FOR BETTER OROMIA

Lakkii

 Afaan  koo dureessa, afaan koo bareedaa

Ittiinan bookkisaa, ittiinann baroodaa

Eyyee…ittiinan xirqana akka korma didaa

Waawuu;… ittiinan garmaama, akka sangaa fardaa

Utubaa aadaa koo dugugguruu dugdaa

Afaan Haadha koo tii aayya afaan hundaa!

Afaan Abbaa koo tii abbayya afaan hundaa!

Afaan warra kootii, afaan saba guddaa!

 

Lakkii,… nan dhaadadhaa, waawuu, nan gammadaa

Maafaan taa’ee gomm’aa?…maafan taa’ee gaddaa?

Mee  afaan koon faarsa, mee afaan koon saada.

Afaan warra arbaa, afaan warra leencaa, afaan goodaa Baqqoo

Afaan warra barii, afaan iyya ’Bboroo, afaan iyya ’ndaanqoo

Afaan koo afaan barii, afaan koo ganamaa

Afaan koo mi’aawaa afaan nadhii dammaa!

Afaan bultee Waaqaa, bultee isa jalqabaa

Afaan akka kan koo eenyu abbaasheetu qabaa?

Afaan koo gaachana

Ittiin dhukubsadheen ittiin of waldhaana

Ittiinan bashannana

Ittinan fakkana

Ittinan xirqana

Eeyyee..yoon fedhe ittiina caraana.

 

Afaan koo bakara

Ittiinan geerara

Ittiinan daraara

Ittinan wal hora.

 

Ittinan wal bulcha.

Ittinan mucaa dhalacha

Dalcheen ittiin guddisa

Guddiseen muldhisa.

 

Ittinan arama, ittiinan sassaaba

Ittiinan jaalladha, ittinan nama jibba

Ittinan dadhaba

Ittiinan gaggaba

Ittiin of kuffiseen ittiin ol of qaba.

 

Ittinan nama lola

Ittinan walii-gala

Ittiinan waa mala

Ittiinan of dhaala.

 

Ittiin quruphiseen, ittinan burraaqa

Ittinan waraaba, ittinan gadi naqa

Ittiinan socho’a, ittiinan warraaqa

Ittiin lafa qoteen, ittiinan babbaqa.

Qilleensan konkonaa, qilleensan gaadi’a

Gubaa mana Waaqa asi ol ittiin ba’aa

Bakka fedhen deema

Galaanan dhidhima

Icciti boroo Waaq baree ittiin baannadha

Gadameessa Haadha Margoo ittiin dhageefadha

Ittiin ciraa cireen, ittinan bajjii qota

Ittiinan hojjedhaa, ittiinan boqota

 

Kan baden ittiin soqa

Qaalluun ittiin dhaqa

Ittiinan dalaga

Ittianan taa’ee muga

Yoon fedhe… ka’een ittiin fiiga

Ittiin qalbii horeen, ittiinan wajaga

Ittinan jeekkara, fedhe ittiinan faga

Fedhe ittiinan qoosa, ittiinan munaaga

Eeyyee baga, baga, baga…. eeyyee baga

Maal naafisoo mirgaa!

 

Afaan koo dureessa

Ittiinan dubbisa,

Ittinann weeddisa

Ittiinan barreessa

Ittiin waa madaala

Ittinan of kuula

Ittiinan fooggala

Ittiinan walala.

 

Afaan kootiin jibbeen, afaan koon jaalladha

Afaan kootiin faarseen, afaan koon tuffadha

Gadda koo ittiin gaddeen, sirba koo sirbadha.

Bultee koo ganamaa, isaanan muuxadha

Ooltee koo isa guyyaa kunoo isan cuuphadha

Dhiyaana galgalaas,  eyyee isan  unadha.

 

Afaan koo afaan beekaa

Nan beeka! Nan beeka!

Icciti ergaa Waaq ittinan namaaf hiika

Ittinan mammaaka

Ittinan abaara, ittinan wal kaka

Eeyyee…yoon fedhe….ittiinan alaaka

Kan kana na dhorku hudduusaatti muka!

 

 

Zalaalam Abarra

30-12-2011

Helsinki / Finland

2 thoughts on “Lakkii

  1. aboo fayyaaaa dayi!
    ittiinis geerari/guuli/heeddisii-ragadi/shubbisii-burraaqi!!
    “yoom takkaa dhiira argite?” jedhe namtichi okkoteetti mishingaa naqee,bishaan itti hanqisee,jabaa doddotii jala shidee!
    dhufaat jirra kunoo jedhiin warra namni wal qixxee ittin hin fakkaanne saniin.

Leave a comment