaa uffannaa ta’uu danda’a. Namoonni akkanaa aadaawwan Oromoo gadi fageenyaan waan hinbeekneef ishuma beekan, aadaa uffannaa sanaaf bakka guddaa kennu. Garuu aadaan uummata Oromoo aadaa uffannaa qofa miti. (Haa ta’u ammuma kanaa beekuun waan jajjabeeffamuudha. Wanti hinbaratamne hinjiru waan ta’eef gaaf tokko waan keenya hundaa ni barra, wanti fedhe nutti cimullee waan ofii baruun nutti hincimu. Nutumti sammuu keenya waan keenya baruuf haa qopheessinu)

Irreechi kan deemamuuf aadaa calaqqisiisuuf qofa miti. Kaayyoon kabaja ayyaana Irreechaa inni guddaan Waaqa galateeffachuudha. Waaqa booruu gannaa nagaan biyya baase galateeffachuu, akkasumas ayyaana ofii kadhachuufi gabbifachuuti.

Sirbootni adda addaa, faaruun, uffanni aadaafi gochaaleen gaaf sana gochaa oollu garuu aadaadha. Aadaa Oromoo (Waaqeffannaa) kan ayyaana Irreechaa ittiin gabbisnuudha. Akkuma warri Kiristaanaa gaafa ayyaana Gannii (Gannoo)fi Faasikaa kiristaanummaasaanii cimsuuf waan adda addaa godhu, Waaqeffattoonnis gaafa ayyaana Irreechaa amantiifi ayyaantummaasaanii cimsachuuf waan adda addaa godhu.

Gaaf ayyaana Irreechaa eebbatu jira, jeekkaruutu jira, Waaqa galateeffachuutu jira, akkasumas sirbootaafi faaruu adda addaatu jira. Kana malees gaafa sana waan baay’etu godhama. Kun hundi immoo aadaa amantii Oromoo, kan Waaqeffannaati. Waaqeffannaa ibsa, ayyaantummaa Waaqeffattootaa gabbisa. Eenyummaa ummata Oromoo calaqqisiisa. Kun immoo kan har’a uumame osoo hintaane, duudhaa ummata keenyaa kan darbaa darbee dhufeedha.

Oromoonni gaafa ayyaana Irreechaa uffata aadaa, callee, siiqqee, horooroo, ciicoofi waan aadaan of faayanii gara malkaa deemu. Irreechas harkatti qabatu. Abbaan Gadaa Bokkuusaa qabata, warri Ulfaafi Caaccu qabus, ulfaafi caaccuusaanii qabatanii bahu. Warri abbaa fardaas fardasaanii faayanii yaabbatanii bahu. Warri foollees waan foollummaasaanii agarsiisu godhatanii sirbasaanii sirbaa gara malkaa deemu.

Kana qofa miti, gaafa ayyana Irreechaa waan baay’eetu jira. Dargaggoon ni sirba, maanguddoon mareeyoofi gabbisayyoo jedha, shamarran sirbasaanii sirbu.

Aayyoliin faaruu aadaa faarsu, kuun Waaqa faarsa, kuun yoo eebbisu kuun ni jeekkara. Haala kanaan ayyaanni Irreechaa kabajama. Walumaagalatti guyyaan ayyaana irreechaa guyyaa gammachuuti. Guyyaa Waaqa kadhannaafi Waaqa galateeffannaati.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: