FOR BETTER OROMIA

Seenaa Jaal Waaqoo Guutuu

  by jajjaboo sabaa

Waaqoo Guutuu

Jaal Waaqoo Guutuu abbaa isanii Guutuu Usuu fi haadha isaanii aadde Qullo Alii Hasan irraa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1924 tti aanaa Madda Walaabuu lafa Odaa jedhamtutti dhalatan. Jaal Waaqoo Guutuu warra guddaa ilmaan hedduu qaban irraa dhalatan. Abbaan isaanii Guutuun dhiira 10 fi dubartii 9 wolumaa galatti ilmaan19 horan.Generaal Waaqoo Guutuu dubartii7 irraa ijoollee 49 ka argatan yoo ta’u, kana keessaa 15 lubbuun hinjiran. Gen. Waaqoo Guutuu ilmaan34 haawwota wajjiin uf duubattidhiisan.Generaal Waaqoo Guutuu Usuu akka Aadaa naannawaatti horii, gaala kkf horachuun, gaagura hidhachuun sirna kaayoo Oromo guututti qooda keessatti qabaataa guddatan. Generaal Waaqoo Guutuu Usuu akka lafaa dhufaa yarootti qondaala biyyi herregatu fi abdatu ta’uu isaanii ijoolummaan argisiisaa guddatan.Generaal Waaqo Guutuu daa’imummaa isaanii irraa jalqabanii nama irree qabu, nama xiiqii fi jibbansa diinaa qabu turan. Ganna 14’tti osoo abbaan isaanii hin beeyne horii gurguranii qawwee jalqabaa bitatan.

Bara dargagummaa isaanii ummanni diina jala akka hin deemne gorsuuf ijoollee gurmeessuun poolisa mootummaa tumuu turan.Akkuma guddataa deemaniin jibinsi diinaaf qaban itti guddataa dhufuun baalabbaatummaa naannoo isaanii harkaa qabaataa kan turanobboleessa isaanii ka hangafaa Camarrii Guutuu Amaara biyyarraa dhoorguu hin dandeenne jechuudhaan itti qoxxisuun baalabatummaa irreenirraa fudhatan. Haa ta’uu malee ganna tokkoof erga hojjataniin booda abbaan isaanii Guutuu Usuu hangafa isaanii irraa fudhachuun seera akka hin taanegorsanii baalabaatummaa irraa fuudhanii Camarriif deebisan.Ganna 34 tti namootii biraa wajjiin dirqamni naannawa ofii tiiksuu itti kenname. Naannawa bara 1960 irraa qabee nama waa’ee ummataa keessatti bakka qabu ta’utti hojii isaaniitiin of mirkanneessan. Isaanii haala kanaan jiraatu haalli naannawa kanaa jijjiiramaa dhufe. Haga gaafa ergaan Rabbii itti dhufteetti waggaa 45 guutuu Qbasoo Bilisummaa Oromiyaa hoogganuun jireenna isaanii dabarsan.Mootummaan Ingiliizii Hayla Sillaasee baqarraa deebiftee aangoo itti kennite. Ummanni naannoo kanaa bara Xaaliyaanii Xaaliyaanii woliin waan dhaabateef Hayla Sillaaseen gadoo itti bayuu eegale. Miidhaa Mootummaan Abashaa ummatarra geessaa ture keessaa inni guddaan ummata Oromoo lafarraa buqqisuu ture. Haalli kun hammaataa dhufnaan General Waaqoo Guutuu qawwee kaasuuf dirqaman. Maatii isaanii dhiisanii nama jaha woliin qawwee 7 qabatanii gaara Dunnuunitti diddaa gabrummaatiif bayan. Worri jalqaba isaan woliin bayan Kadiir Waariyoo, Muussaa Doyya, Huseen Abdurahman, Huseen Waaqoo Dhaddee, Aadam Jiloo, Roobaa Hindukko turan.

Rakkinni Mootummaan Hayla Sillaasee ummata naannawa Madda Walaabuu irra geessaa ture yaroo irraa yarotti hammaataa waan dhufeef ummanni Oromoo naannawa kanaa hooganummaa Gen. Waaqootiin bara 1960 lolatti seene.Oromoon naannawa kana qubatuArsii, Boorana, Gujii bara dheeraaf rakkinna tokko malee naannawa kanatti ummata ollaa akka ummata Soomaalee wajjiin nagayaan jiraataa akka turan seenaan guututti addeessa. Haata’u malee bulchaan mootummaa yaroo sanii ummata addaan fageessee sirna isaa bal’ifachhuf jecha ilmaan abbaa tokko addaan baasuun akka ummanni faalla waldura dhaabate walfixuufii dhiiga waliidhangalaasuu gochuu danda’ee jira. Lolli lafa Magaaloo fi Titii Gurraachaa jedhamanitti ta’e ragaa hinbanne ta’ee argama.Kana booda ummnni naanawa Madda Walaabuu dameen Arsii lola deemaa jiru dhiibuun akka hindandahamne hubachuun nama muraasa filuun Somaalee dhaqanii akka qawwee barbaadatan murteesse. Namoonni gaafa san (1963 ) dalagaan kun itti kenname seena qabeeyyii manguddoota akka Haji Aadam Jiloo, Gen.Waaqoo Guutuu, J/Muhaammad Rubee, kkf. ta’uu seenaan ragaa baha. Haala kanaan qawwee yaroof harka namoota turte 80 walitti qabuun akka lolli falmannaa mirga ofii itti fufu godhame. Bakka huumni gahaan hinjirrettii qawwee guuramte keessaa 30 harkatti qabatanii qabsoo bara dheeraaf deemaa jirtu tana jalaqaban.Erga Soomaalee gahan booda gargaarsi akka godhamuuf gaafatan. Matootiin akka Haji Aliyyii Jaarsoo, Ismii Abbaa Washaa, Gen. Waaqoo Guutuu kkf. qawwee maqaan Dhoonbir jedhamu 40 qawwee Tomisa jedhamu 2 qabatanii milkii wajjiingama biyya ofii qajeelan. Diinni odeeffannoo argatee waan tureef, yaroo duraatiif lola seenanii Malkaa Amaanaatitti diina irraa loltuu 7 ajjeesan. Lola jalqabaa kanaratti diina cabsuudhaan injifannoon biyya seenan. Haalli kun ummata biratti gaaffii tokko malee simannaan fudhatamee waraanni babal’atee dargaggeessi baay’innaan hidhatee bira dhaabachuu irra gahe.

Yeroo gabaabaa keessatti waraanni karaa sadihiin Gindhiir, Sidaamoo, fuula Dalloo fi Bidiree…kkf. finiine. Mootummaan Hayla Sillaasee, haalli waraana kanaa toohannaa isaa keessaa bahaa jiraachuu hubachuudhaan gargaarsa waraanaa alarraa (Ingiliizii, Israel, kkf.) ergifatee xayyaaraa fi loltuu lafarraatiin duula guddaa godhee miidhaa seena keessatti takkuu hindagatamne godhus Gen. Waaqoo fi Jaallan waliin bahan gootummaa isaanii diina dura dhaabatanii argisiisanii jiru. Bara 1964 keessatti ummanni qabsoo deemsifamaa jiru keessatti hirmaannaa ol’aanaa worra qabuu galatuu galchuuf sadarkaakenne keessatti Waaqoo Guutuu Generaalummaa muudaman. Generaal Waaqoo Guutuu goota Seenaa boonsiisaa ummata isaatiif dalageen aangoo Generaalummaa haala kanaan ummata Oromootiin muudame, Generaala ummata Oromoo ka jalaqabaa ta’uu seenaan ragaa baha. Lolli bara 1963 hooggannummaa Gen. Waaqootiin jalqabe kun maqaa ‘Lola Baalee’ ykn. “Lola Dhoonbir” jedhamuun ka beekkamu yoo ta’u hanga 1970 tti deemsifameera. Bara lola Dhoonbir kana keessatti magaalaa gurguddoo malee baadiyyaan Baalee humna ummataa kana jala galee ture.Hayla Sillaaseen, kana booda Oromoo irratti (keessattuu Oromoo Arsii irratti) biyya isaa keessatti nama isaatiifi Aadaa isaa irratti duula addaan hincinneitti fufe. Gaffiin mirga sabaa kan Gen. Waaqoo fi gurmoonni isaaniikaasan deebiin isaa dhuma maatii, loonii, qabeennaa adda addaati fi Oromoo Arsii maqaan biraa mootummaa Hayla Sillaasee biratti akka kennamuuf tahee olola daangaa hinqabne irratti deemsifamutti jijjiirame. Ka manahidhaatti ajjeefame fi kan manni itti cufamee ibiddaan gubame kuma kumaan laakkahama. Haata’u male gochaan diinaa kun harki caalaan itti dabalamee akka hidhatee gootota kana wajjiin diina ofirraa ittisu godhuu malee hamilee goototaa fi ummata isaan faanaa bayee waa takkalleecabsuu hindandeenne.Mootummaan Hayla Sillaasee, finqila ummata Baalee kana lola Amantii fi naannoo fakkeessuudhaan “Islaamni biyyakutee Sumaaletti galuuf” jedhee maqaa balleessaa ture. Hanga tokko itt’llee milkaayee jira. Dhugaa dha, lolli yookaan fincilli maaliif akka jalqabu yeroo hundaa beekkamaa dha. Akki itti jalqabu garuu haalli yeroo sanitti jiruu fi aanjaan (mijjoofni) kan irrati finqilame qabu finqila ummataa akka ofii barbaadetti hiikee dhiheessuu dandeessisee jira.

Diddaan Gabrummaa Gen.Waaqoo Guutuu jalqaban kunMootummaa Hayla Sillaasee irrattibadii guddaa qabaachuu isaa Hayla Sillaaseen waan hubateef bifa kanaan dhiheessuun isaa ardha Oromoota hundaa biratti hubatamee jira.Gen. Waaqoo Guutuu goota gidiraa mootummaa Hayle Silaaseetiin cabsuun dadhabame. Hayla Sillaaseen huumna waraanaatiin cabsuu dadhabnaan tooftaa karaa biraatiin eegale. Mootummaa Tanzania (President Nerere) gargaarsifatee diina isaa kan yaroo dheeraa (Somaalee) waliin araarame. Akeekni araara kanaa gargaarsa Somaaleen Gen. Waaqoo Guutuuf gootu dhabsiisuu fi Gen. Waaqoon irratti dhiibbaa godhuu ture. Kana duwwaa otuu hinta’in:”Waaqoo, yoo ati hidhannoo hiikkachuu didde ummata kee xayyaaraan barbadeessina” jedhee ummatatti dhaadate. Kanahundaan erga yaalee dadhabee booda, Gurrandhala 1970 Oromoota Mootummaa Hayla Sillaasee keessatti hirmaatan kan akka Gen. Jaagamaa Keelloo fi kkf.meeshaa godhachuudhaan maqaa araaraatiin itti dhihaataniiyaroof toohannaa ija ofii jala galfatan.Gen. Waaqoo Guutuu goota goota caalu ta’uu isaanii jechootaa fi deebiin isaan haala kanaan booda gaaffii Hayla Sileesseetiif deebisan ragaa baha.Galiinsa kanarratti jechi Finfinnetti jedhame : “Sodaanne hingallee, qawwee dhabnee hingallee … isin (Oromo hafe) dabalachuu gallee” Gen. Waaqoo GuutuuDhuguma, Generaal Waaqoo Guutuu Hayla Sillaasee sodatanii hin-galle. Fakkeennaaf, gaafuma galanii Hayla Sillaaseen wal argan,yoo namni martuu, haga GeneraalJaagamaa Keelloon bahutti miila Hayla sillaasee jalatti kufee lafa dhungataa bakka ciisuu Generaal Waaqo’llee akkuma jaraa”mootichaaf” akka gadi jedhan hucuu (uffata) isaanii qabatanii ufitti gadi harkisan, General Waaqoo goota mataa gadi qabachuu didanii, ofiin boonaa, qoma isaanii dhiibanii Hayla Sillaasee uf jalatti gadi laalaa gaaffii Hayla Sillaaseen isaan gaafateef deebii kennaa turan :Hayla Sillaasee : Waaqo, maal rakkattee biyya alagaa deemtee mana keetitti ibidda qabde?Gen. Waaqo : Janooy, isin maal rakkattanii, Arsii woraanaa fi billawa irraa guuraa qalaa fixaa jettanii ajajjan?Hayla Sillaasee : Ani hin-ajajne. Kanaaf ragaa qabdaa?Gen. Waaqo : Ragaan ani isinitti lakkaahu Amaara malee hinjiru. Ragaan kiyya Dubbaa Diimaa (Dubbaa Diimaa bulchaa woradaature).Hayla Silaaseen waan ofii hojjate otuu beekuu deebiin Gen. Waaqoo waan faallaa itti taateef dubbii milquuf yaala isaa akanattiitti fufe:Hayla Sillaasee : Dubbaa Diimaa, eenutu si ajaje ?Dubbaa Diimaa : Tafarraa Mashaashaattu na ajaje.Hayla Sillaassee : Tafarraa, eenutusi ajaje?Tafarraa : Indalkachoo’tu na ajaje.Erga Gen. Waaqoo Guutuu Dalloo Manaatti galanii booda, Hayla Silaaseen Dallo deemee ture. Gen. Waaqoon irraa simannaa takkallee hin-arganne. Deebiin Gen. Waaqoo Hayla Sillaasseef deebisan, biyya tiyyarratti Abbaan biyyaa ana jedhanii ofiin boonaa dubbachuu Generaal Waaqoo ragaa baya : Hayla Sillaasee : Waaqo maaliif dhuftee nn hin laalin?Gen. Waaqo : Ani Mootii Dallooti. Ati mootii Shawaati(Amaara ati). Situ mana kiyyatti dhufe. Ati maana hinlaalle?Finqilli lola Baalee (1963-1974) ka Gen. Waaqoo hoogganan kufaatiiMootummaa Hayla Sillaasee ka bara 1974’f sababaa guddaa taye. Lolli Kutaa Baalee keessatti godhamaa ture kun Oromiyaa guutuu keessatti qotee bulaa, Barattoota, leenjitoota waraanaa fi ogeeyyii adda addaa hamilee kakaasee Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa keessatti bifa hedduunakka hirmaatan taasise.Qoonni Gen. Waaqoo Guutuu kana qofatti hindhaabanne.

Gen. Waaqoon, Mootummaa Dargii (Mengistuu Hayla Maariyam) fudhachuu diduun, bara 1976, yaroo lammataatiif Somaaletti deebi’uun akka waraanni haarayatti ijaaramu tattaaffi godhan. Sochooni yaroo kanaa nama kumaan hidhate akka biyyaseenu godhe. Seenaan lola kanaa LOLA SOWRA BOODAA jedhamee beekkama. Barri kun, bara Mootummaan Said Barree humna godhate agendaa Somalia guddittii ( greater Somalia) ijaaruu ka jedhu waan tayeef, Generaal Waaqoo Guutuu Adda Somale Abboo jedhamu jalatti akka hogganaman gafataman. Generaal Waaqoo Guutuu Adda Somale Abbo jedhu jalatti hin hoggaanamu jedhanii dinnaan, Mootummaan Said Barree GeneralWaaqoo Guutuu Mogadishuu keessa bahuu akka hin dandeenne itti himuudhaan, daangaa isaan tarkaanfachuu hindandeenne itti kennan. Haalli kun akka yaada kana fudhatan isaan dirqee jira. Keessattuu jiila fi muuxannoon shira Hayla Sillaasee(Arusha – Tanzaia) irraa argatan qabsoo isaanii itti fufuuf gargaarsi murteessaa ta’uu waanmirkaneesseef, tooftaa gaariin irra ooluun murteessa ture. Gargaarsa argatan kanaan 80% kibbaa Oromiyaa toohannaa isaanii jala galfachuu seenaan ragaa baha.Halli bara 1991 dhalate rakkoo Impaayerichaa karaa nagayaatiin furuuf waan hiree kennu waan fakkaateef mootummaa cehuumsaa keessatti qoda fudhatan. Hiree yaroo gabaabduuf argamte sanitti dhimma bahachuun ummata Oromoo caalatti qabsoof kakaasan. Waxabajjii, 1992 , tooftaa Tigreen ittiin ajjeesuuf mijjeeffatte harkaa bayanii, qabsoo Bilisummaa itti fufan.Gen. Waaqoo Guutuu hawwii tokkummaa qabsaawota Oromootiif qaban fiixa baasuuf ifaajee guddaa godhanii jiran.

Manguddummaa fi hayyummaa qabaniin tokkummaan ijaarsota bilisummaa Oromiyaa (THBO) bara 2000 akka mirkanaawu godhanii jiran. Kabajaa fi Jaalala gootummaa isaaniitiin horataniinHAYYUU DUREE THBO ta’uun filatamanii dalagaa turan.Gen. Waaqoo Guutuu jireenna isaanii guutuu guyyaa tokkollee dadhabe-hifadhe otuu hin-jedhin ummata isaaniitiif osoo qabsaawanuu dhukkubsatan. Kanumarraa kan ka’een Gurraandhala guyya 3, 2006 akkayaroo Nairoobitti saa’aa 7:00 AM / ganamaatti bakka ilmaaniifii firoonni isaanii jiranitti mana yaala fayyaatti gama fuula Rabbii dabran.Qabsoon Gen. Waaqoo Guutuu Usuu wixinan qabsaawota hedduu hortee jirti.Har’a, finqila ykn. lola Baalee (Arsii) jechuu biradabree diddaa gabrumma Oromoo jechuun man-saba Addunyaa gahee jira. Wixinneen Jaal Waaqoo Guutuu wixinan seenaa ummata Oromoo keessatti kabajaa guddaa fi kan Oromoon guutuun ittiin boonu tahee dhaloota irraa dhalootatti dhaalamaa  jiraata.Generaal Waaqoo Guutuu goota rasaasni diinaa dadhabe ta’uu seenaan isaanii ragaa baha. Haalli uumaa irra oolee hawwiin firaa, jaallan qabsoo fi ummata Oromoobakka gahuu dhabullee, ummata Oromoo kan fayyaa Jaal Waaqoo Guutuu waldhaansisuuf karaa hedduun nu bira dhaabbate galanni guddaan haa gahu. Wal-galatoomfachuun Aadaa ummata Oromoo waan ta’eef malee, goota ufii kabajuu fi waldhaannachuun dirqama hunda keennaatuu ta’uu ni hubanna.Hayyuu duree seenaa sooressaa qaamaan uf-maddii dhabuu keennaaf gaddi nutti dhagame kadaangaa hinqabne ta’uu ummata Oromoo guutuuf ibsaa, maatii isaanii, jaallan qabsoo fi ummata Oromoo guutuuf obsaa fi sabrii haa kennu jenna. Qabsoon Generaal Waaqoo Guutuu jalaqaban qabsaawaa kumaatama waan horteef ummanni Oromoo yaroo gabaabaa keessatti biyya isaa (Oromiyaa) bilisoomfatee kabajaan akka jiraatu mamii / bir’aa takkallee hinqabnu.

Leave a comment