FOR BETTER OROMIA

HIDHATA ABAARII FI MOOTUMMOOTA HABASHAA

Abbaa Urjii* tiin (Ebla 24, 2016)

“Duumeeysaa rooba fida – roobaa galaana fida,” ja’u. Kuni gaafa jiruu fii jireenyi lammii dhunfata isaanii jala ture, gaafa uumamni (nature) sadoo fii gammachuun hawaasa badhaasu. Ee! Gaafasumaa, ali-ali/yaroo-garii duumeeysi qe’eerraa ni dhabama. Duumeeysi dhabamnaan roobni ni hanqata. Roobni hanqannaan boolla midhaanii banatu. Bonni walitti dhaabbatee midhaan boolla ifii keessa jiru yo fixan kan gandaa, san dhumnaan kan gosaatti abaar bahu. Kana dabarran, “Maganeey magan!” tu dhufa. Meeyra jiidhaa qabatanii, “Maganeey magan!” jechaa hujuba dhaqanii qoma qulqulluun Maganoo kadhannaan, alasuma Leeymoon jirkaa roobaa waaqarraa gadi harcasee, namaa-sa’aa fii mukaa-citaa dheebuu baasa.” Ja’an, dur…, dur…, odoo warri uumaa fii uumamaaf kabajaa hin qabne lammiirratti hin abboomin; odoo Hujubni Qullubbii Galma Gabreelitti hin geeddaramin.

Eega waan Gabreelii kaafnee fuu, sheekkoo hiriyaan koo gurratti na hasaaseen isiniif dabarsaa… gabaa! Gaaf tokko, namicha magaalaa keessa dhama’aa oolee, galgala, daabboo lama bitatee gala deemaa jiruurraa, Mataskaana Gabreelii biratti, dukkana keessatti, daabboon harkaa buute. Yaroo tana, namichi gama Mataskaanaa garagalee, “Yaa Gabreelii! yo daabboo too naaf arkamsiifte takka siifiin kenna,” je’ee itti waywaate. Isumaa san je’e, hangaasuun lafa ibsitee, ijji, daabboo lameen keessa takkarra buute. Takkitti arkannaan, “Yaa Gabreelii,” je’e, kan reefu mataa gadi qabatee kadhate, amma boquu ol-qabee, “ani daabboo too argadhee, atiis tee barbaaddadhu,” je’ee nii, karaa manaa kaate. Akkaan sheekkoo dhagayeen, kofla booda, “abadan namni kuni Oromoo miti. Munaafiqni safuu hin beeyne kuni Habasha,” ifiin je’e. Maalif akkaan je’e, boodaan itti deebi’a. Ummanni keenya gaafa Mootummaa Fugugiin (Ripublic) if bulchaa turan, namaa-sa’aa bira kutanii mukaa-citaaf mirga jireenyaa, kan uumaan qaban, kabajaafii turan. Yakka fedheef lubbuu namaa hin galaafatan. Bineensa hin ajjeesan. Qalanii hin nyaatan. Bobeeysaaf kan dhimma itti bahan, meeyra lataa lubbuu qabu odoo hin taane, muka goggogee qoraanawe qofa. Duuba, eega gabrummaa jalatti kufanirraa kaasee, haalli kun heera sirna bulchiinsa Habashaa tiin dhaalame. Sirna bulchiinsa Habashaa keessatti mukaa-citaa fii beeyladaa hanqatee dhalli-namaa mirga hin qabu. Mirgi kan Mootii qofa. Mootiin, nama shiftummaan lubbuu namaa-sa’aa fii mukaa-citaa galaafatee, humnaan hawaasarratti abboomee jiraatu. Habasha biratti ummata ykn heera ummataa wanni ja’u hin jiru. Wanni jiru, Mootii fii gabbaarii ykn Abbaa Irree fii kan mataa gadi cabsatee jalatti bulu. Hawaasa Habashaa keessatti, takkaa mootummaan tan fugug/ummataa taatee hin beeytu. Isiin yaruma hunda tan Abbaa Irree ti.

Heeraa fii aadaa isaaniitti, hawaasni kan gaggeeffamuu qabu warra ifiif if keessaa filateen odoo hin taane, irree ni. Kan haala bulchiinsa isaanii hin jaalanne, naannoo sanirraa baqachuu ykn daggala seenee, shiftaa tahee, humnaan aangoorraa buusee ifiif koruu qaba. Haalli kuni, hawaasa isaanii lolaan adda bahuu hanqise. Hawaasa shororkaawaa keessatti, ummata malees, uumamni nagaya dhaba. Nagaya dhabiinsi kuni namaa-sa’aa abaariif qaadhima. Kanaaf, ummanni Habashaa takkaa abaariin adda bahanii hin-beekan. Mirkanii kanaa tiif, abaar bara 1535 kan Futuh al-Habashaa keessatti galmeeffame-rraa kaasee, kan baroota 1540, 1611, 1623, 1634, 1650, 1653, 1678, 1700, 1702, 1742, 1752, 1783, 1789, 1796, 1800, 1829, 1835 fii 1880 mudatan ragaa dha. Abaar kuni kan galmaawe, odoo ummanni naannoo sanii, gariin lafa gammoojjummaa qabdu keessa qubatan, nagayaan jiraatanii ti. Yo sirritti xiinxalame, abaar kuni, naannoo mudatetti, jijjiirama mootii ykn dhufiinsaa fii kufiinsa mootota Habashaa tiin wal-qarqabee arkama.

Guutummaa Barruu: Hidhata Abaarii fii Mootummoota Habashaa

*Barreessicha qunnamuuf:  abbaaurjii@gmail.com

 

 

 

%d bloggers like this: