FOR BETTER OROMIA

Durdurii Afaan Oromoo keessaa

Charnnat Hundeessatiin

Durduriin gosa  afoolaa keessaa isa guddaadha.  Akkuma maqaa isaa irraa hubatamutti, durduriin gochaafi ta’iiwwan bara durii kan nama mil’achiisudha. Ta’iiwwan kunniin immoo qabatamaan kan raawwataman ta’uu dhiisuu danda’u.  Durduriin fakkaattota (”characters”), sabseena (”plot”) durdurichaa ceesisan of kessaa kan qabu yoota’u, fakkaattoonni kunniinis nama yookan bineensota ta’uu danda’u.

Yoomessi durdurii bara durii haa ta’u malee ergaan inni dabarsu  ammallee hawaasummaa keessattis ni calaqqisa.  Fakkeenyaaf, gamnummaafi gowwummaan yookaan doqnummaan dur ture dhala namaa si’anaa birattis ni mul’ata jechuudha. Durduriiwwan Afaan Oromoo keessaa muraasni haala armaan gadiitiin dhiyaataniiru.

Abbaafi ilmi Bara durii abbaafi ilmi wallolanii jennaan ilmi dargaggeessaa humna qabu waan ta’eef abbaa isaa caccabsee dhoksaan hallayyaa baay’ee gadi fagoo ta’etti gate. Turtii  yeroo dheeraa booda ilmi abbaa isaa hallayyaatti gate kun ijoollee horate. Ijoollee isaa keessaa tokko abbaa isaa hinjaalatu ture. Guyyaa tokko maarree ilma isaa kanaan wallolanii akkuma inni dur abbaasaa godhe sanatti ilmisaa caccabsee hallayyaatti gatuuf osoo baatee deemaa jiruu iddoo akaakayyuun isaa itti gatame gahan.

Achiin inni baatamee deemu sun ilma isaatiin, “Ilma koo ani abbaa koo kana hindabarsine waan ta’eef atis  kana na hindabarsin jennaan ilmi rifatee dhaabbatee erga yaadeen booda edaa atis abbaa kee hallayyaatti gatteeyyuu jedhee manatti deebisee abbaasaa kunuunsee qabachuun ilmaa eebbifamaa ta’e jedhama. Namicha sooramaaf qophaa’e. Namichatu soorama bahuu barbaadee hogganaan isaa xalayaa sooramaa akka barreessuuf gaafate.

Hogganaanisas hojjetaa kana soorama baasuuf hojii itti kennuun guyyaa hojicha xumure akka bahuuf murteesse. Hojicha hatatamaan hojjatee akka xumuruufis ajaja dabarse. Ajajni kennameefis mana baay’ee miidhagaa ta’e yeroo gabaabaa keessatti ijaaree akka xumuruudha. Hejatichis akkuma ajajametti hojii isaa eegale. Manichas dafee yoo xumure soorama waan bahuuf guyyaa muraasa keessatti ijaaree xummure. Mana ijaarees baay’ee bareechee xumuruun xalayaan akka kennamuuf gaafate.  Manichi ijaarame garuu ijatti yaa bareedu malee hundeen isaa kan gadi hinfagaanneedha. Hogganaan isaas manicha inni of irraa baasa ijaare sana umrii isaa guutuu akka keessa jiraatuuf itti hime. Kan facaasan haammatu mitiiree?

Boolli namaaf qotan ofumaa itti gatamu jedha Oromoon yemmuu mammaaku. Leencaafi waraabessa  Leenci mucaa tokko qaba. Waraabessi immoo ilmaan shan  qaba ture. Guyyaa tokko ganama waraabessiifi leenci waliin mari’atanii ijoollee isaanii waliin adamoo akka deeman walii galanii ijoolleesaanii adamoof bobbaasan. Ilmaan waraabessaafi ilmi leencaas osoo waliin deemaa jiranuu saawwan jaha argatan. Saawwan kanneen keessaa ilmi leencaa shanansaanii fudhatee yoo galu, ijoolleen waraabessaa immoo sa’a tokko fudhatanii galan.

Mucaan leencaas galee abbaa isa bira yemmu gahu, “Kunoo ijoollee waraabessaa waliin saawwan jaha argannee shan fideen dhufe. Tokko ammoo isaan fudhatanii galan” jedheen. Abbaanis “Akkamitti tokkoo  sanayyuu dhiiftaaf?” jedhee itti dheekkame. Mucaanis “Baay’ee waliin dadhabne waan ta’eef harka qullaa galuusaaniirra jedheen tokko dhiiseef” jedhee deebiseef. Leencis “Tole ilma koo har’aaf haa ta’uutii lammaffaa itti hindeebi’in” jedheen. Ijoolleen warabessaas akkuma qe’ee isaanii gahaniin abbaa isaaniitiin, “Mucaa leencaa wajjin sawwaan jaha arginee inni saawwan shan fudhatee nuti immoo sa’a tokko kana fudhannee galle” jedhanin.

Waraabessis aaree “Yemmuu mucaan leencaa qofaa isaa saawwan shan fudhatee galu isin akkamitti shan taatanii tokko qofa fiddanii dhuftu” jedhee itti dheekame. Ilmaan waraabessaas “Ilmi leencaa baay’ee jabaadha; kanayyuu akka hin taanetti qabnee dhufne” jedhaniin. Waraabessis deebisee utuu ani deemeera ta’ee hunda qabeen dhufa” jedhe  ijoollee isaatiin. Ijoolleen isaas “Maarree kunoo ollaa keenya jiru mitii deemtee nuu hin fidduu?” jedhaniin. “Waraabessis baay’ee aaree deemeen fida” jedhee gara mana leencaatti qajeele. Mana leencaa gahees balbalarra oggaa gahu “Warra manaa nagaa jirtuu” jedheen. “Nagaa kee dhiisii maal barbaada akka dhufte nutti himi” jedheen leenci dheekkamsaan. “Lakki yaa gooftaa koo ilmaan kiyyatu sa’a mucaan keessan wajjin argatan jala fuudhanii galanii isa koottaa fudhaa jechuufan dhufe jedheen jedhama.

Dhugaa, dhara, bofa, ………… Dur dur dhugaa, soba, bofa, huummoofi hantuuta ta’anii biyya loon itti argaman deeman.Kaayyoonsaas loon fudhachuuf ture.  Osoo deemaa jiranuu laga guddaatti dhufanii akka itti ce’an dhabanii rakkatan. Kanumaan hantuutni bishaan daakee ce’uu waan hin dandeenyeef huummoon dhugdatti baatee akka ceessisu  waliin mari’atan. Huummoonis tole jedhee hantuuta baatee ceessise. Erga laga ce’anii loon baay’ee  argatanii booda gara biyyaatti deebi’uuf ka’an. Yoona dharrii gara huummoo deemuun “Obbo Huummoo bofa kana si’a tokkoon mataa rukuttee nu biraa hin hambistuu?

Akka loon kana nuraa hin qooddanne jedheen. Huummoonis gorsa dharaa fudhachuun  bofa rafu mataa dhahee ajjeese. Dharri akkuma mi’eeffate  gara haantuuta adeemuun nuti hundi loon kanneen yoo hiranne nu jalaa xiqqaata waan ta’eef Obbo Huummoo baallee kee jala na kaawwadhu; akka natti hin qorinne  si waliinan rafa jedhitii baallee isaa irraa fixe jeteen. Hantuutnis gosa dharaa qabattee huummoo irraa baallee fixxe. Ganama lafti barii’ee  galuuf deemaa utuu jiranuu lagichaa dhaqqaban huummoon balali’uu waan hin dandeenyef laga ce’u dhadhabe. Hantuutnis loonishee  baateee ceessisu dhabdee hafte. Dhumarratti dhugaafi dharri qofti hafan. Lama ta’anii osuma deemaa jiranuu dhugaan gara boosonaatti fincaaniif biraa goree hallayyaa wayii cinaa gad taa’e.

Dharris suuta jedhee dhaquun dhugaa dhahee kuffise. Lafti dhugaan itti kufe sunis gargar cituun gaarri dhararra garagale. Kanarraa ka’uun dharri sulula, dhugaan immoo gaara ta’e jedhama. Baacoo Baacoo qaama afoolaa keessaa isa biraati. Haaldhiyeeni  baacoos bifa himiinssaatiin kan adeemsifamuudha. Baacoon yeroo  baay’ee nama bashannansiisuuf kan dhiyaatu haa ta’u malee bashannansiisuu sana keessa garuu ergaa cimaa dabarsu of keessa qaba. Akkuma sheekkoo, baacoo keessattis fakkaattonni jiran nama yookin bineensota ta’uu danda’u. Baacoowwan Afaan Oromoo keessaa muraasni haala armaan gadiitiin dhiyaataniiru.

Barataa Dhiba’aa Barataa yeroo hunda hojii mana hin hojenne tokkotu  ture. Guyyaa tokko  akkumaa yeroo biroo osoo hojii manaa isaaf kenname utuu hin dalagin mana barnootaa dhaqe. Barsiisaan isaas maaliif yeroo hunda hojii manaa kennamuuf akka hin hojjenne barataa kana gaafate. Baratichis abbaafi haati koo yeroo hunda waan wal jeeqaniif mana keessatti tasgabbaa’ee dalaguu hindandeenye jedheen.

Barsiisichis saan booda abbaan kee eenyudha jedhee gaafannaan barsiisa, abbaafi haadha koos kan wal lolchiisu kanuma jedheen jedhama. Kanan ani fixeensaaf jedhee.. Gaafa tokko namicha tokkotu bineensa yaabbatee qe’ee nama irra naanna’ee osoo  moruu namni biroo  itti dhufee namana maaf bineensa yaabbattee qe’ee namaa naannofta jedheen. Namichis kanan ani fixeensaaf jedhee luka irra kaawwadhe bineensa yaabbata jedhii galii odeessi kaa jedheen.