FOR BETTER OROMIA

Dhukkuba HIV/AIDSii Oromiyaa fi Hawaasa Oromoo Biyya Alaa

by Dr. Ibrahim Elemo  

Seensa:

Waraqaan qorannoo haala dhibee HIV/AIDSii Oromiyaa fi Hawaasa Oromoo biyya alaa jiru irratti xiyyeeffatee barreeffame kun kaayyoon isaa hayyootaa, barrattoota fi hawaasa Oromoo biyya keessa fi biyya alaa jiraniif odeeffannoo waliigalaa kennuudhaa. Waraqaan kun ragalee adda addaa barreeffamaan qaama adda addaan maxxanfame, akkasumas Oromiyaa keessatti yeroo sadarkee adda addaa irratti hojii Ittisaa fi To’annoo HIV/AIDSii qindeessaa ture qorannoo godhee fi waan arge irraa waan hubbadhe irratti hundda’ee kan barreeffameedha. Waraqaan kun dhugaa jirtu maraa dubbistootaaf kennuu hin dandda’u, maaliif jennaan dhugaan jiru waraqaa qorannoo tokko calla irratti barreeffamaan dhiheessuu waan nama rakkisuuf. Wannii anin hin hubbatiniif wallaale yoo jiraate barachuuf waan hubbadhe ammoo namootaaf dabarsuuf yoomiyyu fedhiin kiyya guddaa tahuu isaa ibsuun barbaada. Namootii akka anin waraqaa kana barreessee Ummata Oromoo fi Hawaasa Oromoo biyya alaa jiruuf odeeffannoo qabu akka anin meeshaa saba qunamtiitin tamsasuu waamicha lamummaa naaf godhan maqaa saba keennan galata guddaa warraa galchuu barbaada, galatii keessaan bilisummaa saba keessanii haa ta’uu jedha.

Haala Dhibee HIV/AIDSii Sadarkaa Adunyaa

Akkaata Gabaasii UNAIDS[http://www.unaids.org/en/KnowledgeCentre/HIVData/GlobalReport/2008/2008_Global_report.asp] (dhaabbata qindeessituu Sagntaa AIDSii Gamtaa Mootummoota Adunyaa) bara 2008 bahe ibsuuti balaan dhibee HIVn dhala namaa irratti dhaqabaa jiru gad-bu’aa jira. Kun jechuun Adunyaa irratti tamsa’innii dhibee HIV,AIDSii bakka jiru irratti ittifamaa jira jechuudha. Biyyoota tokko tokko keessatti weerarrii dhukkuba HIV/AIDSii sadarkaa kanaan dura jiru irraa gad-bu’aa jira. Haa ta’uu garuu baayyinnii namoota dhibee HIV,AIDSii waliin jiraatanii waggaa waggaan dabalaa deemuuti jira; kunis sababii isaa namootii hedduun dhukkuba kanaan ammallee qabamaa jiraachuu fi qorsii waan jiruuf namootii dhibee kana waliin jiraatan(umrii dheerinna)  baayyachaa waan deemaa jiruuf jedhamee yaadama.

Bara 2007 Adunyaa irratti namootii dhibee HIV/AIDSii waliin jiraatan gara Miliiyoona 33 jedhamee tilmaama. Kana keessa namootii gara %67 ardii Afriikaa kibba Saharaa keessa jiraatu.  Namoota dhukkuba kanaan waggaa waggaan lubbuu dhaban keessa %72 ardii Afriikaa kibba Saharaa keessa jiraatan. Adunyaa irratti keessumattuu Ardii Afriikaa keessatti namootii dhibee HIVn akka haaraati qabaman diqqaachaa deemaa jira, garuu biyyootiin dhibeen kun keessatti babalachaa jirulleen ni jiru. Biyyoota akka Kenyaa ollaa Etoophiyaa/Oromiyaa ta’an keessatti qorannoon bara 2007 gaggeeffame tokko garuu tamsa’innii dhibee kanaa bara 2003 %6.7 ture irraa gara %8.5 bara 2007 akka ol-ka’e mullisa. Kun qorannoo biraatiin mirkanaa’ee jennaan Gaafa Afriikaa keessa biyyoota jiraniif yaaddoo guddaa ta’a. Maaliif yaaddoo guddaa akka ta’u booda irratti ibsuu ni yaala.

Haala Dhibee HIV/AIDSii Oromiyaa/Itoophiyaa Keessa Jiru

Tamsa’inna dhibee HIV/AIDSii Oromiyaa/Itoophiyaa keessa jiru tilmaamuudhaaf ragaan jiru karaa lamaan funaaname. Bara hedduuf tamsa’inna dhukkuba HIV tilmaamuuf ragaan jiru ragaa dhiiga dhubbartoota yeroo ulfaa’aan mana yaala yaalamuudhaaf/da’uumsaan dura horddoffii dubartoota ulfaa’aanii/ dhufan irraa fuudhamu argamuun ture (Antenatal Care Sentinel Surveillance). Kun ammo raga mana yaala keessaa namoota yaalaman irraa argamuudha.  Bara 2005 keessa ammoo hawaasa keessatti mana irraa manatti deemuudhaan ragaa Qorannoo Ummataa fi Fayyaa (DHS2005) yoo guuramu dhiiga namoota irraa qorannoodhaaf jedhamee fuudhame irraa ragaa argameedha. Ragaa kana lamaniin tamsa’inna dhibee HIV/AIDSii biyyoleessaa fi Oromiyaa akkasumas kan naannoo hunddumaa yoo tilmaamamu garaagarummaan guddaan muldhattee ture. Garaagarummaa ragaan kun lamaan fide irratti bara 2007 Ministarii Fayyaa Itoophiyaa mari’achuudhaan tilmaama dhibee HIV/AIDSii biyyoleessaa fi Oromiyaa akkasumas kan naannoo biraallee bara baraa kaa’anii jiru. Ragaan armaan booda itti fayyadamnu hedduun waliigaltee Ministarii Fayyaa fi Qaamootiin qooda qaban irra gahan irraa ragaa argame ta’a.

infected1

Adeemsa Tamsa’inna Weerara HIV Itoophiyaa
Madda: UNAIDS country report 2008

Ragaan tamsa’inna dhibee HIV/AIDSii magaalaa fi baaddiyaan, dhalaa fi dhiiran, umriidhaan akkasumas safartuu adda addaan qoqodamee jira. Haaluma kanaan Itoophiyaa keessatti bara 2008 baayyinii namoota dhibee HIV waliin jiraatanii 1,037, 267 yoo ta’u ga’eessotii dhibee kana waliin jiraatan gara parsantaati yoo jijjiramu %2.2% ta’a. Oromiyaa keessatti bara 2008 namootii ga’eessota ta’an dhibee HIV/AIDSii waliin jiraatan %1.5 dha. Baayyinnii namoota dhibee HIV waliin jiraatanii 248,229 jedhamee tilmamama. Tamsa’inna dhibee kanaa Oromiyaa keessatti magaalaa fi baaddiyan yoo addaan baafne, tamsa’innii magaala % 6.1 yoo ta’u tamsa’innii baaddiyaa %0.6% . Sadarkaa Itoophiyaati ammoo tamsa’innii magaala keessa %7.7 yoo ta’u tamsa’innii baaddiyaa %9.0 jedhamee tilmaamama.

Bara dheeraaf namoota dhibee kanaan qabamaniif abdiin tokkolleen jiraachuu yoo baateyyuu waggoota muraasaa as garuu  Dawaan mana yaalaa keessatti kennamaa jira. Dawaan kun namoota dhibeedhan qabamanii gara sardarkaa AIDSii dhaqabanii kan kennamuuf (ART) kan dubbartoota ulfaa’an dhibee kanan qabamaniif haadha irraa gara ilmeeti akka hin dabare kennamuudha (PMTCT).Oromiyaa keessatti dhukkusattooti magaalota faggoo fi baaddiyaa fagoo keessa jiraatan tajaajila yaala kana argadhuun hin dandda’an ture. Jalqaba irratti Dawaan tolaan waan hin kennamneef, mana yaala hedduu keessatti tajaajilii dawaa farra AIDSii waan hin jirreef namootii dawaa fudhataniif dubbartootii tajaajila PMTCT argatan akka sadarkaa Itoophiyaati baayyee gad-aanaa ture. Haa ta’uu garuu waggaa 2005 irraa jalqabee Dawaan bilisaan kennamuu waan eegalameef namotii dawaa fudhatan bara baraan dabalaa dhufaa jira. Bara 2008 hanga ji’a Sadaasaa namoota dhibee HIVn faalamanii sadarkaa AIDSii gahan dawaa argachuu qaban  69,423 keessaa namootii dawaa fudhachuu jalqaban33,077 ta’u kana keessaa namootii fudhachaa jiran (osoo addaan hin kunnee) 25,043 dha. Kun jechuun namoota dawaa fudhachuu qaban keessaa walakkaa ol hanga ammaa osoo qoricha hin argatin jiran jechuudha. Bara 2008 keessatti namoota dhibee kana waliin jiraatan keessa kan du’aan adunyaa kana irraa godaanan/boqotan 14,649.

Sababa balaa dhibee HIV, busaa, TB akkasumas sababa adda addaatiin daa’imman haadhaa yookin abbaa yookin haadhaaf abbaa du’aan dhaban Oromiyaa kessatti 1,037, 267 jedhamee tilmamana. Daa’imman kana keessaa bara 2008 kan sababa AIDSii callaan yatiima ta’an 205,194.  Da’imman kana keessa hedduun isanii gargaarsa gosa tokkolee argachaa hin jira.

infected2

Haala Ittisaa fi To’annoo Dhibee HIV/AIDSii Hawaasa Oromoo Ameerikaa

Hawaasnii Oromoo Kutaa Ameerikaa Kaabaa keessatti magaalota gurguddoo kan akka Toronto, Washington, DC naannoo isii, Twin Cities/Minnesota, Seattle, Atlanta, Portland baayyinaan akka jiru ni beekkama. Magaaloota kan keessatti namootii jiraataa turan dhalootan Oromoo ta’an Waldaa Hawaasa Oromoo hunddeessuudhaan akka hawaasa tokkootti jiraachuu isaanii waggaa digdamaan dura mullisaa turan. Ergaa Oromoon sirna bittaa abbaa hirree Wayyaneen mormee namnii hedduun baqatee biyya baheen booda baqattoonnii Oromoo baayyinaan magaaloota kanatti dhufuu jalqaban. Oromoota booda irra dhufan kana hedduun bifa baqattootatiin (refugee) biyya ollaa keessa waggaa hedduu haala hamma keessa dabranii gara biyya dhihaa deemuu carraa argatan. Baqattoonnii maayyii irra dhufan kun irra caallan dargaggeessaa fi shamarran, maatii ujoolee hedduu qaban akka ta’e namnii hawaasa kana keessa jiraatu beekuun nama hin rakkisu. Baqattootii kun ammo rakkoo dinagdee calla osoo hin ta’in, rakkoo aadaa ofii keessaa bahanii aadaa biyya ormaa, aadaa hin beekne keessatti buluuti isaan mudata. Rakkoon kun ammoo maatii ujoolee dargaggoota fi shamarranii hedduu qaban irratti baayyee guddaadha.

Baqattootii Oromoo jiru baqattummaa keessatti namnii diqqaa hin jedhamne balaa dhibee HIV qabamuuf akka saaxilaman beekkamaadha. Haala jiruuf jireenya dhibee HIVn qabamuuf nama saaxilu keessa tokko qa’ee ofii irraa buqa’anii baqataa ta’anii biyya biraa keessa jiraachuudha. Oromiyaa keessatillee yoo ta’e baaddiyaa irraa namootii rakkoon gara magaalatti hojii barbaada dhufan haaluma baqattootaati ilaalamu, aadaa addaa fi rakkoo addaa addaati isaan mudata. Sababa kanaan dhibee HIVn qabamuuf carraan isan qaban guddaadha.

Baqattoonii Oromoo biyyoota dhihaa dhufan tokko tokko gaafuma dhufaniyyuu dhibee HVn qabamanii, akka dhibee kana waliin jiraatan itti himamee dhufan. Biyya akka Ameerikaa keessatti dawaa farra AIDSii fudhachuu, dhukkuba AIDSii waliin wal-qabatee namatti dhufullee yeroon mana yaala deemanii yaalamanii fayyuun carraa jiru guddaadha. Kun jechuun namootii dhibee HIV waliin jiraatan kun fayyaaleessa fakkaatanii nama biraa waliin jiraachuu dandda’u jechaadha. Nama biyya jiru dhibee kanaan qabame irraa garaagarummaan isaan qaban tokko abdii guddaa qabaachuudhaa, fayyaan isaanii eegamee jiraachuu. Haa ta’uu garuu namootii kun aadaa of-dhossanii nama biraa waliin qunnamtii qabaachuu marroo tokkotti ni dhiisu jedhanii yaaduun nama rakkisa. Hedduun isaanii hawaasa waliin jiraatan biratti dhukkuba kana waliin akka jiraatan hawaasnii akka hin beekne hubbachuun ni dandda’ama. Namoota dhibee waliin dhufe akkuma jiru namii hedduun ammoo kan ergaa dhufee HIVn qabame tahuun hubbachuun ni dandda’ama. Dargaggoota fi Shamarran biyya aadaa dhossaa (conservative culture) qabdu keessaa dhufanii biyyaa wannii cuftii dhossaa hin qabne(liberal culture) keessatti yoo jiraatan, hoganttoota ciccimoo hawaasa dura deemanii akka dargaggooti kun karaa badii gula hin deemne to’atan jiraachuu baannan balaan rakkoon tun fiddu daangaa akka hin qabne hubbachuun ni dandda’ama. Dargaggooti kun to’annaa tokko malee karaa hin taane, karaa badii (negative assimilation and integration) keessatti dhibee HIVn qabamuuf akka saaxilaman beekamaadha. Biyya keessatti ta’e armma biyya Ameerikaa keessattillee dhibee HIVn namoota akka haaraati qabaman keessaa dargaggootii umriin isaanii waggaa15-24 akka tokkoffaa ta’e beekkamaadha. Dargaggoota kana karaa adda addaatiin irratti xiyyeeffatamee hojiin ittisaa fi to’annoo hojjatamuu baannan, kaayyoon tamsa’inna dhibee kanaa hawaasa keessatti ittisuu galmaan hin bahu.

Isteeta akka Minnesota, USA keessatti namoota dhalootan Oromiyaa/Itoophiyaa dhufan 189 ti bara 2007 dhibee HIV/AIDSii  waliin jiraata. Namoota Itoophiyaa/Oromoo jedhamanii State of Minnesota keessa jiraatan keessa walaaka ol Oromoota akka ta’an ni beekkama. Hawaasnii gosa Somalee Minnesota keessa jiraatu bayyinaan Oromoo harka sadii ol akka caalan odeeffannoon jiru mullisa. Haa ta’uu malee namootii dhibee HIVn qabaman dhalootan Somalee ta’an bara 2007 lakkoofsan 65 callaa. Kun ammo kan mullisu Baqattootii dhalootan Itoophiyaa irraa dhufan Oromoo dabalatee carraan dhibee kanaaf saaxilamuu guddaa akka taheedha (adult HIV prevalence among the Ethiopian born refugees in Minnesota is 2-3 fold as compared to ethnic Somalis living in the state of Minnesota).

infected3

Madda: Qajeelcha Fayyaa Isteeta Minnesota (Minnesota DPH)

Dhugaan jiru kana yoo fakkaatu, bara 2007 fi 2008 Sagantaa Gubbaa Miilaa Oromoota Ameerikaa Kaabaa(OSFNA annual soccer tournament), iddoo konfraansii waldaa OSA, iddoo walga’ii dhaabbilee siyaasaa Oromoo, k.k.f. irratti sochii ittisa dhibee HIV hawaasa Oromoo Ameerikaa kibbaa maal akka fakkaatu gamaggamee/xinxaalee waan hubbadhe yoo jiraate yaaliin godhamaa jiru sadarkaa baayyee gad-aanaa irra akka jiruuf (at an infant stage) xiyyeeffannoon gahaan namoota hawaasa dura deeman irraa itti kennamaa akka hin jirreedha. Kun ammoo sababii isaa tokko rakkoo hanqinna hubbannoo fi danddeetii raawwachiisuu/hoggansaa dura deemtoota Hawaasa Oromoo adda addaa tahuu ni mala. Rakkoo dinagdeeti jennee kaa’uuf hedduu mana rakkisa maaliif jennaan yoo akka itti hojjatan beekan Ameerikaan biyya carraati, biyya qabaatuu. Qabeenya kana ammoo argachuuf rakkoo ofii abbaan akkaata itti dhiheeffatu beekee, qaama itti yoo itti dhiheessa deebii gahaa irraa argatan beekuun nama barbaachisa.

Hojiin Ittisa fi To’anno Hojjatamaa Jiruu Maal Fakkaata, Qabiyyeen Isaa?

Agarsiisa dhaabbilee Ittisa HIV irratti hojjataniif waraqaa odeeffannoo akka namaaf kennamu yaadamee maxxanfamu irraa hubbachuun akka dandda’amuti hojii hojjatamaa jiru Hawaasaa fi Karaa dhukkubii AIDSii ittiin dabruuf hin dabarre, Eedsiin maal? Gaaffii jedhuuf hubbannoo Hawaasaa cimsuu irratti xiyyeeffata. Odeeffannoo karaa barreeffamaan darbu kamuu keessatti waan ‘Stigma and Discrimination’ barbaachisummaa fi fayyidaa qorannoo HIV, bu’aa Dawaa Farra AIDSii itti fayyadamuu waan ibsaa tokkollee hin agare.

Dhukkuba HIV, TB akkasumas dhibee adda addaa Ittisuu irratti hedduu xiyyeeffannoo kennamee, rakkoon kun akka rakkooti ilaalamee yoo hojjatamu hin mullatu. Hojiin hojjatamaa jiru akka qaamnii biraa /department of Public Health/  saganteffatee karaa waldaa Hawaasa Oromooti fayyadamuun hojjatu malee itti amanamee akka rakkoo Hawaasaati irratti hojjatamaa waan jiru hin fakkaatu. Waltajjii anin akka oggeessa Ittisa fi To’annoo HIV ija oggeessaatiin yoo ilaaluu hojiin jijjiirama amalaa, dargaggoota karaa badii irraa dhowwuu wannii hojjatamu baayyee diqqaadha.

Dirree Kubba Miilaa dargaggoota gurmaa’anii waan HIV odeeffannoo dabarsan hin mullatan. Iddoon namnii kumaatamaa irratti dhufu kun bifa addaatiin odeeffannoo ummataaf kennuun ni dandda’ama, fakkeenyaaf:

Dirree Kubbaa irratti weellistoota beekamoo ta’an maallaqaniis ta’ee karaa biraatiin affeeruudha, ummata bashannansiisaa odeeffannoo waa’ee ittisa HIV, TB, yaakka(gang crime) diqqeessuu, balaa baala sammuu nama adoochufi k.k.f jiddu jiddu keessatti barnootii kennamuu ni dandda’a. Kun yoo tolfamu hin agarre. Hojjiin akkana kun hojjatamaa jiraachuu isaa web site Hawaasa Minnesota fi kan biroollee irratti hin agarre. Dadammaqiinsaaf jecha Baneeriin gurgguddaan barreeffamee maxxanfame hin mullatu. Kun hunddumttuu hojii fuula duraaf dhaabbileen dhimma kana irratti qooda qaban hunddumti kan hojjatan ta’a.

Hojii Ittisaa, Fayyidaa Dawaa Farra AIDSii hubbannoo cimaan akka dhufu taasisuuf, Hawaasa biyya alaa  keessa jiru irraa nama dhibee HIV/AIDSii waliin jiraatu fedhiin ummata duratti bahee barsiisuu yoo dhabame hariiroo dhaabbata adda addaa waliin qabaachuun waldaalee namoota HIV waliin jiraatanii irraa nama arma dhufee dadammaqiinsa ummataa kennuu dandda’uti fayyadamuun tooftaa guddaa jijjiirama ilaalchaa fiduu dandda’uudha.
Hojiin kun ammoo milkaa’uuf qoodii hogganttoota siyaasa fi hayyoota Oromoo biyya alaa keessa jiraatanii baayyee guddaadha.

HIV/AIDS Prevalence in The Urban and Rural Sites in Oromiya (Selected Sites and Towns)

1992-1993

1996

1997

1998

1999-2000

2001

2002

2003

2005

 Haramaya HC  2.50  2.20                                1.30
 Chiro Hospital    4.40                                     5.40
 Adama  18.70  16.00  10.80                                     9.00
 Shashamane       14.30  13.10    8.70                                     7.00
 Moyale                                     5.10
 Mattu  10.70         4.00  10.50  11.60  10.80                                     9.00
 Jimma    8.60  16.90  10.20                                     8.30
 Naqamte    9.10  11.30  13.00                                   10.40
 Ayra Hosp         2.00    2.60    2.00    0.50                                     1.50
 Ayuba (Arsi)    0.20
 Begi    2.20                                     0.80
 Dhadim/Yaballoo    1.70    0.90    1.00                                     1.20
 Gosa/Bore    1.70    0.50    2.50                                     1.10
 Dallo    8.50                                     3.10
 Darra    1.90                                     3.80
 Gambo         0.70    1.10    0.70                                     1.10
 Ginir    3.10
 Raytu    1.00
 Tokko    4.60    2.20                                     2.90
 Chawaqa                                     1.20
 Masala                                     0.60
 Amaya                                     3.00
 Kokosa                                     0.50

Rakkoolee Gurguddoo Adeemsa Ittisaa fi To’annoo fi Yaadaa Furmaataa:

  1. Rakkoo Imaammataa fi Bulchiisaa

Oromiyaan biyya balloo ummata baayyee qabduudha. Oromiyaa akkataa naannoollee diddiqooti wal-qixxeessanii deeggarsa ijaarsa danddeeti godhuufiin adeemsa doggongoraati. Oromiyaan baayyinna ummata calla asoo hin taanee ballinnii lafalleen ilaalamee deeggarsii sagantaa adda addaa godhamuufii qaba. Oromiyaan ija naannoo Harariin ilaalaniin ilaalamuu hin qabdu. Oromiyaan naannoo ol, naannoo akka Hararii yookiin Benishangul gumuziiti sadarkaa tokkoti ilaaluun bulchiinsa haqaa miti. Kanaan dura deeggarsii sochii ittisaa fi to’annoo Oromiyaa godhamaa ture, keessattu itti fayyadama Fandii Bankii Adunyaa fi Global Fund ilaalchii Oromiyaan hedduu miidhamtee turte. Miidhaan sun miidha imaammata mootummaa federaalawaa irra kan ka’e tahuun ni hubbatama. Oromiyaa akka naannoo tokkooti lakka’uun piroojektii horddofuuf deeggarsii konkkolaataa yo godhamu Oromiyaa fi naannoo Hararii wal-qixxeessanii konkkolaata tokko tokko kennamaa ture. Deeggarsii ijaarsa humna namaaf kennamaa turrelleen kanuuman wal-fakkaata. Sababa kanaaf sababa rakkoollee kan fakkatuun sochiin ittisaa fi to’annoo HIV Oromiyaa keessatti baayyee naannoo biraa duubati hafee ture. Rakkoon kun rakkoo hojii ittisaa calla irratti osoo hin taanee hojii tajaajila kenniinsa qorsa Eedsii (ART) fi qorannoo dhiigaa (VCT) irratti, tajaajila deeggarsaa fi kunuunsa namoota dhukkuba waliin jiraatan, deeggarsa da’imman haadhaa fi abbaa hin qabnee irratti hanqina guddaa uumee ture.

Yeroo dheeraaf tajaajila keniinsa qorsaa fi qorannoo dhigaa duwwaa osoo hin taanee qulqullina tajaajila kennamuu ilaalchisee oromiyaan naannoo hedduu boodati hafeete turte. Kun ammoo imammaata mootummaan Impaayeera Itoophiyaa horddofuuf dadhabbii ministeera fayyaa biyyittii irraa rakkoo uumame tahuun beekkamaadha.

Akkaataa Seera Federaalawaati hojiin eegumsa fayyaa fi ittisaa to’annoo HIV Oromiyaa bulchiinsa mootummaa Oromiyaan kan hogganamu malee Ministeera Fayyaatiin kan gubbaa irraa hogganamu tahuu hin qabu. Yeroo ammaan kanaa rakkoo kenniisa tajaajila fayyaa ilaalchisee irra caala biyyiitiin deeggarsa biyya alaa irraa argamuun akka hojiin fayyaa gageeffamu beekkamaadha. Deeggarsii kun ammoo akkaataa bayyina ummataa fi ballina Oromiyaa, heddumina rakkoo Oromiyaan qabdu jiddu-galeessa kan godhatu miti. Ministeera fayyaati akkaata itti fayyaadama fandii adda addaa bulcha. Adeemsa amma horddofamaa jiru keeessatti ammoo deeggarsii maallaqaa fi ijaarsa danddeetii Oromiyaaf godhamu gad-aanaa tahuu irraa kan ka’e Oromiyaan rawwii sochii daddammaqinsa sagantaa HIV fi fayyaan sadarkaa biyyoolessa irraa boodaati haftee, kun ammoo hanga ammaa kan itti fufee jiru tahuun hubbatamuu qaba. Rakkoon kun rakkoo durii jiru osoo hin tahiin rakkii sirna amma jiru keessatti dhalateedha. Oromiyaa zones were better off during the past regimes than under the banner of one Oromiya during the incumbent regime. This primarily because of incompetent leadership, which is founded the basic tenets of treating Oromiya as a region than what it actually deserves, to be treated as country.

  1. Rakkoo Itti-waamama sagantaa HIV/AIDSii

Yeroo amma kana Oromiyaan maddaallii adda addaan sadarkaa biyyoleessa irraa boodaati hafuun asoo beekkamu, Oromiyaan biyya balloof rakkoon isiin ammaan kana qabduu hedduu qal-xaxaa tahuun ado beekkamuu, sochii ittisaa fi to’annoo HIV hoggansa Fayyaa jalatti deebbisuun doggongora calla osoo hin taanee bu’aa hanga ammaa argallee fuula duraaf akka boodati deebbi’u waan taasisuudha. Naannoo hedddu kan akka naannoo Amharaa fi Affar keessatti hojiin kun of-dandda’ee qindeeffamaa yeroo jirutti Oromiyaan walabummaa sochii ittisa fi’to’annoo HIV dhabamsiisanii biiroo hanqinna humna namaa qabdu (Fayyaa) jalatti taasisuun imammaata doggongoraa Oromiyaa irratti yaalamaa jiruti ilaalamuu qaba. Kun rakkoo ammaan kana jiru akka daran hammattee itti fufi kan taasiisuudha.

  1. Rakkoo Humna Namaa

Oromiyaan naannoo hanqinna ogeessa fayyaa naannoo kammiyyuu caala qabduudha. Naannoon Oromiyaan gadii yoo jiraate naannoo Somalee callaadha. Hospitaalootaa fi Buufatii Fayyaa Oormiyaa keessa jiru hedduun hanqinna hammaa ogeessa fayyaa akka qaban beekkamaadha. Bara 2006 Haakimoota Itoophiyaa keessatti Koollejjii adda addaaa irraa eebbifaman keessa kan gara Oromiyaa ramadaman/biiroon fayyaa qaxaree erge Haakima tokko calla akka ta’eef, kun ammo ummata calla irraa osoo hin ta’in hogganttoota siyaasaa Oromoo biratti rakkoo akka hin hubatamiin keessa tokkoodha. Biyya ummata Miliyoona 25 qabduuf haakimnii ramadame tokko calla jechuun seenaa adunyaa keessatti badii rawwaatamaa jiru keessaa tarree badii gurgguddaati kan lakka’amuudha.

Hospitaalonnii fi Buufataleen Fayyaa Oromiyaa ogeessa malee, tajaajila gahaa fi qulqullina qabu mallee, maqaa ijaaramanii banaman hedduu tahuun ifaadha. Sadarkaa Hospitaala godina keessatti haakima tokko calla yokiin lama caala akka hin jirreefi, tajaajillii qorsa AIDSii sadarkaa barbaadamuu ala tahuun hubbatamuu qaba. Kun ammoo namoota lubbuun turuu qaban carraa lubbuun jiraachuu isaanii kan diqqeessu akka tahe hubbachuun nama hin rakkisu.
Rakkoo hanqinna ogeessotaa kana salphisuu tarkkanfiin gara mootummaan fudhatamaa jiru baayyee gad-aanaadha. Kan Oromiyaa naannoo hunddaa caala haala hama keessa jiraachuun, tarkkaanffiin sirreessuu egereef fudhatamu jijjiirama hundda qabeessa kan barbaachisu akka ta’e tilmaamuun ni dandda’ama.

  1. Rakkoo Tamssa’inna HIV magaalootaa fi baadiyyaa

Oromiyaa keessatti akka waliigalaati, tamssa’innii HIV amma jiru sadarkaa biyyoleessa irraa foyya’iinsa kan qabu, yoo ta’u, tamssa’innii HIV magaaloota gurgguddo dhiha Oromiyaa keessa jiranii baayyee xiyyeeffannaa addaa kan barbaadu ta’ee mullata. Magaalota dhihaa kan akka Jimmaa, Naqamtee fi kanneen biro keessatti tamssa’innii HIV hanga barbaadamu gad-bu’aa deemuu dhabuu, magaalota diddiqqoo omicha bunaa fi ijjaarsa karaa,sochii dinagdee adda addaa walqabatee dhukkubii kun daran babballachaa jiraachuun ni beekkama. Yeroo ammaan kana Oromiyaa keessatti sochii Invastimeentii akka Abaaboo wal-qabatee, hiyyummaa Oromoota baadiyyaa irraa gad-dhiisanii gara magaalatti galan baayyachuun, fuula duraa sochiin ittisaa fi to’annoo kun bifa itti fufiinsa qabuun yoo gaggeeffamuu dhabe faca’iinsii amma jiru gara magaalota jiddu-galleessa irra baadiyyaa keessatti ballachuuf carraan jiru guddaadha. Kun ammo muuxannoo biyyoota akka Ugandaa irraa barachuu waan dandda’amuudha.

  1. Dhaabbilee hawaasummaa Oromoo hirmaanna isaanii cimsuu dadhabuu

Barmaatilee miidhaa qaban dhabmsiisuu irratti hawaasa Oromoo tokko tokko keessatti dhaabbilee ammantaa caala, jaarmiyaan aadaa gahee guddaa akka qaban beeekkamaadha. Naannoo biraa keessatti, Oromiyaas dabalatee dhaabbilee amantii adda addaafi deeggarsii yeroo yeroon kennamaafii sochii ittisaa fi to’annoo HIV irratti qooda fudhachaa jiraachuun bekkamaadha. Deeggarsii kun garuu. Adeemsa siyaasaa amma jiruun dhabbilee hawaasa oromoo fakkeennaaf akka Gadaa,  sirna Buusaa-Gonofaa fi k.k.f akka dhaabbilee gahee qabanitti ilaalamanii iddoon gahaan kennameefi qooda fudhaachaa hin jiran. Kun ammoo doggongora imaammataa rakkoo ilaalchaa irraa maddeedha. Baadiyyaa keessatti tamssa’inna HIV ittisuuf gaheen dhaabbilee Hawaasa Oromoo aadaan buluu akka cimaa dhufu deeggarsii gahaan kennamuuf qaba.

Yaada Waliigalaa:

Adeemsa Ittisa fi To’annoo HIV/AIDSii Oromiyaa keessa fi Hawaasa Oromoo biyya alaa jiru, hanqinna gurgguddaa kan qabuuf, sochiin amma taasifamaa jiru daran cimaa itti fufuu kan hin danddeenne yo ta’e  balaan HIV haala amma jiruun itti fufuu akka dandda’u hubatamuu qaba. Oromiyaa keessatti ammo sirnii mootummaa haala hundda qabeessa taheen jijjiiramee, imaammatii sochii ittisaa fi to’annoo HIV, kenniinsa tajaajila fayyaa foyya’uu baannan rakkoon HIV fi Fayyaa Oromiyaa daran hammachaa akka deemuu qaamii dhimmii ilaalu martuu hubbachuu qaban. Oromiyaan yeroon ammaan kanaa safartuu adda addaatin haala fayyaa ummata Oromiyaa sadarkaa biyyoleessaa ( Impaayera Itoophiyaa) gad akka taheef, kun ammoo rakkoo sirna amma jiru kana keessatti uummame tahuun hubbatamuu qaba. Ummatii Oromiyaa garuu bakka hunddaa jiru dhuunffanis ta’ee gareen rakkoo kana hirdhisuu tattafii yoo godhe, ummata keenna balaa kana irraa hanga tokko danddamachiisuun ni dandda’ama.

_______________________

Dr. Ibrahim Elemo is a Medical Doctor and a Public Health Specialist.  Born and raised in Oromiya, he is the author of a book on HIV/AIDS in Oromiya entitled HIV/AIDS, Gender and Reproductive Health Promotion: The Role of Traditional Institutions among the Borena Oromo, Southern Ethiopia. He is the recipient of the 2005 Ethiopian Medical Association’s Award for best scientific paper of the year. Presently, he is an Adjunct Professor at Harry Truman College and NWIHT in Chicago, Illinois.

Source: http://www.ogina.org/issue3/issue3_articles_dr_ibrahim.html

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: