FOR BETTER OROMIA

Qulqullina Nyaataa

Dhukkuboonni daddarboo 200 ta’an namatti kan daddarban nyaata qulqullina hin qabne soorachuu irraa ti. Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dhiheenya kana akak beeksisetti, dhukkuboota sababa qulqullina dhabuu nyaataafi dhugaatiitiin uumaman kanneeniin namoonni miliyoona lamaa ol waggaatti lubbuusaanii ni dhabu. Kanneen keessaa harki caalan immoo ardii Afrikaa keessa jiraatu. Keessumaa, haadhoolii, ulfiifi daa’imman rakkinichaaf daran kan saaxilaman ta’u mul’isa.

Rakkoo kana furuufis mootummoonni addunyaa wabii midhaan nyaataa lammileesaanii mirkaneessuun cinaatti lammieen soorata qulqullina qabu akka soorataniif yaalii garagaraa taasiuurratti argamu. Yaaliin kunis sochii qaama tokkootiin qofa fiixaan ba’uu waan hindandeenyeef omishtoota, daldaltootafi dhaabilee dhimmicharratti hojjetan hirmaachisuun hojii hojjetaa jiru.

Dhimmi kun caalaatti xiyyeeffannaa akka argatuuf ammoo Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (DhFA) April 7 Guyyaa Nyaataa ta’ee akka kabajamu murteesse. Yeroo murtaa’e irraa kaasee guyyaan kun kabajamaa jira. Barana kan kabajme immoo si’a 55ffaaf “Qulqullinni nyaataa omishaa hanga soorataatti haa eegamu, ‘From farm to plate, make food safe’ jedhuun ture.

Itoophiyaatti Daarektarri DhFA Doktar Piyeer Mipeelee sirnicharratti argamuu haaswaa taasisaniin, soorannii dhalli namaa sooratu omishasaarraa kaasee hanga nyaataaf ga’utti adeemsa hedduu keessa kan darbu yoo ta’u, xiyyeeffannaan hinkennamuuf yoo ta’e faayidaasaarra miidhaa geesisuutu caala jedhu.

Kunis ta’uu kan danda’u hubannoo ummataa yoo cime, ulaagaan qulqullina nyaataa yoo ta’eefi malli ittisa dhukkubaa yoo ta’edha kan jedhan daarektarichi, kanaafis qaamooleen dhimmichi ilaallatu hundi mootummaa cinaa hiriiruu qabu. Yaalii taasifamuufis dhaabbatichi Itoophiyaas ta’e biyyoota Afrikaa kaan deggaru ta’uu himu.

Ministir-Deetaan Ministeera Fayyaa Doktar Kabbadaa Warquus gamasaaniitiin, nyaanni eegumsaafi fooyya’insa fayyaaf murteessaa dha. Ta’us sooranni hanqina qabiinsaafi ofeeggannoo taasisuu dhiisuutiin dhalatu dhukkubootaafi kemikaaloota faalaman fida. Bu’aaleen beeladootaa, fuduuraaleefi muduraalees osoo hinbilchaatiin fayyadamuun immoo rakkinicha itti caalsiseera jedhu.

Faalamuun nyaataa babal’achuu magaalootaafi dabaluu lakk. Ummataatiin walqabatee kan babala’tu ta’uu eeranii, kunis fayyaa namaarratti dhiibbaa fiduu caalaatti hawaas-dinagdee biyyaa daran akka miidhu himu. Kana malees gilobaalaayizeeshiniin sadarkaa addunyaatti beeladoota dhaabbiirraa kaasee hanga nyaatawwan saamsamaniitti adeemsa walxaxaa keessa waan darbuuf nageenya soorataarratti dhibbaa uumaa jiraachuu ibsu.

DhFA irraa dhufuun barreeffama qorannoo kan dhiheessan Obbo Waltajjii Tarrafaa akka jedhanitti, akka Itoophiyaatti faalama soorataatiin dhiibbaa uumamaa jirurratti qorannoon ga’aa hin jiru. Garuu, haala jiru irraa akka hubatamutti, rakkinichi biyyoota guddinaan boodatti hafoo ta’aniifi guddinarratti argaman caalaatti miidhaa jira.

Sooranni faalamaa kan uumamu omisharraa kaasee ta’uu ibsanii, akka fakkeenyaattis, fuduuraaleefi muduraaleetti bobbaa akka xaa’ootti itti naquufi nyaata osoo hinbilcheessiin nyaachuu ta’uu eeranii, ashaboofi sukkaara hammaa ol nyaatatti naquun, qulqullina naannawaafi dhuunfaa eeguu dhiisuuniifi jijjiramni haala qilleensaa nageenya nyaataa akka faalu ibsu.

Akka waliigalaatti rakkinichi fayyaa namaa qofaarratti osoo hintaane dinagdee biyyaarratti dhiibbaa fidaa jira.  ALA bara 2011 keessa, fakkeenyaaf, dhibee daddarbaa sababa qulqullina dhabuu nyaataatiin Peeruutti uumamee tureen biyyattiin galii turizimiifi aleergiirraa argattu dolaara biliyoona saddeetii ol dhabdee turte.  Akksumas, Jarmaniin rakkoo walfakkaatuun dolaara mil. 1.3 yeroon itti dhabde tureera.

Rakkoon qulqullina nyaataatiin dhufu, fayyaa namaa ni miidha; dhaloota fayyaa hin qabaanne illee biyayaf gumaacha. Kana malee, guddina biyyaa irratti dhiibbaa kallattii qabaata. Rakkon kun immoo kan qaama tokko qofaan  furamu miti. Namuu amtayyaa irraa kaasee bhirmaannaa gochuu qaba.  Biyya fayyaa qabutu, dinagedd fi jiruu biyaya guddisa.  Qaamoleen hundi fayyaa nama maraatiifuu gumaacha taasisuu qaban. Hunda dura, maatiin tokko naamusaa fi aadaa waan qulqullaaé dhiyeeffachuu fi itti jiraachuu horachuun barbaachisaa dha.

Leave a comment