FOR BETTER OROMIA

Hogbarruu

DHUGAA

By Sara Gonfa

Namuu si abdatee karaa kee filatee

Bakka deemu hundatti waa’ee kee dubbatee

Dhugaan yoo qaldhates hin cittuun dhaadatee

Turtullee ni mul’atiin boriif si abdatee

Hanga yoomi diddaa yeroon hoo fagaatee ?

Kan si heegata jiru marti hoo abdii kutatee

Lakkii ni gaabitaa ofii balleesitee.

Mee dhugaa dubbadhu afaan kee saaqqadhu

Haqa jiru baasuuf sagalee ciradhu

Dalagaa kee mara xiinxalii hubadhu

Tarii yoo dagattes mee lakkii yaadadhu

Abbaan haqaa eenyuu? jedhii of gaafadhu

Iddoo itti dhokatte bakka jirtu himadhu.

Mataa kee dabsattee ykn aguuggattee

Bifa kee bareeda kijibaan faalamtee

Osoo lubbuun jirtuu jiraa awwaalamtee

Bullukkoo kabajaa sobaan soqolamte

Sobinni kabajamee ati ofii sal-phattee

Karaa qajeelaa irra adeemuu dhorkamtee

Daandii isa jajallaa waliin jajallattee

warra si hukkaamsetti maaf harka keennattee ?

Boolla itti dhokatte maal yoo bantee baate ?

Biyyoo si irra tuulan maal yoo of irraa haate?

Takka wixxirfattee humna kee fixattee ?

Tarii akka hin dubbannetti arrabaa muramittee?

Moo ati kijiba waliin michummaa huummatte?

Ykn intala fuutee isaaf soddaa taate?

Mee lakkii hin dhoksinii him waan rakkatte

Qoricha argattaa yoo rakkoo kee himatte

kan si hudhe qabdee yoo harka keetiin huute

Boolla siif qotetti yoo qabdee darbatte .

Warra siihin boonuuf abdii guddaa taata

Ka cubbuu irra adeemus daandii kee qabata

Akkuma odaa nabee sumatti irreenfata

Harka isaa isa cubbuu qulleesee dhiqata

Kabajaa siif qabus ifatti dubbata.

2 thoughts on “Hogbarruu

  1. 16. 05. 11

    Obboleewwan yaa qoppheessitoota mandhee tanaa,

    Waan hundaa dura dhaamsi kiyya kan obbolummaa isin haa dhaqqabu!

    Kunoo, ani ammuman mandhee teessan keessaa bakka kana banee, walaloo bareeddaa: “DHUGAA” jedhamu shaduu (dubbisuu) dandaye. Ani hedduun itti-gammade. Walaleessaa kanaaf barreesseen, gammachuu kiyyaa fi sagalee jajjabeessoo ergaaf jedheen, garuu maqaa walaleessichaa arguu daddhabe. Maaf maqaan abbaa walaloo kanaa hin kennamne? Egaa, kabajaanan deebii keessan eeggaddha!

    Kabaja cimaa wajjin!

    Taammanaa Bitimaa

    1. Obbolee Taammanaa,
      Nagaan Waaqaa isin haa dhaqqabu! Dhugaa keessan; abbaan walaloo kanaa maqaan hin keewwamne; sun yeroo maxxanfamu dagatame. Ammoo amma sirreessinee jirra.

Leave a comment