FOR BETTER OROMIA

Holqa Sadiin Wal Haa Barru!

Namooti hedduun waa’ee holqaa yoo dhagayan waraabessaa fi shiftaa yaadu taá. Bara kana garuu holqi gatii guddaa baasuu eegalee jira. Biyyooti hedduun holqa isaanii sirnaan qabanii hawwattoota madda galii argamsiisan taasisaa jiru.

Oromiyaan egeree illee abdii guddaa qabdi. Oromiyaa Lixaa, Godina Wallaggaa Bahaa keessatti fakeenyaaf, holqawwan sadii haga ammaatti beekaman kan iddoon gudda kennamuufii qabu. Maxxansi kunis holqowwan sadan waliin walsin barsiisa. .

1. Holqa Gadaa Gilindee

Holqi Gadaa Gilindee Magaalaa Naqamteerraa gara dhihaan kiiloomeetira 25 fagaatee aanaa Saasiggaa keessatti argama. Holqi Gilindee maqaa namaan moggaafamee kan jiru akka ta’eefi namni kunis wasiila gooticha Oromoo Abdiisaa Aagaa akka ta’e himama. Holqi kunis bara Xaaliyaaniin biyya keenya wareertee turte daawwatamaa akka ture maanguddooti naannawichatti argaman ni dubbatu.

Holqa Gadaa Gilindee kanneen biroo irraa wanti adda isa taasisu inni jalqabaa lama ta’ee gararraafi gajjallaatti (lower and upper cave) qoodame argamuusaati. Keessumaa holqi inni gajjallaa bal’inaanis ta’e dheerinaan baay’ee guddaa waan ta’eef galma al takkaatti namoota 500 ol ta’an keessummeessuu kan danda’u ta’uusaati. Guddinaa ykn bal’inafi haala addaan bakka murteessaatti (strategic area) waan argamuuf sirnoota darban keessatti shiftaan yoo qabate gadhiisisuun rakkoodha jedhamee waan sodaatamuuf dursee eegamaa akka ture ni dubbatama.

Inni lammaffaan holqa dheerinnisaa meetira 100 ol ta’uu fi olka’insa meetira 10 ta’u kanatti sinbirrooti halkanii dhibbaan lakkaa’aman nyaatasaanii barbaaddachuuf yoo socho’aniin alatti yeroo hundaa qaama dhagaa ykn holqa kanaatti maxxananii taa’uusaaniiti.

Daandii ilaalchisee hanga qarqara holqa kanaatti karaan geessu waan jiruuf rakkoon gama kanaan hinjiraatu. Ta’us garuu daandiin kun suphaa waan barbaaduuf ciminaan irratti hojjechuu ni barbaada. Aanaan Saasiggaa gama hawwata turistiitiinis ta’e gama hojii misooma invastimantiin carraan gaarii waan jiruuf dhimmi daandii xiyyeeffannaa waan barbaadudha. Omishni bunaa aanaa kana keessaa argamuus akka salphaatti waan ilaalamu miti. Bal’inni lafa qonnaaf ooluu danda’u abbootii qabeenyaa gara aanichaatti kan harkisu dha.

2. Holqa Kattaa Kolooboo

Holqi Kattaa Kolooboo holqa lammaffaa hedduu gammachiisaa ta’e yeroo ta’u Magaalaa Naqamtee irraa gara dhihaan kiloomeetira 20 hincaalle irratti daandii gara Godina Wallaggaa Dhihaa geessuun aanaa Diggaa keessatti argama.

Holqi Kattaa Kolooboo dheerina meetira 70 gadi hintaane kan qabuufi keessi isaa hedduu kan fagaatu yeroo ta’u dhagawwan akka amooleetti qiqirixamanii keessasaatti bakka bakka qabatanii jiran ofumaa beekanii keessummaa simachuuf kan qophaa’an fakkaatu. Daawwattooti ykn turistooti gara finca’aa bishaanii Bareedaafi Angar akkuma kanaas gara godina Wallagga Dhihaafi Qeellam Wallagaa akkuma kanaas gara naannoo Beenishaangul Gumuuz deeman salphaatti gara Holqa Kattaa Kolooboo itti goranii ilaaluu ni danda’u

3. Holqa Doshuu Obbee

Holqi Doshuu Obbee Aanaa Gudayyaa Biilaa Ganda Biloo Ejeree jedhamu keessatti argama. Holqi kun Magaalaa Godinaarraa gara kaaba bahaan kiloomeetira 120 tilmaamaan fagaatee kan argamu yeroo ta’u daawwattoota gara Finfinnee irraa dhufaniif Magaalaa Shawaa Lixaa kan taate Magaalaa Baakkootti bu’uun gara kaabaan Magaalaa Jaree keessa ba’uun hanga Magaalaa Biilaatti karaa miidhagaafi tajaajila quubsaa kennuuf qophaa’e irra imaluun kan bira ga’uu danda’aniidha.

Holqi Doshuu Obbee Maqaa goota Oromoo tokkoo kan waamamu yeroo ta’u namni kun yeroo ta’e tokko keessa goota beekamaafi holqa kana keessa jiraachaa kan ture akka ta’e maanguddooti naannawichaa ni dubbatu. Wanta gootichi ittiin adda ba’ee beekamus, barasaatti nama eeboo sagal qabaatee miiltoo isaa waliin adeemuufi yeroo namooti beekamoo ta’an daangaa irratti walitti bu’aa turaniifi akkuma kanaas abbaan hirree tokko qaama biraa jalaa waan qabu saamutti nama dhaqee sirreessaa ture akka ta’e bal’inaan ni dubbatama.

Leave a comment