FOR BETTER OROMIA

JECHOOTA MOGGOYYAALEE AFAAN OROMOO: Kutaa 4ffaa

Taammanaa Bitimaa irraa

Barreeffata kana kutaalee sadan dabran akka argattanii dubbiftan abdachuun, kunoo harra kutaa isa afraffaa itti-fufeen jiraa, yoo yeroon isiniif hayyame mee duukaa-bu’aa!

SEENSA

Afaan Oromoo afaan baldhaa, afaan badhaadhinaan gonfamee fi afaan hedduu miidhagaa tahuu isaa, deddeebisee bakka addaddaatti ibseen jira. Ani kana jechuuf, waanan argeetoo qalbeeffaddheefi malee, lafumaa ka’een miti! Mee isan jedhu kana mirkaneeffachuuf, bakkuma jirtan san irraa ka’aatii waa qalbeeffachuuf carraaqaa! “Afaan kiyya nan beekawoo” jedhaniitoo taa’uun, homaa nama hin fayidu. Dhugaa dha; afaan abbaa keessanii ni beektu. Ammoo, kun callaan gayaa hin tahu. Isa beektan san irratti guyyum guyyaan dabalachuutu daran mishaa taha. Isin beekumsa afaan keessanii gabbifachaa yoo deemtan, Oromoota biraatillee waa ida’aa, achumaanis afaan kana irra caalaa gabbisaa, irra caalaas dilbeessaa deemtu jechaa dha. “Kun xiqqashoo dha; kun maal dhimma baasa?“, jettanii dhiisuu hin qabdani. Isuma isin “xiqqashoo dha” jettan san keessaas, waan hedduu barachuu dandeenya. Yeroo ammaa barreeffatoonni addaddaa baay’inaan bawuun, Afaan Oromootii sonaan barbaachisaa dha.

Harra Oromoonni biyyattis tahee, alatti naannolee garagaraa irraa walitti dhufuun wajjin jiraatu. Kunis akka waan hedduu walirraa baratanii, walirraas fudhatanii: aadaa, duudhaa, seenaa fi afaan ofii gabbisaa deeman isaan taasisaa jira. Biyyi Oromoo daran baldhaa waan taheef, amma humna qabnu yoo ilaalle, iddoo hundumaa deemnee waa qorachuun nu rakkisa. Garuu: mandheewwan, kitaabeewwan, barruuleewwan, galaalchota (gaazexoota) faa irratti isuma beeknu fi isa of-biratti arginu yoo baafne, dabalata nuuf tahuu dandaya. Mee kanaafuu, marti keenya kana qalbiin itti haa yaannu!

Namoota keenya tokko tokkoof, dubbiin afaan keenyaa waan sirriitti galeef natti hin fakkaatu. Ammallee qabsoon bilisummaa Oromiyaa fuula addaddaatiin adeemuu akka qabu, warri dagatanis hin dhabamne. Gariin immoo harrumallee jalakaattuu Afaan Amaaraa tahuu isaanii hin dhaabne. Inni nafxanyichi coomaa dilbii Oromiyaa murachaa, daadhii fi aannan dachee Oromoo habbuuqqachaa Afaan Oromoo: “afaan simbirrooti” jedheetoo itti-hime sun ammallee summuu namoota keenyaa tokko tokkoo keessaa hin baane. “Sa’a abbaan gaafa cabse ollaan ija buruqsa” jedha, mammaaksi Oromoo tokko. Kanaaf, bacancaree nafxanyaa sammuu keenya keessaa miciriqsinee baasuun, guddinaa fi dagaagina afaan keenyatiif, achumaanis qabsoo bilisummaa teenyaa ishii haddhooftuu saniif harka walqabanneetoo haa sochoonu! Tokkoomnee olka’uun sochoonee, impaayerittii dullattii tana sochoofnee ofirraa haa darbannu!

Kunoo, sagaleewwan kutaa kanaaf dhiyaatan 25-nanuu, kanaa gaditti isinii tarreesseen kutaa isa kana xumura.

JECHOOTA MOGGOYYAALEE

1) asxaa – mallattoo, ballaccee
2) riqicha – nooraa, ceetoo, dildila
3) qoyyee – joobira, ruumicha, hamara, foggii
4) shimaxee – saaxaraa
5) gawwii – lafuqqataa, sakaa, shananii
6) siibaa – gaanii
7) lufuu – bira-taruu, bira-kutuu, dabruu
8) warakkaba* – waca, iyya
9) gaallee – wantaa, gaachana
10) xinniqqee – fincaawaa/ fincaa’aa
11) sharaqa** – miiccaa
12) baxxeessa – shanacha, ganaa, barruu
13) shiggiree – feellaa (“safety razor“)
14) shullee – dooccoo, daarbee
15) timjii – daangaa, daarii
16) gaagee – qartee (“dwarf“)
17) qanyisuu*** – aaruu
18) sinaanoo – dhimachii, sheekkoo, oduu
19) buyyoo – marga
20) shufuroo**** – shamaa/ samaa, tortoraa
21) dagaggama – takka-takka, tibba-tibba, babree-dabree
22) watara – bajjii
23) quyyifata***** – dibata
24) sadiga – waarsaa
25) madhawa – funyoo, haada, akata, wadaroo

HUBACHIISA MIILJALEE

* Warakkabuu = wacuu, iyyuu; warakkabsiisuu = waccisiisuu, iyyisiisuu; warakkabaa = wacaa; warakkabduu = waccuu, iyyituu — faa!

** Sharaquu = miiccuu; sharaqamuu = miiccamuu; sharaqsiisuu = miccisiisuu; sharaqachuu = miiccachuu – –; sharaqaa/ sharaqxuu = miiccituu; sharaqqii — faa!

*** Qanyisa/ qanyisii = aarii; qanyisaa/ qanyiftuu = aartuu; qanyisiisuu = aarsuu — faa!

**** shufuruu = shamuu; shufursiisuu = shamsiisuu, tortorsuu; shufursiisaa/ shufursiiftuu = shamsiisaa/ shamsiiftuu — faa!

***** Quyyifachuu = dibachuu; quyyifachiisuu = dibachiisuu; quyyifamuu = dibamuu; quyyifachiisaa = dibachiisaa; quyyifamaa = dibamaa — faa!

Itti-fufa —!

Taammanaa Bitimaa gurree@web.de

Leave a comment