FOR BETTER OROMIA

BUBBEE FI BOSONA:::::

  SEENAA ABDIISAA(IMALA JIREENYAA!!!!)

Guyyaa gaafa tokkoo bubbeen shira yaadee
bosona balleessuuf akkas jedhee gaade
mukeen naannoo kootii akkas wal ta’anii
waliin yoo dhaabbatan karaa koo cufanii
na balleessuuf deemu humna godhatanii
dur dur sodaa malee asiif achi fiigee
kanan fedhe ijaaree kanan jibbe diigee
jiraachaattan ture akka garaa fiigee
olaantummaa kiyya jabeessee eeggachuuf mala tokko qaba
mukeen naannoo kootii gargar isaan qoodeen tokko tokkoon dhaaba
karoora jallinaa kana fiixaan baasuuf asiif achi deemee
isaan gargaaruudhaaf akka waan dhimmamee
kunoo akkas jedhee mukootatti asaasee tokko tokkoon waamee

iccitiin sitti himaa adaamii dhageessaa
waraansi laaftoo dhaa qaama kee madeessaa
kanaaf qofaa baatee maalif hin jiraattu
laaftootti firoomtee hanga bo’aa haftu
heexoo na dhaga’i atis bar miidhamtee
gaattiraan si cinaa fira kee fakkaatee
ofii isaa dheeratee si gubbaa dhaabbatee
mee akkam gowwomtee gaattiraan firoomtee?
birbirsattis siqee gurra isaatti hasaase
bubbeen akkas jedhee jallina isa gorse
mukeen ollaa keetii kanneen ati argitu
waa’ee dheerina keef hunduu mataa baatu
si quucarsuuf jecha karoora baafatu
mukeen warra hafanis qofaatti isaan waamee
isaan gidduu ba’ee baaltaa sobaa himee……………………

shirri bubbeen yaade kan garaa bobeesse
ODAAN akkas jedhee komii qabu ibse
gaattiraa fi heexoo,soolee fi ejersi
luqqee fi kombolchi,somboo fi birbirsi
hoomiidhaafi qilxuun, goosuu fi agamsi
gajjaadhaafi laaftoon,mi’eessaaf waddeessi
adaamii fi harbuu,qawwisaaf waleensuu
tasa nuuf hin ta’u kan bubbeen nu gorsu
gorsa bubbee kana mee sirriitti hubadhaa
duubni isaa badiidha afaan dibee dhadhaa
tokko ta’uun keenya isaaf rakkina dhaa
kanaaf nu diiguu dhaaf ciisee mala hidhaa

ilaamee hubadhaa…………………………….
tokko tokkoon qoodee hunda keenya waamee
gaarummaa fakkeessee kan bubbeen nutti himee
nu diiguu dhaaf malee miti bar nuuf dhimmee
yoo bubbee dhageenyee nuti taanee gowwaa
gargar baanee hafna hundi buunee bowwaa
bara keenya kana shiratu baayyata
diinni fira jedhee namatti rigata
dhadhaa nutti hiixataa dhagaa afaan nu ka’a
nuun gargar nu diigee gidduu keenyaa ba’a
gowwaa nu taasisee nu fakkaatee fira
bubbeen gamna ta’ee maaf gargar nu hira?
lakkii haa ilaallu duubatti deebinee
gargar hin facaanu gorsa bubbeef jennee
akka dur jiraannuun harka wal qabannee
kottaa,kottaa,kottaa gar tokkotti hiiqna
afaan tokkoon taanee bubbeef ergaa dhaamnaa
gorsa odaan gorse hunduu fudhatanii
diinummaa bubbeetiis sirriitti hubatanii
karoora baafatan kunoo akkas jedhanii……..

wallaalaa gorfachuuf
beekaa gabbifachuuf
dadhabaa jabeessuuf
jabaataa tikfachuuf
garaagarummaa hambisuuf
tokkummaa jabeessuuf
holola diinaarraa gurra cuqqaalannee wal qofa amannaa
walii wajjin taanee diina qaaneessinaa
nu gargar hin baanu waliif seennee kakuu
akka tokko taanes bubbeenis haa beekuu
holola isaa fuudhee nurraa achi haa sokkuu
waadaa waliif seenan qabatanii bokkuu!!!!!!!!!!

tokkummaa mukootaa sirriitti hubatee
isaan diiguun hafee lubbuudhaaf sodaatee
bubbeen fiigee bade caccaba baqatee!!!!!!!!!!!!!!

GORSA ODAAN MUKOOTA GORSEE TOKKO GODHE KANA EENYUTU SABA KOO GORSEE TOKKO GODHA LAATA????? YAA SABA OROMOO!!!!!

Leave a comment