(Oromedia, Nairobi, 21 Fulbaana 2016) Mootummaan Keenyaa Mootummaa Wayyaanee Abbaa Irree Tumsuun Qabsaawota Bilisummaa Adamsuun Gaafachiisaa Tahuu ABOn ibse.

13689789_10208785624269663_410561488_nABOn duula Wayyaaneen mootummaa Keenyaa waliin taúun WBO Zoonii Kibbaa iratti gaggeessaa jirtu ilaalchisuun ibsa Fulbaana 21 bara 2016 baaseen Wayyaanee/TPLF waggoota 25f kan aangoo irra turse gargaarsa mootummoota alagaa fagoo fi dhihoo ta’uu yaadachiise.

Haalli kun immoo yeroo ammaa kanatti caalatti adeemaa akka jiru kan ibse ABON, “yeroo ammaa kana mootummaan Wayyaanee mootummaa Keenyaa of gargaarsisuun WBO Kibba Oromiyaa keessa sosso’u irratti duubaan duula banuuf qophii xumuratanii jiran,”jedhe.

“Duula kana keessattis humnni addaa Keenyaa GSU (General Service Unit) jedhamuu fi humna lafoo KDF (Kenyan Defence Force) keessaa ammo KA 1 kan jedhamu dirqama kanaaf Moyaltti of qopheessaa jiraatuun hubatamee jira,” kan jedhe ABOn, duulli kunis akkuma kanaan duraatti akka fashaluu fi qabsoon Oromoos haga galii isaa gahutti kan jabaatee itti fufu ta’uu jabeessee hubachiiseera.

“Duulli kunis akkuma isaa kanaan duraa akka fashalu shakkiin hin jiru. Hanga gaaffiin Oromoo deebii argatu qabsoon bilisummaa Oromoo of booda kan hin deebine tahuun eenyuufuu ifaa dha jennee amanna.”

ABOn tumsa mootummaan Keenyaa mootummaa Wayyaaneef karaa Waraanaa, tikaa fi bifa biraanis gochaa jiru kana jabeessee balaaleffatuun, mootummaan Keenyaa gochaa kana irraa akak dhaabbatu yaadachiiseera.

“Tarkaanfiin mootummaa Keenyaa kun qabsaawota haqa ummata isaaniif falman irratti kan xiyyeeffate, ummata Oromoo bittaa abbaa irrummaa jalatti kan ittisuuf gumaachu tahuu yaadachiisaa, tumsa gochuufii irraa akka dhaabbatu ammas irra deebiin gaafata,” jedhee jira ABOn.

Guutummaan Ibsa ABO kanaaf: ibsa-abo-20-09-2016-karoora-wayyaanee-fi-keenyaa-irratti