FOR BETTER OROMIA

SA DARBEEFUU NAN BOO’A

Leta Keneitiin
Qolee koo gad cabsadhee
Gaddaan fuula koo haguugee,
Anoo ammayyuu nan boo’aa
Onneefi ribuu koo luugee,
“Wayyoo kaa! wayyoo !” jedhee
Imimmaan koo duguugee,
Sa waraabessi yaa’ee
Dhiiga saba koo dhuge,
Mataafi morma daa’imaa
Dachee keessatti goge……

Sa dhalataan lammii koo
Yakkaa malee rarra’e,
Sa Calanqoofi Aanooleetti
Foon Oromoo tarsa’e,
Sa Gulalleetti biillaadhaan
Abdiin borii manca’e,
Sa shamarreefi dargageessi
Irbaata allaattii ta’e !
Madaa harma haadha koorraa
kulkulfatee dha’atu,
Hiitoo tumannaa alagaa
Lafee qorqee foon nyaatu,
Godaannisa harka lammii
Ciccitaa barruu firaa,
Anoo isaafuu na boo’aa
Iji koo hin qooriin jiraa
…………………………………
Maal jetti isheen har’ammoo ?
Inni darbe ishee hin ga’uu ?
Lafeen ijoollee Oromoo
Lamaffaa biyyoo hin ta’u !!
Teediin hoo maal barbaaddi ?
Ekeraan garaa samtuu,
Gadheen maqaa abbaa dhiiftee,
Maqaa gandaan waamamtu..
Yommuu isa darbeefiyyuu
Mataan nu dhukkubutti,
Azmaariin suuqaa baatee
Gootan faarfadha jettii ?
Eenyudha gootni silaa ?
Inni faarfamuu malu,
Dhiirri dhugaaf of kennee
Seenaan galmee isaa ilaalu ?
Haa dhageessu itti himaa
Nuu qaqqabsiisaa ergaa,
Minilik goota miti
Bulguudha-bulguu lagaa,
Gadhee namummaa hin qabne
Kachoo mar’umaan gogaa..
Habuubbii sammuun duudaa
Qalqala hidhiin jigaa !!!!!!
……………………………………….
Abiishee Garbaati gootni
Sa harka hattootaa qirixe,
Abdiisaa Aagaati gootni
sa xaaliyaanii fixe,
Taaddee Birruuti gootni
Sa dhugaaf boolla lixe….
Goota jechuun akkasi
Sa seenaaf baatu dhagaa,
Malee inni harma haadha koo mure
Minilik goota miti
Bulguudha-bulguu lagaa !!!
…………………………………………
Biiraan Beddelleen hoo maal taate ?
Albaatiin baala geeshee,
Oromootti agarsiiftii ?
Salphinaafi baalageeshee,
Hin beeknee daandii seenaa
Giddu-deemtuu haadha baaltii,
Eenyurraa albuuda guurtee
Eenyuutti dhoqqee faalti ?
Sichi kunoo araamuudha
Waliif taaneerra irmii,
Nama biiraa beddellee dhuge
Dhaabitti haa nyaatu rirmi !!!!!!!

Leave a comment