FOR BETTER OROMIA

Dhukkuba BUSEE

Akkuma beekamu dhukkubni busee dhukkuba gammoojjii ti, garuu jabana kana iddoo tokko tokkotti giddu- galeessa gammoojjii fi baddaatti argamuutti jira. Addunyaa kana irratti waggaatti namootni miliyoonii 300 dhukkuba kanaan qabamu, namootni miliyoonni 3 ammoo sababa dhukkuba kanaatiin du’u. Biyya keenya keessattis bakka hedduutti namootni keenya dhukkuba kanaan qabamanii rakkataa jiru, du’us. Dhukkubni busee kun irra caalaa isaa ijoolleetti hammaataa akka jiru hundi keessan iyyuu ni beektu. Ijoolleen baay’eenis dhukkuba kanaan qabamanii akka balaan lubbuu irra gahaa  jiru beekamaa dha. Kaanis ammoo dhukkuba busee kana qofaadhaan utuu hin taanee sababa dhukkuba kanaatiin dhiiga hir’ina ykn bakkina dhigaa nama irra gahuun yeroo dheeraaf fayyaa dhabuudhaan hojii hojjechuu irraa citanii akka hiyyooman uummatni keenya ni beeku.

Dhukkubni busee dhukkuba nama dhukkubsate irraa gara nama fayyaatti darbuu dha. Akkuma beekamu biimbeedhaan nama tokko irraa gara nama biraatti darba. Biimbeen jermii yookiin raammoo dhukkuba kana fiduu waliin dhiiga nama dhukkubsatu irraa xuuxxee ogguu dhiiga nama fayyaa xuuxuuf jettu jermii kana gorora ishee keessaan nama fayyaatti dabarsiti jechuu dha. Biimbeen dhiiga namaa soorattus dhalaa ishee ti malee inni dhiiraa dhiiga namaatiin hin bulu. Kanaaf dhukkubni busee kun biimbee warra dhalaa ta’aniin nama irraa namatti darba jechuu dha.

Kan biraa yoo dhiigni nama dhukkubsatee jermii busee kan of keessaa qabu nama dhukkuba biraan dhukkubsate yookiin balaan irra gahee dhiigni hir’inni irra gaheef kennamee dha. Yoo dubartiin ulfi tokko dhukkuba busaa qabaatte dhiiga ishee keessaan gara mucaa isheetti dabruu ni danda’a.

Kan biraa yoo lilmee yookaan marfee nama dhukkuba kana qabu waraananiin utuu hin qulqulleessin nama fayyaa ittiin waraanan yookaan ittiin tumatan dhukkuba busee dabarsuu ni danda’a. Hojjaan yookaan aadaan akkasii kun dhukkuba busaa daddabarsuu duwwaa utuu hin taane dhukkuba sabbata waaqayyoos ni daddabarsa. HIV(AIDS)iis akkasuma ni daddabarsa.

Addunyaa kana irratti kan dhukkuba busee fidan jermiilee(raammoolee) ayinaa afur ogguu ta’an hamma ammaatti kan biyya keenya keessa jiran ayinaa lama. Ayinaan tokko ogguu laafaa ta’u inni biraa ammoo hamaa dha. Ayinaa laafaan kun iddoo baay’eetti qoricha/dawaa ykn. qorsa buseetiin ogguu du’an inni hamaan garuu qoricha busee dhagna godhachuudhaan ykn qorichatti facee uummachuudhaan nama baay’ee fixaa jira. Yeroo ammaa kana keessa innumti laafaan iyyuu qoricha tokko tokko kan akka kiloorokuwiniifaa dhagna godhachuu jalqabeera. Kun egaa uummatattis hakiimotattis rakkina guddaa fidee jira. Ayinaan busee inni hamaan qoricha nafa godhachuu caalaa iyyuu sammuu namaatti ol bahuudhaan nama baay’ee ajjeesa, nama hedduu ija jaamsa, nama baay’ee naaffisa, nama baay’ee arraba hidha.

Dhukkubni busee inni laafaa jedhamu kun “pilaasmoodiyem vivaaks” ogguu jedhamu inni hamaan ammoo “pilasmoodiyem falsiiparam” jedhama. Dhukkubni busee kan pilasmoodiyem vivaaksiin dhufu dhukkubsataan sun wal’aansa qorichaa argatus argachuu baatus tiruu keessa dhokachuudhaan ammaa amma namatti ka’a. Akkuma namni tokko rafee waan tokko hojjechuuf ogguu yeroon itti darbu hirribaa baaragee ka’ee dafee dafee hojjetu akkasumas pilasmoodiyem vivaaks tiruu keessa rafaa turee ykn riphaa turee achii ogguu ka’u aluma tokkotti dhiiga namaa weeraruudhaan dhukkuba busee namatti kaasa. Kun ammoo kan ta’uu danda’u ogguu dhagni namaa qaawwu/dadhabu yookaan namatti dhaamotu. Kanaaf namni tokko tokko erguma lafa busaan itti hammaatu keessaa bahanii yookaan daawwaa argatanii iyyuu yeroo baay’ee buseen natti kaate jedhu. Dhukkubni busee inni hamaan(pilasmoodiyem falsiiparam) qorsaan aluma tokkotti fayyuu ni danda’a, garuu yeroo tokko tokko waggaafaa turee namatti ka’uu ni danda’a. Akka isa laafaa tiruu keessa hin ciisu, garuu ogguudhuma qorichi kennamu sorcaan isaa dhiiga keessatti hafee ogguu qaamni namaa dadhabuu fi naannoo ofii jijjiirratan namatti ka’a. Suutuma suuta dhiiga keessatti du’uudhaan yeroo booddee nama irraa bada.

Akkaataa raammoon dhukkuba kana fiduu danda’u kun biimbeef nama keessatti sadarkaa guddinaa tokko irraa gara tokkotti guddachuu danda’u uummata barsiisuun barbaachisaa waan hin taaneef irra dabarra.

Mallattooleen dhukkuba busee maal akka ta’an warra bakka(iddoo) buseen jiru jiranitti himuun hin barbaachisu, garuu biyya buseen hin jirre jiraatanii fi warra baddaa irra jiraataniif of eeggannoof akka gargaarutti ibsuun gaarii dha/misha/dansa.

Mallattooleenis akka kanaan gadii ti:

Dhukkubni ayinaa arfanuu mallattoon waliin qaban hedduu dha. Isaan kunis:

  • Dhagna gubaa(laydaa): Dhagna gubaan busaa takka ol ka’a, takka ammoo gadi bu’a. Maaliif laydaan yookaan dhagna gubaan dhukkuba kana keessatti akka jiraatu uummata barsiisuun barbaachisaa miti. Dhagna gubaan utuu wal irraa hin citin kan jiraachuu danda’u yoo dhukkubichi torban tokko yookiin isaa ol nama irra turee dha. Dhagna gubinni ol ka’aan(high temperature)iin raammoolee(jermii) dhukkuba busee fidan warri ijoollee ta’an dafanii guddatanii warra dullooman akka dhaqqabatan gargaara. Kun ammo akkuma dardaroonni namaa nyaata baay’ee nyaachuu barbaadan isaan ijoollee raammoo busee kun dhiiga namaa caccabsanii nyaaachuudhaan miidhaa dhiiga hir’inaa namatti fidu. Kanaaf laydaa yookiin dhagna gubina busee keessa jiru akka ol hin kaane gochuun baay’ee barbaachisaa dha. Laydaan dhukkuba busee keessatti dhufu sadarkaa sadii qaba.
    1. Sadarkaa qabbanaa – Dhukkubsataan kun dhaamocha dhamocha kan jedhamutu itti dhagahama. Akkasumas ni roqoma. Yeroo sana laydaan isaa baay’ee ol ka’a.
    2. Sadarka ow’inaa – Qaamni isaa ni cululuqa, dhikkisi onnee isaatii ol ka’a yookiin itti dabala. Ol ka’inni laydaa isaa sa’aatii murtaa’eef akka ol ka’etti rarra’ee hafa.
    3. Sadarkaa dafqisiisaa – Dhukkubsataan sun dafquu yookiin huurkuu irraan kan ka’e uffannaan isaa dafqaan tortora(akkuma waan bishaan keessa cuubamee ta’a). Sadarkaan dhagna gubaan kun ayinaa busee bala’amaa sana keessatti namoota baay’ee yaraa ta’an keessatti hin argamu. Sadarkaaleen dhagna gubaan kun caalaatti kan argamu ayinaa busee pilaasmoodiyem vivaaksii keessatti.
  • Dhiiga hir’ina – Kun kan tahuuf dhukkubni busee dhiiga keenya isa diimaa waan caccabsuuf. Dhiigni hoo akka bishaaniitii akkamitti caccabuu danda’a jechuu ni dandeessu, garuu dhiigni dhangala’aa akka bishaanii haa fakkaatu malee ija keenyaan arguu kan hin dandeenye qilleensa nuti gara dhagna keenyaa keessatti gadi fudhannu baatee dhagna keenya keessatti kan facaasu waan caccabuu danda’u qaba. Kanaaf namni dhukkuba buseetiin hubamee dhiigni hir’inni irra gahe dhiigni qilleensa burebiluu(hemoglobin) baatee dhagna keessa qilleensa tamsaasuuf waan caccabuuf hafuura baafachuu dadhabee hafuurri ciccita. Hubamni yookaan miidhaan akkasii kun caalaatti kan argamu pilaasmoodiyem falsiiparamii keessatti.(ayinaa busee isicha bala’amaa sana keessatti).
  1. Dhiitoo garaa keessaa han’uuraa ol gara bitaatti jechuun caaphee(splenomegaly) – Kun jalqaba dhukkuba ayinaa busee hundaa keessatti. Dhiitoon isaa hedduu guddaa tahuu ni danda’a.
  2. Sabbata waaqayyoo ykn seefoo(jaundice) – Dhukkubni sabbata waaqayyoo ykn seefoo jedhamee yaamamu kan qola ijaa isa adii daraaraa keelloo fakkeessu dhukkuba busee keessattis argamuu ni danda’a. Keessumattuu dhukkuba busee isa bala’amaa(pilasmoodiyem) keessatti qolli ijaa kun baay’ee ni keella’a. Sababiin isaa ammo tiruun waan xuqamuufi.

Maaliif ayinaa dhukkuba busee bala’amaan sun kan biroo irraa adda ta’ee ibsuun barbaachisaa dha. Garaa-garumman isaa inni guddaan ayinaan busee bala’amaan kun dandeettii inni dhukkuba hamaa fi wal xaxaa uumuu isaa ti. Duuti dhukkuba buseetiin ta’u harki caalaan/guddaan kan sababamu dhukkuba busee ayinaa kanaan ta’uu dha. Bakka dhukkubni busee jirutti ijoolleen baay’een kan dhukkubsatan ayinaa dhukkuba busaa kanaan.

Dhukkubni ayinaa dhukkuba busee kanaan dhufu keessumaa ijoolleedhaaf namoota baddaadhaa gara gammoojjii dhaqanii dhukkuba kanaan qabaman keessatti hamaa ta’uu irra iyyuu dhukkuba wal xaxaa uuma. Kunis:

  • Dhukkuba busee sammuu – Bala’amaa isa ol aanaa dha. Bala’amaan akkasii kun kan dhalatu nama buseen kanaan dura hin qabne keessatti. Mallattoon isaas nama dhukkuba akkasiitiin qabame keessatti utuu ilaaluu dammaqina dhabee abjoochuuf irrumaa jala of wallaaluu. Urgufamuunis ni jiraata. Yoo wal’aanamuudhaa baate baay’ee of wallaalee ni du’a. Yoo lubbuun hafe garuu qaama isaa keessaa tokko tokko akka naaffatu ta’ee fayya. Kanatti qabatee qaama iddoo adda addaatti dhiiguudhaan balaan du’aa dhufuu ni danda’a.
  • Hir’ina sukkaaraa dhagna keessaa(hypglycaemia) – Raammooleen yookiin jermiileen dhukkuba busee kana fidan sukkaara jireenya keenyaaf nu gargaaru fixuudhaan hir’ina sukkaaraa nu irraan gahuu ni danda’an, keessumaa ijoollee fi dubartoota ulfa ta’anii utuu hin wal’aanamin hafan keessatti. Dhukkubsattootii qoricha “kuwiinin” yookaan “kuwiinidin” kan jedhamuun wal’aanaman keessattis hir’inni sukkaaraa ni argama.
  • Qaama gubina(dhagna gubina)hedduu ol ka’aa – Kun yeroo baay’ee al tokko tokko ayinaa busee bala’amaa keessatti argama. Kunis ammoo sababa dhiigni hedduun hidda dhiigaa keessatti caccabaniifi.

Dhukkuba busee dubartii ulfa keessatti:

Ayinaan dhukkuba busee hundumtuu dubartii ulfaa irraa ulfa baasuu ni danda’u. Dubartiin ulfaa tokko yoo dhukkuba buseetiin qabamte keessumaa busee isa bala’amaa sanaan qabamnaan ulfi irraa bahuu irra iyyuu dhiigni hir’inni ishee hubuu ni danda’a.

Dubartiin ulfi dhukkuba buseen qabamte keessumaa(pilasmoodiyem falsiiparamiin) qabamte mucaa ulfinni isaa xiqqoo kan ta’e deessi, keessumaa dahumsi ishee isa duraa yoo tahe. Ijoolleen akkasitti dhalatan erga dhalataniis dhukkuba adda addaatiin hubamanii du’uu ni danda’u. Ijoolleen jermii dhukkuba kanaa utuu gadameessa yookiin garaa haadhaa keessa jiranii  argatanii dhalatan kun yoo wal’aansa fayyaa argachuu baatan ni quucaru(hin guddatan), laydaa qabaatu, hir’ina dhiigaa godhatus.

Dhukkuba busaa keessatti madaqina qaama namaa

(immunity in malaria):

Namoota gammoojjii fi namoota baddaa jiraatan gidduutti jabinni dhukkuba busee maal akka fakkaatuu fi namootni baddaa irraa gara gammoojjii dhaqan of eeggannoo maalii gochuu akka qaban baruuf dhukkuba kana keessatti madaqinni qaamaa maal akka ta’e uummatatti ibsuun hedduu barbaachisaa dha.

Yoo mucaan tokko ammaa amma dhukkuba busee kanaan keessumaa ayinaa bala’amaa sanaan qabame – Yeroo yeroodhaan qaamni isaa kun dhukkuba kana of irraa dhowwuuf kan dhukkuba kana dura dhaabbatu uummata. Akkuma biyyi tokko biyya isaa weerara diina isaa irraa eegachuuf humna lolu jabeeffatu qaamni mucaa sanaas deddeebii dhukkuba kanaa irraan kan ka’ee humna dhukkuba kana lolu uummata. Kanaaf mucichi kun dhukkuba kana irraa baraaramee yoo waggaa shan yookiin waggaa ja’a gahe qaamni isaa dhukkuba kanatti madaqee kanaan booddee buseen isa qabu baay’ee laafaa ta’a. Akkasitti namootni gammoojjii  buseen keessa jirtutti dhalatanii guddatan dhukkubni busaa salphaa ta’aaf.

Nama baddaadhaa gara gammoojjiitti bu’ee dhukkuba busaan qabame garuu waan ittisa qaama isaa keessatti hin uummanneef busaan hedduu itti hammaata. Yoo gammoojjii bakka dhukkubni busaa jiru dhaqeen ture jedhee himate malee mallattoon isaa mallattoo dhukkuboota biroo wajjin waan wal fakkaataniif ogeeyyotni fayyaas ta’an namni biroos dafanii dhukkubni isaa busee ta’uu isaa baruu hin danda’an. Dhukkubsataan kun du’uu ni danda’a. Kanaaf namni tokko biyya baddaadhaa yookaan biyya busaan hin jirree biyya busaa qabu tokko utuu hin dhaqin hamma danda’ametti akka biimbeen isa hin ciniinne qophii gochuu qaba yookaan qoricha ittisaa fudhachuu qaba. Qorichi ittisaa kunis kiloorookuwin kan jedhamuu dha. Utuu bakka buseen jirtutti hin deemin oggaa torban tokko hafu lama fudhachuu. Hamma biyya buseen jirtu jiraatanittis erga achii deebi’aniis torban ja’aaf torban torbanitti lama lama fudhachuun barbaachisaa dha. Qoricha ittisa busaa kanas fudhatanii yoo kan dhukkuba busaa fakkaatu tokko dhukkubni nama qabe anoo qoricha ittisaa fudhadheeraatii kun busaa miti jedhanii waa’ee busaa hirraanfachuu hin barbaachisu. Busaa ta’uu waan danda’uuf wal’aansa yookiin tajaajila fayyaa busaaf ta’u fudhachuun hedduu barbaachisaa dha.

Alii alii/takka takka turee turee baay’inni biimbee naannoo tokko tokko jiru baay’ee waggaa dheeraadhaaf xiqqaatee namni busaan dhukkubsatu xiqqoo ta’a. Akkuma carraa lakkoobsi biimbee baay’ee dabaluudhaan namootni hedduun dhukkubsatu. Ittisni isaan uummatanii qaama keessaa qaban waan hir’atee yookiin badee tureef ijoolleenis namni guddaas waluma qixxee dhukkuba kanaan baay’ee miidhamu, du’us. Kanaan bakkuma dhukkubni busee beekamaa ta’etti buseen al tokkotti nama baay’ee ciibsa(malaria epidemic) yeroo baay’eedhaaf haajisa godha, nama baay’ees ajjeesa. Namootni danuun yeroo dheeraadhaaf waan dhukkubsataniif hojiin hin hojjetamin hafa. Hiyyummaaf deegnis dhufa jechuu dha.

Tajaajjilli fayyaa yookiin wal’aansi nama dhukkuba busaan qabamee akkuma beekamu qoricha busaatiini, garuu namootni bakka busaan jiru keessa jiraatan mana wal’aansaa irraa fagoo dha.

Bakka manni wal’aansa fayyaa jiru dhaquudhaaf humna isaa namni hin qabne hedduu dha. Kanaaf mana wal’aansa fayyaa dafaa dhaqaa jedhanii himuunis namatti ulfaata, garuu kan dhaquu danda’an dafanii nama dhukkubsate kana keesumaa ijoollee akka geessan gorsa kennuun dirqii dha.

Akkuma kanaan dura jedhame sana laydaan yookiin dhagna gubaan ijoollee jermii busaa fidan akka guddatan waan gargaaruuf dhagna gubaa busaan fidu kana gadi hir’isuuf erbee yookiin wayyaa/kafana/huccuu bishaan qabbanaawaa keessa cuuphanii qaama nama dhukkubsatee sanatti ammaa amma huwwisuun hedduu barbaachisaa dha.

Uummata rakkataa jiruun kana nyaadhaa jechuun yoo namtti ulfaate iyyuu kan qabu nama dhukkubsate sana akka gaariitti/dansaatti nyaachisuun baheessa.

Buseen dhagna/qaama keessaa sukkaara waan fiixxuuf sukkaarri ammoo nama jiraachisuuf keesumaa sammuudhaaf baay’ee barbaachisaa waan ta’eef nama busaan dhukkubsateef sukkaara kennuun hedduu barbaachisaa dha, keesumaa ijoolleedhaaf.

Nama busaan dhukkubsatee qoricha kuwiinin kan jedhamu fudhataa jiruufis sukkaara kennuun yookiin nyaata sukkaara qabu kennuun barbaachisaa dha. Kun sababni isaa qorichi kuwiinin jedhamu kun hormonii dhalootaan madaalli baay’ina sukkaaraa dhagna keenya keessaa akka eegamu godhu baay’atee akka inni uumamu gochuudhaan inni ammoo sukkaarri dhagna keessa jiru akka xiqqaatu waan godhuufi; keesumaa busee ayinaa pilaasmoodiyem falsiiparam keessatti.

Ittisa Busee(prevention):

Dhukkuba busaa of irraa ittisuuf kana kana godhaa jechuun baay’ee nama dhiba. Yeroo jaarmayaan fayyaa addunyaa (WHO) iyyuu waan busaa kana itti rakkataa jiru kana. Haa tahu malee hamma danda’ametti kan kanaan gadi jiru kana hojii irra oolchuu yaaluun gaarii ta’a.

  1. Lafa dhukkuba busaa kana to’annoo jala oolchuuf yaalamutti hojii isaa irratti garaa guutuun qooda fudhachuu.
  2. Hamma danda’ametti Gannaa fi Birraan yeroo buseen hammaatu waan ta’eef naannoo mana jireenyaa fi godoo qulqulleessuu. Kana jechuun tuufoo, daggala, aramaa fi kana kan fafakkaatan ciranii naannoo ofii qulqulleessuu.
  3. Corroqii fi qiraacotii ykn. caccabaan miha manaa gataman, boolli waan adda addaaf qotaman bishaan bokkaa kuusu. Kun ammoo lafa biimbeen itti horan waan ta’eef akka bishaanni hin kuufamneef duuchuu. Bakka uummatni bishaan kuusaatti yookiin harootti dhimma bahan ammoo naannoo kuusaa bishaanii sana qulqulleessuun barbaachisaa dha.
  4. Biimbeen halkan waan nama ciniintuuf hamma danda’ametti akka isheen nama hin ciniinneef qaama hundaatti huccuu huwwisuu.
  5. Nama buseen qabe hamma danda’ametti mana wal’aansa fayyaa geessuu, keesumaa ijoollee fi dubartoota ulfaa ta’an

Waan busaa keessatti akka aadaatti itti dhimma bahan, garuu hin fayyadne.

  1. Dhukkuba busaan qaba, buseen natti kaate yookiin kuukkii busaan qaba jedhanii araqee dhuguun homaa dhukkuba sanaaf nama hin gargaaru.
  2. Dhukkuba busaa fayyisa jedhanii sibiila ibiddatti diimessanii qaama nama dhukkubsatee guggubuun nama gubatu sana yoo dhukkuba biraa itti dabale malee busaaf waan gargaaru hin qabu.
  3. Yoo qorichi aadaa tokko tokko gargaaruu ni mala jenne iyyuu hammam akka gargaaruu danda’u waan hin beekneef nama dhukkubsatu kana miidhuu ni danda’a.

Biimbee ni ajjeesa jedhamee galgala galgala mana aaraan ukkaamsuun yeroodhaaf biimbee nama irraa  dhowwuu mala. Garuu, yeroo aarichi badu biimbeen waan manuma keessa jirtuuf mana aaraan ukkaamsuun hedduu nama hin gargaaru. Aarri ujummoo qilleensa gara somba keenyaatti fudhannuun hubuudhaan dhukkuba qufaa, keesumaa ijoolleetti fidee miidhaa fayyaa biraa nama irraan gaha.

Bulchiinsi biyyaa fi dinagdeen biyyaa, dinagdeen biyyaa fi fayyaan uummataa, fayyaan uummataa fi bulchiinsi biyyaa walitti hidhatanii amartii yookiin geengoo yookiin fuuncaa tolchu. Bulchiinsi biyyaa gadhee taanaan dinagdeenis fayyummaan uummataas gadhee dha. Dinagdee guddifatanii fayyaa argachuuf bulchiinsa baheessa tolfachuun waan wal nama gaafachiisu miti. Fayyaa ta’uuf beekumsa fayyaa fi dhukkubaa argachuun ittisa dhukkuba irraa godhachuuf nama gargaara.

Kanaaf barumsa fayyaa kana hojii irra oolchaa fayyaa argachuu. Fayyummaa argatanii hojjechuu. Hojjetanii qabeenya argachuu. Qabeenyaan waan hundaa hojjeta, jireenya ilmoo namaas ol kaasa. Kan waa’ee dhukkubaa fi fayyummaa barsiisanii fi ummatatti horan  ammoo ogeeyyii fayyaa ti. Ogeeyyiin fayyaa oromoo ummata oromoof kan hojjechuun dirqama oromummaatu irra jira.

Source: http://wofo.oromian.net/Dhukuba/Busaa.htm

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: