FOR BETTER OROMIA

H I B B O O

Hibboon akaakuu tapha aadaa afaaniin labataa gara labataatti lufaa dhufedha.  Hibboon haala gaaffiifi deebiin kan taphatamuufi unka gaggabaaboon kan dhiyaatudha. Hibboo keessatti tokko gaafataa yoo ta’u, inni biraan ammoo gaafatamaadha; yeroo baay’ees kan taphatan ijolleedha. Hibboon seera ittiin taphatamu qaba.  Kanaafuu, yoomessa aadaa uummatichaa murtaa’aa keessatti kan taphatamudha. Hibboon faayidaa guddaa qaba.

Hibboon seeraafi akkaataa ittiin taphatamu qaba. Namni gaafatu ‘hibboo’ yoo jedhu, kanneen gaafataman immoo ‘hib’ ykn ‘hibib’ ykn ‘hibbaka’ jechuun deebisu. Kan gaafatu qaaffii itti fufee gaafata.  Namoonni gaafatamanis deebii hibbichaa kennuuf yaalii taasisu.  Yoo hibboo sana deebisuu dadhaban kan gaafatu sun biyya yookaan horii naaf kennaa jechuun gaafata.  Kana booda, namni gaafate sun seera aadaa taphichaatiin arrabsee erga eebbifatee booda; ”ani kana caalaa sin arrabsuu waraabessi adda booqaa sihaasalaqsu, ani sin abaru rabbi saasakaalu”, kankoo madaalatti kankee qadaadatti” erga jedhee booda deebii itti hima.  

Taphni hibboo yoomessa ofdanda’e qaba. Galgala galgala hanga hirbaanni nyaatamutti kan taphatamudha. Sababni hibboon galgala galgala taphatamuufis tokkoffaa, guyyaa guyyaa ijoolleen hojii dhiisanii akka taphatti hindeebineefidha. Inni lammaffaan, sammuu guyyaa hojiidhaan dadhabee oole bohaarsuufidha. Inni biraan ammoo, ijoolleen osoo hirbaata hinyaatiin akka hinrafne tursiisuuf yaadameeti. 

Faayidaaa hibboon jiruufi jireenya dhala namaaf kennu olaanaadha.  Hibboon dandeettiin waa yaadachuu yookiin qorachuu ijoollee akka guddatuufi jireenya hawaasaa akka hubatan shaakalsiisuuf gahee guddaa niqaba. Hibboon gaaffii iccitii waan of keessaa qabaatuuf, dubbii dhoksaa sana bira ga’uuf, hubannaafi bilchina sammuu gaafata.  Adeemsi kun ammoo yaadni namaa akka gabbatuuf gahee mataasaati niqaba. Haaluma walfakkaatuun, jireenya hawaasummaafi barnootaa keessatti ga’ee hibboon qabu guddaadha.  Hibboon gaaffii gaafachuun yookiin mormii dhiheessuun naannawaa barsiisuufi dandeettii sammuu cimsuuf ga’ee guddaa qaba. Dandeettii waa yaadachuufi xiinxaluu namaa cimsuuf, ilaalchaafi akkaataa itti yaaduu namaa gabbisuuf shoorri hibboon qabu guddaadha. Hibboon, amala namaas ta’e kan wantotaa, akkasumas kan beeyilladootaa barsiisuuf ga’ee guddaa qaba.  

Walumaagalatti, hibboon akaakuu tapha aadaa bifa gaaffiifi deebitiin dhiyaatudha. Seera, akkaataafi yeroo itti taphatamus qaba. Faayidaan inni kallaatti jiruu dhala namaa keessatti qabus daran olaanaadha. Kanaafuu, hibboon falaasama uummatichaa waliin waan walqabatuuf maatii keessatti akka taphatamuufi akka hindagatamne taasifamuu qaba.

Leave a comment