FOR BETTER OROMIA

Ebla 15: Dubbayyuu Gootummaa 15

Akka Dhahaa Oromootti, baatiin Eblaa ji’a arfaffaa ti. Baatiin kun immoo seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti waan ittiin yaadatamu qaba. Yaadannoon kunis guyyaa irra oolu qaba: EBLA 15: Guyyaa Gootota Oromoo ti. Ebla 15 bara baraan naanna’ee dhufu kana kan yaadannuuf, waan gurguddaa lama qabna. Tokkoffaa, guyyaan kun guyyaa faajjii tokkummaa qabsaa’ota bilisummaa Oromooti. Guyyaa kana kan faajjii tokkummaa taasise, wareegama qabsaa’oti bilisummaa Oromoo gamtaafi tokkummaan kaffalaniidha. Qabsaa’oti guyyaa kana wareegaman ajaja diinaa kan amantiin addadda isaan baasuuf akeekkatee ture, tokkummaan didanii wareega hadhooftuu fudhatan;  kaayyoo bilisummaa ganama irbuu seenaniifii falmaatti bahaniif amanamtoota ta’anii tokkummaan wareegamuu filatanii, akkuma tokkumaan wareegamanitti boolla tokkotti awwaalamuun tokkummaa qabsoo bilisummaa Oromoof utubaa sibiilaa ta’anii darban.

Lammaffaa, guyyaan kun guyyaa gootota Oromooti. Guyyaa gootota Oromoo kan taasise immoo qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti wareega goototi bilisummaa Oromoo kaffalaniidha. Guyyaa kana kanaaf, gootota keenya kabajamoo, kanneen lubbuu isaanii lamuu hindeebine san bilisummaa saba isaaniif jecha kaffalan ulfinaan yaadanna.Guyyaa goototaa kana yaadachuunis, irbuu keenya haaromsanii, kaayyoo isaan kufaniif san qabannee haga kufnutti akka tarkaanfannu kan deebisnee waadaa ofiif itti seennuudha. Dhaloota keenya haaraa kana eeggatus, waan lama ta’uu mala. Gauyyaa kanatti dhalooti keenya takkatuu kaawoo goototi keenya galmaan ga’uuf fuudhanii otuu qabsaa’aa jiranii itti wareegaman san fuunee bakkaan ga’uudha. Failannoon lammataa, garbummaa jaarraa hedduu dura nu dhaalee namummaa keenya mulqee jiru waliin waltaanee jireenya salphinaa filachuudha.

Dhugaatti, dhalooti of beekan, kanneen mirga isaanii sarbaman humnaan deebifachuun mirga dhalootaa ta’an biratti, garuu, garbummmaa falachuun waan hinyaadamneedha. Dhalooti garbummaa dide immoo kaayyoo bilisummaa galmaan gahuuf ofkennee hojjachuu malee filmaata biraa hinqabu. Kanaaf, akka dhaloota garbummaa didee, falmaa bilisummaatti jiruutti, guyyaa yaadannoo gootota keenyaa kana yeroo kabajannu, waa hunda caala waan qabsoo keenya jabeessuufi fuulduratti tarkaanfachiisu irratti xiyyeeffachuu filatan. Kaayyoon isaanii, dirqama dhalootaa isaan eeggatu bahachuu ta’uu waan amananiif, irbuun isaanii bokkuu qabsoo bilisummaa goototi keenya qabatanii kufan, kaasanii bakkaan gahuuf gootummaan falmaa bilisummaa finiinsuudha.

Dhalooti biyyaafi biyyoo isaa hinfalamne, bifa kamiinuu biyyaafi biyyoo egere bulchu hinqabaatu. Guyyaa gootota qabsoo bilisummaa Oromoo, Ebla 15 kan yaadannus, dubbayyuu gootota keenyaa keessaa kan kaayyoon keenya akka galii isaa hinhanqanne mul’isu waliif dhaammachaa kabajanna; dhaammannoo yaadannoo kan diddaafi falmaa bilisummaan duuba wareegamni akka jiru hubachiisan waliif dabarsina. Dhubayyuun gootota keenya 15n armaan gadiis, dhaammannoo qabsaa’ummaa guyyaa goototaa bara kanaati.

  1. “Mootummaan kun waan kaayyoo keenya balleesse itti fakkaatee ofumaa nu dhiphisa. Yoo kaayyoo keenya ta’e inni akka bofa garaa keessa seenee ti. Yoo garaa alaatti harkisanis ta’e yoo gara keessatti gadi lakkisan firiin isaa tokkichuma. Summiin isaa tamsa’ee jira hoo.”          Obbo Hailamaariyaam Gammadaa
  2. “Dhiigni koo, dhiiga mirga uummata Oromoo kabachiisuuf dhangala’e waan ta’eef dhiiga lafatti baddee miti. Hojii an hin hojjetiini sobaan na yakkanii namoota adda bu’aa natti murteessani hunda bakkattii kanatti ummatni Itiyoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti akka inni gatii isaanii kennuuf nan amana. Oolee haa bulu malee mirgi uummata Oromoo wallaansoo fi carraaqa ijoollee isaan kabajamuun isaa hin hafu.”
    Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir
  3. “Osoo lammiin koo cunqurfamuu fi dhiibamuu, cunqursitoota fi dhiibdota lammii koo waliin nyaadhee dhuguun ‘dhiiga dhiiga’ natti jedhe.”   J.Taaddasaa Birruu
  4. “Kanneen gatii bilisummaan gaafattu keessaa ishii xiqqoo kaffaluu dadhaban, bifa kamiinuu bilisummaa hinargatan; fedhiin bilisummaa isaanii kun kan guutamu yoo ijaaramanii tokkummaan diina isaanii ofirraa buqqisaniidha. Saba ijaaramee roorroo diinaa dide, sirni kamuu cabsuu hindanda’u!” J/Baaroo Tumsaa
  5.  “Namni mirga bilisummaa sarbame, kabajaa namummaa hinqabaatu; jireenya bilisummaas hinqabu. Namni akkanaa kun mirga dhalootaa sarbame kana yoo falmatee deeffachuu baate, mirga isaas yoo tifkachuu dadhabe, bilisummaa argatu illee ittiin jiraachuu hindanda’u.” Alamaayyoo Garbaa, 2005
  6.  “Dhibaaf fi ballinni gosaa manatti natti hindhuftu, anatu manatti itti dhaqa  malee.”  Liiban Waataa Abbaa Gadaa Boranaa (1776-1784)
  7. “Namni nageenya isaaf gaachana yookaan mancaa yookaan eeboo bitachuu hinfeene, bilisummaas ta’ee nageenya isaa fedhii isaatiin dabarsee kan kenneedha; diina humnaan qe’eefi biyya isaa sarbe waliin kan walta’eedha. Sabni keenyas bilisummaa isaanii deebisanii goonfachuuf namoota diina waliin walta’anii umurii garbummaa dheeressan of keessaa baasuu qaban; qabsoo bilisummaa isaan eeggatuufis gaachana bitatanii qophaa’uu qaban.” J/ Badhaadhaa Dilgaasaa
  8. Naamusti lubbuu qabsooti; waan dhorkamaa xiqqoo eeggachuufi kabajuun milkii guddaa ulfina hundaa fida; waan dhorkame xiqqoo cabsuun immoo badii guddaa, kufaatii hundaa fida.
  9. Heerri kaawoo biyyaafi sabaati. Labsiin heeraas tuujuba kaawoo gurguddaafi waliigalaati. Maaliif waan xixiqqoo of keessatti hinhammanne jechuun nidanda’ama. Garuu, sapheeraan ganamaa waan akkanatti yayyabaniif qaban. Kaayyoon isaanii heerri kaawoon yayyabame, bara baraan jiraata; ammaa amma hinjijjiiramu; kaawoon heeraas waan guyyuu dhalatu amara akka deebisuufi guyyuu of jijjiiraa jiraachuu miti. Kaawoon heeraa waan dhalatee jiraatu mara jiraachisuudha.
  10. “Gaammeen biyyaafi biyyoo hintifkanne; biyyaafi biyyoo bulchuuf illee hanquudha.”     Ob Dhinsaa Leephisaa
  11. “Gaammeen waraanatti seenuun, Dooriin bilisummaafi nagaan akka shaakala taliigaa keessa seenan godha; Luboonni immoo bilisummaa, araaraafi nagaan finna biyyaafi saba birmadoof akka hojjatan taasisa.” Abbaa Gadaa Yaayyaa Fuullallee
  12. “Maddi gootummaa sabaafi biyya gootummaa qaban keessaa dhalachuu qofaa miti; hundeen gootummaa dhaloota kaawoo biyyaafi biyyoof gaachana ta’an magarfachuu danda’uudha. Hunda caalaa immoo, dhaloota egere biyyaafi biyyoo bulchuuf aangoman dursanii geessifachuun, gootota dirqama biyyaafi biyyoo isaanii tifkachuufi eeggachuuf gahooman qabaachuudha. Sabni dhaloota akkanaa geessifates, dhaloota dirqama isaanii beekan; beekaniis gahee isaanii fedhiifi kutannoon bahan waan qabuuf akka gabroomee diinaan roorrifametti hinhafu!” Kaawoo Oromoo
  13. Hundeen jabina qabsoo bilisummaa tokkoo, sagantaa siyaasaa furmaataa, kaawoo biyyaafi sabaa akkasumas gaachana qabsoo bilisummaa, waraana bilisummaa jabaa qabaachuun danda’uudha.Waraana bilisummaa jajjabaa jechuun waraana kaayyoo ummataa qabu, waraana beekumsaafi dandeettii waraanaa horateefi waraana kaawoo bilisummaa biyyaafi biyyoof dhaabbateedha.
  14. “Waan sirraa bade deemtee barbaaddachuun dirqama keeti. Dhaloonni namummaafi bilisummaan jiraatan, kanneen waan isaan jalaa bade deemanii  barbaaddachuutti of kennaniidha. Dhaloonni keenya waan jalaa bade deeffachuuf tarii  daandii fagoo deemuu qabu ta’a; bu’aa bahii hedduu keessa illee darbuuf dirqamu ta’a. Haga jabaatanii barbaaddatanitti immoo waan isaan jalaa bade san deeffachuu hinhanqatan!”              Abbaa Liiban, Dabbasaa Guyyoo
  15. “Yeroo biyyi keenya, kan hiddi hadhuura keenyaa keessatti awwaalame, ibiddaan gubachaa jiraachuu gurraan dhageenye callisnee taa’uu malla. Sun yeroo biyyi keenya gubatee, nullee waliin gubannu daddafnee arguuf boba’aa itti eda’uu keenya ta’a. Kan hubatee ilaaleef gubannaan kun nama tokko callaa balleessuun kan dhaabatuu miti; biyyaafi biyyoo mara kan gubee balleessu malee.”  Gaaddisaa Hirphasaa 2005

Ayyaana yaadannoo guyyaa goototaa baranaas akkuma baroota darbanii, garbummaa baannee kabajaa jirra; kanaaf, dhaammannoon gootummaa 15n armaan olii immoo qoricha garbummaa ta’uun kan rafe akka dammaqsu, kan adoode akka warraaqsu, kan jaameimmoo akka ija banu waliin waliif abdachuun keenyas nijiraata. Ayyaanni gootota keenyaas marabbaa gootummaa dhaloota keenyaaf akka dabarsu illee kadhannaa gochuun keenya barbaachisaadha.

Har’a akka Oromootti waan keessa jiran kanneen beekan, haala Oromiyaa kana jijjiiruuf fedhii qabaachuun isaanii mirkana. Haata’uutii, fedhiin isaanii, immoo namoota hunda biratti fudhatamuu dhiisuu mala. Keessaayyuu, dhimma siyaasaa fi waraanaa irratti, yaadaafi ilaalcha addaddaa qabaachuun bakkayyuutti mul’ata. Yaadaafi ilaalcha addaddaa qabaachuun, garuu, hanga hundee garbummaa buqqisuuf fedhii qabaatanitti, qabsoo bilisummaa keessatti gahee isaanii akka bahan kan isaan dhoowwuu miti.

Hunda caalaa, akka sabaatti akka mataa keenya olqabannee diina keenya dura dhaabbannu kanneen of kennenii, daandii bilisummaa nuu saaqan kabajaan yaadachuu immoo waanti nu dhorku tasumaa hinjiru. Gootota keenya dhiiga isaaniin seenaa saba keenyaa haaromsanii barreessan, lafee isaaniin immoo dallaa eenyummaa saba keenyaa deebisanii ijaaran bara baraan yaadachuun duubattis, faandhahii isaanii haahordofnu!; gootummaa isaaniis gamtaan haafaarsinu! Dubbayyuun gootummaa 15n qabsaa’ota keenyaafi maatii qabsaa’ota keenyaa boonsanis bara baraan himamaafi labsamaa jiraachuunis itti fufa!!

Leave a comment