FOR BETTER OROMIA

Madaa Siyaasaa

Seenaan kun kan ammaa miti; garuu yaadaa fi qalbii ummata keenyaa keessaa amma illee akak haarawaatti akn dhawatu, seenaa siyaasaa kan yoomiyyuu hin dagatamnee dha. Yeroonsaa, yeroo mootummaa gonfoo Hayilasillaasee, fincila ummatatiin aangorraa ari’amee mootummaa yeroo Dargiitiin wayita bulaa turteedha.

Dargiin yeroodhaaf qofa hanga mootummaan ummataan filatame qophaa’uutti kan aangoo qabate fakkaatus, haalli inni agarsiisaa ture garuu, hanga dhumaatti ofumaa bulchuu akka fedhe ummatni shakkuu hinoolle.

Mootummaan ummataan akka filatamuufi mirgi dimokraasii akka kabajamuu gaaffiin hawaasa biyyattii garaagaraa irraa ka’uu eegale.

Mormiin sirna Dargii bifa gurmaa’eefi hiriira nagaatiin magaala Finfinee keessatti adeemsifamee ture garuu, seenaa biyyattii keessatti madaa yoomiyyuu hin qoorre kaa’ee darbeera.

Hiriirri nagaa kun kan calqabe halkan keessa naannoo sa’aa tokkotti ta’us, qophiinsaa kan eegale garuu guyyaa sa’aa 9 irraa calqabeeti. Hiririchi kan eegalu magaalaa Finfinnee naannawa Awwaaree Hoteela Insaaroo jedhamutti yemmuu ta’u, keessa kessaa qaxxaamuree laga Ginfillee ce’uudhan, Kaasaanchis naannoo Tootaalitti kan xumuramu ta’uun murtaa’e.

Akka Lakkoofsa Habashaatti Ebla 21 bar 1969 guyyaa keessa sa’aa 11:00tti qophiin kun itti fufuudhaan, hiriiricharratti dhaadannoowwan dhageessifamuu qabaniifi meeshaaleen dhimma kanaaf barbaachisan kanneen akka sagalee guddiftuu qopheessuun eegalame.

Hiriiricha eenyufaa dursuu akka qabaniifi gaheen tokko tokkoosaanii maal maal ta’uu akka qaburrattis waliin mari’atame. Haaluma kanaan namni Saamu’eel jedhamu hiriirichaaf dhaadannoo mormii kana dhaggeessisaa hiriirichas akka dursu waliigalame.

Halkan keessaa sa’aa tokkotti “mootummaan ce’uumsaa ummataa saffisaan haa hundeeffamu” dhaadannoo jedhuun Saamu’eel hiriricha eegalsiise. Wayita hiriirichi haala kanaan eegalu dargaggoonni naannoo sanaa iyyaafi wocaa gara hiriirichaatti makamuu eegalan.

Saamu’eel, dhaadannoo dhaggeessisuu qofa osoo hintaane, kallattiin hiriirichas garamitti ta’uu akka qabuufi hihiricha bifa qindaa’aafi hiriira qajeelaa ta’een akka ittifufu dursuudhaan ajaja kennaa jira.

Hiriirichis haala gaariifi bifa milkaa’ina qabuun adeemsasaa gara fuulduraatti ittifufee jira. Dhawata dhawataan, baay’inni namoota gara hiriirichaatti makamanii dabalaa dhufuusaatiiniifi dhaadannoon namootaa wocaafi bifa walfakkaatuun dhagahamuu eegaluusaatiin, sagaleen namootaa sagale guddiftuutiin olitti dhagahamuu eegale.

Hiriirichi akka qaanqee abiddaatti babal’achaa, miira ummatichaa bifa walfakkaataa ta’een qabachaafi dhaadannoo gara garaatiin midhaagee akka Galaanaatti nama itti dhufu hunda liqimsuu itti fufe.

Hiriirichi keessa keessa qaxxaamuruudhaan, mana baruumsa Zannaba Worqi yemmuu gahu, baay’inni namoota hin eeggamneefi waan fuuldurasaatti argame hunda fudhatee adeemuu danda’u tokko gara hiriirichaatti makame.

Hiriirichi haala kanaan dargaggoota hedduu horachaa fi bifa namni tokkollee waan manatti hin hafne fakkaatuun humnasaa caalatti cimsate kun, fuuldura mana amantii Adveentistii qabatee mana Bilaattaa Shuumiyyee duuba qabachuudhaan Qarqara Laga Ginfillee mana baruumsaa Sad.1ffaa Asfaa Wosan maddii deebi’ee, Kaasaanchis naannoo Tootaalii yemmuu ga’u, sagaleen iyyaa, wocaa, dhaadannoofi sagaleewwan birootiin caalatti hoo’ee naannicha akka bubbee bonaatti walitti buuse.

Hiriirri akka Galaanaatti naannawaa Kaasaanchis fudhate kun daqiiqaa 15 erga tureen booda, achumatti xumuramuusaa ibsuudhaan, hiriirra biroo bahuun tasuma kan hin eeyyamamne ta’uun labsame.

Akak Lakkaoofsa Habaashaatti Eebla 22 bara 1969 ganama keessa sa’atii 12:00, namootni hiriicha dursaa turan bataskaana Uraa’elitti wal gahan. Hiriirichi haala gaariin kan xumurame ta’ullee hiriirri naannowwan tokko tokkotti adeemsifamee ture garuu balaa heddu kan qaqqabsiise ta’uun dhagahame.

Gaddi olaanaa ta’e namoota hunda onneesaanii dhoose. Wanta dhagahan amanuun itti ulfaate. Sababnisaas; Akka yaada namoota hiriira kana dursaniitti, iddoo hundattuu bifa nagaa qabuun kan raawwatame itti fakkaatee ture waan ta’eef.

Kunis ta’uu kan danda’e, sochiin hiriirichaa kun dursee gurra mootummaa dargii waan bu’eef, humna waraanasaa bobbaasuudhaan, namoota hiriira nagaa bahanirratti gara laafina tokko malee tarkaanfii ajjeechaa fudhate. Dargaggoonni “Amantaan keenya amantaadha, wanti tokko boodatti nu hindeebisu” jedhanii manaa bahan akuma bahanitti bineensa dargiitiin nyaataman. Magaalaan Finfinnee dhiiga dargaggootaafi ijoolleesheetiin guuttamte. Asphaaltiin magaalattiis dhiiga lammiilee haqaafi bilisummaa biyyaa barbaacha bahaniitiin dhiqame.

Ganamuu sana iyya, boo’icha, sagalee rasaasaafi woca namaa malee eenyu akka du’e, eenyu akka hafe wanti beekkamu hin turre.

Sagalee rasaasaafi boo’icha namootaatiin halkan sun bari’ee guyyaadhaaf gadi lakkise. Ganama lafti yemmuu bariitu, dubartoonniifi haawwonni huccuu hirribaatiin boo’aa asiifi achi fiigaan, kan dabbasaan mataasaanii ka’ee dhaabbatuufi waan qabaniifi wanta gadi dhiisan wollaalan daandirratti lapheesaanii of rukutaa daandirra fiigu.

Halkan sana dargaggooniifi daa’imman kuma 2000 ol ta’an kan ajjeeffaman yemmuu ta’u, kunis seenaa biyya keenyaa keessatti lubbuu namoota hedduu galaafachuudhaan, kan Giraaziyaaniin jiraattota Magaalaa Finfinnee irratti raawwatee turetti aanee isa 2ffaadha.

Wonti hunda caalaa nama gaddisuusu garuu, haati takka ijoolleeshee afran horatte halkan tokkotti dhabde jiraachuusheeti. Damisee Birhaanuu, Girmaa Birhaanuu, Mogos Birhaanuufi Tafarraa Birhaanuu ijoollee maatii tokko jalaa halkan tokkotti bineensa Dargiitiin nyaattamaniidha.

Seenaan akkanaa golee Oromiyaa mara keessa jira; kan anma dhibu immoo haati Oromoo bara Hayilasillaasee booyaa turte bara Dargii sanas booyaa jirachuu ishii ti. Kun ittuu itti caalee, bara Wayyaanee kana immoo boohicha irratti boohichi dabalaa dhufuu isaa ti. Haata’uutii imimmaan haadholii Oromoo yeroon itti qooru fagoo hin ta’u.

Leave a comment