FOR BETTER OROMIA

Anatu Ana Hintaane

ABDII GAMMACHUU,GURAANDHALA 2014.

Feb 14 at 7:23pm

Anatu ana mitii

na dhiisi yaa mixii

mee na hin ciiniinin

du’aa miti ani

Huma na dhukkubaa

bari quba qabaa

Obsa wayyaaf malee

iyyuu yoom wallaalee

callisuunkoo ilaalee

dhukkubbii garmalee

ilkeen qaraa hintollee

du’aa na seeteetii?

Anatu ana mitii

Qoqoree na fixee

keessoo lafee lixee

dhiiga kiyyaa xuuxee

hidda morgaa kutee

Wanti akka murxuxee

kan alangaan qixxee

randakoo rukutee

sochii na dhorkatee

ati du’aa seetee

miillaraan na kortee

jilbaan ol na baatee

garaa irra dabartee

sanyiikee waamatte

kora natti baatee

laphee qaxxaamurtee

mormako naannoftee

kan na hudhuuf turte

callisuukoo agartee

ijatti ol na baatee

qararoonkoo dhokate

golga uumama uffate

Maaf hangana aarte?

gubbeerra nabaate

na quucarsuu feete?

Dhiisi malee goondaa

si rakkisaa booda

Guyyaan ana ta’e

bayyaannadhee ka’e

lolaafan si godhaa

kan si haree deemu

namuu siif hindhimu!!

 

Leave a comment