FOR BETTER OROMIA

AKAAKUU SOORATA AADAA FI AMMAYYAA

Fedhiin dhalli namaa soorataaf qabu guyyaa dhalootasaarraa eegala. Sababiinsaas wantoonni guddinaafi fayyina qaamaaf nubarbaachisan sooratarraa argamu.  Sooranni kun ammoo adeemsa jireenyaatiif kanneen bu’uura ta’anidha. Sooranni kunis haala isaan qaama keenyaaf faayidaa kennanirratti hundoofnee bakka afuritti  qoodnee ilaaluu dandeenya.  Isaanis, soorata annisaafi humna nuuf kennan, kan qaama keenya ijaaran, dhibee nurraa ittisuu danda’aniifi qaama keenyaaf albuuda kennuu danda’anidha. 

Qaamni keenya iddoo tokkoo gara iddoo biraatti socho’uuf dalagaalee garaagaraa raawwachuuf annisaa barbaadu. Sooranni annisaafi humna kennu kun ammoo kaarboohyidiratii jedhamuun beekama. Kunis qaama keenyaaf humna, nyaata keenyaaf mi’aa kenna.  Akkasumas akka madda ho’aattis nutajaajila.  Akaakuun nyaataa keemikaalaa kanaa irraa argannus, sukkaara, damma, qamadii, garbuu, boqolloo, mishingaa, ruuziifi kan kana fakkaatanidha.  Gartuulee midhaanii kanarras daabboo, buddeena, marqaa, akaayii, paastaafi kan biroollee qopheessuun nidanda’ama.  

Dabaltaanis, sooranni qaama keenya ijaaruun suphanis akaakuu sorata biroodha.  Akaakuun soorataa kunis, pirootiinii jedhamuun beekamu. Pirootiiniin bineeldotaafi midhaan addaa addaarraa argama.  Fakkeenyaaf, burqaan pirootiinii bineeldota keessaa foon lukkuu, aannan, hanqaaquu, foon looniifi qurxummiidha. Midhaan dheedhii keessaa ammoo kanneen akka baaqelaafi ataraati. Faayidaan pirootiinis seelota qaamaa ijaaruu, wal’aanuufi fayyaa qaamaa eeguudha. 

Akaakuun soorataa kan biroon kan dhibee nurraa ittisanidha.  Gartuun soorata kanaas Viitaminii jedhamuun beekama. Akaakuun soorata kanaas  qaama keenya dhibeee dhukkubaarraa ittisuuf nugargaara. Kunis fayyaa qaamaa eeguu keessatti iddoo guddaa qabu jechuun nidanda’ama.  Gartuun nyaataa kanaas Viitaaminii jedhamuun beekama.  Maddi nyaata kanaas irra caalaatti biqiloota, muduraafi fuduraa yookaan ashaakiltiidha.  Gartuun kunis fuduraalee kanneen akka raafuu, qaaraa, salaaxaa, timaatimaa, loomii, kaarootii, burtukaana, paappayaa, anaanaasii, qaaraafi kankanafakkaatanidha. 

Akaakuun soorataa kan biroon warreen qaama keenyaaf albuuda kennanidha. Albuudonni kunis nyaata addaa addaarra argama.  Albuudonni qaamaaf dantaa guddaa qaban kaalsiyeemii, foosfarasii, sibiilaafi ayoodinii jedhamuun beekamu. Foosfarasiin killee yookaan foon irraa; kaalsiyeemiin aannan irraa; sibiilli xaafii diimaa irraa; ayoodiniin soogidda irraa argamuu danda’a.  Faayidaan albuudota kanaas lafeefi ilkaan akka jabaatan gochuufi hanqinni ayoodinii quufa mormaa, hanqinni sibiilaammoo aneemiyaa dhibee jedhamu namatti fiduu danda’a.

Walumaagalatti,  akaakuu soorataa gama faayidaa isaaniitiin iddoo afuritti qoodamanii ilaalamuu danda’u. Isaanis, soorata annisaafi humna nuuf kennan, kan qaama keenya ijaaran, dhibee nurraa ittisuu danda’aniifi qaama keenyaaf albuuda barbaachisoo nuukennanidha.

Leave a comment