FOR BETTER OROMIA

SEENAA JAAL KABBADEE BUZUNESH (1908-19760)

Jaal Kabadaa Buzunesh Gurraandhala 7, 1908 Oromiyaa giddu gala, Meettaa Roobii, araddaa Gorsaa keessatti dhalatan.Umuriin isaanii barnootaaf akka ga’eenis maatiin isaanii abbaa lafaa waan turaniif salphaatti barnoota argachuu danda’anii jiru.

J/ Kabbadaa B (1908-1976)

Jaal Kabbadaa Bizunesh maqaa haadhatin akka waammaman maqaarraa hubachuun nidanda’ama. Bizunesh maqaa dubarti akka ta’e ifaa waan ta’ef. Gootichi kuni akkamitti maqaa dubartiitin waammamme? Dubbi faranjoonni paradox jedhaniin sana fakkaata. Haala kana maanguddooni waayee isaanii beekan akkasitti ibsaa jiran. “Maqaan abbaa Kabbadaa Bacharee jedhama. Kabbadaan maqaa kanaan waammammu waan hinfeenef maqaa haadhatiin waammammuuf dirqame”.

Jaal Kabbadaan obboleetti takka qabu turan; ishiinis akkuma isaanii maqaa haadhatiin waammamma turte. Tanaanye Bizunesh jedhamti. Otoo ajejaa dhibbaa loltuu H/Sillaasee tokkoon irraa hinfudhatamin dura niitii gooticha Oromoo Kabbadaa Bargaa turte. Kabbadaa Bargaa roorroo niitii irraa fudhatamu haloo ba’uuf bosonatti bahe. Yeroo bosona tures poolisiifi loltuu mootimichaa hedduu duguugee waan ijibbaachiseef bishaan naannoo jiru summeessun bishaan sana dhugee akka summiin du’u taasisani. Gaafa du’u saa beeku boombii ofirratti kiyyeesee loltoota reeffa kaasuu dhaqxe hedduu akka galaafate himamaa ture.

Jaal Kabbadaan dhalataa Meettaa Roobii yoo ta’an gosaan gosoota saddeettan ilmaan Meettaa keessaa tokko kan ta’e gosa Walaqoo keessaa dhalatan. Gootichi ummata Meettaa oggannuun weerara Minilik fuuldura dhaabbate Birraatu Golee akaakkayyu akka ta’uf himama. Jaal Kabbaddaan bara Xaaliyaanin biyyatti weerarte weerara sana dura dhaabbachuuf bosonatti galuun gootota hedduu gurmeessanii hoogganuun loltuufi baandaa Xaaliyaani falmutti ka’an. Loltoonni Xaaliyaanii biyyatti dhuunfatani Meetaa garaa walakkaa bu’un lafa amma magaalaa Aanichaa taatee Shinoo jedhamuun beekkamtu kana keessatti daanno ijaarratani qubatani. Lafti suni maqaashii daanno sanatti mogaafamee ergasii kaasee hanga dhiyoo kanaatti Mshigi jedhamuun waammammaa turte. Megaalattin kan bu’ureffamtes loltoota Xaaliyaanin ta’u saa seenan magaalatti ni’ibsa.

Yeroo Xaaliyaanin daanno Mishigii keessa jiraatu kana Jaal Kabbadaan daanno isaa lafa km 30 hinfagaanne qarree Mogor iddoo Gooroo jedhamuun beekkamu qubachuun achii ka’ee hanga Mishiigiitti deemuun Xaaliyaanota irriba dhoorkaa ture. Gadi bahanii biyya keessas akka hinsochoone taasisee akka ture maanguddoonni ragaa bahaafii turan. Karaa biraa lafa Qacamaaf Dulla jedhamu keessa sochoo’aa kan turan qabsaa’onni biraa Garbii Bultoof Hundee Bultoon hoogganaman aanaadhuma kana keessa akka turan nibeekkama. Waraanni gootota kanaan hoogganamaa tures akkasuma loltuu Xaaliiyaanif baandaa saani hedduu akka duguuge seenan saanii ragaa baha. Loltuun Kabbaadaafi Garbii faa lafa keessa sochoo’an (sphere of influence) baballifachuuf yeroo hedduu walitti bu’un nama akka walirraa ajjeesaa turan maanguddoonni nidubbatu. (seenaa Garbii Bultoo faa hangan maanguddootarraa dhagaye barru biraa keessattan itti deebi’a).

Seenaa Jaal Kabbaadaatti yoo deebinu gootummaa isaanii  yeroo sanaa ibsuuf ummanni akkas jedhee sirbaafii ture.
Kabbadaa Bizuneshi
Goorotti dachaase hundumashi
Kabbadaa yaa Kabbadaa
Maa akkana goggotaa biyya badaa.

Erga Xaaliyaanin bahee H/Sillaasen deebi’ee aangoo qabatee booda sadarkaa adda addaatti muudamee hojachuun isaanii nibeekama. Kana keessaa kan guddaa maqaan isaa ittin ka’u akka jecha barasiitti Auraajjaa Gazhi ta’e Shaakkisootti (Adoolatti) ramadamuu saaniiti. Amanammumaa horatanirraa kan ka’e lafa warqeen bahu sana akka seeran toowatuf achitti ramadaman jedhama. Jaal Kabbadaan loltoota saanii kan wajjin deemuuf fedhii qaban hundumaa fudhatanii Adoolaa akka qubachiisan seenaa ragaa dha.

Gara seenaa isaa kan qabsoo mirga Oromootti yoo deebinu Jaal Kabbadaan namoota Waldaa Maccaaf Tulamaa bu’uressan keessaa tokko akka turan seenaan waldichaa ni’ibsa. Sadarkaa isaani irra turaniifi gaheen isaan  waldicha keessatti qabaachaa turankitaaba Ob Olaanaa (Ayyalaa) Zawugaa kitaaban kan “GIZOOTNNAA GIZZIT” jedhu keessatti ibsamee jira.

Walgayii Dheeraa booda hooggantoonni W.M.T. Yakkamanii yoo hidhaatti guurraman Jaal Kabbadaan garuu hinhidhamne turan. Kuni akkamitti ta’u danda’e? Waayee seenaa kanaa barreessan kuni Jaal Kabbadaa qaaman qunnamee gaafatee haala yeroo sana ture irraa baree jira. Seenan saa akkasi.

Bara 1973 keessa yeroo barattoonni biyyatti barmoota dhaabuun mootummaa H/Sillaasee raasaa turan barattoonni dhalootan Meettaa Roobii ta’an lakkoofsan 10 hincaalle wal gurmeessanii ummata kakaasuun of duukaa hirirsanii bulchiisafii poolisii anaa Meettaa Roobifi Ada’aa Bargaa aangorraa ari’anii waajjiroota saanii saamuun akka qabeenyaan hinsaamamne ummanni koree ijaarrattee akka tiksuufii naga’a naannoo saas akka eegu taasisanii turan.

Kana sababeeffachuun bulchaan Mannaagashaa Auraajjaa yerosi Shaalaqaa Hayila Maariyaam Abbaay jedhamu barattoota sana barbaachisee waajjira saatti waamuun yoo dubbisu namoonni bebbeekkamoon dhalootan aanota lamaan keessaa bahan akka sirna sanarratti argaman afeeree ture.Isaan keessaa Jaal Kabbadaan tokko turan. Barreessan kuni yeroo jalqabaatif Kabbadaadhan kan walqunname gaafasi.

Yeroo ijoollen suni dhufanii galmicha seenan Jaal Kabbadaan bakka taa’u ka’ee imimmaan dhangalaasaa hunda saanii dhungachaa ture. “Maalif boochaa” jedhanii hiriyoonni saa gaafannaan “Meettaf Ada’a dhaloota akkanaa magarsitee arguu kootu nagammachiisee naboochisaa, nurree dabarru ijoolleen tuni yaada keenyaa galiin geessi yaadni keenya lafatti hinhafuu” jedhee deebise. Gochaan suni Jaal Kabbadaan mirga ummata Oromoof keessi issaa hangam gubachaa akka tureef darggaggeeyyan sana yoo argu of qabuu dadhabee kan tasa keessaa dhooye akka ta’e kan agarsiise ture.

Bara hooggantoonni WMT qabaman inni akkamitti oso hinhidhamin akka jalaa baye yoo seenessu akkas jedhe. “Jeneraal Taaddasaa waliin Finffinnee baanee walmaraa yoo geenyu yaadni tokko naa dhufe.Yaada sanis Jeneraaliif qoodeen ture garuu hinfudhannee” jedhe. Yaadichis “dheeffinee hinbaanu, lollees humna ittin ofirraa ittisnu hinqabnu; waan tokko haa yaallu. Ani Tanaaynee(intala H/Sillaasee) dubbisu nan danda’a; baayyifnees waliigallaa, nankadhaa abba shii kadhattee akka dhiifama nuugoosiftu jedheen yaada kana dhiyeesseefi”.

Jeneraal garuu hinfudhannee, kanumaan addaan baanee ani Finffinneeti deebi’ee Tanaaynee dubbisee” jedhe. “Ishinis manuma shii nadhoksitee dhaqxee abbaa shii naakadhatte, abbaanis waan ishiin jette waan hindinneef ‘dhufee harka haafuudhu’ jedhee eyyameefi, fuutee naan dhaqxee harka fuudhun miilarratti kufuu akka ta’e waanan beekuuf miilarratti kufee dhiifama naagodhee” jedhe. “Akkasittan hidhamuuf dararamuu jalaa bahee” jechuun dhugaa ture barreessaa kanaa ibsee ture.Sana booda Jaal Kabbadaan akkuma fagaatee waan biraa hinyaadne mana maree olaanaa(senate) keessa akka taa’u taasifame.

Erga kana haasofnee booda Jaal Kabbaddaan baayyee hinturre. 1974 Jeneraal Taaddasaa faa waliin bosonatti bahani. Yero sana namoonni hedduun Jaal Kabbadaan akka labsii lafaa mormuuf baheetti fudhatani turan. Garuu Jaal Kabbadaan lafa qabu baroota 1971-72 keessa warruma aantee saatti gurgurachuun fixee ture. Yeroo labsiin lafaa bahu lafa taakku takkyyu hinqabu ture. Maanguddoonni lafa irraa bitan haala sana akkanatti yaadatu. “Yoo lafa nutti gurguru akkas nuun jedhee”jedhu erga labsiin lafaa bahee lafti irraa fudhatamtee. “Bitaa Addeechi lafa gurguraa dukkanni lafa bitaa” “jedhee waan dhufu mammaaksa fakkeesse nutti himee ture, nuti garuu yeroo sana nuu hingalle, jechi saa suni erga labsiin lafaa ba’ee booda nuugalee” jedhan.

Jaal Kabbadaan lafa san kan gurgure waa lama yaadeti kan jedhan nituran. Tokko qabsoon hidhannoo Oromootan adeemsifamuu iddoo gara garaatti babal’achaa waan dhufeef qabsoo sanatti makamuuf karoora qaburraa ka’eeti kan jedhaniifii, kan lammataa ammoo qabsoon bittaa abbaa-lafaa ofirraa kuffisuuf biyyatti keessatti adeemaa ture akka cimeefi umriin sirnichaa akka gabaabbate waan dursee hubateef laficha gurguratee jedhu.

Gara seenaa bahinsa saanitti yoo deebinu akkuma bahaniin garee lamatti hiraman.
Gareen tokko, Jeneraal Taaddasaa, Kolonool Hayilu Raggaasafii Bulchaa anaa Meettaa Roobi kan ture Taklu Tasammaa dabalatee namootii biyyaa itti makaman yoo ta’an gareen kuni anaa sana keessa iddoo adda addaatti ummata walitti qabuun kaayyoo saani barsiisaa turan. Kana keessa ummanni Dullaa Qorichaa(Garasuun) itti dukaasuun akka ofirraa deebise seenaa xura’a ta’ee galmaa’u qaba. Gareen lammaffaa Jaal Kabbadaa Bizuneshi, Shaalaqaa Abbabbaa G/Maaryiam (itti gaafatamaa opreeshini dargii kanturefi hanga har’aatti achi buuteen isaa kan hindhagahamin) fi namoota achii waliin hiriiran hedduu kan of keessaa qabu ture.

Namoota garee tokkoffaa keessa turan keessaa Jeneraal Taaddasaafi Koloneel Hayiluun yoo qabaman Takluu Tassammaa lola taasifame keessatti wareegame. Garee lammaffaa hoogganaa kan ture J/Kabbaddaan waggaa jahaaf dargiin wal haadhaa ture. Jaal Kabbadaan bara Xaaliyaanii waggoota shaniif riphee lolaa ta’ee tooftaa humna xiqqaan humna guddaa rukutanii jalaa miliquf of dhoksuu haalan waan beekuf tooftaa sanitti akka dhimma bahe agarsiisa. Jaal Kabbadaan jalqabumaa kaasee ummatatti ifa of hinbaafne akkuma garee kaanin addaan bahaniin inni of dhokse. Lafa jala(under ground) seene jechuudha. As jiraa achi jiraa saa warruma bira ture malee homtuu hinbeeku ture.

Jaal Kabbadaan sagantaa qabsichaa barreessee Finffinneetti ol ergee ture. Sagantichi nubira gahee yaada yeroo waliin hindeemne tokko tokko of keessaa qaba waan tureef gulaallee fooyyesine baayyisuun (duplicate gochuun)deebifnee ergineefi turre. Jaal Kabbadaan barmoota ammayyaa hinargganne. Barmoota habashootaa cimsee waan barateef keessattu karaa amantii Ortodoksii cimaa akka ture barreessan kuni nibeeka. Amanticha jaalala irraa kanka’e Goorotti bataskaana Maaramii ijaaree “Maaramii Kabbadaa” akka jedhamtu har’ayyuu dhaqanii baruun nidanda’ama.

Jaal Kabbadaan waggaa jahan bosona ture sana waraana dargii wajjin Meettaa keessatti qofaa miti kan lolaa ture. Dargiin karaa tokko yoo dadhabu karaa biraa loltuu itti ergaa ture. Innis kana waan hubatuuf karra dhuftu hundumaanu oto ishiin bakka inni itti argamu bira hingayin dursee haxxee hidhee achumatti hambisa ture. Akka kanaan Gindabaratitti, Salaalettiifii Ada’a keessatti lola hedduu adeemsisee loltuu dargii ofirraa faccisuun waggaa 6 turu danda’e.

Guyyaan muramte suni hindabartu loltuu isaa amanamaa jedhamu fudhatee naannoo magaalaa Hoolotaa dhaquun mana namaa qubatee loltuun kuni magaalaa dhaqee mana nama rasaasa qopheessf biraa rasaasicha fidee akka deebi’u erge. Loltuun kuni garuu rasaasicha fidee hindeebine. Loltuu itti fidee deebi’e. Kbbadaan marfamuu saa beeknan lafa qabatee hanga danda’e loltuu dargii erga kuffisee booda akka bahuu hindandeenyee barraan of wareege. Namoonni naanno turanii mudata san argan akka jedhanitti Kabbadaan miila tokkorraa kophee fi kaalsii baafachuun quba miilatin milaaccii qawwee saa harkisee of wareegee jedhu.

Egaa seenan Kabbadaa Bizuunesh kana qofaa miti. Dheerina yerootirraa kan ka’e hedduun irraanfatamee amma sanarraa haftee sammuu keessa naturten isinitti darbadhe. Maanguddoonni bal’inaan beekan ammoo ammuma beekan oso darbatani seenan kuni guutuu ta’e dhaloota dhufutti darbuu danda’a. Qorattoonni seenaas maanguddoonni seenaa kanaafi kan biraarree beekan oso darbanii hinqixxaayin qoratanii barreessuun galmee seenaa Oromoo nigabbissu jedheen amana.

Guduunfaa

Jaal Kabbadaa Buzunesh bara jireenya isaanii keessatti beekumsaa fi dandeettii qabaniin sadarkaa hogganummaa garaa garaan keessatti gahee isaanii gumaachanii jiru. Kanneen keessaas ministeera humna ittisa biyyaa ta’uu sadarkaa olaanaatti waggoota afuriif tajaajilaniiru. Haa ta’u maleeuu, sadarkaa olaanaatti muudamuun kun Jaal Kabbadaaf milkii hin turre. Jaal Kabbadaan, waan namni biraa akka laayyootti hin  agarre, argaa ooluun isaanii immoo daran waan biraaf isaan kakaase. biyya cunqursaan keessatti hundee godhate keessatti qabsoodhaan malee hundee dhibdee san jigsuun akka hin danda’amen akak hubatan isaan gargaare. Sababa kanaan, sadarkaa olaanaatti hojjachuun kun ibidda bara baraan laboobaa jiraatu isaan keessatti qabsiise; isaan irraayis dhalootaa dhalootatti darbuu isaa itti fufe.

Jaal Kabbadaan aangoo mootummaan kenneefitti dhimma bahanii ummata isaanii hin mine. Bara san keessatti waan ta’ee hin beekne, aangoo mootummaa argatanitti dhimma bahanii ummata isaanii barsiisuuf kaka’an. cunqursaa fi dhiibbaa uummata oromoo irratti ga’aa jirus ifaan ifatti loluufis  qabsaa’ota Oromoo akka isaanii barbaaduu eegalan. Akkanaanis ijoollee Oromoo faana gurmaa’anii qabsaa’uuf Ebila 23,1962 gara Maccaa fi Tuulamatti makaman. Erga WMT makamanii boodas hojiilee garaa garaa hojjachuu dhaan uummata keessatti dammaqiinsa guddaa uuman

Jaal Kabbadaa Buzunash, hojiilee boonsaa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti dalagan keessaas mudde 14,1967 Dheeraa irratti osoo Loltuu dhaan hordofamanii uummata kumaatamatti lakkaa’amu fuulduratti ba’anii dhiibbaa uummata Oromoo irratti ga’aa jiru ifatti uummataaf ibsan.

Hojii boonsaa kana waan raawwataniifis, dhiibbaa guddaan irra ga’e; maatii isaanii irraa addaan ba’an. Akkasumas hoggantummaan isaanii ministeera ittisa biyyaa irratti qaban irraa aryataman. Yeroo dhiibbaan itti baayyachaa dhufus hiriyoota isaanii kanneen akka Jeneraal Taddesee Birruu,Jeneraal Daawwit Abdii, Dr Morgaa Firrisaa,Obbo Baqqalee Mokonnin,Obbo Dajanee Booji’aa,Obbo Daadhii Fayyisaa,Obbo Tasfaayee Digaagaa,Koloneel Maammoo Mazaamiir waliin mari’achuu dhaan bosona seenan.

Jaal kabbadaan yeroo hamtuu san keessatti waggoota ja’aaf qabsoo bosonaa erga taasisanii boodas Fulbaana 06,1976 diinaan marfamanii qabsoo guddaa taasisan. Qabsoo kana keessattis waraana 200 hin caalle qabatanii waraana kumaatamaan lakkaa’amu faana qabsoo olaanaa taasisan. Haata’uutii, humni isaanii human diinaatiin walgituu hin dandeneye. Haguma humni diinaa itti jabaachaa dhufe, humni isaanii daran xiqqaachaa dhufe. Kana booda hireen isaan qaban lama: harka kennachuu yookaan immoo otuu falmanii wareegamuu ta’e. Jaal Kabbadaan garuu, harka kennachuu hin filanne; harka laachuun uummata Oromoof salphina guddaa akka ta’e barsiisuuf jecha Fulbaana 18,1976 osoo harka diinaa hin seenin meeshaa qabatanii jiraniin lubbuu isaanii tokkitti uummata Oromoof aarsaa godhanii darban!

*(Seenaa Jaal kabbadaa bakka addaddaa irraa kan walitti qindaa’eedha.)

Leave a comment