FOR BETTER OROMIA

ODAA: Bakka Waaqni hariiroosaa nama wajjin itti haaromsate

(Saamraawiit Girmaa)

Oromiyaa bal’oon magariisaafi uumamaan kan badhaate akka taate beekamaadha. Gosoota bineensotaafi beeladootaa, biqiltoota, gaarren, lageen, haroowwaniifi uumamawwan biroos of keessaa qabdi. Oromiyaan magariisaa ta’uusheetiin gosoota biqiltootaafi mukeenii heddumminaan qabdi. Bosona Itoophiyaan qabdu keessaa harki caalaan naannoo kanatti akka argamu qorannooleen ni mirkaneessu.

Gosoota mukeenii keessaas kanneen akka Odaa, laaftoo, birbirsa baddeessaa, harbuufi kanneen biroo tarreessuun ni danda’ama. Barreeffama keenya har’aatiinis kabajaafi jaalala Oromoon muka Odaatiif qabuufi Odaan wiirtuu seenaa Oromoo ta’uusaa ilaalchisuun kan kitaaba ‘Sirna Gadaa, Siyaasa Oromoo Tuulamaa’ jiildii 1fa irraa arganne akka gaazexaa keenyaaf ta’utti qindeessinee isin dubbisiisna.

Odaan muka lalisaa ta’ee uumamaan biftisaa harbuu yookaan qilxuu fakkaatuudha. Mukti kun yoo ongeen dheeratellee hingogu. Kana malees, uumamaan lafa jala bakka bishaan ykn jiidhinni jirutti biqila. Guddinnisaa hanga ta’e ol ka’ee dameensaa waan waggaa waggaan dalga dagaaguuf gaaddisa guddaa ta’uudhaan namaafi looniif qabbana kenna. Mukti kun umrii dheeraas kan jiraatuudha.

Seenaa ummata Oromoo keessatti erga sirni Gadaa jalqabamee (yeroonsaa sirriitti beekamuu baatullee) wiirtuun amantii, siyaasafi dhimmoota hawaasummaa gaaddisa jalatti gaggeeffama. Gaaddisni kunis gaaddisa Odaati. Sababnisaas aadaa Oromoo keessatti Odaan muka ulfaataafi eebbifamaa akkasumas, madda qabbanaati. Gaaddisni Odaa iddoo itti miseensonni Gadaa sadarkaa tokkorraa gara sadarkaa ittaanuutti ce’uusaanii itti ayyaaneffataniifi bakka itti Oromoon siyaasa itti gaggeeffatuudha. Akksumas gaaddisni Odaa bakka itti ayyaanni Muudaa itti raawwatamuudha. Galmi Muudaafi teessoon Abbootii Gadaa Odaa jalatti ijaarama.

Karaa biraatiin aadaafi seenaa Oromoo keessatti Odaan akka madda nagaa, mallattoo eenyummaafi tokkummaatti ilaalama. Faayidaa amantiifi siyaasa Oromoo keessatti qaburraa kan ka’e Odaan mukeen jiranirra kabajamaadha. Odaan wiirtuu amantii ta’unsaa mallattoo seenaa dhaloota darbee agarsiisa. Dhaloonni ammaa yommuu Odaa jalatti amantii gaggeessu dhalootaafi seenaa dhaloonni darban dabarsan yaadachaati.

Karaa biraatiin gaaffiilee maaliif?, yoom?fi attamitti? Oromoon Odaa akka wiirtuu amantiifi siyaasaa godhatee ittifayyadamuu jalqabe jedhuuf yeroo kanatti jedhamee deebii gahaa kennuuf ragaa guutuun akka hinjirreedha kitaabicharratti kan eerame.

Barreeffamoonni yeroo addaddaa barreessitoota garagaraatiin waa’ee seenaafi amantaa Oromoorratti barreeffamaniis Oromoon Waaqa gurraachatti akka amanu, amantiinsaammoo naannawa burqaa bishaaniifi mukeen guddaa Odaa jedhamu jalatti akka gaggeeffatu ibsu malee gaafiilee irranatti eeramaniif deebii kennan akka hinqabnes kitaabichi kaa’eera. Ta’us Oromoon Odaa jalattii uumaasaa kadhachuu kan eegalee amantii musliimaafi kiristaanaa dura akka ture afoolliwwan ni mul’isu.

Amantii Oromoo (Waaqeffannaa) keessatti, Waaqayyoo namoota waliin kan walqunnamu karaa ayyaanaati. Dureewwan amantii akka bakka bu’oota Waaqaatti ilaalamu. Akka amantichaattis Waaqayyo ayyaanota (‘God Spirit’) kana lageen, tulluuwwaniifi mukeen guguddoo keessa kaa’eera. Kanaaf bakkeewwan ayyaanonni jiraatan lafa eebbifamoofi kabajamoo jedhamanii amanamu. Bakkeewwan eebbifamoon kunneen bakkatti namoonni amantii itti gaggeeffatan, wareeggataniifi Waaqa itti kadhataniidha.

Akka ragaa seenaarraa ka’uun tilmaamuttis Odaan siyaasa Gadaa dura akka wiirtuu amantiitti waan jalqabe fakkaata. Haaluma walfakkaatuun ummanni Kuush hedduun amantiisaanii keessatti duudhaa walfakkaataa qabaachuusaaniis barreessitoonni ni ibsu.

Himamsa afoola Oromoo keessatti jalqabbii Gadaafi seenaan Odaa walqabata. Afoolicha akkas jedha: Dur dura Waaqaa (samii)fi lafti walitti dhihoo turan. Yeroo tokko bokkaan cimee caamuu didnaan beeladoota keessaa gaangeen Waaqa dhiitte. Guyyaa sana eegalee Waaqni namaanis gochaanis namaafi uumamarraa fagaate. Cubbuun namni oole yoo beekamuu baates caamsaan bara dheeraadhaaf ittifufe jedhama.

Haa ta’u malee caamsaa bara dheeraaf ture kana keessatti mukeen keessaa Odaa, burqaawwan keessaa Walaabuu qofatu otoo hingogiin hafe. Odaan gaaddisa loonii akkasumas, kan namoota yoo ta’u burqaan Walaabuu immoo maddaa bishaanii turan. Kun osoo kanaan jiruu namoonni walga’anii bakka Odaa kanatti kadhaa araaraafi rooba akka ragatan kadhachuu jalqaban jedhama.

Himamsi kun eegaa seenaa tokkummaan Waaqa kadhachuu (jalqaba amantii)fi iddoo kadhaan Waaqaa itti jalqabe ta’uu hubachiisa. Akka himamsichaattis, kadhaa yeroo dheeraa kan ka’e Waaqayyo ilmasaa hangafa (Qaalluu) yookiin Nabii erge. Qaalluun seera, safuu Waaqaa barsiisuufi kabachiisuu dhufe jedhamee amanama.

Qaalluun duraa kunis bakka burqaa Walaabuutti Odaa jalatti mul’ate jedhama. Himamsi biraa ammoo akkana jedha: Durdur hawaasa Walaabuu keessa namtichi fayyaalessi tokko loon tikfatee jiraata ture. Ummanni Walaabuu garraamticha nama Walaabuu jedhanii waamu. Guyyaa tokko goromsi tokko funyaanshee Waaqatti olqabdee gara kaabaatti jalaa badde.

Garraamtichi Walaabuus otoo goromsa sana barbaaduu gaaddisa Odaa jalatti argate. Innis waan dadhabeef gaaddisa jala taa’ee osoo boqochaa jiruu hurriin Waaqarraa gad dhufee Odaafi naannawasaa uwwise. Waaqnis seera uumamaa namni kabajuu qabu garraamtichi Walaabuu akka barsiisuuf ittihime.

Guyyaa sanaa kaasees Garraamtichi Walaabuu ergamaa Waaqaa (Abbaa Raagaa) ta’ee seera Waaqaammoo Odaa jalatti barsiisaa ture jedhama. Odaanis guyyaatti sagaleen Waaqaa irratti murtaa’ee eegalee lafa eebbifamaa ta’e jedhamee amanama.

As keessatti waanti hubatamuu qabu tokkoffaa, jalqaba siyaasa Gadaan dura akka yaadni amantii tureefi lammaffaammoo seera Waaqarraa seerri Gadaa fudhatamuusaati. Qaalluunis seeronni kunniin sirriitti hojjetamuusaaniifi haqni jireenya hawaasaa keessa akka jiru to’ata. Kanaaf, Odaan bakkatti Waaqni hariiroosaa nama wajjin haaromsate waan ta’eef iddoo kabajamaa jedhamee amanama.

Eegaa akkuma irranatti eeruuf yaalametti horteen Kuush baay’eensaanii sirna Gadaa aadaafi seenaasaanii keessatti qabu. Haata’u malee barreessitoonni baay’een walitti dhufeenya seenaa, amantii Kuushotaafi sirna Gadaa walqabsiisanii hinqoranne. Akkasumas yeroo akkasii jalqabame jedhanii waan kaa’an hinqaban. Garuu akka barreessaan ‘Ehert’ jedhamuu kaa’etti yaadni amantii hortee Kuush kan jalqabe Dhaloota Kiristoos Dura bara 7000 irratti akka ture tilmaama. Ka’umsiifi jalqabni gurmaa’ina umriirratti hundaa’es Dhaloota Kiristoos Dura naannawa bara 3500 hanga 1000 gidduu akka ta’e dubbatama.

Qorannoon yeroo dhihoo afoola Oromoofi lakkoofsa Gadaa fayyadamuun Dr. Gammachuu Magarsaatiin gaggeeffame akka mul’isutti jaarmiyaan hawaasummaa kun Dhaloota Kiristoosiin Dura bara 3060tti jalqabuunsaa akka hinoolle ibsa. Lakkoofsi kun ammoo dhahaa jahaatama (waggoota 360×60) fayyadamuudhaani. Dhaha kana keessatti jahaatamoota sagaltu darbe. Kun immoo yaada ‘Ehert’ isa Gadaan akka jaarmiyaatti Dhaloota Kiristoosiin Dura naannawa bara 2000tti jalqabe jedhu deggara.

Qabxiilee barreessitoonni muraasni kaasan kunneen egaa waa’ee Odaa waan muraasa akka kaafnuuf nu gargaaru. Odaa isa kam akka ta’e yoo beekamuu baateyyuu seenaan Odaa akka wiirtuu amantiifi siyaasaatti yoo xiqqaate Dhaloota Kiristoosiin Dura waggoota 2000 dura jalqabee hojjechaa ture jechuun ni danda’ama jedha kitaabni barreeffama kana irraa arganne.

Walumaagalatti, Odaan muka seenaafi amantii ummata Oromoo waliin walitti hidhamiinsa guddaa qabaatullee akkaataa jalqabbii wiirtuu seenaa itti ta’eerratti qorannoo ga’aan hinmul’atu.

Kanaaf hayyuuleen Oromoofi qaamni dhimmichi kallattiidhaan ilaallatu irratti hojjechuu qabu. Isin dubbistooonnis dhimma kanarratti seenaas ta’e afoola beektaniifi kan naannawa keessanitti dubbatamu yoo dhageessan karaa teessoo keenyaa yoo nuuf ergitan ni keessummeessina.

Advertisements
%d bloggers like this: