FOR BETTER OROMIA

Hidhaan Duuba Bilisummaa dha

                                                                                                                                            Amajjii 20, 2011

Lammiileen Oromoo kuma 25 ol ta’an manneen hidhaa Itoophiyaa keessatti hidhamanii jiru.  Hidhamtota Oromoo keessaa harki 95 kanneen sababa eenyummaatiin hidhamnii dha. As irratti seenaa dhugaa tokko isin qabachiifna. Mucaa waggaa saddeetiitu,  bara 2007 keessa haadha ishii waliin  abbaa ishii gaafachuu aman hidhaa Qaallittii deemante. Yeroo akna abbaa ishiitiin waan tokko jette.

Mucaan kun abbaa ishiitiin, “magaalaan guddoo Oromiyaa kam?” jettee gaafatte.

Abbaan deebisee, “Finfinnee dha,” ittiin jedhe.

Mucaan deebiftee,” hin arganne, Qaallittii dha,” ittiin jette.

Dhimmi isaa kan itti bitaacha’e abbaan mucaa, deebisee, “akkamitti?” jedhee gaafate.

Mucaanis sodaa tokko malee deebistee, “bakka Oromoon hundi itti walarganii dha kaa!” ittiin jette.

Eehee, dubbiin kun dhugaa Oromoo sittiitti kan saaxiluu dha. Warri kaan manni hidhaa Afaan Oromoo dubbata, yeroo jedhan, kaan immoo, Qaallittii keessaa hidhamaan harki 98 Oromoodha,” jedhanii raga bahaa jiran.

Kanneen hidhaa san arganii bahanoo maal jedhu?

Maqaan ishii Hawwii dha; garuu kan mana barumsaatti ittiin waamamtu Masarat Taaddasaa dha. Hawwiin yeroo addaddaatti qabamtee hidhamaa turte; boodana immoo hidhaa fi hiraarsaa guddaatu irra gahe. Oromummaa ishiitiin yakkamtee hidhaa fi gidiraa keessa erga darbitee booda dhiyeenya kana mana hidhaa Qaallittii irraa baatee jirti. Gabaasaan Oromedia magaalaa Finfinnee keessaa haala yaaddessaa keessatti gaaffii fi deebii gabaabaa ishii waliin godhee jira.

(Hub:waan tokko tokko nageenya ishiitiif jecha ibsuu irraa kan of-qusanne ta’uu asumaan isin hubachiifna.)

Oromedia: Nama mana hidhaa Itoophiyaa hin beekneef, mana hidhaa keessatti hidhamte akka hubataniif  akkamitti ibsita?

Hawwii: Maqaan koo Masarat Taaddasaa dha. An garuu maqaa Hawwii jedhamun filadha. Dhugaatti, mana hidhaa ibsuun hedduu nama rakkisa. Yeroon waa’ee mana hidhaa yaadadhu, qaamaa fi qalbii kiyyatu na butama; yeroo hedduu waa’ee mana hidhaa yaaduu hin fedhu. Garuu, didee ija dura na deema. Nama hidhamee hin beekneef, waa’ee mana hidhaa ibsuun nama rakkisa. Garuu, jecha tokkoon ibsuuf, manni hidhaa, otuu lubbuun jiranii akka hin jirre kan keessatti ta’anii dha.

Oromedia: Yoom hidhamtee turte?

Hawwii: “Nuti akka sabaatti guyyuu hidhamaa jirra. Warri keenyas hidhaamaa turan; nutis diroo hidhamaa jirra. Kana nama dhibu garuu kan hidhaa keessa jirus, kana ala jirus hidhamaadhuma ta’uu isaa ti. Yeroo hedduun hidhamaa ture. Hidhaa isan amma fixee bahe kana garuu, bara 2007 calqaba irrattin hidhame. Tarii maaltu beeka waan amma na gaafattu kan waanan dubbadheef immoo boru na hidhama ta’a.

Oromedia: Eessatti hidhamtee turte? Maaliif immoo si hidhan?

Hawwii: Kan na hidhan,Oromoo waanan ta’eef malee yakka hojjadhee miti. Hagan beekutti an Oromoo dha. Ilaalcha siyaasaa mataa kootiin qaba. Waanan itti amane malee, waan fedhii kootii ala ta’e tokko illee hin fudhadhu.Tarii, yakka yoo ta’e, kanuma. Isaan garuu waan biraa odeessu. Kan na qaban… karaarraa otuun deemuuti. Karaarraa na qabanii ma’ikalaawwii na galchan. Kan na qabe warra tikaa ti. Yeroo san manan ani keessa tures sakkatta’uudhaan walaloowwaan hedduu kanan maxxansuuf qopheesse fi waraabbii waltajjii garagaraa irratti hojjachaa turellee na duraa fudhatan. kana malees, ‘ati miseensa ABO ti,’ jechuudhaan dararaa hangana hin jedhamne narraan gahan.

Oromedia: Mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti hiraarsaa akkamii sirraan gahan?

Hawwii: Maa’ikalaawwiin mataan isaatuu hiraarsaa dha. Kan biraa otuu hafee, manuma santti hidhamtee iyyuu yaadaan dhoramtee duuta. Nama hidduu kan keessatti ajjeessanii dha. Akkan qabameen mana dukkanaafi cabbaa’aa keessatti  na hidhanii turan; baatii lamaaf mana dukkanaa san keessatti na hidhan. Qorannoon halkan halkan nurratti adeemsisamaa ture.  Yeroo fedhan harka dugda duubatti na hidhanii na reebaa turan; yeroo fedhan immoo erga na tumanii booda saatii dheeraaf akkan dhaabbadhu godhaa turan. Yeroo kaan immoo qorra irra na kaayu turan. Reebichaan ergan of-wallaalee booda harkisanii gara kutaa hidhaa sanatti na deebisaaa turan; yeroo immoo nantti wayyaa’e deebi’anii na hiraarsaa turan. Waan isaa jechaan ibsuun rakkisaa dha. Yeroo san dhimma kana mana murtii sadarka tokkoffaatti iyyadheen ture. Haati seeraa Taarikuwaa jedhamtu, garuu maqaa namoota si reebanii himi naan jette. Isaan immoo maqaa isaanii natti himanii nah in reeban; halkan dabaree natti darbanii natumu, an maqaa isaanii akkamittin beeka?’ ittiin jedheen ture. ‘Yoo maqaa natti himte malee, waa siif gochuu hin dnada’u,’ naan jette. Anis akka waanaaf gootuuf hin turre; ofumaaf, natti hin hafiin jedheen dubbadhe malee. Garuu, waan tokko illee naaf hin goone. Reebicha innaan sanaatiin, haga yoonaa gurri koo sirriitti hin  dhagayu. Qor-qalbiin koo miidhamee jira; daraaraa guddaa dha.

Oromedia: Abukaatoo fi firri kee si gaafatu turanii?

Hawwii: Yeroo hidhamtu iyyuu dhoksaan hidhamtaa, waa’ee abukaatoo na gaafattaa? ‘Maaliif na hiitu?’ yoo jetteen gaaffii tokko malee si reebu. Biyya san keessa ciraan haqaa tokko illee hin jiru.Ati kan jiraattu, yoo ulee jaraa dandeeseedha. Kana malees, yoo waan isaan jedhan amantee fudhattee dha. Mana hidhaa keessatti nyaata gahaa hin argattu; aduun hin jiru. An baatii sadiifan mana dukkanaa keessatti hidhame.  Mana dukkanaa keessatti ergan hiraarfamee booda, raga sobaa natti qindeessanii, namootan hin beekne 35 waliin gara Qaallittiitti dabarfame. Namoota an hin beekne 35 waliin himannaan nutti baname. Isaan keessaa namni duraan beeku yookaan qunnamtii waliin qabu tokko illee hin jiru. Waanti wal nu taasisu Oromummaa qofaa dha. Namooti kunneen kan si dhibu, kallattii addaddaa irra kan walitti qabamanii dha. Galmeen sun maqaa “Dabalaa Xaafaa”** jedhamuun himannaan nutti banamee gara Qaallittiitti dabarfamne.

Himannaa kana irrattis ragaa ragaa sobaa qopheessuudhaan akka manni murtii dabaan adabbii nurratti dabarsuuf yeroo dheeraaf nu deddeebisaa turan. Akka nu adaban ni beekne; garuu fakkeessuuf yeroo dheeraa nu deddeebisaa turan. Osoo murtii hin argatiin turtii waggaa lamaaf ji’a saddeetiif beellamaan deddeebi’aa turre. Booda manni murtii Olaanaa yakka tokko malee  waggaa 15n natti murteesse. Haa ta’uuyyu malee Mana Murtii Waliigalaatti yeroon oliyyadhu waggaa 5tti gadibuusan. Kunuu, dubbiin dhugaa akka hin jirre mirkaneessa.

Oromedia: Mana hidhaa Qaallittii keessattoo qabaan mirga namaa akkam?

Hawwii: Isaanoo, waa’ee mirga dhala namaa galmee irraa waan qaban natti hin fakkaatu. Gubba airraa haga dakaatti, hogganaa irraa haga hojjataatti, hundi isaanii akka tokkotti yaadu. Yoo fedhan agabuu si bulchu; yoo fedhan waan nyaattuu fi dhugdu si lagu.Innaa kaan immoo mana yaalaa si dhoowwu. Isaan biratti akn hojjatu, fedhii qofaa dha. Seerri isaan biratti, hiikkaa hin qabu. Fakkeenyaaf, akka seera mana hidhaa sanaatti  namni tokko yoo moora sanatti yakka biroo uumeen alatti, murtii waggaa shanii waggaa 3 fi ji’a afuritti fixatee ‘gorsabbii’ yookaan amakiroo dhaan akka bahu godhama. Ana garuu, ergan murtii sana xumuree, ji’a 8ti darbaa na hidhanii gad na dhiisan. ‘Kun maaliif ta’e?’ jettee gaafachuu hin dandeessu. Fedhii isaanii yoo ta’e malee waan seeraan argattuu miti. Ati Oromoo taanaan immoo ajjeefamuunuu waan jiruuf, callisuu malee waanti godhamu hin jiru.

Yeroo ati hidhamtu, maatiin kees si waliin hidhama; namni dhufee si gaafatu, Oromoo yoo ta’e gaaffii fi qorannaadhaan hiraarfama. Yeroo fedhan akka seeneen hin gaafanne godhan. Warra dhufee nu gaafatu hedduu rakkisu. Takka takka nu warra hidhaa keessa jiru wayya. Ana hidhanii, maatii koo na gaafatu rakkisanii, akkanaan keessa dabarre. Waanti hin darbine hin jiru; kunis gaaf tokko uma nurraa ka’a ta’a.

Turtii mana hidhaa Qaallitti keessattis akkuma hidhamtoota siyaasaa kamiyyuu mirga hin qabnu. Barumsi achitti laatamu nu’iif dhorkamaa ture. Koree kam keessattuu, akka hin hirmaanne ni dhoorkamna ture. Darbee garuu kolleejjonni dhuunfaa tokko tokko barumsa fageenyaa achi keessatti akka argannu nu taasisu turan. Anis carraa scholarship collage-university St. Marry naaf laateen  bara 2008-2010tti fageenyaan barachaan ture. Eebbifamuuf waggaan tokko yammuu na hafu Universitichi akka mooraa mana hidhaa sana seenee qormaata hidhamtoota siyaasaaf hin laanne waan dhorkameef anis barumsichi na jalaa cite. Egaa, jiruun Oromoo akkana keessa jirti. Jabaannu malee, miidhaa fi roorroon jabduu akka malee nurratti hammattee jirti.

Oromedia: Gaaffii fi deebii kana yeroo gabaabduu kaan keessatti waan fedhii keetiin naaf kenniteef hedduu galatoomi.

Hawwii: Atis galata qabda!

** Maqaa Galmee Dabala Tafa  jedhamu jalatti Oromoota 35 hidhaman keessa hedduun isanii amma illee mana hidhaa Qaallitti keessatti argamu. Murtiin dabaa Oromoota kunnen irratti yeroo san kenname, inni guddaan waggaa  20  yoo ta’u, xiqqaan immoo waggaa kudhan ture. Booda keessa, yeroo ol iyyannoo dhiyeeffatan isaan keessaa Hawwii dabalatee namoota shaniif waggaa shanitti deebifame. Namoota waggaa shanitti deebifameef keessaa tokko kan waggaan 20 itti murame, Ob Waaqwayyaa Haqoo turan. Ob Waaqwayya Haqoo jaarsa hedduu dhukkubsatan kan naannoo Naqamteetii qabamanii dhufan turan.

Ababa Bakala

Abrazaq Mohamed

Abu Korjo

Admasu Begashawu

Barka Zawude

Bayisa Bacha

Biranu Memberu

Chala Itana

Dabala Tafa

Dadhi Hawas

Dajane Indabu

Dajane Tufa

Dawit Banti

Dirriba Fayisa

Dula Majur

Fikadu Hunde

Firehun Ababa

Gacha Hordofa

Getaneh Benya

Gezaheny Ragasa

Girma Gabisa

Ishetu Asefa

Itafa Dursa

Lalisa Iticha

Lama Mosisa

Masarat Tadasa   

Matiyas Tammiru

Misgana Diribsa

Solomon Bizuna

Tadasa Dagafa

Tadesa Balay

Tamiru Jima

Tolosa Bicho

Waqwaya Haqo

Wasana Gamachu

Leave a comment